LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Toorii Qopheessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Toorii Qopheessuu

      NAMOONNI hedduun kutaan yommuu isaaniif kennamu, seensasaatii jalqabee hanga xumuraatti waan hundumaa tokko tokkoon barreessu; haataʼu malee kun baayʼee nama dadhabsiisa. Akka kanaan haasaa qopheessuun wanta barreeffame sana irra deddeebiʼanii sirreessuu ykn jijjiiruu gaafata. Kunimmoo yeroo dheeraa fudhata.

      Atis haasaakee akkasitti qophoofta taanaan, mala salphaa taʼe beekuu barbaaddaa? Akkaataa itti toorii qopheessuun dandaʼamu takkaa barraan, wanta hunda barreessuun si hin barbaachisu. Kunis akkaataa haasicha itti dhiheessitu shaakaluuf yeroo gaʼaa akka argattu si gargaara. Akkasitti qophoofta taanaan, haasicha dhiheessuun sitti salphata; haasaankees dhaggeeffattootatti kan toluufi hojiidhaaf kan isaan kakaasu taʼa.

      Haasaan sabaa gumiidhaaf dhihaatu tooriidhaan qophaaʼee sii kennama. Haasaa hedduun garuu, akka kanaan hin qophaaʼu. Matadureen ykn ijoonsaa qofti ykn barreeffama tokkorraa haasaa akka dhiheessitu sii kennamuu dandaʼa. Al tokko tokkommoo qajeelfama muraasa qofatu sii kennama taʼa. Kutaawwan akkasii hundaaf situ toorii qopheessuu qaba.

      Fakkii fuula 41⁠rra jiru

      Saanduqni akka fakkeenyaatti kennameefi fuula 41⁠rratti argamu, haasaa gabaabaa qopheessuun akkamitti akka dandaʼamu si hubachiisa. Qabxiiwwan gurguddaa gara bitaatti baʼanii qubee guguddaadhaan barreeffaman qalbeeffadhu. Qabxiiwwan gurguddaa hunda jalatti yaadawwan wanta sana deggeran caqasamaniiru. Qabxiiwwan dabalataa yaada sana balʼisuuf gargaaranimmoo, xinnoo gara mirgaatti lixanii barreeffamaniiru. Haasaa kana akka gaariitti qayyabadhu. Qabxiiwwan gurguddaan lamaan matadurichaa wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya akka qaban qalbeeffadhu. Yaadawwan achi jalatti argamanis, waan namatti tolaaniif qofa kan barreeffaman akka hin taane hubadhu. Kanaa mannaa, hundisaanii qabxiiwwan gurguddaa olitti argaman kan deggeranidha.

      Tooriin qopheessitu fakkeenya saanduqicha keessatti kennamee wajjin guutummaatti wal fakkaachuu dhiisuu dandaʼa. Haataʼu malee yaanni buʼuuraa armaan olii sii galeera taanaan, qabxiiwwankee qindeessitee yeroo gabaabaa keessatti haasaa qopheessuu dandeessa. Kana gochuu kan qabdu akkamitti?

      Qalbeeffachuu, Filachuufi Qindeessuu

      Yommuu haasaa qopheessitu yaanni ijoon tokko si barbaachisa. Yaanni ijoo filattu garuu, mataduree balʼaa jecha tokkoon ibsamu taʼuu hin qabu. Yaanni ijoosaa ergaa dabarsuu barbaadduuf buʼuura kan taʼuufi matadureesaa kallattii kamiin ibsuu akka barbaaddu kan argisiisudha. Yaanni ijoo yoo sii kenname, jechoota buʼuuraa achi keessatti argaman hubachuuf yaali. Haasaan sii kenname yaada barreeffama tokkorra jiru balʼistee akka dhiheessitu gaafata taanaan, yaada ijoosaa sammuutti qabachuudhaan barreeffamicha qayyabadhu. Matadureen qofti yoo sii kennamemmoo, yaada ijoosaa situ filata. Haataʼu malee, kana gochuukee dura qorannaa tokko tokko gochuun si gargaaruu dandaʼa. Yeroo baayʼee yaada dabalataa argachuuf balʼinaan irratti yaaduun si barbaachisa.

      Kana yommuu gootu, ‘Barumsi kun dhaggeeffattootaaf barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kaayyoonkoo maalidha?’ jedhii of gaafadhu. Kaayyoonkee barumsicha dabarsuu ykn haasicha miʼeessuu qofa utuu hin taʼin, dhaggeeffattoonni yaada gaarii tokko akka argatan gargaaruu taʼuu qaba. Kaayyoon haasaakee yommuu karaa sii qabatu, yaadasaa barreeffadhu. Yeroo qophooftu kaayyookee hin dagatin.

      Kaayyoo haasaakee hubattee yaada ijoo haasichaa wajjin walsimu erga filattee booda (ykn yaanni ijoo haasaakee kaayyoo kanaa wajjin akkamitti akka walsimuu erga qalbeeffattee booda) yaada barbaachisurratti qorannaa gochuu dandeessa. Yaada dhaggeeffattootaaf caalaatti gaarii taʼe barbaadi. Duuchaadhumatti dubbachuu mannaa, qabxii hubannaa namootaa balʼisuufi qabatamaa taʼe ibsurratti xiyyeeffadhu. Qorannoo hangamii gochuu akka qabdu qalbeeffadhu. Yeroo baayʼee yaada itti fayyadamuu barbaaddu caalaa waan argattuuf, filannaa gochuun si barbaachisa.

      Yaada ijoo haasaakee balʼisuufi kaayyookee galmaan gaʼuuf, qabxiiwwan gurguddaa ibsuu barbaaddu adda baafadhu. Qabxiiwwan kun toorii keetiif buʼuura taʼu. Qabxiiwwan gurguddaan meeqa taʼuu qabu? Haasaa gabaabaadhaaf qabxiiwwan gurguddaan lama, haasaa saʼaatii tokkoof dhihaatuufimmoo, qabxiiwwan gurguddaan shan gaʼuu dandaʼu. Qabxiiwwan gurguddaan muraasa yoo taʼan, dhaggeeffattoonni barumsicha salphaatti yaadachuu dandaʼu.

      Yaada ijoofi qabxiiwwan gurguddaa erga yaadatti qabattee booda, barreeffamoota qorannaadhaaf si gargaaran tartiibaan barreeffadhu. Yaadawwan qabxii gurguddaa wajjin walitti dhufeenya qaban murteessi. Ibsa balʼaa dhaggeeffattoonni haasaakee hawwiidhaan akka dhaggeeffatan gargaaru filadhu. Caqasa qabxiiwwan gurguddaa deggeran yommuu filattu, yaadawwan ergaa caqasoota sanaa akka gaariitti ibsuuf si fayyadan yaadannoo qabadhu. Yaadawwan kana qabxiiwwan gurguddaa waaʼee dhimmichaa ibsu jalatti barreessi. Yaadawwan yeroo qorannaa gootu argatte tokko tokko kan namatti tolan yoo taʼanillee, qabxiiwwan ibsuu barbaadduu wajjin walitti dhufeenya hin qaban taanaan itti hin fayyadamin; ykn yeroo garabiraa akka itti fayyadamtuuf galmeessii kaaʼadhu. Yaadawwan gaggaarii taʼan qofa qabadhu. Yaadawwan hedduu dhiheessuuf yaalii yoo goote, ariitiidhaan dubbachuuf waan dirqamtuuf, barumsa gaarii dabarsuu hin dandeessu. Qabxiiwwan muraasa dhaggeeffattoota fayyadan qofa dhiheessuun gaariidha. Yeroo sii kenname hin dabarsin.

      Qabxiiwwankee hanga yoonaatti tartiibaan hin keenye taanaan, amma akkas gochuu dandeessa. Barreessaa Wangeelaa kan taʼe Luqaas akkas godheera. Yaadawwan hedduu dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya qaban erga walitti qabee booda, “tarree galchee” barreesseera. (Luq. 1:3) Qabxiiwwankee duraa duubaan ykn akka matadureesaaniitti qindeessuudhaan, tariimmoo sababaafi buʼaasaa ykn akka rakkinaafi furmaatasaatti karaa caalaatti kaayyookee galmaan gaʼuuf si gargaaruun dhiheessuu dandeessa. Dhaggeeffattoonni yaada tokkorraa gara isa tokkootti darbuukee hubachuun hanga isaan rakkisutti daftee yaada tokkorraa gara isa kaaniitti hin ceʼin. Ragaan ati dhiheessitu, dhaggeeffattoonni murtoo sirriirra akka gaʼan kan godhu taʼuu qaba. Qabxiiwwankee yommuu qindeessitu, waaʼee haasichaa dhaggeeffattootatti maaltu akka dhagaʼamu yaadi. Haasaakee akka gaariitti dhaggeeffachuu dandaʼuu? Kaayyookee wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhachuuf kakaʼuu dandaʼuu?

      Ittaansuudhaanis, yaada seensaa dhaggeeffattoota kakaasuufi haasaan dhiheessitu barbaachisaa akka taʼe hubachuuf isaan gargaaru qopheessi. Yeroo akkasiitti, himawwan jalqabaa muraasa barreeffachuun gaarii taʼuu dandaʼa. Dhumarrattis, yaada xumuraa nama kakaasuufi kaayyookee wajjin walsimu qopheessi.

      Tooriikee dursitee yoo qophoofte, haasicha dhiheessuukee dura sirreeffama irratti gochuuf yeroo gaʼaa argatta. Lakkoofsa, fakkeenya ykn muuxannoo qabxiiwwankee tokko tokko deggeran akka si barbaachisan ni hubatta taʼa. Wanta yeroo dhihootti raawwatame ykn xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa hawwatutti fayyadamuunkee, barbaachisummaa barumsichaa salphaatti akka hubatan gargaaruu dandaʼa. Yommuu haasaakee irra deebitu, barumsicha karaa dhaggeeffattoota fayyaduun dhiheessuuf carraa argatta. Qabxiiwwan sana gamaaggamuufi sirreeffama irratti gochuunkee, barumsa tokko caalaatti karaa buʼa qabeessa taʼeen dhiheessuuf si gargaara.

      Obboloonni haasaa dhiheessan tokko tokko warra kaan caalaa yaadannoo baayʼee qabachuu barbaadu taʼa. Haasaakee qabxiiwwan gurguddaa muraasa jalatti yoo qindeessite, wantoota yaadawwan kana hin deggerre keessaa baasuudhaan qabxiiwwankee tartiibaan kaaʼi. Muuxannoo argachaa yommuu adeemtu, yaadawwan hunda barreessuun akka si hin barbaachisne hubatta. Kana gochuun yeroo sii qusata. Haasaankees baayʼee fooyyaʼa. Kunimmoo, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa faayidaa argachaa akka jirtu argisiisa.

  • Kutaawwan Barataa Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Kutaawwan Barataa Qophaaʼuu

      KUTAAWWAN mana barumsichaatti dhihaatan hundi karaa hafuuraa guddachuuf carraa sii banu. Garaa guutuudhaan carraaqqii yoo goote, guddina argisiisuunkee sittis taʼe warra kaanitti suutuma suuta mulʼachaa adeema. (1 Xim. 4:15) Manni barumsichaa dandeettiikee caalaatti fooyyeffachaa akka adeemtu si gargaara.

      Gumiirratti yommuu kutaa dhiheessitu sodaan sitti dhagaʼamaa? Mana barumsichaatti yeroo muraasaaf kutaa kan dhiheessite yoo taatellee, sodaan sitti dhagaʼamuunsaa hin oolu. Haataʼu malee, sodaa sitti dhagaʼamu hirʼisuuf wantoonni si gargaaran tokko tokko jiru. Mana keessatti sagaleekee dhageessisii dubbisi. Gumiirratti yeroo hunda yaada kenni; babalʼisaa yoo taatemmoo yeroo hunda tajaajilarratti hirmaadhu. Akkas gochuunkee namoota duratti dubbachuu akka dandeessu si gargaara. Kana malees, kutaawwan barataa dursii qophaaʼi, akkasumas sagaleekee ol kaasii shaakali. Kutaakee michoota keetiif akka dhiheessitu yaadadhu. Kutaa kamiyyuu dhiheessuukee dura Yihowaa kadhadhu. Inni tajaajiltootasaa warra isa kadhataniif gammachuudhaan hafuura qulqulluu ni kenna.—Luq. 11:13; Filp. 4:6, 7.

      Wanta humna keetii ol taʼe ofirraa hin eegin. Akka gaariitti dubbachuufi barsiisaa buʼa qabeessa taʼuun yeroo gaafata. (Mik. 6:8) Mana barumsichaatti reefuu kan galmeeffamte yoo taate, jalqabumarratti kutaa baayʼee gaarii taʼen dhiheessa jettee hin eegin. Kanaa mannaa, yommuu kutaa dhiheessitu qabxii gorsi irratti sii kennamu qofarratti xiyyeeffadhu. Kitaaba kanarraa mataduree gorsi irratti sii kennamu qayyabadhu. Yoo dandaʼame gilgaala kenname shaakali. Akkas gochuunkee, kutaa sii kenname dhiheessuukee dura qabxii gorsi irratti sii kennamu akka gaariitti hubachuufi guddina argisiisuuf si gargaara.

      Kutaa Dubbisaan Dhihaatu Qophaaʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

      Namootaaf dubbisuuf qophii gochuun, jechoota barreeffamicharratti argaman dubbisuu caalaa gaafata. Ergaan barreeffamichaa maal akka taʼe sirriitti hubachuuf carraaqqii godhi. Akkuma kutaan sii kennameen yaada kana sammuutti qabachuudhaan kuticha dubbisi. Dubbisnikee yaadasaa sirriitti akka dabarsuufi miira barbaachisu kan argisiisu akka taʼu gochuuf, himoonni hundi ergaa akkamii akka dabarsaniifi ijoon keeyyata hundaa maal akka taʼe hubachuuf yaali. Dandaʼamnaan, jechoonni haaraa sitti taʼan akkamitti akka dubbifaman baruuf namoota kaan gaafadhu. Barumsicha sirriitti hubadhu. Gama kanaan, warri ijoolleesaanii xixinnoo taʼan gargaaruun isaan barbaachisa taʼa.

      Kutaankee, kutaa Macaafa Qulqulluurraa ykn Masaraa Eegumsaarraa keeyyata muraasa dubbisuudhaan kan dhihaatudhaa? Barreeffamni dubbistu afaan keetiin kaasseettiidhaan jiraannaan isa dhaggeeffachuudhaan, akkaataa jechoonniifi gaaleewwan itti dubbifaman, akkaataa jechoonni barbaachisaa taʼan itti jabeeffamanii dubbifamaniifi sagaleen itti jijijjiiramu qalbeeffadhu. Yookiin namni akka gaariitti dubbisuu dandaʼu sagaleesaa ol kaasee akka sii dubbisu gaafachuudhaan, akkaataa inni jechootaafi gaaleewwan itti dubbisu, akkaataa jechoota barbaachisaa taʼan jabeessee itti dubbisuufi sagaleesaa itti jijijjiiru qalbeeffadhu. Isa booda wanta dhageesse fakkeessuudhaan dubbisuu yaali.

      Kutaakee qophaaʼuu yommuu jalqabdu, mataduree mala haasaa sii kenname ibsu of eeggannoodhaan qayyabadhu. Dandaʼamnaan, kutaa sii kenname sagaleekee ol kaastee erga dubbistee booda barumsicha irra deebiʼii ilaali. Hamma sii dandaʼametti gorsa barumsicharra jiru guutummaatti hojiirra oolchuuf carraaqi.

      Leenjiin gama kanaan argattu tajaajilaafis si gargaara. Tajaajilarratti yommuu hirmaattu, warra kaaniif dubbisuuf carraa hedduu argatta. Dubbiin Waaqayyoo jireenya namootaa jijjiiruuf humna waan qabuuf, Macaafa Qulqulluu akka gaariitti dubbisuunkee barbaachisaadha. (Ibr. 4:12) Kutaa tokko ykn lama waan dhiheessiteef dubbisnikoo karaa hundaan gaarii taʼa jettee hin eegin. Phaawulos jaarsa muuxannoo waggaa dheeraa qabuuf, “Caaffata qulqullaaʼaa namootaaf dubbisuutti . . . of kenni!” jechuudhaan gorseera.—1 Xim. 4:13.

      Matadureefi Yoomessa Kennamerratti Qophaaʼuu

      Kutaan mana barumsichaatti sii kenname yoomessa kan qabu yoo taʼe maal gochuu qabda?

      Wantoonni xiyyeeffannaa kennuufii qabdu sadii jiru: (1) mataduree sii kenname, (2) yoomessaafi nama wajjin dhiheessitu, akkasumas (3) mala haasaa akka irratti hojjettuuf sii kennamu.

      Qabxiiwwan mataduree sii kennameef taʼan walitti qabachuun si barbaachisa. Haataʼu malee, qorannoo balʼaa gochuukee dura, barumsi dhiheessituufi akkaataan itti dhiheessitu, yoomessa sii kennameefi waaʼee nama waliin dhiheessituu wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf, of eeggannoodhaan irratti yaadi. Yoomessa akkamiitti fayyadamta? Nama beektutti akkamitti misiraachicha akka himtu kan argisiisuudha? Moo nama tokko yeroo jalqabaatiif yommuu haasofsiistu kan argisiisudha? Isamoo situ angafadha? Mataduree irratti isa haasofsiistuuf ilaalcha akkamii qabaachuu dandaʼa? Waaʼee dhimma kanaa hammam beeka? Maree kanarraa waaʼee maalii akka hubatu gochuu barbaadda? Deebiin gaaffiiwwan kanaa yaadawwan irratti qophaaʼuu qabdu si hubachiisu.

      Yaada mataduree sii kenname balʼisuuf gargaaru eessaa argachuu dandeessa? Kitaaba kana fuula 33 hanga 38⁠rratti, mataduree “Qorannaa Gochuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu argatta. Kanaaf boqonnaa kana erga dubbistee booda, barreeffama qorannaa gochuuf si gargaaranitti fayyadami. Yeroo baayʼee yaada barbaaddurra caalu daftee argachuu dandeessa. Dhimma kanarratti odeeffannoo hangamii argachuu akka dandeessu hubachuuf hamma dandeesse dubbisi. Haataʼu malee, yeroo kanatti yoomessakeefi nama wajjin dhiheessitu tilmaama keessa galchi. Qabxiiwwan gaarii taʼanirratti mallattoo godhi.

      Qabxiiwwan kutaa keetiif taʼan qindeessitee xumuruukee dura, mala haasaa gorsi irratti sii kennamu dubbisi. Sababii guddaan kutaa kana itti dhiheessitu, mala haasaa gorsi irratti sii kennamu hojiirra oolchuudha.

      Kutaakee yeroo sii kennametti xumuruunkee gammachuu siif argamsiisa; yeroo sii kennametti xumuruu baannaan garuu haasaakee akka dhaabdu milikkinni sii kennamuu dandaʼa. Tajaajilarratti garuu, yeroo baayʼee waaʼeen saʼaatii nu hin yaaddessu. Wanti bakki guddaan kennamuufii qabu akka gaariitti barsiisuu yoo taʼeyyuu, yommuu kutaakee qophooftu yeroo sii kenname tilmaama keessa galchi.

      Mee Waaʼee Yoomessaa Haa Ilaallu. Yaadawwan fuula 82⁠rratti argaman qoruudhaan, yoomessa tajaajilaafis taʼe barumsicha karaa hojiirra ooluu dandaʼuun dhiheessuuf si gargaaru tokko filadhu. Mana barumsichaa keessatti yeroo muraasaaf kutaa dhiheessaa kan turte taanaan, carraan kun guddina argisiisuufi tajaajilakee fooyyessuuf akka si gargaaru hubadhu.

      Ilaaltuun olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii yoomessa yoo sii kenne, itti hojjechuuf carraaqqii godhi. Yoomessi hedduun dhugaa baʼuurratti kan xiyyeeffatedha. Yoomessa kanatti fayyadamtee tajaajilarratti dhugaa baatee hin beektu taanaan, babalʼistoota muuxannoo qaban gaafadhu. Dandaʼamnaan yoomessa sii kennametti fayyadamuudhaan, qabxiiwwan kutaakee keessatti argaman nama tajaajilarratti argattee wajjin irratti mariʼadhu. Akkas gochuunkee, kaayyoo leenjichaa hubachuuf si gargaara.

      Kutaa Haasaadhaan Dhihaatu

      Dhiira cuuphame yoo taate, gumichaaf haasaa gabaabaa akka dhiheessitu ramadamuu dandeessa. Kutaawwan kana yommuu qophooftu, qabxiiwwan buʼuuraa kutaawwan barattootaa hojiin argisiisaan dhihaatanii wajjin wal fakkaatu. Garaagarummaansaanii dhaggeeffattootaafi akkaataa kutichi itti dhihaatudha.

      Yeroo baayʼee karaa dhaggeeffattoota fayyaduun barumsicha qophaaʼuun barbaachisaadha. Dhaggeeffattoonni hedduun dhugaa Macaafa Qulqulluu buʼuura taʼan beeku. Mataduree akka dhiheessitu sii kenname akka gaariitti beeku taʼa. Kanaaf, waaʼee matadureekee hangam akka beekan tilmaama keessa galchi. Kutaa dhiheessiturraa faayidaa akka argatan gochuuf yaali. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Mataduree ani dhiheessu, anis taʼe namoonni na dhaggeeffatan dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu akka guddifannu kan nu gargaaru akkamitti? Barumsicha keessaa fedha Waaqayyoo akka hubannu wanta nu gargaaru akkamii arganna? Haasaan kun, biyya lafaa isa toʼannaa hawwa fooniitiin qabame keessatti murtoo sirrii akka goonu kan nu gargaaru akkamitti?’ (Efe. 2:3) Gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa argachuun qorannaa gochuu gaafata. Macaafa Qulqulluurraa yommuu caqastu, caqasicha dubbistee qofa bira hin darbin. Caqasawwan dubbiste ibsuufi caqasawwan kun murtoo tokkorra gaʼuuf kan gargaaran akkamitti akka taʼe ifa gochuu qabda. (HoE. 17:2, 3) Yaada hedduu ibsuuf hin yaalin. Kutaakee karaa yaadachuuf nama hin rakkisneen dhiheessi.

      Qophii gochuun, akkaataa itti haasaa dhiheessinuuf xiyyeeffannaa kennuu dabalata. Kun wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Haasaakee sagaleekee ol kaasii shaakali. Gorsa malawwan haasaa garaagaraarratti sii kennaman qorachuufi hojiirra oolchuuf carraaquunkee, guddina keetiif gumaacha guddaa qaba. Haasaa dhiheessuuf haaraa taatus taʼuu baattus, dhimma sanatti akka amantuufi karaa miira barumsichaaf taʼu argisiisuun dhiheessuuf akka gaariitti qophaaʼi. Kutaawwan sii kennaman hunda yommuu dhiheessitu, kaayyoonkee dandeettii dubbachuu Waaqayyo sii kennetti fayyadamtee Yihowaa jajuu akka taʼe hin dagatin.—Far. 150:6.

  • Haasaawwan Gumiidhaaf Dhihaatan Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Haasaawwan Gumiidhaaf Dhihaatan Qophaaʼuu

      SAGANTAAN Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii guutummaa gumichaa fayyaduuf kan qophaaʼedha. Walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarrattis barumsi gaariin ni dhihaata. Walgaʼiiwwan kana keessaa tokkorratti kutaa akka dhiheessitu yoo ramadamte, itti gaafatamummaa guddaan sii kennameera jechuudha. Phaawulos ergamaan, Ximotewos inni ilaaltuu olaanaa ture hojii barsiisuu isaa kennameef akka of eeggatu gorseera. (1 Xim. 4:16) Namoonni walgaʼiirratti argaman, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban ilaalchisee barumsa argachuuf yeroosaanii aarsaa kan godhan siʼa taʼu, warri tokko tokkommoo walgaʼiiwwan kanarratti argamuun carraaqqii cimaa isaan gaafata. Kanaaf, walgaʼiiwwan akkasiirratti barsiisuun itti gaafatamummaa guddaadha. Itti gaafatamummaa kana akkamitti raawwachuu dandeessaree?

      Ijoo Dubbisa Macaafa Qulqulluu

      Kutaan mana barumsichaatti dhihaatu kun, dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaaf ramadamerratti kan hundaaʼedha. Kutaan kun, barumsichi yeroo harʼaatti akkamitti akka nu tuqu ibsuurratti kan xiyyeeffate taʼuu qaba. Akka Nahimiiyaa 8:8⁠rratti ibsametti, Izraafi namoonni isaa wajjin turan Dubbii Waaqayyoorraa dubbisuufi ‘hiikasaa ibsuudhaan,’ sabni sun hubannaa akka argatu gargaaraniiru. Atis ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu yommuu dhiheessitu akkas gochuu dandeessa.

      Kutaa kana akkamitti qophaaʼuu qabda? Dandaʼamnaan, kutaa dubbisa Macaafa Qulqulluu sii kenname torban tokko ykn sana dura dubbisi. Achiis waaʼee gumiikeefi wantoota gumichaaf barbaachisanirratti yaadi. Irrattis kadhadhu. Kutaawwan Dubbii Waaqayyoo kana keessa, wantoota gumichaaf barbaachisan ilaalchisee, gorsa, fakkeenyaafi seera buʼuuraa akkamiitu argama?

      Qorannaa gochuun barbaachisaadha. Waach Taawar Laayibirariin siidiidhaan qophaaʼe ykn Waach Taawar Pablikeeshin Indeeksiin afaan keetiin qophaaʼe jiraa? Jiraannaan akka gaariitti itti fayyadami. Barreeffamoota kanatti fayyadamtee caqasoota filatterratti qorannoo yommuu gootu, qabxiiwwan beekumsa dabalataa kennan, ibsa raajiiwwan raawwatamaniif kenname, caqasoota waaʼee Yihowaa ibsan ykn ibsa seera buʼuuraarratti kenname argatta taʼa. Qabxiiwwan hedduu ibsuuf hin yaalin. Caqasoota filataman muraasarratti xiyyeeffachuufi isaaniin akka gaariitti ibsuun barbaachisaadha.

      Kutaankee dhaggeeffattoonni dubbisa Macaafa Qulqulluu torbaniirraa faayidaa argatan akka dubbatan afeeruu dabalata. Dhuunfaattis taʼe qayyabannaa maatiitiifi tajaajilaaf barumsa isaan gargaaru akkamii argataniiru? Walitti dhufeenya namoota dhuunfaafi sabootaa wajjin qabuun, amalawwan Yihowaa warri kam mulʼataniiru? Dhaggeeffattoonni barumsa amantiisaanii jabeessuufi dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qaban guddisu akkamii argataniiru? Ibsa balʼaafi gadi fageenya qabu hin kennin. Qabxiiwwan filatte hiikaafi faayidaa maalii akka qaban addeessi.

      Haasaawwan Barreeffamoota Keenyarratti Hundaaʼan

      Haasaawwan kun mataduree Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaarraa! ykn kutaa kitaaba tokkorraa fudhatamanirratti hundaaʼanii kan dhihaatan taʼuu dandaʼu. Yeroo baayʼee yaanni daqiiqaa sii kenname keessatti dhiheessuu dandeessurra caalu barreeffamicharra jiraachuu dandaʼa. Taanaan, kutaa kana akkamitti dhiheessuu qabda? Akka barsiisaa tokkootti malee, barumsicha irra fiigdee dhiheessuu hin qabdu. Ilaaltuun olaanaa tokko, “nama warra kaan barsiisuu dandaʼu” taʼuu qaba.—1 Xim. 3:2.

      Yommuu qophii gochuuf jettu, jalqaba barreeffamicha akka gaariitti qayyabadhu. Caqasoota dubbisiitii irratti xiinxali. Guyyaan kutaa itti dhiheessitu gaʼuusaa dura kana gochuu qabda. Obboloonni barreeffama sana dubbisanii akka dhufan hin dagatin. Itti gaafatamummaankee, yaadasaa irra deebiʼuu ykn gabaabsitee dhiheessuu qofa utuu hin taʼin, barumsicha hojiirra oolchuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsuudha. Qabxii gaarii taʼee argatte karaa gumicha fayyaduun dhiheessi.

      Akkuma ijoolleen hundi amala garaagaraa qaban, gumiin tokko gumii isa kaanirraa wanta adda isa godhu qaba. Warri ijoolleesaanii akka gaariitti barsiisan, qajeelfamawwan amalaaf kennaman caqasanii qofa hin dhiisan. Sababiisaa karaa qabatamaa taʼeen mucaasaaniitiif ibsu. Amala mucichaafi rakkoowwan isa mudatan tilmaama keessa galchu. Haaluma wal fakkaatuun barsiisonni gumiis, wanta dhaggeeffattootaaf barbaachisu hubachuudhaan barumsa barbaachisaa taʼe dhiheessuuf carraaqu. Haataʼu malee, barsiisaan hubannaa qabu fakkeenya nama walgaʼiirratti argame tokko mufachiisutti hin fayyadamu. Kanaa mannaa, faayidaa daandii Yihowaarra deddeebiʼuun argamsiisu ibsuudhaan, gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo miseensonni gumii rakkoowwan isaan mudatan moʼuuf isaan gargaaru akka gaariitti ibsa.

      Akka gaariitti barsiisuun garaa dhaggeeffattootaa tuquuf gargaara. Kunimmoo, dhugaasaa dubbachuurra darbee barumsichaaf dinqisiifannaa akka qabaatan gargaaruu gaafata. Akkasumas, dhaggeeffattootaaf garaadhaa yaaduu dabalata. Jaarsoliin obboloota gumiisaanii keessatti argaman akka gaariitti beekuu qabu. Miseensota gumii rakkoowwan garaagaraa qabaniif garaadhaa kan yaadan yoo taʼe, rakkoosaanii hubatanii gara laafinaafi ooʼa isaanitti argisiisuudhaan haasaa nama jajjabeessu dhiheessuu dandaʼu.

      Barsiisaa gaariin, haasaan tokko kaayyoo ifa taʼe qabaachuu akka qabu ni hubata. Qabxiiwwan ijoo taʼan akka gaariitti ifa taʼanii dhihaachuufi kan yaadataman taʼuu qabu. Dhaggeeffattoonni qabxiiwwan kana yaadachuufi yaadawwan hojiirra oolchuu dandaʼan argachuu qabu.

      Walgaʼii Tajaajilaa

      Tajaajila Mootummaarraa yommuu kutaa dhiheessitu, yeroo baayʼee yaada barreeffamicharratti argamu guutummaatti dhiheessuu malee, qabxiin dhaggeeffattootaaf caalaatti barbaachisaa taʼe isa kamidha jettee filachuun sirraa hin eegamu. Dhaggeeffattoonni gorsi kenname kamiyyuu, Caaffata Qulqullaaʼoorratti kan hundaaʼe taʼuusaa akka hubatan gargaari. (Tit. 1:9) Yeroo baayʼee daqiiqaan kennamu murtaaʼaa waan taʼeef, qabxiiwwan dabalataa itti idaʼuun hin dandaʼamu.

      Karaa garabiraammoo, kutaa Tajaajila Mootummaa sanarratti hin argamne akka dhiheessitu gaafatamuu dandeessa. Yaanni Masaraa Eegumsaarratti baʼe ykn kuticha ilaalchisee qajeelfamni muraasni kennamee taʼuu dandaʼa. Barumsa dhihaatee wajjin haala wal qabateen, wanta gumichaaf barbaachisu tilmaama keessa galchitee dhiheessuun itti gaafatamummaakeeti. Fakkeenya ykn muuxannoo gabaabaa barumsichaaf taʼu fayyadamuun si barbaachisa taʼa. Itti gaafatamummaankee, kuticha dhiheessuu qofa utuu hin taʼin, dhaggeeffattoonni wanta Dubbiin Waaqayyoo ajaju gammachuudhaan akka raawwatan karaa isaan jajjabeessuun dhiheessuu akka taʼe yaadadhu.—HoE. 20:20, 21.

      Kutaakee yommuu qophooftu, waaʼee miseensota gumiikee yaadi. Wanta isaan raawwataniif galateeffadhu. Gorsa barreeffama kutaa irraa dhiheessiturratti argamu hojiirra oolchuunsaanii, tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼaniifi gammachuu akka argatan kan isaan gargaaru akkamitti?

      Kutaankee hojiin argisiisa ykn gaafannoo qabaa? Taanaan, dursitee akka gaariitti qophii gochuu qabda. Hojiin argisiisa ykn gaafannoo kana namni garabiraan akka sii qindeessu gochuuf qoramta taʼa; haataʼu malee akkas gochuun yeroo baayʼee gaarii hin taʼu. Hanga sii dandaʼametti, hojiin argisiisichas taʼe gaafannoo sana guyyaan walgaʼichaa gaʼuusaa dura obboloota kuticharratti qooda fudhatanii wajjin shaakalaa. Wantoonni kunis kutaa barumsichaa waan taʼaniif, karaa barumsicha miidhagsuun dhihaachuusaa mirkaneessuu qabda.

      Walgaʼiiwwan Gurguddaa

      Obboloonni dhiiraa karaa hafuuraa ejjennoo cimaa qabaniifi haasaa sabaa akka gaariitti dhiheessan, walgaʼiiwwan gurguddaarratti haasaa akka dhiheessan ramadamuu dandaʼu. Walgaʼiiwwan kun yeroo addaa Yihowaarraa itti barannudha. Kutaan akka dhiheessituuf sii kennamu, barreeffama dubbisaan ykn tooriirraa dhihaatu, qajeelfama diraamaa Macaafa Qulqulluu ykn barreeffama qajeelfama keeyyata tokko qofa qabate taʼuu dandaʼa. Walgaʼiiwwan akkasiirratti haasaa dhiheessuuf mirga yoo argatte, kutaa sii kenname irra deddeebiʼii dubbisi. Faayidaan barumsichaa hanga sii galutti irra deddeebiʼii qayyabadhu.

      Obboloonni kutaan dubbisaan dhihaatu isaaniif kenname, kuticha kallattiidhaan dubbisuu qabu. Akkaataa taaʼumsa jechootaa ykn yaadasaarratti jijjiirama gochuu hin qaban. Qabxiiwwan ijoon warra kam akka taʼaniifi akkamitti akka qindeeffaman hanga isaanii galutti qayyabachuu qabu. Bakka sirrii taʼetti jabeessuufi miira hoʼaadhaan dubbisuuf, karaa jaalala akka qabaniifi akka itti amanan argisiisuun, akkasumas sagalee namoota hedduutti dhagaʼamuun shaakalu.

      Obboloonni kutaasaanii tooriirraa dhiheessanimmoo, yaada tooricharratti argamu keessaa utuu hin baʼin dhiheessuu qabu. Obboloonni kun kuticha kallattiidhaan dubbisuu ykn haasaa dubbisaan dhihaatu fakkeessanii dhiheessuu mannaa, jecha mataasaaniitiin garaadhaa dhiheessuu qabu. Haasicha akka gaariitti ibsuu akka dandaʼanitti, daqiiqaawwan qabxii gurguddaadhaaf kennaman sirriitti hordofuun barbaachisaadha. Yaadawwaniifi caqasawwan qabxii gurguddaa jalatti argaman akka gaariitti ibsuu qabu. Wantoota dhuunfaatti isaan tuqan itti dabaluuf jecha, barumsawwan tooricharratti argaman hambisuu hin qaban. Buʼuurri barumsichaa Dubbii Waaqayyoo akka taʼe beekamaadha. Itti gaafatamummaan jaarsolii ‘dubbicha lallabuudha.’ (2 Xim. 4:1, 2) Kanaaf, obboloonni haasaa dhiheessan, caqasawwan toorii sana keessatti argamaniif xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan, sababii itti caqasaman, akkasumas yaada ibsamaa jiruu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban addeessuu qabu.

      Harʼa Bor Hin Jedhin

      Yeroo baayʼee gumiirratti kutaa dhiheessuuf carraa ni argattaa? Haasaa sii kennamu akka gaariitti qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti? Saʼaatii dhumaarratti qophaaʼuurraa of qusadhu.

      Kutaa gumicha fayyadu dhiheessuun akka gaariitti irratti yaaduu gaafata. Kanaaf, akkuma kutaan sii kennameen dubbisuu amaleeffadhu. Akkas gochuunkee wantoota garabiraa raawwachaa barumsicharratti xiinxaluuf si gargaara. Guyyoota ykn torban barumsicha itti dhiheessitu dura jiranitti yaadawwan barumsicha karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen dhiheessuuf si gargaaran dhageessa taʼa. Haalawwan barumsichi caalaatti barbaachisaa akka taʼu godhan uumamuu dandaʼu. Kutaan dhiheessitu akkuma si gaʼeen dubbisuufi irratti yaaduu jalqabuun yeroo gaafata; haataʼu malee buʼaan argamu kan nama kiisudha. Kutaa sii kenname qophaaʼuu yommuu jalqabdu, faayidaa dursanii qophaaʼuun qabu hubatta. Akkasitti qophaaʼuun, dhiphina kan hirʼisu taʼuusaarrayyuu, barumsicha karaa hojiirra ooluufi garaa dhaggeeffattootaa tuquu dandaʼuun dhiheessuuf gargaara.

      Qophii Yihowaan sabasaa barsiisuuf godherratti hirmaachuuf mirga argatteef bakka guddaa kan kennitu yoo taʼe, Yihowaadhaaf ulfina argamsiista; namoota isa jaallataniifis eebba taata.—Isa. 54:13; Rom. 12:6-8.

  • Haasaa Sabaa Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
    • Haasaa Sabaa Qophaaʼuu

      GUMIIWWAN Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu keessatti, torban torbaniin haasaan sabaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe ni dhihaata. Jaarsa ykn tajaajilaa gumii yoo taate, haasaa sabaa gaarii dhiheessuu ykn barsiisaa gaarii taʼuudhaan beekamtaa? Taanaan, haasaa sabaa akka dhiheessitu ramadamuu dandeessa. Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, obboloonni kuma hedduutti lakkaaʼaman mirga kanaaf gaʼeessota akka taʼan gargaareera. Haasaan sabaa yommuu sii kennamu qophiikee maalirraa jalqabuu qabda?

      Tooriicha Qayyabadhu

      Qorannaa akkamiiyyuu gochuukee dura, toorii sii kenname dubbisuufi irratti xiinxaluudhaan yaadasaa argadhu. Ijoosaa, jechuunis mataduree haasichaarratti yaadi. Dhaggeeffattoota waaʼee maalii barsiista? Kaayyoonkee maalidha?

      Matadureewwan xixiqqaa akka gaariitti hubadhu. Qabxiiwwan ijoo taʼan qalbeeffadhu. Qabxiiwwan gurguddaan hundi matadureesaa wajjin akkamitti wal qabatu? Qabxiiwwan gurguddaa jalatti qabxiiwwan xixiqqaan muraasni ibsamaniiru. Yaadawwan mataduree xixiqqaa deggeranimmoo, isaan jalatti kennamaniiru. Yaadawwan mataduree xixiqqaa jalatti argaman akkamitti isa duraa wajjin akka wal qabataniifi gara mataduree xiqqaa ittaanuutti akka ceʼan, akkasumas kaayyoo haasichaa galmaan gaʼuuf akkamitti akka gargaaran qalbeeffadhu. Ijoosaa, jechuunis kaayyoo haasichaa hubachuudhaan, qabxiiwwan gurguddaan kaayyoo kana akkamitti akka galmaan gaʼan yoo qalbeeffatte, haasicha balʼisuuf qophoofteetta jechuudha.

      Jalqabarratti, haasaakee haasaa xixiqqaa garaagaraa afur ykn shan qabuufi qabxiiwwan gurguddaa qabu gootee ilaaluunkee gaarii taʼuu dandaʼa. Sana booda tokko tokkoon qophaaʼi.

      Tooriin qophiidhaaf qofa si gargaara. Kallattiidhaan akka irraa dhiheessituuf kan qophaaʼe miti. Haasaan kun mana ijaaramaa jiruu wajjin wal fakkaata. Manni kun keenyan, bantii, balbalaafi wantoota mana jireenyaatiif barbaachisan hunda qabaachuu qaba.

      Caaffata Qulqullaaʼootti Fayyadamuu

      Yesusiifi bartoonnisaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼanii barsiisu turan. (Luq. 4:16-21; 24:27; HoE. 17:2, 3) Atis akkas gochuu dandeessa. Haasaankee Caaffata Qulqullaaʼoorratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Yaadawwan tooriirratti argaman ibsuu mannaa, yaadawwan kun deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo kan qaban taʼuusaanii erga qalbeeffattee booda isaanirratti hundaaʼii barsiisi.

      Haasaa yommuu qophooftu caqasoota kennaman hunda baasii dubbisi. Yaada naannoosaatti argamu qalbeeffadhu. Caqasoonni tokko tokko haalawwan dhimma sana duuba jiran ifa gochuuf qofa kan galan taʼuu dandaʼu. Yeroo haasaa dhiheessitu caqasoota hunda dubbistee yaada irratti kennuu qabda jechuu miti. Caqasoota dhaggeeffattootaaf caalaatti barbaachisaa taʼan filadhu. Caqasoota toorichaarratti yoo xiyyeeffatte, caqasoota dabalataatti fayyadamuun si hin barbaachisu taʼa.

      Haasaankee buʼa qabeessa taʼuunsaa caqasoota baayʼeetti fayyadamuurratti utuu hin taʼin, akka gaariitti barsiisuu keerratti kan hundaaʼedha. Caqasa tokko yommuu caqastu, sababasaa ibsi. Caqasoota sana yaadasaa wajjin akka gaariitti wal qabsiisuu qabda. Caqasa tokko erga dubbistee booda yommuu ibsitu Macaafa Qulqulluu hin cufin. Dhaggeeffattoonnis akkasuma gochuunsaanii hin oolu. Fedhii dhaggeeffattootaa kakaasuufi karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen Dubbii Waaqayyoorraa faayidaa akka argatan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? (Nah. 8:8, 12) Ibsuu, fakkeenyatti fayyadamuufi akkamitti hojiirra ooluu akka dandaʼu ibsuudhaan kana gochuu dandeessa.

      Ibsuu. Caqasa ijoo taʼe ibsuuf yommuu qophooftu, akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hiikni caqasa kanaa maalidha? Haasaakoo keessatti kanan itti fayyadamu maaliifi? Dhaggeeffattoonni caqasa kana ilaalchisee maal jedhanii akka of gaafatan godha?’ Yaanni naannoo caqasichaa, haalli duuba caqasichaa, yoomessiifi humni jechoota sanaa, akkasumas kaayyoon nama caqasa kana barreessee maal akka taʼe hubachuun si barbaachisa taʼa. Kunimmoo qorannaa gochuu gaafata. Barreeffamoota “hojjetaan amanamanii fi ogeessi” qopheesse keessatti, odeeffannoo hedduu argachuu dandeessa. (Mat. 24:45-47) Waaʼee caqasichaa wantoota hunda ibsuuf yaaluu mannaa, haala barumsichaa wajjin wal qabateen dhaggeeffattoonni caqasicha akka dubbisan kan barbaadde maaliif akka taʼe ibsi.

      Fakkeenyatti Fayyadamuu. Fakkeenyatti yommuu fayyadamtu kaayyoonkee, dhaggeeffattoonni hubannaasaanii akka guddifatan, qabxii ykn seera buʼuuraa ibsaa jirtu tokko akka yaadatan gargaaruudha. Fakkeenyatti fayyadamuun, namoonni wanta dubbachaa jirtu hubachuudhaan, wanta kanaan dura beekanii wajjin akka wal qabsiisan gargaara. Yesusis Lallabasaa Isa Gaaraa beekamaa taʼerratti akkasuma godheera. “Simbirroota qilleensa keessa balaliʼan,” ‘daraarota bakkee,’ “karaa isa dhiphoo,” ‘mana dhagaarratti ijaarameefi’ fakkeenyawwan hedduu kanaa wajjin wal fakkaatanitti fayyadamuunsaa, barumsisaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatu, ifaafi kan hin irraanfatamne akka taʼu godheera.—Mat. boq. 5–7.

      Akkamitti Hojiirra Akka Oolu Ibsuu. Caqasa tokko ibsuufi fakkeenyatti fayyadamuun beekumsa namaa dabala; haataʼu malee buʼaa kan argamsiisu barumsicha hojiirra oolchuudha. Ergaa Macaafa Qulqulluu dhagaʼanii hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa dhaggeeffattootaa akka taʼe beekamaadha; taʼus maal gochuu akka qaban akka hubatan isaan gargaaruu dandeessa. Dhaggeeffattoonni caqasa irratti mariʼatamaa jiru akka hubataniifi haasaa dhihaachaa jiruu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuusaanii erga mirkaneeffattee booda, caqasichi amantiifi amalasaaniirratti dhiibbaa gaarii akkamii akka geessisu akka qalbeeffatan gargaari. Yaada ykn gocha dogoggoraa dhugaa Macaafa Qulqulluu ibsamaa jiruu wajjin wal hin simnerraa fagaachuun faayidaa akkamii akka qabu addeessi.

      Caqasoonni akkamitti hojiirra ooluu akka qaban ibsuu yommuu yaaddu, dhaggeeffattoonni haala addaddaa keessaa akka dhufaniifi ilaalcha garaagaraa akka qaban hin dagatin. Tarii namoonni fedhii qaban, dargaggoonni, maanguddoonniifi namoonni rakkoo garaagaraa wajjin waldhaansoo wal qaban jiru taʼa. Kanaaf karaa dhaggeeffattoonni faayidaa irraa argachuu dandaʼaniin dhiheessi. Namoota muraasa qofa yaadatti qabattee gorsa kennaa kan jirtu hin fakkaatin.

      Murtoowwan Obboleessa Haasaa Dhiheessuuf Dhiifaman

      Haasaakee ilaalchisee wantoonni tokko tokko dursanii murteeffamaniiru. Qabxiiwwan gurguddaaniifi saʼaatiin matadureewwan xixinnoo ibsuuf barbaachisan ifatti kan kaaʼaman siʼa taʼu, murtoowwan kaan garuu siif dhiifamaniiru. Matadureewwan xixiqqaa tokko tokko ibsuuf warra kaan caalaa yeroo balʼaa ramaduu filatta taʼa. Matadureewwan xixiqqaa hunda wal qixxee ibsuun qaba jettee hin yaadin. Akkas gochuun, barumsicha irra fiiguudhaan yaada hedduu dhaggeeffattoota nuffisiisu akka dhiheessitu si dirqisiisuu dandaʼa. Qabxii isa kam balʼistee ibsuu, isa kam gabaabsitee ibsuu ykn akkasumaan dubbattee bira darbuu akka dandeessu murteessuuf maaltu si gargaara? Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ijoo haasichaa dabarsuuf qabxiiwwan na gargaaran kamfaʼi? Qabxiiwwan dhaggeeffattoota caalaatti gargaaruu dandaʼan warra kami? Caqasa tokkoofi yaada caqasichaa wajjin walitti dhufeenya qabu yoon dhiise, ragaan dhiheessu na jalaa laaffisaa?’

      Yaada tilmaamarratti hundaaʼe ykn ilaalcha dhuunfaa itti dabaluurraa of qusadhu. Ilma Waaqayyoo kan taʼe Yesus Kiristosillee, yaada ‘ofiisaa hin dubbanne.’ (Yoh. 14:10) Namoonni walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaarratti kan argaman, Macaafni Qulqulluun yommuu ibsamu dhaggeeffachuuf akka taʼe qalbeeffadhu. Haasaa gaarii dhiheessuudhaan beekamta taanaan, maqaa akkasii kan argatte, namoonni sirratti utuu hin taʼin Dubbii Waaqayyoorratti akka xiyyeeffatan waan gooteef akka taʼe beekamaadha. Namoonni haasaakee kan dinqisiifatan akkas yoo gootedha.—Filp. 1:10, 11.

      Toorii qabxiiwwan buʼuuraa qofa qabu balʼisuudhaan, haasaa gaarii caqasoota gadi fageenyaan ibsu waan qopheessiteef, amma haasaakee shaakaluun si barbaachisa. Sagalee dhageessistee shaakaluunkee gaariidha. Kaayyoon shaakalakee inni guddaan, qabxiiwwan hunda sammuutti qabachuudha. Amantii guutuu akka qabdu karaa argisiisuun, karaa jireenya namaa tuquufi miira hoʼaadhaan dhiheessuu qabda. Haasaa dhiheessuukee dura akkas jedhii of gaafadhu: ‘Kaayyoonkoo maalidha? Qabxiiwwan gurguddaan ifatti kaaʼamaniiruu? Haasaankoo Caaffata Qulqullaaʼoorratti kan hundaaʼedhaa? Qabxii gurguddaan qabxii ittaanuu wajjin salphaatti wal qabataa? Haasichi, dhaggeeffattoonni Yihowaafi qophiisaa akka dinqisiifatan kan gargaarudhaa? Yaanni xumuraa kallattiidhaan matadureesaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu, dhaggeeffattoonni maal gochuu akka qaban kan hubachiisuufi hojiidhaaf kan isaan kakaasudhaa?’ Gaaffiiwwan kanaaf deebii eeyyee jedhu kennita taanaan, haasaakee karaa gumicha fayyaduufi Yihowaadhaaf ulfina fiduun dhiheessuudhaan ‘beekumsa dhageessisuuf’ qophoofteetta jechuudha!—Fak. 15:2.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi