LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Haasaa Dhaggeeffattoota Jajjabeessu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • nuu gochaa jiru akka yaadan godhi. Wantoota kanatti akka gammaddu karaa argisiisuun kan dubbattu yoo taʼe, dhaggeeffattoonnikees miira akkasii qabaachuu dandaʼu.

      Yihowaan buʼaa baʼii jireenyaa akka moonu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsi. Daandii jireenyaa isa hundarra caalu nutti argisiiseera. (Isa. 30:21) Sababii yakki, murtoo jalʼaan, hiyyummaan, dhukkubniifi duuti itti jiraate, akkasumas rakkoowwan kana hundumaa akkamitti akka hambisu nuu ibseera. Tokkummaa obbolummaa jaalala qabu keessa akka jiraannu godheera. Mirga kadhannaa isa hundarra caalu nuu kenneera. Dhugaa Baatotasaa akka taanuufis mirga nuu kenneera. Kiristos samiirratti mootii akka taʼeefi badiisni sirna moofaa kanaa saffisaan dhihaachaa akka jiru akka hubannu nu gargaareera.—Mul. 12:1-12.

      Eebbawwan kana malees, walgaʼii gumii, walgaʼii addaa, walgaʼii aanaafi walgaʼii koonyaa caqasuu dandeessa. Qophiiwwan kanaaf dinqisiifannaa guddaa akka qabdu karaa argisiisuun kan dubbattu yoo taʼe, warri kaanis mirga obbolootasaanii wajjin walgaʼuuf argataniif bakka guddaa akka kennan jajjabeessuu dandeessa.—Ibr. 10:23-25.

      Gabaasni carraaqqii tajaajilarratti goonu ibsus, eebba Yihowaa akka arganne kan argisiisu waan taʼeef jajjabina nuu kenna. Jaarraa jalqabaatti Phaawulosiifi Barnaabaas yommuu gara Yerusaalem dhaqan, warri saba Waaqayyoo hin taʼin gara Waaqayyootti akka deebiʼan itti himuunsaanii ‘amantoota achi jiran baayʼee gammachiisee’ ture. (HoE. 15:3) Atis muuxannoo nama jajjabeessu dubbachuudhaan obboloota gammachiisuu dandeessa.

      Wanta isaan godhaniif yoo isaan dinqisiifannes obboloonni ni jajjabaatu. Hirmaannaa tajaajilarratti godhaniif isaan galateeffadhu. Obboloota sababii dullumaafi dhukkubaatiin sochii baayʼee gochuu hin dandeenyeefi amanamummaadhaan jabaatanii dhaabatan galateeffadhu. Yihowaan jaalala obboloonni kun isaaf qaban akka hin irraanfanne isaan yaadachiisi. (Ibr. 6:10) Amantiin qoramee ilaalame Waaqayyo duratti gatii guddaa qaba. (1 Phe. 1:6, 7) Eeyyee, obboloonni wantoota kana akka yaadatan gochuun barbaachisaadha.

      Waaʼee Abdii Gara Fuulduraa Miira Hoʼaadhaan Dubbadhu. Abdiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti kennaman namoota Yihowaa jaallataniif jajjabinaa guddaa argamsiisu. Dhaggeeffattoonni hedduun waaʼee abdiiwwan kanaa yeroo baayʼee dhagaʼanii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, waaʼee abdiiwwan kanaa dinqisiifannaadhaan kan dubbattu yoo taʼe, abdiiwwan kun isaaniif akka dhugooman, raawwiisaanii akka argatan akka amananiifi garaansaanii dinqisiifannaadhaan akka guutamu gochuu dandeessa. Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa argatte hojiirra oolchuunkee, karaa dhaggeeffattoota jajjabeessuun akka dubbattu si gargaaruu dandaʼa.

      Sabasaa jajjabeessuufi humna kennuudhaan Yihowaa wajjin kan wal qixxaatu hin jiru. Haataʼu malee, atis fakkeenyasaa fudhachuudhaan warra kaan jajjabeessuu dandeessa. Gumiidhaaf haasaa dhiheessuuf carraa yoo argatte, gorsa kana hojiirra oolchuuf carraaqqii godhi.

  • Guddina Argisiisuukee Itti Fufi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Guddina Argisiisuukee Itti Fufi

      QABXIIWWAN foormii gorsi irratti kennamurratti argaman hundaatti hojjetteettaa? Gilgaalawwan kennaman hunda hojiirra oolchiteettaa? Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirrattis taʼe, walgaʼiiwwan garabiraarratti yommuu haasaa dhiheessituufi yommuu tajaajilarratti hirmaattu qabxiiwwan baratte hunda hojiirra oolchaa jirtaa?

      Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kennamurraa fayyadamuukee itti fufi. Waggoota dheeraadhaaf haasaa dhiheessaa kan turte taʼus, wanti fooyyessuu qabdu jira.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi