Miiljalee
a Yonaataan yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu keessatti yommuu ibsamu jalqaba bulchiinsa Saaʼolitti ajajaa loltootaa waan tureef umuriin isaa yoo xinnaate waggaa 20 taʼuu qaba. (Lakkoobsa 1:3; 1 Saamuʼel 13:2) Saaʼol waggaa 40 bulcheera. Kanaafuu yommuu Saaʼol duʼu Yonaataan umuriin isaa gara waggaa 60 ture. Daawit immoo yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 30 dha. (1 Saamuʼel 31:2; 2 Saamuʼel 5:4) Kanaaf, Yonaataan Daawitiin waggaa 30n caala jechuun ni dandaʼama.