Miiljalee
a Israaʼelonni dinqiiwwan Yihowaan Galaana Diimaa biratti raawwate ilaalanii turan hedduun Biyyattii Abdachiifamtetti hin galle. (Lak. 14:22, 23) Yihowaan namoonni umuriinsaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmaaʼan hundi lafa onaa keessatti akka duʼan dubbatee ture. (Lak. 14:29) Haa taʼu malee, Iyyaasuunii fi Kaaleb, akkasumas dargaggoonnii fi Leewwonni hedduun lubbuudhaan oolanii Laga Yordaanos ceʼuudhaan biyya Kanaʼaanitti galuu fi yeroo Yihowaan waadaa gale raawwatu arguu dandaʼaniiru.—Kes. 1:24-40.