Miiljalee
a Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “furii” jedhu kaffaltii ykn gatii wanti tokko qabu yaada jedhu dabarsa. Fakkeenyaaf, jechi Ibrootaa kaafaar jedhamu hiika “haguugu” jedhu qaba. Yeroo baayʼee jechi kun cubbuu haguuguu ibsuuf itti hojjetameera. (Faarfannaa 65:3) Jechi kanaa wajjin walqabatuu fi koofeer jedhu immoo gatii wanta tokko haguuguuf ykn furuuf oolu argisiisa. (Baʼuu 21:30) Haaluma wal fakkaatuun jechi Giriikii liitroon jedhamuu fi yeroo baayʼee “furii” jedhamee hiikamu, “gatii furamuuf kaffalamu” jedhamuus ni dandaʼa. (Maatewos 20:28 ) Barreessitoonni Giriikii, kaffaltii nama sababa waraanaatiin hidhame ykn garba tokko furuuf kaffalamu argisiisuuf jecha kanatti fayyadamaniiru.