-
Barsiifata Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?Dammaqaa!—2016 | Lakk. 3
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA
Barsiifata Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?
OSTIIN yommuu saʼaatiin isaa iyyu hirriba keessa ture. Haa taʼu malee yeruma sana siree isaa irraa kaʼee, uffata ispoortii galgala qopheeffate uffatee, akkuma waggaa darbe torbanitti al sadii gochaa ture sochii qaamaa salphaa taʼe gochuuf deeme.
Looreen abbaa manaa ishii wajjin wal lolteetti. Aarii fi abdii kutachuudhaan gara kushinaatti fiigdee chokoleetii laastikii tokko guutuu fudhattee akkuma kanaan dura yeroo aartu gochaa turtetti hunda isaa nyaatte.
Ostiinii fi Looree wanti wal isaan fakkeessu maali dha? Beekanis beekuu baatanis lamaan isaanii iyyuu humni guddaan tokko, jechuunis barsiifanni dhiibbaa isaan irratti godheera.
Ati hoo? Jireenya kee keessatti barsiifanni gaariin guddifachuu barbaaddu jiraa? Tarii sochii qaamaa yeroo hunda gochuuf, hirriba gaʼaa rafuuf ykn namoota jaallattu yeroo yeroodhaan gaafachuuf galma baafatteetta taʼa.
Karaa gara biraa immoo barsiifata gadhee kan akka tamboo xuuxuu, nyaata faayidaa hin qabne hedduu nyaachuu ykn Intarneetii sakattaʼuudhaan saʼaatii hedduu dabarsuu dhiisuu barbaadda taʼa.
Barsiifata gadhee moʼuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. Barsiifanni gadheen siree guyyaa qorraa taʼetti namatti hoʼuu wajjin wal fakkaata jedhama. Siree akkanaa keessa galuun salphaa siʼa taʼu, achi keessaa baʼuun garuu ulfaataa dha!
Kanaafuu, barsiifata kee toʼachuu fi barsiifatawwan kun akka si miidhan utuu hin taʼin, akka si fayyadan gochuu kan dandeessuu akkamitti? Yaadawwan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan armaan gadii sadii ilaali.
-
-
1 Dhugaa Jiru Amanii FudhadhuDammaqaa!—2016 | Lakk. 3
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | BARSIIFATA KEE TOʼACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
1 Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu
Jireenya kee keessatti waan hundumaa al tokkotti jijjiiruuf yaalii gochuun kee qorumsa sitti taʼuu dandaʼa. ‘Torban kana tamboo xuuxuu nan dhiisa; kakachuu nan dhiisa; dhiisifadhee rafuu nan dhiisa; sochii qaamaa gochuu nan jalqaba; nyaata gaarii nyaachuu nan jalqaba; akkasumas akkoo fi akaakayyuu kootiif bilbiluu nan jalqaba’ jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, al tokkotti galma kee hunda irra gaʼuuf yaaluun, tokkoo isaa iyyuu raawwachuu akka ati hin dandeenye kan mirkaneessu dha!
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa.” —Fakkeenya 11:2.
Namni gad of deebisu tokko dhugaa jiru amanee fudhata. Namni akkanaa yeroon isaa, humni isaa fi qabeenyi isaa daangeffamaa akka taʼe amanee fudhata. Kanaafuu, waan hundumaa al tokkotti jijjiiruuf yaaluu mannaa suutuma suuta fooyyaʼiinsa godha.
Al tokkotti galma kee hunda irra gaʼuuf yaaluun, tokkoo isaa iyyuu raawwachuu akka ati hin dandeenye kan mirkaneessu dha!
WANTA GOCHUU DANDEESSU
Barsiifata kee jala jalaa fooyyessuuf yaalii godhi. Gama kanaan qabxiiwwan armaan gadii si gargaaruu dandaʼu:
Barsiifata gadhee isa gaariidhaan bakka buusuudhaan saffisaan jijjiirama godhi. Fakkeenyaaf, barsiifatawwan gadheen galmeeffatte, saʼaatii dheeraadhaaf televijiinii ilaaluu kan dabalatu, barsiifatawwan gaariin galmeeffatte immoo namoota jaallattu yeroo hunda gaafachuu kan dabalatu yoo taʼe, ‘Yeroo hunda hojiidhaa yommuun galu yeruma sana televijiinii banuu mannaa, michuu ykn fira koo tokkoof bilbileen haasofsiisa’ jettee murteessuu dandeessa.
Barsiifata gaarii qabaachuu barbaadduu fi barsiifata gadhee dhiisuu barbaaddu tarree lamaan galmeeffadhu. Wanta barreessitu hin daangessin, waan yaaddu hunda achi irratti barreessi.
Warra caalaatti barbaachisaa taʼan dursuudhaan wanta galmeessitu duraa duubaan kaaʼi.
Tarree lamaan iyyuu keessaa barsiifata muraasa, jechuunis tokko ykn lama filadhu; achiis isaan irratti xiyyeeffadhu. Sana booda gara barsiifata itti aanu tokkotti ykn lamatti ceʼi.
-
-
2. Wanta Dhiibbaa Gadhee Si Irratti Godhu Irraa FagaadhuDammaqaa!—2016 | Lakk. 3
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | BARSIIFATA KEE TOʼACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
2 Haala Naannoo Kee Jiru Toʼadhu
Nyaata madaalamaa nyaachuuf murteessiteetta; haa taʼu malee, aayis kireemii si bira jiru sana nyaachuuf qoramta.
Tamboo xuuxuu dhiisuuf murteessiteetta; haa taʼu malee, michuun kee inni akka ati tamboo dhiisuuf yaalaa jirtu beeku tokko ammas tamboo tokko sitti hiixata.
Harʼa sochii qaamaa gochuuf karoorfatteetta; haa taʼu malee, kophee ittiin fiigdu qumsaaxinii kee keessaa barbaaduun illee hojii guddaa sitti fakkaata!
Wanti haalawwan armaan olii wal fakkeessu maal akka taʼe hubachuu ni dandeessaa? Naannoon keenya, jechuunis haalli nuti keessa of galchinuu fi namoonni wajjin yeroo dabarsinu, amala gaarii guddifachuu fi amala gadhee dhiisuu wajjin haala wal qabateen milkaaʼina argachuu fi dhiisuu keenya irratti dhiibbaa akka godhu muuxannoon ni mirkaneessa.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.”—Fakkeenya 22:3.
Kitaabni Qulqulluun dursinee akka yaannu nu gorsa. Kana gochuudhaan haalawwan galma keenya nu jalaa fashaleessan irraa malaan fagaachuu fi haala galma keenya irra gaʼuuf caalaatti mijataa taʼe keessa of galchuu dandeenya. (2 Ximotewos 2:22) Salphaadhumatti wanta dhiibbaa gadhee nu irratti godhu irraa fagaachuun keenya ogummaa dha.
Wanta dogoggora taʼe raawwachuun caalaatti ulfaataa akka sitti taʼu, wanta sirrii taʼe raawwachuun immoo caalaatti salphaa akka siif taʼu godhi
WANTA GOCHUU DANDEESSU
Wanta dogoggora taʼe raawwachuun caalaatti ulfaataa akka sitti taʼu godhi. Fakkeenyaaf, nyaata kee keessaa wanta faayidaa hin qabne balleessuu yoo barbaadde, nyaanni siif gaarii hin taane kushinaa kee keessa akka hin jiraanne gochuuf yaali. Akka kanaan yommuu qorumsi si mudatu, harka kennuu mannaa harka kennuu dhiisuun caalaatti carraaqqii guddaa kan gaafatu akka taʼu goota.
Wanta sirrii taʼe raawwachuun caalaatti salphaa akka siif taʼu godhi. Fakkeenyaaf, ganama sochii qaamaa gochuuf yoo karoorfatte, galgala uffata ispoortii kee siree kee bira kaaʼadhu. Wanta sana jalqabuun caalaatti salphaa yoo siif taʼe, wanta sana itti fufuun kee hin oolu.
Michuuwwan kee of eeggannoodhaan filadhu. Namoota wajjin yeroo dabarsinu fakkaachuuf fedhii qabna. (1 Qorontos 15:33) Kanaafuu, walitti dhufeenya namoota barsiifata ati dhiisuuf yaalii gootu jajjabeessanii wajjin qabdu daangessi; akkasumas namoota barsiifata gaarii akka gabbifattu si gargaaruu dandaʼan argachuuf yaalii godhi.
-
-
3. Matumaa Abdii hin KutatinDammaqaa!—2016 | Lakk. 3
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | BARSIIFATA KEE TOʼACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
3 Matumaa Abdii hin Kutatin
Yaanni beekamaan tokko barsiifata haaraa horachuun guyyaa 21 qofa akka gaafatu ibsa. Qorannoon akka argisiisutti garuu, jijjiirama guddaa gochuun namoota tokko tokkoof yeroo kana irra xinnaatu, namoota kaaniif immoo yeroo kana irra caalu fudhachuu dandaʼa. Kun abdii si kutachiisuu qabaa?
Mee haala kana irratti yaadi: Torbanitti al sadii sochii qaamaa gochuu barsiifata godhachuu barbaadde haa jennu.
Torban isa jalqabaatti galma kee irra geesse.
Torban isa lammaffaatti guyyaa tokko utuu hin hojjetin hafte.
Torban isa sadaffaatti ammas galma kee irra geesse.
Torban isa arfaffaatti immoo sochii tokko illee hin goone.
Torban isa shanaffaatti, ammas galma kee irra geesse; yeroo sanaa jalqabee torban torbaniin galma kee irra geesse.
Barsiifata haaraa kana kan ofii godhachuun torban shan sitti fudhate. Kun yeroo dheeraa fakkaachuu dandaʼa; haa taʼu malee, takkaa erga galma kee irra geessee booda, barsiifata haaraa gaarii taʼe tokko qabaachuu keetti ni gammadda.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni qajeelaan siʼa torba utuma kufee iyyuu, deebiʼee in kaʼa.”—Fakkeenya 24:16.
Kitaabni Qulqulluun abdii akka hin kutanne nu jajjabeessa. Wanti dhuma irratti bakka guddaa qabu, siʼa meeqa kufuu keenya utuu hin taʼin, siʼa meeqa deebinee kaʼuu keenya dha.
Wanti dhuma irratti bakka guddaa qabu, siʼa meeqa kufuu keenya utuu hin taʼin, siʼa meeqa deebinee kaʼuu keenya dha
WANTA GOCHUU DANDEESSU
Barsiifata gadhee tokkotti deebiʼuun yeroo hundumaatiif milkaaʼina dhabuu akka taʼe gootee hin yaadin. Galma kee irra gaʼuuf yommuu carraaqxu, gufuuwwan tokko tokko akka si mudatan eegi.
Yeroo wanta sirrii taʼe itti raawwatte irratti xiyyeeffadhu. Fakkeenyaaf, akkaataa ijoollee kee itti haasofsiistu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf yaalaa jirta yoo taʼe, ‘Yeroo dhumaatiif ijoollee kootti iyyuu barbaadee kanan dhiisee yoomi? Yeroo sanatti iyyuu mannaa maalan godhe? Ammas akkana gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Gaaffiiwwan akkanaa, dadhabina kee irratti xiinxaluu mannaa milkaaʼina argatte akka cimsattu si gargaaruu dandaʼu.
Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu jireenya kee kaan irratti, jechuunis yaaddoo moʼuu, jireenya maatii gammachiisaa taʼe qabaachuu fi gammachuu dhugaa argachuu irratti akkamitti si gargaaruu akka dandaʼan beekuu ni barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko haasofsiisi ykn weeb saayitii keenya jw.org/om ilaali.
-