Miiljalee
b Kiristiyaanonni jalqaba Kitaaba Qulqulluu barreessan yaada maqaa Waaqayyoo qabu tokko “Kakuu Moofaa” irraa yeroo fudhatan maqicha fayyadamaa kan turan fakkaata. The Anchor Bible Dictionary akkas jedheera: ‘Caqasoota yeroo Kakuu Haaraan jalqaba barreeffametti Kakuu Moofaa irraa fudhataman tokko tokko ykn hunda isaanii keessa, Maqaan Waaqayyoo inni Yaahwee jedhamu akka jiru ragaawwan argisiisan jiru.’ (Jildii 6, fuula 392) Odeeffannoo dabalataa argachuuf, buukleetii, Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru jedhamu irraa, mata duree lammaffaa, “Maqaa Waaqayyoo Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii Keessatti” jedhu ilaali. Kutaa Dabalataa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Ingiliffaa C2 irratti, hiikawwan Kitaabota Qulqulluu Roomaa 10:13 irratti maqaa Waaqayyoo fayyadaman tarreeffamaniiru.