-
Sochii QaamaaMana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
-
-
Qayyabannaa 12
Sochii Qaamaa
AADAA tokko tokko keessatti namoonni sochii qaamaatti akka gaariitti fayyadamu; iddoo tokko tokkottimmoo haallisaa kanarraa adda taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee namoonni hundi warra kaanii wajjin yommuu mariʼatan ykn yommuu haasaa dhiheessan, miira fuulasaaniirraa mulʼatu dabalatee sochii qaamaa tokko tokko gochuunsaanii hin oolu.
Yesusiifi bartoonnisaa sochii qaamaatti ni fayyadamu turan. Gaaf tokko namni tokko haatikeefi obboloonnikee si barbaadu jedhee itti himuuf gara Yesus dhufe. Macaafni Qulqulluun Yesusis, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyufaʼi?” jedhee erga gaafatee booda, “Harka isaas gara bartoota isaatiitti qabee, ‘Kunoo ti haati koo, obboloonni koos!ʼ” jedhee akka dubbate ibsa. (Mat. 12:48, 49) Hojiin Ergamootaa 12:17fi 13:16, Phexrosiifi Phaawulos sochii qaamaatti fayyadamuusaanii kan ibsu siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun seenaa kanaa wajjin wal fakkaatan hedduu qabateera.
Sagaleedhaan qofa utuu hin taʼin, sochii qaamaattis fayyadamanii yaadaafi miira ofii ibsuun ni dandaʼama. Namni haasaa dhiheessu mala kanatti karaa sirrii taʼeen hin fayyadamu taanaan, haasichaaf dantaa waan hin qabne isa fakkeessuu dandaʼa. Haataʼu malee sochii qaamaatti akka gaariitti fayyadamuun, haasichi caalaatti buʼa qabeessa akka taʼu gochuurratti shoora guddaa qaba. Yeroo bilbilaan haasoftullee akka barbaachisummaasaatti sochii qaamaa kan gootu yoo taʼe, ergaankee barbaachisaa akka taʼeefi dhimma sana ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu sagalee keerraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaaf, yommuu dubbattus taʼe yommuu dubbistu, yommuu dhaggeeffattoonni si ilaalanis taʼe yommuu Macaafa Qulqulluu baasanii si hordofan, sochii qaamaa argisiisuunkee barbaachisaadha.
Sochiin qaamaa argisiistu kan qayyabatame fakkaachuu hin qabu. Kolfa ykn dheekkamsa namoota kaanirraa hin baranne. Kanaaf, sochiin qaamaa wanta sitti dhagaʼamu kan argisiisu taʼuu qaba. Sochiin kun itti dhiphattee utuu hin taʼin, keessa keetii yoo dhufe caalaatti gaarii taʼa.
Sochiin qaamaa bakka lamatti kan hiramu siʼa taʼu, isaanis yaada tokko kan ibsan ykn kan jabeessan jedhamuudhaan beekamu. Ibsitoonni gocha kan ibsan ykn hangaafi kallattii kan argisiisanidha. Qabxii sochii qaamaa jedhurratti akka hojjettu kutaan yommuu sii kennamu, sochii qaamaa tokko ykn lama qofa argisiisuun gaʼaadha jettee hin yaadin. Guutummaa haasaakee keessatti karaa sirrii taʼeen sochii qaamaa garaagaraatti fayyadamuu yaali. Akkas gochuun kan si rakkisu yoo taʼe, kallattii, fageenya, balʼina, iddoo ykn jechoota kallattii taaʼumsaa argisiisaniif xiyyeeffannaa kennuunkee gaarii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, namoonni waaʼeekee maaltu akka itti dhagaʼamu yaaduudhaan dhiphachuu mannaa, yaannikee barumsichatti akka qabamu gochuudhaan haasaafi sochiin qaamaa argisiistu kan uumamaan argatte akka taʼu gochuunkee barbaachisaadha. Namni tokko utuu hin dhiphatin kan dubbatu yoo taʼe sochii qaamaa argisiisuun isa hin rakkisu.
Sochiin qamaa jabeessitoota jedhamanimmoo, namni haasaa dhiheessu miiraafi amantii jabaa akka qabu kan argisiisanidha. Ergaasaa jabeessuuf, ifa gochuufi caalaatti humna akka qabaatu gochuuf gargaaru. Sochiin qaamaa jabeessuu argisiisu baayʼee barbaachisaadha. Haataʼu malee, sochiin qaamaa kun barsiifata gadhee sitti taʼuu waan dandaʼuuf, of eeggannoo gochuu qabda. Irra deddeebitee sochii qaamaa wal fakkaatu kan argisiistu yoo taʼe, haasaakee miidhagsuu mannaa xiyyeeffannaa namootaa garakeetti harkisuu dandaʼa. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gama kanaan wanti fooyyessuu qabdu akka jiru yoo sitti hime, yeroo muraasaaf sochii qaamaa ibsitoota taʼanitti fayyadami. Yeroo boodammoo, sochii qaamaa jabeessitoota taʼanitti fayyadamuu dandeessa.
Sochii qaamaa jabeessitoota taʼanitti hammam fayyadamuu akka qabduufi warra kamitti utuu fayyadamtee gaarii akka taʼu murteessuuf, miira dhaggeeffattootaa tilmaama keessa galchi. Dhaggeeffattootatti quba qabuun isaan mufachiisuu dandaʼa. Aadaa tokko tokko keessatti dhiirri tokko wanta isa dinqisiise ibsuuf harkasaa afaanirra yoo kaaʼate amala durbaa akka argisiisetti ilaalamuu dandaʼa. Biyyoota tokko tokkottimmoo, dubartiin harka facaastee kan dubbattu yoo taʼe, ulfina kan namaaf hin kennine ishee fakkeessuu dandaʼa. Kanaaf, biyyoota akkasiitti obboleettonni sochii qaamaa ibsa fuulaan argisiifamutti fayyadamuunsaanii gaarii taʼa. Biyya kamittiyyuu, namni tokko namoota muraasa duratti sochii qaamaa arbeeffame argisiisa taanaan, taʼe jedhee namoota kolfisiisuu akka barbaadetti ilaalamuu dandaʼa.
Muuxannoo argachaa yommuu adeemtuufi sodaa malee dubbachuu yommuu jalqabdu, jabeessitoonni sochii qaamaa itti fayyadamtu miirakee kan ibsaniifi dhimma sanatti akka amantu kan argisiisan taʼu. Wantoonni kun haasaankee buʼa qabeessa akka taʼu godhu.
Ibsa Fuulakeerraa Mulʼatu. Yeroo baayʼee miirri sitti dhagaʼamu qaamawwankee warra kaan caalaa fuulakeerraa mulʼata. Iji, afaaniifi mataankee miirawwan kana argisiisuurratti gaʼee mataasaanii qabu. Homaa utuu hin dubbatin, dantaa dhabuun, jibbi, burjaajaʼuun, dinqisiifannaan ykn gammachuun fuulakeerraa ifatti mulʼachuu dandaʼa. Ibsi fuulaan argisiifamu akkasii wanti dubbatamaa jiru caalaatti akka ifa taʼu godha. Waaqayyo naannoo fuula keenyaatti ribuuwwan 30 ol taʼan nuu uumeera. Yommuu seeqxu qofallee ribuuwwan kana keessa walakkaasaaniitti fayyadamta.
Yommuu waltajjiirraa haasaa dhiheessitus taʼe yommuu tajaajilarratti hirmaattu, ergaa isaan gammachiisu namootatti himaa jirta. Fuula ifaa argisiisuun keemmoo, kana akka hubatan isaan gargaara. Ibsi fuulakeerraa hin mulʼatu taanaan garuu, dhaggeeffattoonni garaadhaa akka dubbattu shakkuu dandaʼu.
Kana malees, fuula ifaa argisiisuunkee gaarummaadhaan isaan haasofsiisaa akka jirtu akka itti dhagaʼamu godha. Keessumaa yeroo namoonni nama hin beekne haasofsiisuu sodaatan kanatti akkas gochuunkee barbaachisaadha. Kanaaf fuula ifaa argisiisuunkee namoonni akka hin sodaanneefi ergaakee akka dhaggeeffatan isaan gargaara.
-
-
Dhaggeeffattoota IlaaluuMana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
-
-
Qayyabannaa 13
Dhaggeeffattoota Ilaaluu
IJI keenya, ilaalchaafi miira keenya argisiisa. Dinqisiifannaan, sodaan, gara laafinni, jaalalli, shakkiin ykn gaddi ija keenyarraa mulʼachuu dandaʼa. Maanguddoon tokko ijoollee biyyasaanii rakkina hedduu waliin dabarsan ilaalchisee, “Ija keenyaan walii galla turre” jechuudhaan dubbataniiru.
Namoonni, wanta iji keenya irratti xiyyeeffaterraa kaʼuudhaan waaʼee keenyas taʼe waaʼee wanta dubbachaa jirruu tilmaamuu dandaʼu. Aadaa baayʼee keessatti, namoonni nama ijasaanii keessa ilaalaa jaalalaan isaan haasofsiisu amanuun isaanitti hin ulfaatu. Karaa garabiraammoo, namni tokko lafa ykn bakka garabiraa ilaalaa kan dubbatu yoo taʼe, garaasaatii kan dubbatu ykn dandeettii kan qabu taʼuusaa shakkuu dandaʼu. Aadaa tokko tokko keessatti, namni tokko utuu ija namarraa hin buqqifatin kan dubbatu yoo taʼe, nama ija hin fuune, kan nama tuffatu ykn akka nama mata jabeessaatti ilaalamuu dandaʼa. Keessumaa saala faallaa taʼe ykn hogganaa ykn nama aboo qabuu wajjin yommuu dubbatu ija namarraa hin buqqifatu yoo taʼe akkasitti fudhatamuu dandaʼa. Naannoo tokko tokkottimmoo, mucaan tokko namoota gurguddaa wajjin yommuu dubbatu ijasaanii keessa kan ilaalu yoo taʼe akka tuffiitti ilaalamuu dandaʼa.
Naannoo ija namaa keessa ilaaluun akka tuffiitti hin ilaalamnetti garuu, yaada barbaachisaa taʼe yommuu dubbannu, ija nama haasofsiisaa jirruu keessa ilaaluun ergaan keenya humna akka qabaatu gochuu dandaʼa. Namni dubbatu sunis dhimma sanarratti amantii akka qabu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yesus, bartoonnisaa baayʼee dinqifatanii, “Egaa eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii yommuu isa gaafatan, akkamitti deebii akka kenne qalbeeffadhu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ‘Kun namootaaf hin dandaʼamu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in dandaʼama’ isaaniin jedhe.” (Mat. 19:25, 26) Caaffanni Qulqullaaʼoon Phaawulosis, miira fuula dhaggeeffattootaarraa mulʼatu xiyyeeffannaadhaan hordofaa akka ture ibsu. Gaaf tokko yommuu Phaawulos haasaa dhiheessu, namni dhalachuusaatii jalqabee naafa taʼe tokko achitti argamee ture. Hojiin Erga mootaa 14:9, 10, “Inni achi ciisee waan Phaawulos jedhu dhaggeeffachaa ture; yommus Phaawulos ija isaa keessa ilaalee, fayyifamuudhaaf amantii akka inni qabu arge. Achumaanis sagalee guddaadhaan, ‘Kaʼii qajeelii, miilla keetiin dhaabadhu!ʼ” akka isaan jedhe dubbata.
Yaadawwan Tajaajilaaf Gargaaran. Tajaajilarratti yommuu hirmaattu jaalalaafi miira hoʼaadhaan namoota haasofsiisi. Maree jalqabuuf, wanta lamaan keessan yaaddessu ilaalchisee gaaffii tokko isa gaafachuu dandeessa. Yeroo kanatti, nama si dhaggeeffachaa jiru karaa ulfina qabuun ilaali. Namni tokko gammachuu itti dhagaʼamu fuula ifaadhaan yommuu ibsu arguun nama gammachiisa. Kunis nama akkamii akka taate akka hubatuufi sodaa malee akka si dhaggeeffatu isa gargaara.
Miira fuula nama haasofsiisaa jirturraa mulʼatu qalbeeffachuunkee wanta gochuu qabdu si hubachiisuu dandaʼa. Namichi kan aare ykn fedhii kan hin qabne yoo taʼes fuulasaarraa hubachuu dandeessa. Yaannikee yoo isaa galuu dide, dafee si biraa deemuu yoo barbaade ykn hawwiidhaan si dhaggeeffachaa kan jiru yoo taʼe, salphaatti hubachuu dandeessa. Miirri fuulasaarraa mulʼatu saffisakee akka jijijjiirtu, maricharratti akka isa hirmaachistu, maricha akka dhaabdu ykn qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu akka itti argisiistu murteessuuf si gargaaruu dandaʼa.
Namootaaf yommuu dhugaa baatus taʼe Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistu, karaa ulfina qabuun ija nama haasofsiisaa jirtuu ilaali. Haataʼu malee yeellaʼuu waan dandaʼuuf, utuu ija irraa hin buqqifatin yeroo dheeraadhaaf ijasaa keessa hin ilaalin. (2 Mot. 8:11) Darbii darbii karaa jaalala argisiisuun isa ilaali. Akkas gochuun biyyoota baayʼee keessatti garaadhaa namaaf yaaduu argisiisa. Macaafa Qulqulluurraa ykn barreeffama garabiraarraa yommuu dubbistu barreeffamicha akka ilaaltu beekamaadha. Qabxii tokko jabeessuu yommuu barbaaddu garuu yeroo gabaabaadhaaf ijasaa keessa ilaaluu barbaadda taʼa. Giddu gidduutti ijasaa keessa ilaaluunkee waaʼee wanta dubbifamaa jiruu maaltu akka itti dhagaʼamu hubachuuf si gargaara.
Kan saalfattuufi jalqabarratti nama haasofsiistu ilaalaa dubbachuun kan sitti ulfaatu yoo taʼe abdii hin kutin. Shaakalakee yommuu itti fuftu, akka barbaachisummaasaatti dhaggeeffattoota ilaaluufi namootaa wajjin maree gaarii gochuu dandeessa.
Yommuu Haasaa Dhiheessitu. Macaafni Qulqulluun, Yesus Lallabasaa isa Gaararraa jalqabuusaa dura “gara isaaniitti garagalee bartoota isaa doʼatee” akka ture nutti hima. (Luq. 6:20) Atis fakkeenya Yesusirraa baradhu. Namoota walitti qabamaniif haasaa kan dhiheessitu yoo taʼe, haasicha
-