Miiljalee
c Akka NIV Study Bible jedhuti, caqasa kana irratti maqaan Waaqayyoo irra deddeebi‵amuun isaa “yaada [lakkoofsa 27] irra jiru jabeessee ibsuuf galedha.” Haa ta‵u malee, namoonni tokko tokko maqaan Waaqayyoo al sadii caqasamuun isaa Waaqayyo Sillaasee akka ta‵e argisiisuuf akka gale falmu. Yaannisaa garuu akkas miti. Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennuu fi barumsa Sillaasee deggeru tokko, maqaa Waaqayyoo si‵a sadii waamuun “lubni eebba kana kennu ykn namoonni eebbicha dhaga‵an haala kanaan akka yaadan kan isaan godhu hin turre. Si‵a sadii caqasamuun isaa eebbichi isaaniif gaarii fi guutuu ta‵uusaa qofa kan argisiisu ture.” (The Pulpit Commentary, Jildii 2, fuula 52) Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Waaqayyo Sillaasee Dhaa?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.