-
Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu Hordofuu Kanan Qabu Maaliifi?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 34
Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu Hordofuu Kanan Qabu Maaliifi?
Mana barumsaatti shamarran lama wajjin kaaffee keessa teessee laaqana nyaachaa utuu jirtuu gurbaa haaraan sun ni dhufe.
Achiis ishiin tokko, “Daawit baayʼee si jaallata. Akkaataan inni itti si ilaaluyyuu ni beeksisa. Ija isaa sirraa buqqifachuu hin dandeenye” siin jette.
Shamarreen kan biraas sitti siqxee, “Jaalalleemmoo hin qabu” jettee sitti asaaste.
Atis kana shakkiteetta. Yeroo darbe paartii mana isaatti qopheesseerratti akka argamtu si affeeree ture. Gaafa sana utuu deemtee maaltu akka uumamu beekuu kan barbaadde taʼus affeerraa isaa hin fudhanne.
Achiis shamarreen jalqabaa sun akkana jette:
“Utuun jaalallee qabaachuu baadhee Daawit na jala hin darbu ture.”
Achiis burjaajoftee si ilaaluu jalqabde. Itti aansuudhaan maal akka siin jettu beekteetta.
“Ati garuu jaalallee kan hin qabanne maaliifi?” siin jette.
Gaaffiin kun si sodaachisa! Dhugaa dubbachuuf, jaalallee utuu qabaattee sitti tola. Garuu jaalallee qabachuuf hamma gaaʼelaaf qophooftutti eeguun gaarii akka taʼe sitti himamaa tureera. Utuu akkas taʼuu baatee silaa . . .
Achiis shamarree lammaffaan, “Sababii amantii keetiitiini mitii?” siin jette.
Atis, ‘Akkamitti beekte?’ jettee yaadde.
“Atimmoo Kitaaba Qulqulluu malee wanta kan biraa hin beektu. Yeroo tokko tokko wanta si gammachiisu yoo goote rakkina maalii qaba?” jettee sitti qooste.
ULAAGAALEE Kitaaba Qulqulluu hordofuuf carraaqqii gochuu keetiin kan kaʼe namoonni sitti qoosanii beekuu? Taanaan, waa si jala darbaa akka jiru sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Shamarreen Dibooraa jedhamtu akkas ishiitti dhagaʼamee ture. “Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu bilisummaa kan nama dhabsiisan akka taʼan natti dhagaʼama. Hiriyoonni mana barumsaa koo toʼannaa malee jiraachuun isaanii na hinaafsisa” jetteetti.
Dhugaa Jiru Mirkaneeffadhu
Muuxannoo ofiirraa barachuun yeroo hunda gaarii miti. Akkuma Asaaf faarfatichaa dogoggora warra kaaniirraa barachuun ogummaadha; Kitaabni Qulqulluunis kana jajjabeessa. Asaaf yeroo muraasaaf ulaagaaleen Waaqayyoo garmalee bilisummaa akka nama dhabsiisan isatti dhagaʼamee ture. Jireenya namoota daandii Waaqayyoo dhiisanii yeroo qoru garuu dhugaa jiru hubachuu dandaʼeera. Namoonni akkasii “lafa mucucaatu irra” dhaabbatanii akka jiran yeroo booda hubateera.—Faarfannaa 73:18.
Kana sammuutti qabachuudhaan wanta dargaggoonni yeroo muraasaaf ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu dhiisanii gaaʼela dura saalqunnamtii raawwatan dubbatan ilaali.
● Wantoonni ilaalchaa fi gocha keessanirratti dhiibbaa godhan maalfaʼi?
Dibooraa: “Mana barumsaatti dargaggoonni hundi jaalallee yeroo qabatan argaan ture; gammachuus waan qaban fakkaatu. Yommuun isaan wajjin yeroo dabarsu yeroo wal dhungatanii fi wal hammatan waanan arguuf nan hinaafa, akkasumas kophummaan natti dhagaʼama ture. Yeroo baayʼee waaʼee gurbaan jaalladhe tokkoo yaaduudhaan saʼaatii dheeraan dabarsa. Kunis fedhiin isa wajjin taʼuuf qabu akka dabalu godheera.”
Maayik: “Wantoota saalqunnamtii jajjabeessan nan dubbisa, akkasumas nan ilaalan ture. Hiriyoota koo wajjin waaʼee saalqunnamtii haasaʼuun koo hawwiin koo akka dabalu godhe. Achiis yeroon shamarree takka wajjin kophaa koo taʼu saalqunnamtii utuu hin raawwatin wal tuttuquudhaan jaalala keenya waliif ibsuu akka dandeenyuu fi yeroo kamittiyyuu dhaabuu akkan dandaʼu yaaduun jalqabe.”
Andiriwu: “Intarneetiidhaan poornoogiraafii ilaaluun barsiifata natti taʼee ture. Dhugaatii alkoolii baayʼinaan dhuguun jalqabe. Dargaggoota ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu hin kabajne wajjin paartiirratti argamuus nan jalqabe.”
Tireesii: “Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun dogoggora akka taʼe beeka; garuu gocha akkasii hin jibbun ture. Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuuf hin yaannen ture; garuu miirri koo ilaalcha koo toʼate. Yeroo muraasaaf qalbiin koo waan hadoodeef miirri balleessaa tokkollee natti hin dhagaʼamu ture.”
● Akkaataan jireenyaa keessan gammachuu isiniif argamsiiseeraa?
Dibooraa: “Jalqabarratti bilisummaa guddaa akkan argadhe natti dhagaʼamee ture, hiriyoota koo fakkaachuun koos na gammachiisee ture. Miirri kun garuu yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Akkan xuraaʼee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼamuu jalqabe. Durbummaa koo karaa kanaan dhabuu kootti baayʼeen gaabbe.”
Andiriwu: “Fedhii dogoggoraatiin salphaatti moʼamuun jalqabe. Garuu miira balleessaatiin liqimfamee fi baayʼee ofitti aareen ture.”
Tireesii: “Halalummaan dargaggummaa koo na jalaa balleesse. Anii fi jaalalleen koo gammachuudhaan waan jiraannu natti fakkaatee ture. Garuu akkas hin taane. Baayʼee wal miidhuu jalqabne. Yeroo hunda galgala galgala maal taʼa karaa Yihowaan barbaaduun deddeebiʼeera utuun taʼee jedheen booʼa.”
Maayik: “Walakkaan qaama kootii akka duʼe natti dhagaʼame. Dhiibbaa gochi koo warra kaanirraan geessise salphisee ilaaluuf yaaleen ture, garuu hin dandeenye. Gammachuu argachuuf jedhee warra kaan akkan miidhe beekuun koo baayʼee na gaddisiise.”
● Dargaggoota ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu bilisummaa akka nama dhabsiisan yaadaniif gorsa akkamii kennitu?
Tireesii: “Ulaagaalee Yihowaa hordofaa; namoota akkas godhan wajjin yeroo dabarsaa. Akkas yoo gootan gammachuun keessan caalaatti dabala.”
Dibooraa: “Gochi keessan kan miidhu isin qofa miti. Warra kaanis ni tuqa. Gorsa Waaqayyoo hordofuu yoo dhiistan of miitu.”
Andiriwu: “Muuxannoo hin qabdan taanaan akkaataan jireenyaa hiriyoota keessanii gammachiisaa akka taʼe isinitti dhagaʼama. Ilaalchi isaanii dhiibbaa isinirratti godha. Kanaafuu, hiriyoota keessan ogummaadhaan filadhaa. Yihowaatti yoo amanamtan gaabbii hedduurraa of oolchitu.”
Maayik: “Yihowaan ulfinaa fi qulqullummaa dabalatee wantoota gatii guddaa qaban isiniif kenneera. Of toʼachuu dadhabdanii kennaawwan kana darbattanii yoo gattan of salphistu. Rakkina isin mudate warra keessanii fi namoota bilchina qaban kan birootti himaa. Dogoggora yoo raawwattan ifatti dubbachuu fi balleessaa keessanirraa deebiʼuuf yaalaa. Wanta Yihowaan barbaadu yoo gootan nagaa dhugaa argattu.”
Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu Akka Hidhaattimoo Akka Qabattoo Konkolaataatti Ilaalta?
Yihowaan “Waaqa gammadaa” waan taʼeef atis akka gammaddu barbaada. (1 Ximotewos 1:11; Lallaba 11:9) Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffaman faayidaa keetiif kan qophaaʼanidha. Ulaagaalee kana akka hidhaa bilisummaa si dhabsiisutti ilaalta taʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu akkuma qabattoo konkolaataa miidhaarraa si eeguuti.
Eeyyee, Kitaaba Qulqulluu amanuu ni dandeessa. Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuuf yoo filatte Yihowaa gammachiisuu qofa utuu hin taʼin ofis ni fayyadda.—Isaayyaas 48:17.
Michuu Waaqayyoo taʼuu ni dandeessa. Akkamitti akka taʼe ilaali.
CAQASA IJOO
“Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si [barsiisudha].”—Isaayyaas 48:17.
GORSA GAARII
Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu ogummaarratti kan hundaaʼe taʼuu isaa quxusuu keetiif yeroo ibsitu yaadaan ilaali. Wanta itti amantu warra kaanitti himuun kee wanti sun garaa kee keessatti hidda akka gadi fageeffatu godha.
KANA BEEKTAA?
Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu yeroo muraasa keessatti dhabuu kan dandeessu taʼus, deebitee michuu isaa taʼuuf garuu waggoota hedduu sitti fudhachuu dandaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu ogummaarratti kan hundaaʼan taʼuu isaanii hubachuuf akkanan godha ․․․․․
Namoota ulaagaa addunyaa hordofanitti hinaafuu yoon jalqabe akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Miidhaa seera Waaqayyootiif ajajamuu dhiisuun qabu muuxannoo ofiirraa barachuun gaarii kan hin taane maaliifi?
● Yaada Dibooraan, Maayik, Andiriwuu fi Tireesiin kennanirraa maal baratte?
● Namoonni tokko tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu akka hidhaatti kan yaadan maaliifi? Garuu ilaalchi kun sirrii miti kan jennu maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 285rra jiru]
“Dhiphinni adabbii siif kennamuun kan kaʼe sitti dhagaʼamu dhiphina balleessaa kee dhoksuuf yaaluudhaan sitti dhagaʼamurra hin caalu.”—Doonaa
[Fakkii fuula 288rra jiru]
Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu gammachuu kan si dhabsiisan utuu hin taʼin eegumsa kan siif godhanidha
-
-
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 35
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Jeremiin Waaqayyo wajjin michummaa uumuun faayidaa akka qabu haala gaddisiisaa isarra gaʼerraa barate. Akkana jedheera: “Umuriin koo waggaa 12 yeroo taʼu abbaan koo nu dhiisee deeme. Gaaf tokko galgala Yihowaan abbaan koo akka deebiʼu akka godhu cimseen kadhadhe.”
Jeremiin yeroo baayʼee gaddee ture kanatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabe. Faarfannaa 10:14 yeroo dubbisu baayʼee tuqame. Caqasichi waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Inni nama gaddisiisu gara keetti garagala; ati mucaa abbaa hin qabne ni gargaarta” jedha. Jeremiin akkana jedheera: “Yihowaan na haasofsiisaa akka jiruu fi gargaaraa koo taʼuu isaa natti himaa akka jiru natti dhagaʼame; inni Abbaa naaf taʼeera. Abbaan isa caalu jiraa?”
HAALLI Jeremii mudate si mudatus si mudachuu baatus Kitaabni Qulqulluun Yihowaan michuu isaa akka taatu kan barbaadu taʼuu isaa dubbata. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedha. (Yaaqoob 4:8) Mee yaadi, Yihowaan ijaan isa arguu baattus, akkasumas karaa kamiiniyyuu hiriyaa kee taʼuu baatus michuu isaa akka taatu si affeeraa jira.
Taʼus michuu Waaqayyoo taʼuuf carraaqqii gochuu qabda. Fakkeenyaaf, mana keetii biqiltuu yoo qabaatte biqiltuun sun ofuma isaatiin akka hin guddanne beekta. Biqiltuun sun akka dagaagu yoo barbaadde yeroo hunda bishaan obaasuu fi bakka mijataa guddachuu itti dandaʼu kaaʼuu qabda. Waaqayyo wajjin michummaa uumuu wajjin haala wal qabateenis akkasuma. Michummaan akkasii akka guddatu gochuu kan dandeessu akkamitti?
Qoʼannaan Barbaachisaadha
Namoonni lama michummaa uumuuf wal dhaggeeffachuu fi waliin haasaʼuu qabu. Michummaa Waaqayyo wajjin qabnurrattis kun barbaachisaadha. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuun karaa itti Waaqayyoon dhaggeeffannudha.—Faarfannaa 1:2, 3.
Tarii qoʼachuu hin jaallattu taʼa. Dargaggoonni hedduun televizyinii ilaaluu, geemii taphachuu ykn hiriyoota isaanii wajjin yeroo dabarsuu filatu. Michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaadde garuu karaan qaxxaamuraa hin jiru. Dubbii isaa qoʼachuudhaan isa dhagaʼuu qabda.
Garuu hin yaaddaʼin. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun baʼaa sitti taʼuu hin qabu. Uumamaan dubbisuu akka hin jaallanne yoo sitti dhagaʼamellee qoʼachuun akka si gammachiisu gochuu ni dandeessa. Wanti gochuun si barbaachisu inni jalqabaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif yeroo ramaduudha. Shamarreen Laayiis jedhamtu, “Sagantaan itti dubbisu qaba. Yeroo hunda ganama yeroon hirribaa kaʼu jalqaba Kitaaba Qulqulluurraa boqonnaa tokkon dubbisa” jetteetti. Shamarreen waggaa 15 Maariyaa jedhamtummoo sagantaa kanarraa adda taʼe qabdi. “Yeroo hunda galgala rafuu koo dura Kitaaba Qulqulluurraa yaada muraasan dubbisa” jetteetti.
Sagantaa qoʼannaa dhuunfaa keetii baafachuuf saanduqa fuula 292 irratti argamu ilaali. Achiis yeroo itti daqiiqaa 30f Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu dandeessu gaditti barreessi.
․․․․․
Sagantaa baafachuun jalqabbii qofadha. Qoʼachuu erga jalqabdee booda Kitaaba Qulqulluu dubbisuun yeroo hunda salphaa akka hin taane hubachuun kee hin oolu. Akkuma mucaa waggaa 11 Jezireel jedhamuu sitti dhagaʼama taʼa; “Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko xiyyeeffannaa guddaa barbaadu, dubbisuuf kan nama kakaasanis miti” jechuudhaan ifatti dubbateera. Akkas sitti dhagaʼama taanaan abdii hin kutatin. Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun yeroo itti Yihowaa isa michuu kee taʼe haasofsiistu akka taʼetti ilaali. Gammachuun qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keerraa argattu carraaqqii ati gooturratti hundaaʼa.
Kadhannaan Barbaachisaadha
Kadhannaan karaa itti Waaqayyoon haasofsiisnudha. Kadhannaan kennaa akkamii akka taʼe mee yaadi! Guyyaas taʼe galgala yeroo kamittiyyuu Waaqayyoon kadhachuu ni dandeessa. Inni yeroo hundumaa si dhagaʼuuf qophaaʼaadha. Kana malees, wanta ati jettu dhagaʼuu ni barbaada. Kitaabni Qulqulluun, “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa” jechuudhaan kan nu jajjabeessu kanaafi.—Filiphisiyus 4:6.
Caqasni kun akka argisiisutti wantoonni Yihowaatti himuu dandeessu hedduun jiru. Kunis rakkinaa fi dhiphina kee dabalachuu dandaʼa. Wantoota galateeffachuuf si kakaasanis ni dabalata. Wanta gaarii siif godhaniif hiriyoota kee ni galateeffatta mitii? Yihowaa isa hiriyaa kee kamiyyuu caalaa wanta hedduu siif godhes galateeffachuu dandeessa.—Faarfannaa 106:1.
Wantoota Yihowaa galateeffachuuf si kakaasan muraasa gaditti tarreessi.
․․․․․
Darbee darbee sodaa fi dhiphinni sitti dhagaʼamuun isa hin oolu. Faarfannaan 55:22, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jedha.
Dhimmoota dhuunfaa si yaaddessanii fi kadhannaa keerratti caqasuu barbaaddu gaditti barreessi.
․․․․․
Muuxannoo Kee
Michummaa Yihowaa wajjin qabdurratti wanti dagachuu hin qabne kan biraanis jira. Daawit faarfatichi, “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 34:8) Daawit yeroo Faarfannaa 34 barreessetti haala baayʼee sodaachisaa keessa ture. Saaʼol Mooticha isa isa ajjeesuu barbaadu jalaa baqachaa ture; kuniyyuu wanta baayʼee nama dhiphisudha. Achiis gara Filisxeemota diinota isaa taʼanitti baqachuun isa barbaachisee ture. Achitti yeroo haalli duʼaaf isa saaxilu isa mudatettis isaan duratti akka nama qalbii dabarsee taʼuudhaan duʼa jalaa ooluu dandaʼeera.—1 Saamuʼel 21:10-15.
Daawit duʼa jalaa kan oole dandeettii isaatiin akka taʼetti hin yaanne. Kanaa mannaa, kan isa oolche Yihowaa akka taʼe dubbateera. Faarfannaa olitti ibsamerratti, “Ani Yihowaa nan kadhadhe, innis deebii naaf kenne. Sodaa koo hundumaa jalaas na oolche” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 34:4) Daawit, “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” jechuudhaan warra kaan kan jajjabeesse muuxannoo isaarraa kaʼeeti.a
Ragaa Yihowaan akka si kunuunsu argisiisu muuxannoo keerraa argiteettaa? Taanaan, bakka duwwaa armaan gadiirratti barreessi. Yaada: Dirqama muuxannoo dinqisiisaa taʼuu qaba jettee hin yaadin. Eebbawwan xixiqqoo guyyaa guyyaatti argattuu fi tarii akka laayyootti ilaalamanirraa jalqabuu dandeessa.
․․․․․
Tarii warri kee waaʼee Kitaaba Qulqulluu si barsiisanii taʼuu dandaʼa. Taanaan kun eebba guddaadha. Taʼus, dhuunfaatti Waaqayyo wajjin michummaa horachuu qabda. Hamma yoonaatti akkas hin goone yoo taʼe, jalqabuuf yaada boqonnaa kana keessatti kennametti fayyadamuu dandeessa. Yihowaan carraaqqii kee siif eebbisa. Kitaabni Qulqulluun, “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu” jedha.—Maatewos 7:7.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 38 fi 39 DUBBISI
Waaʼee Waaqayyoo warra kaanitti himuun sitti ulfaataa? Wantoota itti amantuuf dhaabbachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
[Miiljalee]
a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokkorratti yaanni “dhandhamaa ilaalaa” jedhu, “ofuma keessaniin ilaalaa,” akkasumas “muuxannoo keessanirraa ilaalaa” jedhamee hiikameera.—Today’s English Version fi The Bible in Basic English.
CAQASA IJOO
“Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.”—Maatewos 5:3.
GORSA GAARII
Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan fuula afur qofa dubbisuuf yaali; akkas yoo goote waggaa tokkotti dubbistee xumuruu dandeessa.
KANA BEEKTAA?
Kitaaba kana dubbisuun kee fi gorsa Kitaaba Qulqulluu kitaabichi qabate hojiirra oolchuun kee Yihowaan dhuunfaatti akka siif yaadu argisiisa.—Yohaannis 6:44.
WANTAN GOCHUU YAADE
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu koorraa fayyadamuuf akkanan godha ․․․․․
Dhaabbataadhaan kadhannaa dhiheessuuf akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee caalaatti gammachiisaa gochuu kan dandeessu akkamitti?
● Yihowaan kadhannaa namoonni mudaa qaban dhiheessan dhagaʼuu kan barbaadu maaliifi?
● Kadhannaa kee fooyyessuu kan dandeessu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 291rra jiru]
“Xinnummaa kootti wantuma wal fakkaatun irra deddeebiʼee kadhadha ture. Amma garuu wanta gaarii fi gadhee guyyaa keessatti na mudate kaasee kadhachuufan yaala. Guyyaa garaagaraatti wanti garaagaraa waan na mudatuuf, akkas gochuun koo wantuma tokko akkan irra hin deddeebine na gargaareera.”—Iiv
[Saanduqa/Fakkii fuula 292rra jiru]
Kitaaba Qulqulluu kee qori
1. Seenaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu barbaaddu tokko filadhu. Ogummaa yaada isaa hubachuuf si barbaachisu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.
2. Of eeggannoodhaan dubbisi. Hin ariifatin. Yeroo dubbistu haala isaa yaadaan ilaali. Wanta raawwatamu ilaaluuf, sagalee taatotaa dhagaʼuuf, qilleensa isaa fuunfachuuf, nyaata nyaatan dhandhamuu fi wantoota kana fakkaatan gochuuf carraaqqii godhi. Hamma siif dandaʼame seenaan isaa sammuu kee keessatti akka bocamu godhi.
3. Wanta dubbisterratti yaadi. Akkana jedhii of gaafadhu:
● Yihowaan seenaan kun Dubbii isaa keessatti akka galmaaʼu kan godhe maaliifi?
● Fakkeenya eenyuufaa hordofuun qaba? Fakkeenya akeekkachiisaa kan naaf taʼanoo eenyufaʼi?
● Dubbisa kanarraa barumsa akkamiin argadha?
● Seenaan kun waaʼee Yihowaa fi karaa inni wanta tokko itti raawwatuu maal na barsiisa?
4. Yihowaatti kadhannaa gabaabaa dhiheessi. Qoʼannaa keerraa maal akka barattee fi jireenya kee keessatti akkamitti hojiirra oolchuuf akka yaadde itti himi. Yihowaan Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu waan sii kenneef yeroo hunda isa galateeffadhu.
[Fakkii]
“Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifa dha.”—Faarfannaa 119:105.
[Saanduqa/Fakkii fuula 294rra jiru]
Wantoota Dursa Kennituuf Murteessi
Kadhannaadhaaf yeroo argachuun si rakkisaa? Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf hoo? Yeroo baayʼee kun wanta dursa kennuufiif murteessiterratti hundaaʼa.
Akkana gochuuf yaali: Miʼa tokko qopheeffadhuutii dhagoota guguddaa keessa kaaʼi. Achiis cirracha itti guuti. Akkas yeroo gootu miʼichi dhagootaa fi cirracha sii qabachuu dandaʼa.
Ammammoo dhagootaa fi cirracha sana miʼicha keessaa garagalchi. Achiis jalqaba cirracha sana itti naqi, itti aansuudhaanimmoo dhagoota sana keessa kaaʼuuf yaali. Miʼichi dhagoota hunda hin qabatu mitii? Kun kan taʼe jalqaba miʼicha keessa kan keesse cirracha waan taʼeefi.
Kanarraa maal baratta? Kitaabni Qulqulluun, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa’ jedha. (Filiphisiyus 1:10) Wantoota xixinnoo kan akka bashannanaa jiraniif dursa kan kennitu yoo taʼe, wantoota guguddaa kan akka dhimmoota hafuuraa jiraniif yeroo argachuun si rakkisa. Haa taʼu malee, gorsa Kitaaba Qulqulluu kana yoo hordofte sochii hafuuraatiifis taʼe hamma tokko bashannanuuf yeroo ni qabaatta. Kun garuu wanta jalqaba miʼicha keessa keessurratti hundaaʼa.
[Fakkii fuula 290rra jiru]
Michummaan Waaqayyo wajjin qabdu akka guddatu yoo barbaadde akkuma biqiltuu kunuunsuu qabda
-
-
Amantiin Waaqayyorratti Qabu Ibsuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 36
Amantiin Waaqayyorratti Qabu Ibsuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Waaʼee amantii keetii ijoollee si wajjin baratanitti himuurraa duubatti akka jettu kan si taasisu maalidha?
□ Beekumsa Kitaaba Qulqulluu dhabuu
□ Qoosaa sodaachuu
□ Akkamitti marii akka jalqabdu wallaaluu
Malli salphaan waaʼee amantii keetii dubbachuuf si gargaare isa kami?
□ Dhuunfaatti barataa tokko haasofsiisuu
□ Barattoota dura dhaabbattee dubbachuu
□ Waaʼee amantii kee isa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee gabaasa qopheessuu
Maqaa barataa waaʼee Kitaaba Qulqulluu yoon kaase na dhaggeeffata jettee yaaddu tokkoo barreessi ․․․․․
BARATTOONNI hedduun haasaa isaaniirratti waaʼee Waaqayyoo hin kaasan. Ispoortii, uffata ykn saala faallaa dabalatee wanta kan biraa kamiyyuu yoo kaaste isaan wajjin salphaatti haasaa jalqabuu dandeessa. Waaʼee Waaqayyoo yoo kaaste garuu waan isaanitti hin tolleef haasaan keessan addaan cita.
Kun kan taʼe hiriyoonni kee Waaqayyotti waan hin amanneef miti; baayʼeen isaanii ni amanu. Isaan keessaa tokko tokko garuu waaʼee kanaa haasaʼuun isaan qaanessa. ‘Kun namatti hin tolu’ jedhanii yaadu taʼa.
Atoo Akkami?
Waaʼee Waaqayyoo hiriyoota kee wajjin haasaʼuurraa duubatti kan jettu yoo taʼe miirri kee nuu gala. Namni warra kaan biratti fudhatama dhabuu barbaadu hin jiru; yeroo warri kaan nutti qoosanimmoo baayʼee qaanofna. Waaʼee amantii keetii yoo dubbatte haalli akkasii si mudachuu dandaʼaa? Eeyyee si mudachuu dandaʼa. Garuummoo wanti ati hin eegnes si mudachuu dandaʼa. Hiriyoonni kee hedduun gaaffilee: ‘Addunyaan kun garamitti deemaa jira?’ akkasumas ‘Rakkinni kan baayʼate maaliifi?’ jedhaniif deebii barbaadaa jiru. Dhimmoota kanarratti nama guddaa wajjin haasaʼuu mannaa hiriyoota isaanii wajjin haasaʼuu filatu.
Taʼus, waaʼee amantaa hiriyoota kee wajjin haasaʼuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Nama amantii cimsitu fakkaattee mulʼachuun ykn yeroo dubbattu dogoggora tokkollee akka hin uume yaaddaʼuun si hin barbaachisu. Waaʼee amantii keetii dubbachuun hamma tokko meeshaa muuziqaa taphachuu wajjin wal fakkaata. Jalqabarratti ulfaataa taʼuu dandaʼaa? Eeyyee taʼuu dandaʼa. Yoo shaakalte garuu sitti salphachaa deema; carraaqqiin kees si kiisa. Maarree, marii jalqabuu kan dandeessu akkamitti?
Yeroo baayʼee wanta salphaa taʼeen jalqabuu dandeessa. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti oduu dhiheenyatti dhagaʼamerratti kan haasaʼamu yoo taʼe yaada Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe dubbachuu dandeessa. Yookiinimmoo barataa tokko qofa haasofsiisuuf yaaluu dandeessa. Akkuma Kiristiyaanonni tokko tokko godhan xiyyeeffannaa barataa tokkoo harkisuuf barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan minjaalarra kaaʼuunimmoo kanarra salphata. Yeroo baayʼee xiyyeeffannaan isaanii waan harkifamuuf marii jalqabuun salphaadha.
Malawwan olitti ibsaman keessaa isa kam yaaluu dandeessa? ․․․․․
Waaʼee amantii keetii ijoollee daree keetti himuuf malli yaadde kan biraan jiraa? Taanaan, gaditti barreessi.
․․․․․
Yeroo tokko tokko piroojektiin mana barumsaa tokko waaʼee amantii keetii dubbachuuf carraa siif bana. Fakkeenyaaf, waaʼeen jijjiirama tirannaa yoo kaʼe maal goota? Amantii Uumaarratti qabdu ibsuu kan dandeessu akkamitti?
Waaʼee Uumaa Dubbachuu
Dargaggeessi Raayaan jedhamu akkana jedheera: “Barumsi jijjiirama tirannaa daree keessatti barannu wantan sana dura baradherraa guutummaatti addadha. Ragaa amansiisaarratti kan hundaaʼe akka taʼetti waan dhihaatuuf na sodaachisee ture.” Shamarreen Raakel jedhamtus akkasuma ishiitti dhagaʼamee ture. Akkana jetteetti: “Barsiistuun hawaasaa yeroo itti aanutti waaʼee jijjiirama tirannaa akka barannu yeroo dubbattu baayʼeen sodaadhe. Dhimma wal falmisiisu kanarratti ejjennoo koo ibsuun akka na barbaachisu beekan ture.”
Waaʼeen jijjiirama tirannaa daree keessatti yeroo kaʼu maaltu sitti dhagaʼama? Waaqayyo ‘wantoota hundumaa akka uume’ ni amanta. (Mulʼata 4:11) Ragaan qaamni wanta hunda uume akka jiru argisiisu naannoo kee guuteera. Kitaabni barnootaa kee fi barsiisaan kee garuu jireenyi kan argame jijjiirama tirannaatiin akka taʼe dubbatu. ‘Maarree warra hayyoota jedhaman wajjin wal falmuun qabaa?’ jettee yaadda taʼa.
Yaadrimee jijjiirama tirannaatti kan hin amanne si qofa akka hin taane mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Saayintistoonni jijjiirama tirannaatti hin amanne jiru. Barsiisonnii fi barattoonni hedduunis hin amanan.
Taʼus, amantii Uumaarratti qabdu ibsuuf wanta Kitaabni Qulqulluun dhimma kana ilaalchisee barsiisu beekuu qabda. Wanta Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan hin ibsinerratti falmuun barbaachisaa miti. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
Kitaabni saayinsii koo laftii fi sirni aduu waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif akka turan dubbata. Kitaabni Qulqulluun lafa dabalatee guutummaan hawaa guyyaa uumamaa isa jalqabaa dura akka ture dubbata. Kanaafuu, laftii fi sirni aduu waggoota biliyoonaan lakkaaʼaman durayyuu jiru jedhanii yaaduun sirrii fakkaata.—Uumama 1:1.
Barsiisaan koo lafti guyyaa jaʼa qofa keessatti uumamuu akka hin dandeenye dubbata. Kitaabni Qulqulluun guyyoonni uumamaa jaʼan kallattiidhaan guyyoota saʼaatii 24 qofa of keessatti qabatan akka taʼan hin dubbatu.
Fakkeenyonni bineeldonnii fi namoonni yeroo booda jijjiiramaa akka dhufan argisiisan daree keessatti ibsamaa ture. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo lubbu qabeeyyii kan uume “akka akaakuu isaaniitti” akka taʼe dubbata. (Uumama 1:20, 21) Kitaabni Qulqulluun yaada jireenyi wantoota lubbu dhabeeyyii taʼanirraa dhufe ykn Waaqayyo seelii qeenxee tokkotti fayyadamee jijjiirama tirannaatiin uume jedhu hin deggaru. Taʼus, “akaakuu” tokko keessa gosti garaagaraa jiraachuu dandaʼa. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun “akaakuu” tokko keessatti jijjiiramni uumamuu dandaʼa yaada jedhu hin mormu.
Wantoota boqonnaa kana keessatti ibsaman erga ilaaltee booda barsiisaan ykn barataan tokko akkana yoo jedhan maal jetta:
“Saayinsiin jijjiirama tirannaatiin akka dhufne mirkaneesseera.”․․․․․
“Waaqa waanan hin argineef isatti hin amanu.”․․․․․
Wanta Itti Amantu Ilaalchisee Mirkanaaʼaa Taʼi!
Warri kee Kiristiyaanota yoo taʼan Uumaan akka jiru kan amantu waan isaan si barsiisaniif qofa taʼuu dandaʼa. Amma garuu waan guddatteef, ragaa amansiisaarratti hundaaʼuudhaan ‘dandeettii yaaduu keetti’ fayyadamtee Waaqayyoon waaqeffachuu barbaadda taʼa. (Roomaa 12:1) Kanaafuu, ‘Uumaan akka jiru wanti na amansiise maalidha?’ jedhii of gaafadhu. Saam inni umuriin isaa waggaa 14 taʼe qaama namaarratti erga yaadee booda akkana jedheera: “Qaamni namaa baayʼee wal xaxaadha; kutaaleen isaa hundis akka gaariitti qindoominaan hojjetu. Qaamni namaa jijjiirama tirannaatiin dhufuu hin dandaʼu.” Shamarreen waggaa 16 Hoolii jedhamtu yaada kanarratti walii galti. Akkana jetteetti: “Dhukkuba sukkaaraa waanan qabuuf akkaataa qaamni keenya itti hojjetu ilaalchisee wanta baayʼee baradheera. Fakkeenyaaf, rajiijiin kutaa qaamaa baayʼee xinnoo garaacha keenya duubatti argamudha; dhiignii fi kutaaleen qaamaa kaan hojjechuu isaanii akka itti fufan gochuudhaan hojii guddaa hojjeta. Kun baayʼee nama ajaaʼibsiisa.”
Wantoota Uumaan akka jiru si amansiisan sadi gaditti barreessi.
1. ․․․․․
2. ․․․․․
3. ․․․․․
Waaqni akka jiruu fi jireenyi uumamaan akka argame amanuu keetti qaanaʼuu hin qabdu. Ragaa jirurratti hundaaʼuudhaan ilmaan namootaa qaama dandeettii yaaduu qabuun akka uumaman amanuun sirriidha.
Dhugaa isaa dubbachuuf amantii guddaa kan gaafatu Uumaan akka jiru amanuu utuu hin taʼin jijjiirama tirannaatti amanuudha; jijjiirama tirannaatti amanuun qaamni dinqii hojjetu utuu hin jiraatin dinqiitti amanuu wajjin tokkodha. Dandeettii yaaduu keetti fayyadamtee dhimma kanarratti erga xiinxaltee booda amantii Waaqayyorratti qabdu ibsuuf caalaatti ofitti amanannaa qabaatta.
Ijoolleen umurii keerratti argaman cuuphamaniiru. Atoo tarkaanfii kana fudhachuuf qophoofteettaa?
CAQASA IJOO
“Ani misiraachichatti hin qaanaʼu; misiraachichi . . . humna Waaqayyoo isa namoota amantii qaban hundumaatiif fayyina argamsiisu dha.”—Roomaa 1:16.
GORSA GAARII
Wanta itti amantu yeroo dubbattutti ofitti amanannaa qabaadhu. Hiriyoonni kee akka saalfattu yoo isaanitti dhagaʼame sitti qoosuu dandaʼu. Akkuma ijoolleen si wajjin baratan ilaalcha isaanii ofitti amanannaadhaan dubbatanitti ofitti amanannaadhaan yoo dubbatte garuu akka si kabajan goota.
KANA BEEKTAA?
Yeroo tokko tokko barsiisonni jijjiirama tirannaa ilaalchisee yeroo gaafataman ragaa dhiheessuun isaanitti ulfaata; yeroo akkasiitti barumsa jijjiirama tirannaa kan fudhatan waan barataniif qofa akka taʼe hubatu.
WANTAN GOCHUU YAADE
Hiriyaa daree kootii wajjin marii Kitaaba Qulqulluu jalqabuuf akkanan godha ․․․․․
Uumaatti kanan amanu maaliif akka taʼe yoon gaafatame akkanan jedha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Wanta itti amantu warra kaanitti himuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
● Karaawwan mana barumsaatti amantii uumamarratti qabdu salphaatti ibsuu itti dandeessu tokko tokko kamfaʼi?
● Dinqisiifannaa Qaama wantoota hundumaa uumeef qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?—Hojii Ergamootaa 17:26, 27.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 299rra jiru]
“Manni barumsaa naannoo tajaajilaa nuti qofti hojjechuu dandeenyudha.”—Iriidaa
[Fakkii fuula 298rra jiru]
Waaʼee amantii keetii dubbachuun akkuma meeshaa muuziqaa taphachuu dandeettii gaafata; shaakaluudhaan dandeettii kee guddifachuu dandeessa
[Fakkii fuula 300, 301rra jiru]
Sodaa kee moʼuudhaan amantii kee ibsuu ni dandeessa
-