-
Sagalee Ga’aaMana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
-
-
Qayyabannaa 8
Sagalee Ga’aa
NAMNI haasaa sabaa dhiheessu sagalee gaʼaadhaan hin dubbatu taanaan, dhaggeeffattoonni tokko tokko muguu dandaʼu. Babalʼisaan tokko tajaajilarratti sagalee gaʼaadhaan hin dubbatu yoo taʼe, namoonni xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffachuu dhiisuu dandaʼu. Walgaʼiirrattis, dhaggeeffattoonni yommuu deebii kennan sagaleensaanii akka gaariitti hin dhagaʼamu taanaan, deebiinsaanii warra kaan jajjabeessuu hin dandaʼu. (Ibr. 10:24, 25) Karaa garabiraammoo, namni haasaa dhiheessu bakka barbaachisaa hin taanetti sagaleesaa kan guddisu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni dhiphachuu ykn aaruu dandaʼu.—Fak. 27:14.
Dhaggeeffattootakee Tilmaama Keessa Galchi. Eenyutti dubbachaa jirta? Nama tokkottii? Miseensota maatii tokkoottii? Namoota muraasa walgaʼii tajaajilaarratti argamanittii? Guutummaa gumichaattii? Moo namoota walgaʼii guddaarratti argamanitti? Sagaleen isa tokkoof gaʼaa taʼe isa kaaniif gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo tokko tokko namoota hedduudhaaf haasaa dhiheessuu dandaʼu. Bara Solomoon Mootichaatti manni qulqullummaa Yerusaalemitti argamu yommuu eebbifame meeshaan sagalee guddisu hin jiru ture. Kanaaf, Solomoon siree irra ijaajjanii dubbatanirra dhaabatee “sagalee isaa ol fudhatee” sabicha eebbiseera. (1 Mot. 8:55; 2 Sen. 6:13) Waggoota hedduu booda, jechuunis Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti hafuurri qulqulluun yommuu buʼetti, namoonni fedhii qaban hedduun wanta Kiristiyaanonni muraasni Yerusaalemitti argaman dubbatan dhaggeeffachuuf walitti qabanii turan. Yeroo kanatti, Phexros “dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee” dubbatee ture. (HoE. 2:14) Karaa kanaan namoota hedduudhaaf dhugaan baʼameera.
Sagaleenkee dhaggeeffattootaaf gaʼaa taʼuusaa akkamitti beekuu dandeessa? Malli inni tokko haala dhaggeeffattootaa qalbeeffachuudha. Dhaggeeffattoonni tokko tokko sagaleekee dhagaʼuun akka isaan rakkise yoo hubatte, sagaleekee dabaluuf carraaqqii gochuu qabda.
Dubbachaa kan jirru nama tokkottis taʼe namoota muraasatti, dhaggeeffattoota keenya tilmaama keessa galchuun barbaachisaadha. Namni tokko akka gaariitti dhagaʼuun kan isa rakkisu yoo taʼe, sagaleekee ol kaasuun si barbaachisa taʼa. Haataʼu malee, waan dulloomaniif qofa sagaleekee ol kaastee kan dubbattu yoo taʼe isaan mufachiisuu dandaʼa. Iyyitee dubbachuunkee waan isaan tuffatte si fakkeessuu dandaʼa. Aadaa tokko tokko keessatti iyyanii dubbachuun dheekkamsa ykn obsa dhabuu kan argisiisu fakkaachuu dandaʼa.
Sagalee Nama Jeequ Tilmaama Keessa Galchi. Tajaajilarratti yommuu hirmaattu, haalli yeroo sanatti uumame sagalee ittiin dubbattu murteessuuf si dirqisiisu dandaʼa. Tarii sagalee konkolaataa, waca ijoollee, iyya saree, muuziqaafi televijiinii garmalee iyyurra caaluun dubbachuu si barbaachisa taʼa. Karaa garabiraammoo, naannoo manneen garmalee walitti maxxananii jiranitti haala xiyyeeffannaa ollaasaanii harkisuun sagaleekee ol kaastee dubbachuun nama haasofsiistu qaanessuu dandaʼa.
Obboloonni gumiirratti ykn walgaʼii gurguddaarratti haasaa dhiheessanis haalli garaagaraa isaan mudachuu dandaʼa. Namoota dirreerratti walitti qabaniif haasaa dhiheessuufi galma meeshaa sagalee qabu keessatti walgaʼaniif haasaa dhiheessuun garaagarummaa qaba. Laatiin Ameerikaa keessatti misiyoononni lama guyyaa ayyaanaatti richitii naannoosaaniitti dhukaafamuufi sagaleen kormaa indaanqoo utuu isaan jeequu mooraa nama fedhii argisiise tokko keessatti haasaa sabaa dhiheessuuf dirqamaniiru.
Utuu haasaa dhiheessaa jirtuu, haalli akka takka turtu ykn sagaleekee akka ol kaastu si dirqisiisu uumamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, walgaʼichi mana qorqorroo keessatti kan geggeeffamu yoo taʼeefi akka tasaa bokkaa yandoon roobuu yoo jalqabe, dhaggeeffattoonni haasaa dhihaachaa jiru dhagaʼuun isaan rakkisuu dandaʼa. Daaʼimni booʼu ykn sagaleen namoonni saʼaatii dabarsanii dhufan dhageessisan jeequmsa akka uumu beekamaadha. Dhaggeeffattoonni yaannisaanii utuu hin hiramin haasaa dhiheessiturraa faayidaa guutuu akka argatan gochuuf tarkaanfii tokko fudhachuu qabda.
Meeshaan sagalee guddisu jiraachuunsaa kan si gargaaru taʼus, haalli sagaleekee akka ol kaastu si dirqisiisu uumamuu dandaʼa. Naannoo tokko tokkotti darbee darbee ibsaan waan baduuf, namoonni haasaa dhiheessan sagaleesaanii ol kaasanii dubbachuuf dirqamu.
Barumsicha Tilmaama Keessa Galchi. Qabiyyeen barumsichaas, sagaleekee ol kaasuufi hirʼisuurratti jijjiirama fida. Barumsichi sagalee guddaadhaan dhihaachuu kan qabu yoo taʼe, sagaleekee laaffistee dubbachuudhaan barumsicha humna hin dhabsiisin. Fakkeenyaaf, caqasa jaalala argisiisu caa laa, caqasa ergaa balaaleffannaa dabarsu yommuu dubbistu sagaleekee guddisuu qabda. Sagaleenkee barumsichaa wajjin kan walsimu taʼuu qaba; haataʼu malee, yeroo kanatti xiyyeeffannaa namootaa akka ofitti hin harkisne of eeggannoo godhi.
Kaayyookee Tilmaama Keessa Galchi. Hinaaffaa dhaggeeffattootaa kakaasuu yoo barbaadde, sagaleekee ol kaastee dubbachuun si barbaachisa taʼa. Ilaalchasaanii akka jijjiiran gochuu yoo barbaaddemmoo, garmalee sagaleekee ol kaasuudhaan si dhaggeeffachuuf fedha akka dhaban gochuurraa of eeggadhu. Isaan jajjabeessuu yoo barbaadde garuu, yeroo baayʼee sagalee laafaadhaan dubbachuu qabda.
Sagalee Gaʼaa Taʼetti Fayyadami. Namni hojiitti qabame xiyyeeffannaa akka sii kennu yoo barbaadde, yeroo baayʼee sagaleekee ol kaastee dubbachuun si gargaaruu dandaʼa. Warri waan kana beekaniif, ijoolleensaanii tapha dhaabanii gara manaatti akka deebiʼaniif sagaleesaanii guddisanii isaan waamu. Kana malees, obboleessi gumiirratti ykn walgaʼii gurguddaarratti dura taʼaa taʼee hojjetu, obboloonni iddoosaanii akka qabatan sagaleesaa ol kaasee dubbachuun isa barbaachisa taʼa. Babalʼistoonnis tajaajilarratti yommuu hirmaatan, namoota hojiitti qabamanii jiran sagaleesaanii ol kaasanii nagaa gaafachuun barbaachisaadha.
Namni tokko xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffachuu erga jalqabee booda, sagalee akka gaariitti dhagaʼamuun dubbachuunkee barbaachisaadha. Namni tokko sagalee akka gaariitti hin dhagaʼamneen yoo dubbate, qophii gaarii kan hin gooneefi wanta dubbachaa jirurratti amantii kan hin qabne isa fakkeessuu dandaʼa.
Karaa ajaja fakkaatuun sagaleekee ol kaastee dubbachuunkee namoota hojiidhaaf kakaasuu dandaʼa. (HoE. 14:9, 10) Kana malees, ajajni sagalee guddaadhaan kennamu namoonni balaarraa akka of eegan akeekkachiisuu dandaʼa. Filiphisiiyusitti, namni mana hidhaa eegu tokko namoonni hidhaman waan jalaa miliqan itti fakkaatee of ajjeesuuf kaʼee ture. “Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan, ‘Waa of hin godhin! Nuyi hundumti keenya as jirra’ jedhee itti iyyee.” Kanaan kan kaʼes namichi utuu of hin ajjeesin hafe. Sana boodas, Phaawulosiifi Siilaas nama mana hidhaa eegu kanaafi maatiisaatiif dhugaa kan baʼan siʼa taʼu, inniifi maatiinsaas amantoota taʼaniiru.—HoE. 16:27-33.
Sagaleekee Guddisuu Kan Dandeessu Akkamitti? Namoonni tokko tokko sagalee gaʼaadhaan dubbachuuf carraaqqii dabalataa gochuun isaan barbaachisa. Namni tokko sagaleensaa dadhabaa yoo taʼe, wanti inni dubbatu akka gaariitti kan hin dhagaʼamne taʼuu dandaʼa. Sagaleensaa jijjiiramuu baatus, carraaqqii gochuusaa yoo itti fufe gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu dandaʼa. Akkaataa itti hafuura baafattuufi itti dhaabattuuf xiyyeeffannaa kenni. Sirriitti taaʼuufi dhaabachuu shaakali. Gatiittiikee gara duubaatti gochuudhaan qilleensa gaʼaa fudhadhu. Kutaawwan sombakee warra gajjallaa qilleensaan guuti. Yommuu dubbattu sagaleekee toʼachuu kan dandeessu, qilleensa kutaa sombakee isa gajjallaatti kuufame sirriitti toʼachaa yoo dubbattedha.
Warri kaanimmoo yommuu dubbatan garmalee iyyu. Tarii barsiifata akkasii kan qabaatan, bakkeedhaa ykn naannoo wacni itti baayʼatu keessaa waan hojjetaniif taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo naannoo namoonni hundi wacanii itti dubbataniifi haasaa namootaa gidduu seenuun beekamaa itti taʼetti waan guddataniif taʼuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, namoonni akka isaan dhaggeeffataniif warra kaan caalaa sagaleesaanii ol kaasanii dubbachuu akka qaban itti dhagaʼama. Haataʼu malee, gorsa Macaafni Qulqulluun, “araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas” akka uffatan kennu hojiirra yommuu oolchan, sagaleesaanii hirʼisanii namootaa wajjin dubbachuu jalqabu.—Qol. 3:12.
Qophii gaarii gochuu, yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuufi kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuunkee sagalee gaʼaadhaan akka dubbattu si gargaaruu dandaʼa. Waltajjiirraa yommuu haasaa dhiheessitus taʼe, nama tajaajilarratti argattee wajjin yommuu mariʼattu, namni haasofsiisaa jirtu wanta dubbatturraa faayidaa akka argatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti akka taʼe irratti yaadi.—Fak. 18:21.
-
-
Sagalee JijijjiiruuMana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
-
-
Qayyabannaa 9
Sagalee Jijijjiiruu
BAKKA sirrii taʼetti jabeessitee dubbachuunkee, dhaggeeffattoonni wanta dubbachaa jirtu akka hubatan gargaara. Hanga sagalee, saffisaafi akka haalasaatiif taʼutti sagaleekee gegeddaruun, haasaankee dhaggeeffachuuf kan namatti tolu akka taʼu godha. Kana malees, dhaggeeffattoonni wanta dubbachaa jirtuuf maaltu akka sitti dhagaʼamu akka hubatan gargaara. Haasaa dhiheessituuf ilaalchi ati qabdu, ilaalcha isaan barumsichaaf qabanirratti jijjiirama fiduu dandaʼa. Yaanni kun waltajjiirraa yommuu dubbattu ykn nama tajaajilarratti argattee wajjin yommuu mariʼattus ni hojjeta.
Sagaleen namaa, kennaa dinqisiisaa akka haalasaatti gegeddaramuu dandaʼudha. Sirriitti yoo itti fayyadamte, haasaa garaafi miira dhaggeeffattootaa tuqu, akkasumas hojiidhaaf isaan kakaasu dhiheessuu dandeessa. Taʼus, bakka itti sagaleekee dabaltu ykn hirʼistu, akkasumas bakka itti saffisakeefi akka haalasaatiif taʼutti sagaleekee gegeddartu yaadannoo keerratti mallattoo waan gooteef qofa mala haasaa kana hojiirra oolchuu dandeessa jechuu miti. Mallattoo akkasii hordoftee sagaleekee kan jijijjiirtu yoo taʼe, haasaankee kan nama hin gammachiisne taʼa. Haasaankee hojiidhaaf kan nama kakaasuufi kan nama gammachiisu akka taʼu gochuu mannaa, dhaggeeffattoonni akka dhiphatan godha. Karaa sirrii taʼeen sagalee jijijjiiruun keessa ofiitii madduu qaba.
Mala haasaa kanatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuun, dhaggeeffattoonni nama haasaa dhiheessurratti utuu hin taʼin barumsicharratti akka xiyyeeffatan godha.
Sagalee Jijijjiiruu. Karaan sagalee qoonqookee keessaa baastu itti gegeddartu inni tokko hanga sagaleekee jijijjiiruudha. Kana jechuun garuu darbanii darbanii sagalee dabaluu ykn hirʼisuu jechuu miti. Akkas gochuun ergaa barumsichaa dhoksuu dandaʼa. Irra deddeebitee sagaleekee ol kaastee kan dubbattu yoo taʼe, haasaankee kan nama hin gammachiisne taʼa.
Hangi sagaleekee barumsa dhihaachaa jiruuf mijaaʼaa taʼuu qaba. Abboommii ariifachiisaa Mulʼata 14:6, 7 ykn Mulʼata 18:4 ykn haasaa amantii cimaa qabaachuu gaafatuufi Baʼuu 14:13, 14rratti argaman yommuu dubbistu, sagaleekee ol kaastee dubbisuunkee gaarii taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, yaada Ermiyaas 25:27-38rra jiruufi ergaa balaaleffannaa dabarsu yommuu dubbistu, sagaleekee jijijjiiruun yaadawwan achi keessatti argaman tokko tokko caalaatti ifa gochuuf gargaara.
Kaayyoo haasaakees tilmaama keessa galchi. Dhaggeeffattootakee hojiidhaaf kakaasuumoo, ijoo barumsichaa ifa gochuufii barbaadda? Karaa sirrii taʼeen sagaleekee ol kaasuun kaayyookee galmaan gaʼuuf si gargaara. Haataʼu malee, akkasumaan sagaleekee ol kaastee dubbachuun kaayyookee galmaan sii gaʼuu hin dandaʼu. Maaliif? Tarii wanti ati dubbattu sagaleekee akka ol kaastu utuu hin taʼin, miira haalasaatiif taʼu akka argisiistu kan gaafatu taʼuu dandaʼa. Waaʼee kanaa Qayyabannaa 11rratti ilaalla.
Bakka sirrii taʼetti sagaleekee hirʼistee dubbachuunkee, dhaggeeffattoonni hawwiidhaan akka si dhaggeeffatan kakaasuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeruma sana sagaleekee ol kaastee miira hoʼaadhaan dubbachuun si barbaachisa. Sagalee hirʼisanii saffisaan dubbachuun, dhiphina ykn sodaa argisiisuu dandaʼa. Sagalee hirʼisanii dubbachuun, wanti dubbatamaa jiru tokko hamma yaada isa kaanii barbaachisaa akka hin taane argisiisuu dandaʼa. Hanga xumuraatti sagaleekee hirʼistee kan dubbattu yoo taʼe, wanta dubbachaa jirtu kan shakkitu ykn akka itti hin amanne, akkasumas akka itti hin gammanne fakkeessuu dandaʼa. Kanaaf, eessatti sagaleekee hirʼisuun akka si barbaachisu hubachuu qabda.
Saffisakee Jijijjiiri. Yommuu namootaa wajjin dubbannu, utuu hin dhiphatin yaada keenya dabarsuu dandeenya. Wanta nu dinqisiisu ariitiidhaan dubbanna. Wanta dubbanne namoonni akka yaadatan yommuu barbaannummoo, suuta jennee dubbanna.
Haataʼu malee, namoonni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo hin qabne tokko tokko saffisa ittiin dubbatan hin jijijjiiran. Maaliif? Jechoota yaadasaanii ittiin ibsanirratti garmalee waan xiyyeeffataniifidha. Tarii jechoota kana guutummaatti barreessu taʼa. Haasaasaanii dubbisaan dhiheessuu baataniyyuu, jechoota kana sammuutti qabataniiru taʼa. Kanaan kan kaʼes, hanga dhumaatti saffisni haasaasaanii kan wal fakkaatu taʼa. Yeroo hunda tooriirratti hundaaʼuudhaan haasaa dhiheessuun, gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuuf gargaara.
Adurreen suuta adeemaa jirtu yommuu saree argitu akkuma fiigdu, atis dingata sagaleekee hin dabalin. Matumaa wanti ati dubbattu dhagaʼuuf hanga rakkisaa taʼuutti saffisaan hin dubbatin.
-