Miiljalee
c Fakkeenyaaf, gumiin Pirootestaantota Ameerikaa hedduu bakka buʼu tokko, Waldaan Mootummoota Addunyaa, “mallattoo dhaabbata siyaasaa lafa irratti Mootummaa Waaqayyoo bakka buʼu” akka taʼe bara 1918tti labsee ture. Bara 1965tti bakka buʼoonni amantaa Budihaa, Kaatolikii, Ortodoksii Bahaa, Hinduu, Musliimaa, Yihudii fi Pirootestaantii, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deggeruu fi isaaf kadhachuuf magaalaa Saan Firaansiiskootti walgaʼanii turan. Kana malees, bara 1979tti, Phaaphaasii Joon Pool Lammaffaan, Dhaabbatichi “waltajjii nagaa fi haqaa isa ol aanaa” taʼuu isaa akka itti fufu abdii akka qaban ibsanii turan.