Miiljalee a Yihowaan tajaajiltootasaa, Kiristoos furicha kaffaluusaa dura jiraataniif dhiifama godheera. Yihowaan akkas kan godhe Ilmisaa hamma duʼaatti amanamaa akka taʼu amanannaa waan isarratti qabuufi. Kanaafuu, Yihowaan furichi Yesuus duʼuusaa dura akkuma waan kaffalameetti ilaaleera.—Rom. 3:25.