-
Daangaa Isaa Darbineerra Kan Jedhamu Yoomi?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 4
Daangaa Isaa Darbineerra Kan Jedhamu Yoomi?
Dhugaa ykn soba isa jedhurratti mallattoo godhi
Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama haala akkamiiyyuu keessatti wal tuquun isaanii dogoggoradha.
□ Dhugaa
□ Soba
Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama saalqunnamtii utuu hin raawwatin halalummaa raawwachuu dandaʼu.
□ Dhugaa
□ Soba
Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama karaa fedhii saalqunnamtii kakaasuun jaalala waliif hin ibsan taanaan wal jaallatu jechuun hin dandaʼamu.
□ Dhugaa
□ Soba
DHIMMA kanarratti yeroo baayʼee akka yaadde hin shakkisiisu. Hariiroo jaalalaa jalqabdeetta taanaanimmoo, karaa fudhatama qabuun jaalala walii ibsuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe beekuun ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Mee yaadawwan olitti kaasne sadan haa ilaallu; Dubbiin Waaqayyoo deebii gaaffii, “Daangaa isaa darbineerra kan jedhamu yoomi?” jedhuu beekuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼes ni ilaalla.
● Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama haala akkamiiyyuu keessatti wal tuquun isaanii dogoggoradha.
Soba. Kitaabni Qulqulluun karaa fudhatama qabuu fi qulqulluu taʼeen jaalala walii ibsuu hin dhorku. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee hariiroo jaalalaa shamarreen Shulaamittii fi dargaggeessi tiksee taʼe qabanii ni dubbata. Hariiroon isaanii qulqulluu ture. Taʼus, gaaʼela dhaabbachuu isaanii dura karaa tokko tokkoon jaalala waliif ibsaniiru. (Weedduu Weedduu Caalu 1:2; 2:6; 8:5) Yeroo harʼaas jaalalleewwan gaaʼela dhaabbachuuf yaadaa jiran tokko tokko karaa qulqulluu taʼeen jaalala walitti argisiisuun isaanii sirrii akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.a
Haa taʼu malee, namoonni wal qorachaa jiran baayʼee of eeggachuu qabu. Wal dhungachuun, wal hammachuun ykn wanta fedhii saalqunnamtii kakaasu akkamiiyyuu gochuun gara halalummaatti geessuu dandaʼa. Namoonni kaayyoo ulfina qabeessa taʼe qabanillee salphaatti miira isaanii toʼachuu dadhabanii halalummaa raawwachuu dandaʼu.—Qolosaayis 3:5.
● Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama saalqunnamtii utuu hin raawwatin halalummaa raawwachuu dandaʼu.
Dhugaa. Jechi Afaan Giriikii “halalummaa” (por·neiʹa) jedhamee hiikame hiika balʼaa qaba. Gocha saalqunnamtii gaaʼelaan ala raawwatamu hundumaa fi qaama saalaa karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu argisiisa. Kanaafuu, halalummaan saalqunnamtii qofa utuu hin taʼin, gochawwan kanneen akka qaama saalaa nama kan biraa susukkuumuu, akkasumas saalqunnamtii afaaniin ykn munneedhaan raawwatamu dabalata.
Gochi Kitaabni Qulqulluun balaaleffatu halalummaa qofa miti. Phaawulos ergamaan, “Hojiiwwan foonii ifatti mulʼatu: Isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, addaggummaa [dha]” jedhee barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedheera.—Galaatiyaa 5:19-21.
“Xuraaʼummaa” jechuun maal jechuudha? Jechi Afaan Giriikii xuraaʼummaa jedhamee hiikame dubbii fi gocha dabalatee xuraaʼummaa kamiyyuu kan argisiisudha. Qullaa nama kan biraa tuquun, uffata irraa baasuun ykn kutaa qaamaa kan akka harmaa jiru tuttuquun gocha xuraaʼummaa akka taʼe ifadha. Kitaaba Qulqulluu keessatti harma tuttuquun gocha hiriyoonni gaaʼelaa qofti itti gammadan akka taʼetti ibsameera.—Fakkeenya 5:18, 19.
Dargaggoonni tokko tokko addaggummaadhaan ulaagaalee Waaqayyoo cabsu. Taʼe jedhanii daangaa isaarra darbu ykn ofittummaadhaan kakaʼanii namoota gocha xuraaʼummaa isaan wajjin raawwatan barbaadu. Gochi namoota kanaa gocha Phaawulos “addaggummaa” jedhee ibsedha. Jechi Afaan Giriikii “addaggummaa” jedhamee hiikame ‘gocha gadhiisii, daangaa darbuu, baalagummaa, kajeellaa hin toʼatamne’ jechuudha. Ati ‘sassataan xuraaʼummaa gosa hundumaa raawwachuuf addaggummaatti dabarsitee of kennuudhaan miirri naamusaa kee guutummaatti akka hadoodu’ gochuu akka hin barbaanne beekamaadha.—Efesoon 4:17-19.
● Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama karaa fedhii saalqunnamtii kakaasuun jaalala waliif hin ibsan taanaan wal jaallatu jechuun hin dandaʼamu.
Soba. Wanta namoonni tokko tokko yaadanirraa haala faallaa taʼeen, karaa fedhii saalqunnamtii kakaasuun jaalala waliif ibsuun hariiroon keessan akka cimu hin godhu. Akkas gochuun kabaja waliif qabdanii fi amantii walirratti qabdan balleessuu dandaʼa. Mee haala Laawuraa mudate haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Gaaf tokko jaalalleen koo televizyinii akka waliin ilaallu kan yaade fakkeessuudhaan yeroo haati koo hin jirretti mana keenya dhufe. Jalqabarratti harka koo qofa qabe. Achiis akkuma tasaa na tuttuquu jalqabe. Natti aaree narraa gargar baʼa jedhee waanan yaaddaʼeef, akka dhiisu isatti himuu nan sodaadhe.”
Maal sitti fakkaata? Jaalalleen Laawuraa ishiidhaaf ni yaadaa? Moo fedhii ofittummaa isaa guuttachuu barbaade? Namni gocha qulqulluu hin taane akka raawwattu si kakaasuuf yaalu tokko dhuguma akka si jaallattu argisiisaa jiraa?
Dhiirri tokko jaalalleen isaa wanta leenjii Kiristiyaana taʼuudhaan argattee fi qalbii ishii wajjin wal faalleessu akka gootu dhiibbaa kan ishiirratti godhu yoo taʼe, seera Waaqayyoo cabsa, akkasumas garaadhaa akka ishii hin jaallanne argisiisa. Shamarreen takkas dhiibbaa akkasiitiif yoo harka laatte namni kan biraan akka ishiitti fayyadamu heyyamti. Kanarra kan hammaatummoo, gocha qulqulluu hin taane, tarii halalummaallee raawwachuu dandeessi.b—1 Qorontos 6:9, 10.
Daangaa Ifa Taʼe Kaaʼaa
Hariiroo jaalalaa jalqabdeetta taanaan, karaa sirrii hin taaneen jaalala argisiisuurraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Kana gochuuf wanti si gargaaru, dursitee daangaa ifa taʼe kaaʼuudha. Fakkeenyi 13:10 miiljaleen, “Ogummaan . . . kan warra waliin mariʼatanii ti” jedha. Kanaafuu, karaawwan sirriin jaalala itti walii ibsuu dandeessan kamfaa akka taʼan jaalallee kee wajjin mariʼadhaa. Hanga miira keessa galtanitti daangaa ifa taʼe kaaʼuu dhiisuun, akkuma mana keetti ibiddi qabatee hanga toʼannaadhaa ala taʼutti eeguuti.
Keessumaa akkuma wal qorachuu jalqabdaniin dhimma akkasiirratti mariʼachuun isinitti ulfaachuu, tarii isin qaanessuullee dandaʼa. Taʼus, daangaa ifa taʼe kaaʼuun keessan yeroo booda rakkinni cimaan akka isin hin mudanne isin gargaara. Daangaan ifa taʼe akkuma meeshaa ibiddi kaʼuu isaa dura yommuu aarri uumamu sagalee dhageessisuuti. Kana malees, dhimmoota akkasiirratti haasaʼuu dandaʼuun keessan hariiroon keessan akka milkaaʼu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Gaaʼela keessatti saalqunnamtiitti gammaduuf of toʼachuun, obsa qabaachuunii fi ofittummaarraa fagaachuun baayʼee barbaachisaadha.—1 Qorontos 7:3, 4.
Ulaagaalee Waaqayyoo hordofuun salphaa akka hin taane ifadha. Taʼus, gorsa Yihowaatti amanamuu ni dandeessa. Isaayyaas 48:17 irratti waaʼee ofii isaa yeroo dubbatu, “Isa wanta si fayyadu si barsiisu, karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha” jedheera. Yihowaan jireenya gammachiisaa akka qabaattu barbaada!
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 24 DUBBISI
Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuurraa of qusachuun kee mallattoo rakkinaa miti. Kanaa mannaa, hubannaa akka qabdu argisiisa. Akkas kan jennu maaliif akka taʼe ilaali.
[Miiljaleewwan]
a Biyyoota tokko tokkotti namoonni hiriyoota gaaʼelaa hin taane namoota duratti jaalala yoo waliif ibsan addaggee akka taʼanitti ilaalamuu dandaʼu. Kiristiyaanonni wanta warra kaan gufachiisu akka hin goone of eeggachuu qabu.—2 Qorontos 6:3.
b Yaanni keeyyata kana keessatti ibsame saala lamaaniifuu ni hojjeta.
CAQASA IJOO
“Jaalalli . . . amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu.”—1 Qorontos 13:4, 5.
GORSA GAARII
Gareedhaan yeroo dabarsaa ykn namni kan biraan akka isin faana taʼu godhaa. Haala balaadhaaf isin saaxilurraa fagaadhaa, konkolaataa dhaabbate ykn mana keessa kophaa keessan hin taʼinaa.
KANA BEEKTAA?
Wal kaadhimattaniittu taanaan dhimmoota saalqunnamtii wajjin wal qabatan tokko tokkorratti haasaʼuun isin barbaachisa. Taʼus, yeroo bilbilaan haasoftanis taʼe yeroo ergaa barreeffamaa walii barreessitanittillee taʼe jettanii jechoota saalqunnamtii kakaasanitti fayyadamuun gocha xuraaʼummaati.
WANTAN GOCHUU YAADE
Halalummaa raawwachuuf akkan hin qoramne of eeguuf akkanan godha ․․․․․
Jaalalleen koo gocha qulqulluu hin taane akkan raawwadhu dhiibbaa narratti gochuuf yoo yaale akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Saala faallaa wajjin wal tuttuquu ilaalchisee daangaa akkamii keesseetta?
● Garaa garummaa halalummaa, xuraaʼummaa fi addaggummaa gidduu jiru ibsi.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 46rra jiru]
“Anii fi kaadhimaan koo mata dureewwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii fi qulqulluu taanee itti fufuuf nu gargaaran waliin dubbisneerra. Mata dureewwan kun qalbii qulqulluu qabaachuuf baayʼee nu gargaaraniiru.”—Leetisiyaa
[Saanduqa fuula 44rra jiru]
Daangaa Isaa Yoo Darbine Hoo?
Gocha sirrii hin taane yoo raawwattan hoo? Ofuma keessaniin rakkinicha furuu akka dandeessan yaaduudhaan of hin gowwoomsinaa. Shamarreen takka, “‘Akka irra hin deebine nu gargaari’ jedheen kadhadha. Yeroo tokko tokko nuuf milkaaʼa, darbee darbee garuu nuuf hin milkaaʼu” jechuudhaan ifatti dubbatteetti. Kanaafuu, warra kee haasofsiisi. Kitaabni Qulqulluunis gorsa gaarii, “Jaarsolii gumii ofitti haa waammatu” jedhu kenna. (Yaaqoob 5:14) Jaarsoliin kun gorsaa fi sirreeffama hariiroo Waaqayyo wajjin qabdan haaressuuf isin gargaaru isiniif kennu.
[Fakkii fuula 47rra jiru]
Of eeggannoo barbaachisu gochuuf hanga ibiddi mana keetti qabatee toʼannaadhaa ala taʼutti ni eegdaa? Kanaafuu, daangaa ifa taʼe kaaʼuuf hanga miira keessa galtanitti hin eegin
-
-
Gaaʼela Dura Saalqunnamtii Raawwachuurraa Of Qusachuu Kanan Qabu Maaliifi?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 5
Gaaʼela Dura Saalqunnamtii Raawwachuurraa Of Qusachuu Kanan Qabu Maaliifi?
“Saalqunnamtii raawwachuun maal akka fakkaatu ofuma kootiin akkan ilaalu dhiibbaan narra gaʼaa akka jiru natti dhagaʼama.”—Keelii.
“Saalqunnamtii raawwadhee waanan hin beekneef warra kaanirraa adda akkan taʼe natti dhagaʼama.”—Jordaan.
“MATUMAA saalqunnamtii raawwattee hin beektuu?” Gaaffiin kuniyyuu baayʼee si qaanessuu dandaʼa. Naannoo hedduutti nama saalqunnamtii raawwatee hin beekne tokko duubatti hafaa akka taʼetti ilaalu. Dargaggoonni hedduun umurii waggoota kurnanii keessa utuma jiranii saalqunnamtii kan raawwatan kanaafi.
Dhiibbaa Fedhii Ofii fi Hiriyootaa
Kiristiyaana yoo taate Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Halalummaa irraa fagaadhaa” jedhu akka kennu beekta. (1 Tasalonqee 4:3) Taʼus, fedhii saalaa toʼachuun baayʼee ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Dargaggeessi Pool jedhamu, “Yeroo tokko tokko sababii tokko malee akkuma tasaa waaʼeen saalqunnamtii gara sammuu kootti dhufa” jechuudhaan ifatti dubbateera. Miirri akkasii sitti dhagaʼamuun isaa waanuma jiru akka taʼe mirkanaaʼaa taʼi.
Haa taʼu malee, gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu diduu keetiin kan kaʼe yeroo hunda sitti qoosamuun isaa fi qeeqamuun kee wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Fakkeenyaaf, hiriyoonni kee, ‘Saalqunnamtii hin raawwattu taanaan ati nama miti’ yoo siin jedhan hoo? Eelan akkana jetteetti: “Hiriyoonni kee saalqunnamtiin wanta gammachiisaa fi rakkina hin qabne akka taʼe dubbatu. Nama garaa garaa wajjin hin ciistu taanaan duubatti hafaa akka taatetti ilaalamta.”
Haa taʼu malee, saalqunnamtii gaaʼela dura raawwatamu ilaalchisee wanti hiriyoonni kee hin dubbannes jira. Fakkeenyaaf, Maariyaan jaalallee ishii wajjin saalqunnamtii raawwattee turte; akkana jetteetti: “Sana booda baayʼeen qaanaʼe, akkasumas akkan salphadhe natti dhagaʼame. Ofis taʼe jaalallee koo nan jibbe.” Muuxannoowwan akkasii wanta dargaggoonni hedduun yaadanirraa addadha. Saalqunnamtiin gaaʼela dura raawwatamu yeroo baayʼee karaa miiraa miidhaa guddaa geessisa, rakkina kanarra hammaatu garaa garaas ni geessisa.
Haa taʼu malee, shamarreen Shaandaa jedhamtu, “Waaqayyo hanga gaaʼela dhaabbatanitti saalqunnamtii raawwachuu akka hin qabne utuu beekuu, dargaggootaaf fedhii saalaa kan kenne maaliifi?” jettee gaafatteetti. Kun gaaffii gaariidha. Garuu mee haalawwan armaan gaditti ibsamanirratti yaadi:
Miirri cimaan qabdu fedhii saalqunnamtii qofadhaa? Matumaa. Waaqni keenya Yihowaan kan si uume fedhii fi miira adda addaa akka qabaattu godheeti.
Wanta sitti dhagaʼamu hundumaa yeruma sana gochuu qabdaa? Waaqayyo gocha kee akka toʼattus dandeettii waan sii kenneef akkas hin gootu.
Maarree, kanarraa maal baratte? Fedhiiwwan tokko tokko akka hin kakaane gochuu hin dandeessu taʼa; garuu tarkaanfii fudhattu toʼachuu ni dandeessa. Yeroo fedhiin saalaa kee kakaʼu hundumaatti saalqunnamtii raawwachuun akkuma yeroo aartu hundumaatti nama tokko rukutuu dogoggoraa fi gowwummaadha.
Waaqayyo dandeettii wal horuuf qabnutti matumaa karaa sirrii hin taaneen akka fayyadamnu hin barbaadu. Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon keessan qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama keessan akka toʼattan beekuu qabdu” jedha. (1 Tasalonqee 4:4) Akkuma ‘jaallachuunis taʼe jibbuun yeroo qabu,’ fedhii saalaa guuttachuunis taʼe akkas gochuurraa of qusachuun yeroo qaba. (Lallaba 3:1-8) Kanaafuu, fedhii kee toʼachuu ni dandeessa.
Haa taʼu malee, namni tokko, “Dhuguma saalqunnamtii raawwattee hin beektuu?” jechuudhaan yoo sitti qoose maal gochuu dandeessa? Hin sodaatin. Nama gad aantummaan akka sitti dhagaʼamu gochuu barbaaduuf, “Eeyyee, raawwadhee hin beeku; wanti beekuu qabdu tokkommoo jira: Kun na hin qaanessu” jettee deebisuu dandeessa. Yookiinimmoo, “Kun dhimma dhuunfaa waan taʼeef warra kaan wajjin waaʼee kanaa hin haasaʼu” jechuu dandeessa.a (Fakkeenya 26:4; Qolosaayis 4:6) Karaa kan biraatiinimmoo, namni si gaafachaa jiru caalaatti beekuu akka qabu sitti dhagaʼama taʼa. Haala akkasii keessatti ejjennoo kee isa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe ibsuuf filachuu dandeessa.
Deebii nama, “Dhuguma saalqunnamtii raawwattee hin beektuu?” jedhee sitti qoosuuf kennuu dandeessu kan biraa yaaduu ni dandeessaa? Taanaan gaditti barreessi.
․․․․․
Kennaa Gatii Guddaa Qabu
Namoonni gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuuf yeroo murteessan Waaqayyotti maaltu dhagaʼama? Fakkeenyaaf, hiriyaa kee tokkoof kennaa bitteetta haa jennu. Garuu isaaf kennuu kee dura kennaa sana banee ilaale. Kun si hin aarsuu? Waaqayyos gaaʼela dura saalqunnamtii yoo raawwatte maaltu akka isatti dhagaʼamu yaadi. Kennaa saalqunnamtii raawwachuutti gammaduuf hanga gaaʼela dhaabbattutti akka turtu barbaada.—Uumama 1:28.
Maarree, fedhiin saalaa kee yeroo kakaʼu maal gochuu qabda? Miira kee toʼachuu baradhu. Cimina akkas gochuuf si dandeessisu qabda. Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Hafuurri isaa caalaatti of toʼachuu akka dandeessu si gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) “Yihowaan warra amanamummaadhaan deddeebiʼan, wanta gaarii tokko iyyuu [akka hin dhowwanne]” of yaadachiisi. (Faarfannaa 84:11) Dargaggeessi Goordan jedhamu akkana jedheera: “Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun hamma kana rakkina akka hin qabne yaaduu yeroon jalqabu, miidhaa inni karaa hafuuraa geessisurrattin xiinxala; achiis cubbuun kamiyyuu hariiroon Yihowaa wajjin qabu caalaa gammachuu akka naaf hin argamsiisnen hubadha.”
Dhugaan isaa kanadha: Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuun wanta baramaa hin taane ykn wanta sirrii hin taane miti. Kan nama salphisu, nama qaanessuu fi miidhaa kan geessisu halalummaadha. Kanaafuu, ololli addunyaa ulaagaa Kitaaba Qulqulluu hordofuun dogoggora akka taʼe akka si amansiisu hin heyyamin. Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuudhaan fayyaa qaamaa kee, fayyaa miiraa fi hunda caalaammoo hariiroo Waaqayyo wajjin qabdu eeggachuu dandeessa.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 24 DUBBISI
[Miiljalee]
a Yesuus yeroo Heroodis isa gaafatetti callisuu filateera. (Luqaas 23:8, 9) Gaaffii sirrii hin taane yeroo gaafatamnu yeroo baayʼee callisuun gaariidha.
CAQASA IJOO
“Namni tokko . . . qeerrummaa isaatiin jiraachuuf garaa isaatti yoo kutate gaarii godha.”—1 Qorontos 7:37, miiljalee.
GORSA GAARII
Namoota amantaa akka keetii akka hordofan dubbachaa ejjennoo naamusaa cimaa taʼe hin qabnerraa fagaadhu.
KANA BEEKTAA?
Namoonni gama saalqunnamtiitiin dadhabina qaban gaaʼela waan dhaabbataniif qofa barsiifata isaanii kana hin dhiisan. Faallaa kanaatiin, namoonni gaaʼela dura ulaagaalee naamusaa Waaqayyootiif amanamoo taʼan gaaʼela boodas hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoo taʼu.
WANTAN GOCHUU YAADE
Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuurraa of qusachuuf akkana gochuun na barbaachisa ․․․․․
Hiriyoonni koo ejjennoo koo eeguun akka natti ulfaatu yoo godhan akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Namoonni tokko tokko warra gaaʼela dura saalqunnamtii hin raawwannetti kan qoosan maaliif sitti fakkaata?
● Gaaʼela dura saalqunnamtii utuu hin raawwatin turuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
● Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuurraa of qusachuun faayidaa akkamii qaba?
● Faayidaa gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuun qabu quxusuu keetiif ibsuu kan dandeessu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 51rra jiru]
“Yeroo hunda yaada, ‘Namni halaleen yookiin namni xuraaʼaan Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhaala tokko illee hin qabaatu’ jedhu yaadachuun koo dhiibbaa saalqunnamtii raawwachuu dandamachuuf na kakaasa.” (Efesoon 5:5)—Liidiyaa
[Saanduqa fuula 49rra jiru]
Gilgaala
Dhugumaan Wanti Sana Booda Taʼu Maalidha?
Hiriyoonni kee fi wanti ittiin bashannantu yeroo baayʼee miidhaa gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun geessisu ni dhoksu. Mee haalawwan sadan armaan gaditti ibsaman ilaali. Wanti dhugumaan dargaggoota kanarra gaʼu maalidha jettee yaadda?
● Gurbaan wajjin barattu tokko shamarran hedduu wajjin saalqunnamtii akka raawwate of jajuudhaan dubbata. Kan nama gammachiisu akka taʼee fi namni kamiyyuu akka hin miidhamne dubbata. Garuu dhugumaan sana booda isarras taʼe shamarran sanarra maaltu gaʼa? ․․․․․
● Fiilmiin tokko dargaggoonni gaaʼela hin dhaabbanne lama jaalala waliif qaban ibsuuf yeroo saalqunnamtii raawwatan argisiisuudhaan xumurame. Jireenya isa dhugaa keessatti wanti sana booda taʼu maalidha? ․․․․․
● Gurbaa miidhagaan tokko isa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu si gaafate. Waaʼee kanaa eenyuyyuu akka hin beekne sitti hime. Isa wajjin saalqunnamtii raawwattee dhimmicha yoo dhoksite wanti dhugumaan sana booda taʼu maalidha? ․․․․․
[Fakkii fuula 54rra jiru]
Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun akkuma kennaan tokko siif kennamuu isaa dura kennaa sana banuuti
-
-
Jijjiiramnin Qaama Koorratti Argu Maalidha?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 6
Jijjiiramnin Qaama Koorratti Argu Maalidha?
“Yeroo gabaabaa keessatti baayʼeen dheeradhe. Kunis dhukkubbiin akka natti dhagaʼamu godheera. Guddachuun koo kan na gammachiise taʼus, miila koorratti dhukkubbiin natti dhagaʼama ture. Kunimmoo baayʼee na aarse.”—Pool.
“Qaama keerratti jijjiirama argaa jirta, jijjiirama kana garuu namni kan biraan hin hubatu jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, namni tokko ‘Tafni kee balʼateera’ siin jedha; yaanni akkasii baayʼee nama dhiphisa.”—Shaaneel.
MAATII kee wajjin naannoo jireenyaa keessan jijjiirtanii beektuu? Naannoo haaraatti baruun salphaa miti. Mana kee, mana barumsaa kee fi hiriyoota kee dabalatee wantoota beektu hundumaa dhiistee deemta. Naannoo haaraatti baruun yeroo sitti fudhachuu dandaʼa.
Saal-lammessoon umurii qaamni kee gara gaʼeessummaatti itti guddatudha; kun jijjiirama guddaadha. Karaa kan biraatiin haalli isaa akkuma waan naannoo haaraa jiraachuu jalqabuuti. Jijjiiramni kun namatti tolaa? Eeyyee. Jijjiiramni yeroo gara gaʼeessummaatti guddachaa deemtu si mudatu garuu miirri kee akka jijijjiiramu gochuu dandaʼa; kanatti baruun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo kanatti jijjiirama akkamiitu si mudata?
Jijjiirama Shamarran Mudatu
Umuriin dargaggummaa yeroo itti jijjiiramni hedduun nama mudatudha. Jijjiiramoonni tokko tokko qaama keerratti mulʼatu. Fakkeenyaaf, hoormonoonni naannoo qaama saalaa keetti rifeensi akka biqilu godhu. Kana malees, harmi kee, tafni kee, gudeedni kee fi teessumni kee guddachaa akka jiru hubachuu dandeessa. Suutuma suuta ijoollummaarraa gara durba geessuutti guddachaa deemta. Kun jijjiirama shamarran hundi keessa darban waan taʼeef si yaaddessuu hin qabu. Kana malees, jijjiiramni kun ragaa qaamni kee dhala godhachuu akka dandeessuuf of qopheessaa akka jiru argisiisudha.
Umurii saal-lammeessoo keessa erga galtee yeroo muraasa booda, laguu arguu eegalta. Akka gaariitti hin qophoofne taanaan jijjiiramni kun si sodaachisuu dandaʼa. Shamarreen Samaantaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroon laguu arguu jalqabetti of hin qopheessinen ture. Akkan xuraaʼe natti dhagaʼame. Guutummaan qaama kootii waan na jibbisiiseef qaama koo sirriitti rigee dhiqachuun jalqabe. Waggoota sana booda jiranitti jiʼa jiʼaan laguu akkan argu yaaduun koos na sodaachise.”
Marsaan laguu ragaa qaamni kee dhala godhachuu akka dandeessuuf of qopheessaa akka jiru argisiisu akka taʼe dagachuu hin qabdu. Yeroo kanatti haadha taʼuuf qophaaʼaa taʼuu baattus yeroo booda durba geessuu taata. Taʼus, laguu arguun kee si dhiphisuu dandaʼa. Shamarreen Keelii jedhamtu akkana jetteetti: “Wanti baayʼee natti ulfaate jijjiirama gama miiraatiin na mudate ture. Guyyaa guutuu gammadaa oolee galgaluma sana kanan booʼu maaliif akka taʼe beekuu dhiisuun koo na aarsa ture.”
Miirri akkasii sitti dhagaʼamaa jira taanaan obsi. Yeroo booda jijjiirama si mudate wajjin wal barta. Shamarreen waggaa 20 Aneet jedhamtu akkana jetteetti: “Jijjiiramni kun durba geessuu taʼuuf barbaachisaa akka taʼee fi Yihowaan dandeettii dhala godhachuu akka naaf kenne amaneen fudhadhe. Jijjiirama kana amananii fudhachuun yeroo gaafata, shamarran tokko tokkoofimmoo baayʼee ulfaataadha. Taʼus, yeroo booda jijjiirama si mudate amantee fudhatta.”
Jijjiirama olitti ilaalle tokko tokko ofirratti arguu jalqabdeettaa? Jijjiirama si mudachaa jiru ilaalchisee gaaffii qabdu kamiyyuu sarara armaan gadiirratti barreessi.
․․․․․
Jijjiirama Dhiirota Mudatu
Umuriin saal-lammeessoo bifa dhiirotaarratti jijjiirama guddaa fida. Fakkeenyaaf, gogaan kee cululuquu isaatiin kan kaʼe finniisnii fi xuqaan gugurraachi fuula keerratti baʼuu dandaʼa.a Dargaggeessi waggaa 18 Maat jedhamu akkana jedheera: “Finniisni kun hundi yeroo namatti baʼu baayʼee nama aarsa. Ofirraa balleessuun carraaqqii cimaa gaafata. Sirraa baduu isaa ykn godaannisa kan sirratti hambisu taʼuu isaa hin beektu; ilaalchi namoonni yeroo fuula kee argan siif qabaatanis si yaaddessa.”
Jijjiiramni qaama keerratti mulʼatu hundi kan si miidhu miti. Fakkeenyaaf, qaamni kee guddachaa fi cimaa akka jiru, akkasumas gateettiin kee balʼachaa akka jiru hubachuu dandeessa. Kana malees, umurii saal-lammeessootti luka keerratti, qoma keerratti, fuula keerrattii fi bobaa kee jalatti rifeensi biqiluu dandaʼa. Baayʼinni rifeensa qaama keerratti biqiluu dhiirummaa wajjin kan wal qabatu miti; kanaa mannaa wanta sanyiidhaan dhaaltudha.
Kutaan qaamaa kee hundi wal faana waan hin guddanneef hamma tokko qaaniin sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Duwaan akkana jedheera: “Akka waan lafee hin qabneetti sitti dhagaʼama. Ergaan sammuun koo erge miilaa fi harka koo bira kan gaʼu torbee tokko booda fakkaata ture.”
Walakkeessa umurii waggoota kurnaniirra yeroo geessu sagaleen kee suutuma suuta furdachaa deema. Yeroo tokko tokko garuu sagaleen kee akkuma tasaa gidduutti qalʼatee si qaanessuu dandaʼa. Taʼus, haalli kun si dhiphisuu hin qabu. Yeroo booda sagaleen kee jijijjiiramuu ni dhiisa. Hammasitti garuu kolfitee bira darbuun kee qaanii sitti dhagaʼamu siif hirʼisa.
Qaamni kee sadarkaa sirna wal hormaataatiif yeroo gaʼu qaamni saalaa kee ni guddata, akkasumas naannoo qaama saalaa keetti rifeensi ni biqila. Kana malees, qaamni kee sanyii oomishuu jalqaba. Dhangalaʼaan kunis miʼoo ijaan hin mulʼannee fi miliyoonaan lakkaaʼamu qabateera; dhangalaʼaan kun yeroo saalqunnamtiin raawwatamutti ni yaaʼa. Miʼoon tokko hanqaaquu dhalaa yoo argate daaʼimni akka uumamu gochuu dandaʼa.
Dhangalaʼaan kun qaama kee keessatti oomishama. Yeroo tokko tokko ofuma isaatiin bada, yeroo tokko tokkommoo halkan yeroo raftu dhangalaʼuu dandaʼa. Kun waanuma jirudha. Haalli akkasii Kitaaba Qulqulluu keessattillee caqasameera. (Leewwota 15:16, 17) Kun taʼuun isaa sirni wal hormaataa kee akka hojjetuu fi gara gaʼeessummaatti guddachaa akka jirtu argisiisa.
Jijjiirama olitti ilaalle tokko tokko ofirratti arguu jalqabdeettaa? Jijjiirama si mudachaa jiru ilaalchisee gaaffii qabdu kamiyyuu sarara armaan gadiirratti barreessi.
․․․․․
Miira Haaraa Dandamachuu
Dhiironnis taʼan shamarran sirna wal hormaataatiif yeroo gaʼan saala faallaatiif miira kanaan dura hin qabne qabaachuu jalqabu. Maat akkana jedheera: “Yeroon umurii saal-lammeessoorra gaʼu akkuma tasaa shamarran babbareedoo taʼan hedduun akka jiran nan hubadhe. Taʼus, hamman guddadhutti shamarree kamiyyuu wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu akkan hin dandeenye yeroon beeku nan aare.” Boqonnaa 29ffaa kitaaba kanaarratti dhimma kana ilaalchisee ibsi balʼaan kennameera. Ammaaf garuu fedhii saalaa kee toʼachuu barachuun kee barbaachisaa akka taʼe hubachuu qabda. (Qolosaayis 3:5) Ulfaataa akka taʼe yoo sitti dhagaʼameyyuu of toʼachuuf filachuu ni dandeessa.
Umurii saal-lammeessoorratti miirawwan dandamachuun si barbaachisu kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, salphaatti ilaalcha gad aanaa ofiif qabaachuu dandeessa. Kophummaan sitti dhagaʼamuu fi yeroo muraasaaf dhiphinni si mudachuu dandaʼa. Yeroo haalli akkasii si mudatutti warra kee ykn nama gaʼeessa amantu kan biraa haasofsiisuun kee gaariidha. Maqaa nama gaʼeessa miira sitti dhagaʼamu itti himuu dandeessu tokkoo barreessi.
․․․․․
Guddina Baayʼee Barbaachisaa Taʼe
Guddinni baayʼee barbaachisaa taʼe dheerina kee, boca qaama keetii ykn bifa fuula keetii miti; kana mannaa, guddina karaa sammuu, karaa miiraa fi hundumaa caalaammoo karaa hafuuraa gootudha. Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleetti nan dubbadha, akka ijoolleetti nan yaada, akka ijoolleetti nan xiinxalan ture; amma garuu nama guddaa waanan taʼeef, amala ijoollummaa dhiiseera.” (1 Qorontos 13:11) Yaanni isaa ifadha. Nama gaʼeessa fakkaachuun qofti gaʼaa miti. Akka nama gaʼeessaatti hojjechuu, dubbachuu fi yaaduu barachuu qabda. Hamma keessa namummaa kee dagattutti waaʼee jijjiirama qaama keerratti mulʼatuu hin yaaddaʼin.
Waaqayyo kan ilaalu “garaa namaa” akka taʼe hin dagatin. (1 Saamuʼel 16:7) Kitaabni Qulqulluun Saaʼol Mootichi dheeraa fi miidhagaa akka taʼe dubbata; taʼus akka mootiittis taʼe akka nama tokkootti milkaaʼina hin arganne. (1 Saamuʼel 9:2) Faallaa kanaatiin Zakkewoos “gabaabaa” taʼus, akkaataa jireenyaa isaa jijjiiruu fi barataa Yesuus taʼuuf cimina keessaa qaba ture. (Luqaas 19:2-10) Kanaafuu, wanti baayʼee barbaachisaa taʼe namummaa keenya isa keessaa akka taʼe ifadha.
Waaʼee waan tokkoo mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya: Saffisa guddina qaama keenyaa dabaluus taʼe hirʼisuu hin dandeenyu. Kanaafuu, jijjiirama qaama keerratti argitu jibbuu ykn sodaachuu mannaa, gammachuudhaan jijjiirama si mudate amanii fudhadhu. Umuriin saal-lammeessoo dhibee miti; umurii kana keessa kan darbus si qofa miti. Haala rakkisaa yeroo kanatti si mudatu dandamachuu ni dandeessa. Umurii saal-lammeessoo keessa yeroo darbitu nama gaʼeessa taata.
Daawwitiidhaan yeroo of ilaaltu wanta argitu hin jaallattu yoo taʼe hoo? Bifa keetiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti?
[Miiljalee]
a Haalli akkasii shamarraniinis ni mudata. Yeroo baayʼee rakkina kana gogaadhaaf kunuunsa gochuudhaan toʼachuun ni dandaʼama.
CAQASA IJOO
“Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha.”—Faarfannaa 139:14.
GORSA GAARII
Qaamni kee guddachuu yeroo jalqabu uffata fedhii saalaa kakaasu akka hin uffanne of eeggadhu. Yeroo hunda “karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan” uffadhu.—1 Ximotewos 2:9.
KANA BEEKTAA?
Umuriin saal-lammeessoo dursee, jechuunis waggaa saddeetitti ykn turee naannoo walakkeessa umurii waggoota kurnaniitti jalqabuu dandaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Gara gaʼeessummaatti guddachaa yeroon deemu amalan caalaatti fooyyeffachuu barbaadu ․․․․․
Karaa hafuuraa guddina gochuuf akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Jijjiirama qaamaa fi miiraa umurii saal-lammeessoorratti mudatu dandamachuun baayʼee ulfaataa kan taʼe maaliifi?
● Jijjiirama kana ilaalchisee wanti baayʼee sitti ulfaate maalidha?
● Umurii saal-lammeessoorratti jaalalli Waaqayyoof qabdu qabbanaaʼuu kan dandaʼu maaliifi? Kun akka hin taane gochuu kan dandeessu hoo akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 61rra jiru]
Umurii dargaggummaarratti sodaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa; jijjiirama qaamni kee godhu beekuu dhiisuu dandeessa. Yeroo guddachaa deemtu garuu jijjiirama si mudatu fudhachuu barachaa deemta.’’—Aneet
[Saanduqa fuula 63, 64rra jiru]
Warra Koo Wajjin Waaʼee Saalqunnamtii Haasaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
“Waaʼee saalqunnamtii gaaffii yoon qabaadhes warra koo hin gaafadhu.”—Beet.
“Waaʼee kanaa kaasuuf ija jabina hin qabu.”—Deeniis.
Atis akkuma Beetii fi Deeniis sitti dhagaʼama yoo taʼe haala baayʼee ulfaataa taʼe keessa jirta jechuudha. Waaʼee saalqunnamtii beekuu barbaadda; warri kee deebii isaa kan beekan taʼus ati garuu isaan gaafachuu hin barbaaddu. Wantoonni si yaaddessan baayʼeen jiru taʼa:
Waaʼee koo maal yaadu?
“Akka na shakkan waanan hin barbaanneef waaʼee kanaa isaan hin gaafadhu.”—Jeesiikaa.
“Yeroo hundumaa ijoollee fi homaa kan hin beekne taatee akka jiraattu barbaadu; waaʼee saalqunnamtii isaanitti yoo kaaste garuu, sana booda ilaalcha akkasii siif hin qabaatan.”—Beet.
Deebii akkamii naaf kennu laata?
“Warri koo dubbadhee utuun hin fixin ofuma isaaniitiin xumura tokkorra gaʼanii gorsa hedduu naa kennuu jalqabu jedheen sodaadha.”—Gilooriyaa.
“Warri koo miira isaanii dhoksuun isaan rakkisa; kanaafuu, waaʼee kanaa yeroon isaanitti kaasu fuula isaaniirratti miira gaddaa yoon arge hoo jedheen sodaadha. Abbaan koommoo utuman dubbadhuu gorsa akkamii akka naa kennu yaada taʼa.”—Paam.
Sababiin itti gaafadhe dogoggoraan hubatuu laata?
“Tarii naasuudhaan, ‘Saalqunnamtii raawwachuuf qoramtee turtemoo?’ ykn ‘Hiriyoonni kee dhiibbaa sirratti gochaa jirumoo?’ jedhanii si gaafachuu dandaʼu. Ati garuu kan gaafatte beekuuf qofa taʼuu dandaʼa.”—Liisaa.
“Abbaan koo yeroon waaʼee dhiira tokkoo kaasu hundatti ni dhiphata. Achiis yeruma sana waaʼee saalqunnamtii natti himuu jalqaba. Anis keessa kootti akkanan jedha: ‘Aabbaa, ani gurbaan kun akka bareedu qofan dubbadheem. Waaʼee gaaʼelaa ykn waaʼee saalqunnamtii homaa hin dubbanne.’”—Isteesii.
Akkuma ati waaʼee saalqunnamtii warra kee wajjin haasaʼuun si qaanessu warri kees waaʼee kanaa si wajjin haasaʼuun isaan qaanessuu akka dandaʼu beekuun kee si jajjabeessa taʼa. Gabaasa warri dhibbeentaa 65 taʼan ijoollee isaanii wajjin waaʼee saalqunnamtii akka haasaʼan ibsu tokkorratti ijoolleen marii akkasii akka godhan yaadatan dhibbeentaa 41 qofa taʼuun isaa warri waaʼee kanaa mariʼachuun akka isaan qaanessu argisiisa.
Warri kee waaʼee saalqunnamtii si wajjin haasaʼuurraa duubatti jedhu taʼa. Tarii kana kan godhan warri isaanii waaʼee kanaa matumaa isaaniitti kaasanii waan hin beekneef taʼuu dandaʼa. Sababni isaa maaliyyuu yoo taʼe warra kee dirqisiisuuf hin yaalin. Tarii waaʼee kanaa kaasuuf dursa fudhachuun kee lamaan keessaniyyuu fayyaduu dandaʼa. Akkamitti?
Marii Jalqabuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Warri kee saalqunnamtii ilaalchisee gorsa ogummaarratti hundaaʼe siif kennuu dandaʼu. Sirraa kan eegamu marii jalqabuu qofadha. Akkana gochuuf yaali:
1 Waaʼee kanaa kaasuun si sodaachisus ifatti haasaʼuu akka barbaaddu dubbadhu. “. . . jettanii akka hin yaanne waanan sodaadheef waaʼee kanaa kaasuun xinnoo natti ulfaata.”
2 Achiis warra kee haasofsiisuu kan barbaadde maaliif akka taʼe isaanitti himi. “Garuu gaaffii tokkon qaba, nama kan biraa gaafachuurra isinuma gaafachuun barbaada.”
3 Achiis gaaffii kee ifatti dubbadhu. “Gaaffiin koo . . . ”
4 Dhuma marii keessaniirratti gara fuulduraattis deebitee isaan haasofsiisuuf haala mijeessi. “Gaaffii kan biraa yoon qabaadhe deebiʼee isin haasofsiisuu nan dandaʼa mitii?”
Warri kee tole akka siin jedhan kan beektu taʼus deebii isaanii dhagaʼuun kee gara fuulduraatti isaan haasofsiisuu yeroo barbaaddu bilisummaan akka sitti dhagaʼamu godha. Kanaafuu, yaadawwan kana hojiirra oolchuuf yaali. Yaada shamarreen waggaa 24 Tiriinaa jedhamtu kenniterratti walii galuun kee hin oolu. Akkana jetteetti: “Haadha koo wajjin yeroo haasaʼaa turretti waaʼeen kanaa utuu kaʼuu baatee jedhee hawwee akkan ture nan yaadadha. Amma garuu haati koo waaʼee kanaa ifatti na haasofsiisuun ishii na gammachiiseera. Eegumsa guddaa naaf godheera.”
[Fakkii fuula 59rra jiru]
Umurii ijoollummaa keessaa baʼuun akkuma waan naannoo jireenyaa dhiisanii deemuuti; taʼus jijjiirama kanatti baruun ni dandaʼama
-