-
Jaalallee Qabachuuf Qophaaʼeeraa?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 1
Jaalallee Qabachuuf Qophaaʼeeraa?
“Jaalallee akkan qabadhu kallattii garaa garaatiin dhiibbaan narra gaʼa. Dhiironni babbareedoo taʼan hedduunis jiru.”—Witnii.
“Shamarran tokko tokko jaalallee isaanii akkan taʼu kallattiidhaan na gaafatu; utuun tole jedhee natti tola. Garuu warra koo yoon gaafadhe, deebiin isaanii maal akka taʼu beeka.”—Filiip.
SHAMARREE jaallattuu fi ishiinis miira addaa siif qabdu wajjin taʼuuf fedhii cimaa qabda taʼa; ijoollummaa keettillee fedhii akkasii qabaachuu dandeessa. Jeniifar, “Yeroon waggaa 11 turetti jaalallee qabachuuf hawwuun jalqabe” jetteetti. Biritaaniinis, “Mana barumsaatti jaalallee hin qabdu taanaan rakkina wayii akka qabdu sitti dhagaʼama” jetteetti.
Atoo maal jetta? Jaalallee qabachuuf qophoofteettaa? Deebii gaaffii kanaa ilaaluu keenya dura, gaaffii baayʼee barbaachisaa taʼe tokko kaasuu qabna:
“Jaalallee Qabachuu” Jechuun Maal Jechuudha?
Deebii gaaffilee armaan gadiitiif kenniturratti mallattoo godhi:
Yeroo hunda shamarree takka wajjin yeroo dabarsita. Jaalallee qabatteetta jechuudhaa?
□ Eeyyee
□ Lakki
Atii fi shamarreen takka miira addaa waliif qabdu. Guyyaa keessatti yeroo baayʼee ergaa barreeffamaa walii ergitu ykn bilbilaan haasoftu. Jaalallee qabatteetta jechuudhaa?
□ Eeyyee
□ Lakki
Yommuu hiriyoota kee wajjin yeroo dabarsitu hundumaatti shamarree takka wajjin taata. Jaalallee qabatteetta jechuudhaa?
□ Eeyyee
□ Lakki
Gaaffii isa jalqabaatiif yeruma sana deebii kennita taʼa. Gaaffii isa lammaffaa fi isa sadaffaatiif deebii kennuuf garuu takka yaaduun si barbaachiseera taʼa. Maarree, jaalallee qabachuu jechuun maal jechuudha? Karaan itti wal argitan maaliyyuu yoo taʼe shamarree takkaaf miira addaa yoo qabaattee fi ishiinis miira jaalalaa yoo siif qabaatte hariiroo jaalalaa jalqabdaniittu jechuun ni dandaʼama. Kanaafuu, deebiin gaaffilee olitti ibsaman sadanuu eeyyee kan jedhudha. Atii fi shamarreen takka miira addaa kan waliif qabdanii fi yeroo hunda kan haasoftan yoo taʼe hariiroo jaalalaa jalqabdaniittu jechuudha; tarii kan wal argitan bilbilaan ykn qaamaan, akkasumas ifatti ykn dhoksaatti taʼuu dandaʼa. Maarree, itti gaafatamummaa kana fudhachuuf qophoofteettaa? Gaaffilee gaditti ibsaman sadanirratti yaaduun kee kana beekuuf si gargaara.
Jaalallee Qabachuu kan Barbaadde Maaliifi?
Aadaa hedduu keessatti dhiirri tokkoo fi shamarreen takka caalaatti wal baruuf hariiroo jaalalaa jalqabuun isaanii baramaadha. Haa taʼu malee, jaalallee qabachuun kaayyoo ulfina qabeessa taʼe qaba; innis dhiirri tokkoo fi shamarreen takka gaaʼelaan tokko taʼuu kan barbaadan taʼuu isaanii akka beekan gargaaruudha.
Tarii hiriyoonni kee tokko tokko jaalallee qabachuu salphisanii ilaalu taʼa. Wanta gaaʼela jedhamuyyuu utuu hin yaadin shamarree isaan hawwattu tokko wajjin taʼuun isaanitti tola taʼa. Tokko tokkommoo jaalallee qabachuu kan barbaadan warra kaan biratti akka barbaadaman argisiisuuf ykn jaalallee qabatanii mulʼachuu waan barbaadaniif taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee garuu hariiroon miira akkasiitiin jalqabamu kan turu yeroo muraasaaf qofadha. Shamarreen Hiizar jedhamtu akkana jetteetti: “Dargaggoonni baayʼeen hariiroo jaalalaa jalqabanii torban tokko ykn lama gidduutti gargar baʼu. Hariiroon akkasii yeroodhaaf qofa kan turu akka taʼetti ilaalu; kunimmoo gaaʼelaaf utuu hin taʼin, wal hiikuudhaaf isaan qopheessa.”
Nama tokko wajjin hariiroo jaalalaa yeroo uumtu miira nama sanaarratti dhiibbaa akka gootu ifadha. Kanaafuu, kaayyoon kee ulfina qabeessa akka taʼe mirkaneeffadhu. Mee kana yaadi: Akkuma ijoolleen ashaangulliitii tokko yeroodhaaf ittiin taphatanii gatan namni tokko miira keetti akka taphatu ni barbaaddaa? Shamarreen Cheelsii jedhamtu akkana jetteetti: “Bashannanuumaaf qofa jaalallee qabachuun utuu dandaʼamee gaariidha jedheen yaada; taʼus namni tokko yeroo hariiroo jaalalaa sanaaf iddoo guddaa kennu inni tokkommoo iddoo hin kennu yoo taʼe kun miidhaa qaba.”
Jaalallee Qabachuuf Umuriin Kee Gaʼeeraa?
Dargaggeessi tokko jaalallee qabachuu kan dandaʼu umurii isaa waggaa meeqatti sitti fakkaata? ․․․․․
Ammammoo abbaa kee fi haadha kee gaaffii kana gaafadhuutii deebii isaan siif kennan guuti. ․․․․․
Umuriin ati barreeffatte kan isaan sitti himanii gadi taʼuu hin oolu. Taʼuu dhiisuus dandaʼa. Dargaggoonni hedduun hamma umurii akka gaariitti of beekanirra gaʼanitti jaalallee qabachuu dhiisuuf murteessaniiru; tarii atis isaan keessaa tokko taʼuu dandeessa. Shamarreen waggaa 17 Daaniyeel jedhamtu akkas gochuuf murteessiteetti. Akkana jetteetti: “Wantin nama jaalallee akka naaf taʼu barbaadurraa eegu isan waggaa lama dura eegaa turerraa baayʼee addadha. Ammayyuu murtoo kana gochuuf ofitti amanannaa hin qabu. Waaʼee jaalallee qabachuu kanan yaadu waggoota muraasaaf miirri koo jijijjiiramuu akka dhiise yoo natti dhagaʼame qofadha.”
Sababii turuun gaarii itti taʼu kan biraanis jira. Kitaabni Qulqulluun yeroo fedhiin saalaa fi miirri jaalalaa itti cimu argisiisuuf yaada “umurii dargaggummaa” jedhutti fayyadama. (1 Qorontos 7:36) Umurii kanarra utuu jirtuu jaalallee qabachuun kee fedhiin kee akka itti caalu gochuudhaan dogoggora akka raawwattu si taasisuu dandaʼa. Dhugaadha, dhimmi kun hiriyoota kee hin yaaddessu taʼa. Baayʼeen isaanii saalqunnamtii raawwachuun maal akka fakkaatu beekuuf baayʼee hawwu. Ati garuu ilaalcha akkasii injifachuu dandeessa. (Roomaa 12:2) Kitaabni Qulqulluunis ‘halalummaa irraa akka baqattu’ gorsa siif kenna. (1 Qorontos 6:18) Yeroon umurii dargaggummaa jedhame hanga darbutti turuudhaan “wantoota nama miidhan” irraa of eeguu dandeessa.—Lallaba 11:10.
Gaaʼela Dhaabbachuuf Qophoofteettaa?
Gaaffii kanaaf deebii kennuu akka dandeessuuf of qoruun kee gaariidha. Mee qabxiilee armaan gadiirratti yaadi.
Hariiroo. Warra kee fi obbolaa kee akkamitti qabda? Yeroo baayʼee yeroo isaan wajjin haasoftu of toʼachuu dadhabuudhaan jechoota sirrii hin taanetti ni fayyadamtaa? Dhimma kanarratti waaʼee kee maaltu isaanitti dhagaʼama? Akkaataan miseensota maatii kee itti qabdu gara fuulduraatti hiriyaa gaaʼelaa kee akkamitti akka qabdu argisiisa.—Efesoon 4:31 dubbisi.
Ilaalcha. Ilaalcha gaarii qabdaa? Yaada warra kaanii ni fudhattamoo, yeroo hunda wanti tokko karuma ati yaaddeen akka raawwatamu barbaadda? Haala dhiphisaa keessatti tasgabbaaʼuu ni dandeessaa? Obsa qabdaa? Yeroo ammaatti firii hafuura Waaqayyoo horachuun kee hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼuuf si qopheessa.—Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi.
Maallaqa. Akkaataan maallaqa itti fayyadamtu maal fakkaata? Yeroo baayʼee ni liqeeffattaa? Hojii tokkorra turuu ni dandeessaa? Hin dandeessu taanaan maaliifi? Hojichaan kan kaʼedhaa? Hogganaa keetiin kan kaʼedhaa? Moo barsiifanni ykn amalli horachuun si barbaachisu waan jiruufi? Itti fayyadama maallaqaa kee toʼachuun kan si rakkisu yoo taʼe, itti fayyadama maallaqaa maatii tokkoo akkamitti toʼachuu dandeessa?—1 Ximotewos 5:8 dubbisi.
Michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu. Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo taate michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu cimsachuuf maal gochaa jirta? Dubbii Waaqayyoo dubbisuuf, tajaajila baʼuu fi walgaʼiirratti hirmaachuuf carraaqqii ni gootaa? Shamarreen ati fuutu hiriyaan gaaʼelaa karaa hafuuraa cimaa taʼe akka ishii barbaachisu ifadha.—Lallaba 4:9, 10 dubbisi.
Wanta Gochuu Dandeessu
Qophaaʼaa taʼuu kee dura hariiroo jaalalaa akka jalqabdu dhiibbaan sirratti godhamu barumsa akka gaariitti hin baranne akka qoramtu gochuu wajjin tokkodha. Kun sirrii akka hin taane ifadha. Gaaffilee qormaatarratti dhihaataniif deebii kennuu akka dandeessuuf barumsicha qoʼachuuf yeroon si barbaachisa.
Jaalallee qabachuunis akkasuma. Akkuma olitti ilaalle jaalallee qabachuun wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Kanaafuu, nama tokkoof xiyyeeffannaa addaa kennuu kee dura, warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beekuu qabda. Kunis yeroo booda nama siif taʼu yeroo argattu hariiroo cimaa uumuuf si gargaara. Gaaʼela milkaaʼina qabu hundeessuu kan dandaʼan namoota michoota gaarii waliif taʼan lamadha.
Jaalallee utuu hin qabatin turuun kee bilisummaa kan si dhabsiisu miti. Kanaa mannaa, ‘dargaggummaa keetti gammaduuf’ bilisummaa dabalataa akka argattu godha. (Lallaba 11:9) Kana malees, amaloota gaggaarii horachuuf, hunda caalaammoo karaa hafuuraa guddina gochuuf yeroo qabaatta.—Faaruu Ermiyaas 3:27.
Hammasitti saala faallaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ni dandeessa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Namoota garaa garaa wajjin gareedhaan yeroo dabarsi. Shamarreen Taamii jedhamtu, “Karaa kanaan yeroo dabarsuun namatti tola. Hiriyoota hedduu qabaachuun gaariidha” jetteetti. Moonikaanis yaada kanarratti walii galti. Akkana jetteetti: “Gareedhaan namoota wajjin yeroo dabarsuun baayʼee gaariidha; namoota amala garaa garaa qaban wajjin wal argita.”
Faallaa kanaatiin, nama tokko qofarratti kan xiyyeeffattu yoo taʼe garuu, rakkinaaf of saaxilta. Kanaafuu, hin ariifatin. Kanaa mannaa, yeroo amma qabdu michoota horachuu fi hariiroo warra kaanii wajjin qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe barachuuf itti fayyadami. Boodas, jaalallee qabachuuf yoo filatte eenyummaa kees taʼe amaloota hiriyaa gaaʼelaa keerraa barbaaddu akka gaariitti beekta.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 29 FI 30 DUBBISI
Warri kee utuu sirratti hin beekin jaalallee qabachuuf yaadaa jirtaa? Dhoksaatti jaalallee qabachuun isa yaaddu caalaa miidhaa guddaa qaba.
CAQASA IJOO
“Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.
GORSA GAARII
Jaalallee qabachuu fi gaaʼelaaf qophaaʼuuf akka si gargaaruuf 2 Pheexiros 1:5-7 dubbisiitii amala fooyyessuu qabdu tokko filadhu. Jiʼa tokko keessatti waaʼee amala sanaa hammam akka barattee fi hammam fooyyaʼiinsa akka goote ilaali.
KANA BEEKTAA?
Qorannoowwan hedduun akka argisiisanitti hiriyoonni gaaʼelaa umurii isaanii waggaa 20 gaditti gaaʼela dhaabbatan, yeroo baayʼee waggaa shan keessatti wal hiikuu dandaʼu.
WANTAN GOCHUU YAADE
Gaaʼelaaf qophaaʼuuf amaloota armaan gadii fooyyessuun qaba: ․․․․․
Amaloota kana fooyyessuuf akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Saala faallaa wajjin gareedhaan yeroo dabarsuu kan dandeessu akkamitti?
● Obboleessa ykn obboleettii kee umuriin isaanii utuu hin gaʼin jaalallee qabachuu barbaadan akkamitti gargaarta?
● Gaaʼela dhaabbachuu utuu hin yaadin jaalallee yoo qabatte, miira jaalallee keerratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandeessa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 18rra jiru]
“Nama tokko wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu kan qabdan nama sanaaf iddoo guddaa kan kennitanii fi gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa wajjin jiraachuu akka dandeessan kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe qofadha jedheen yaada. Jaalallee qabachuu qofa utuu hin taʼin, nama sanaafis ni yaaddu.”—Ambar
[Fakkii fuula 16, 17rra jiru]
Gaaʼela dhaabbachuuf utuu hin yaadin jaalallee kan qabattu yoo taʼe, akkuma daaʼima ashaangulliitii haaraa tokkoon taphatee gatuu taʼaa jirta
-
-
Dhoksaatti Jaalallee Qabachuun Miidhaa Qabaa?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 2
Dhoksaatti Jaalallee Qabachuun Miidhaa Qabaa?
Jeesiikaan burjaajofteetti. Miirri akkasii ishiitti dhagaʼamuu kan jalqabe yommuu barataan daree ishii Jaramii jedhamu xiyyeeffannaa addaa ishiidhaaf kennuu eegalettidha. Akkana jetteetti: “Baayʼee bareeda; hiriyoonni koo yoomiyyuu dhiira naamusa gaarii qabu akkasii argachuu akkan hin dandeenye natti himu. Shamarran garaa garaa isa wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuuf kan yaalan taʼus, inni isaan hin barbaanne. Ana qofa jaallata.”
Utuma baayʼee hin turin, Jaramiin Jeesiikaa gaafate. Jeesiikaanis Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef nama amantaa ishii hin hordofne wajjin hariiroo jaalalaa akka jalqabdu akka ishiidhaaf hin heyyamamne itti himte. Akkana jetteetti: “Taʼus, Jaramiin yaada tokko naaf dhiheesse. ‘Warri kee utuu hin beekin dhoksaatti hariiroo jaalalaa qabaachuu hin dandeenyuu?’ naan jedhe.”
ATOO namni si hawwatte tokko gaaffii akkasii utuu siif dhiheessee deebii akkamii kennita? Jeesiikaan yaada Jaramiirratti akka walii galte yeroo beektu si ajaaʼibuu dandaʼa. Jeesiikaan, “Hariiroo jaalalaa yoon isa wajjin jalqabe, Yihowaa akka jaallatu isa gargaaruu akkan dandaʼu mirkanaaʼaa taʼeen ture” jetteetti. Maarree, dhumarratti maaltu taʼe? Deebii isaa booda ilaalla. Mee jalqaba dargaggoonni tokko tokko kiyyoo akkasiitiin kan qabaman akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
Dhoksaatti Jaalallee kan Qabatan Maaliifi?
Dargaggoonni tokko tokko dhoksaatti jaalallee kan qabatan maaliifi? Dargaggeessi Deevid jedhamu haala isaa gabaabumatti yeroo ibsu, “Warri isaanii akka isaaniif hin heyyamne waan beekaniif isaanitti hin himan” jedheera. Jeen immoo akkana jetteetti: “Dhoksaatti jaalallee qabachuun finciluudha. Warri kaan akka dargaggeessa gaʼeessa taʼetti si ilaalaa akka hin jirre yeroo sitti dhagaʼamu, warra keetti utuu hin himin wanta barbaaddu gochuuf murteessita.”
Sababiiwwan dargaggoonni tokko tokko dhoksaatti jaalallee qabachuuf itti qoraman kan biroo yaaduu dandeessaa? Taanaan, gaditti barreessi.
․․․․․
Ijoolleen warra isaaniitiif akka ajajaman Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsame beekta. (Efesoon 6:1) Warri kee jaalallee qabachuu akka hin qabne yoo isaanitti dhagaʼame, sababii quubsaa akka qaban mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Taʼus, miirri armaan gadii yoo sitti dhagaʼame si dinqisiisuu hin qabu:
● Anaan alatti namni hundi jaalallee waan qabuuf, kophaatti akkan hafe natti dhagaʼama.
● Shamarreen amantaa koo hin hordofne takka na hawwatteetti.
● Gaaʼela dhaabbachuuf umuriin koo kan hin geenye taʼus, shamarree Kiristiyaana taate takka jaalallee utuun godhadhee natti tola.
Yaadawwan armaan olii ilaalchisee wanta warri kee jedhan beekta taʼa. Ilaalchi warra keetii sirrii akka taʼe garaan kee beeka. Haa taʼu malee, akkuma shamarree Maanaamii jedhamtuu sitti dhagaʼama taʼa. Akkana jetteetti: “Dhiibbaan jaalallee akkan qabadhu narratti godhamu baayʼee cimaa waan taʼeef, yeroo tokko tokko ejjennoon koo sirrii taʼuu isaa nan shakka. Ijoollee yeroo harʼaa jiraniif jaalallee malee jiraachuun wanta hin yaadamnedha. Kophaa taʼuunis wanta namatti tolu miti.” Dargaggoonni haalawwan akkasii keessa jiran tokko tokko warra isaanii jalaa dhoksuudhaan jaalallee qabataniiru. Akkamitti?
“Dhimmicha Iccitiidhaan Akka Qabnu Nutti Himame”
Yaanni “dhoksaatti jaalallee qabachuu” jedhuyyuu hamma tokko gowwoomsaa kan of keessatti qabatedha; kanaafuu, dhoksaatti jaalallee qabachuuf yeroo yaaddu warra kaan gowwoomsuun kee hin oolu. Dargaggoonni tokko tokko hariiroo jaalalaa isaanii dhoksuuf adda durummaadhaan bilbilaan ykn intarneetiidhaan wal qunnamu. Namoota duratti namoota hariiroo kan biraa hin qabne fakkaatanii mulʼatu; iimeeliin walii barreessan, wanti bilbilaan haasaʼanii fi ergaan walii barreessan garuu hariiroo addaa akka qaban argisiisa.
Malli itti fayyadaman kan biraanimmoo waliin taʼuu akka dandaʼaniif qophii gareedhaan irratti hirmaatan qopheessuudha. Jeemsi akkana jedheera: “Yeroo tokko, gareedhaan iddoo tokkotti affeeramnee turre; booda garuu wanti hundi kan qophaaʼe garicha keessaa namoonni lama waliin taʼuu akka dandaʼaniif haala mijeessuuf akka taʼe hubanne. Dhimmicha iccitiidhaan akka qabnu nutti himame.”
Akkuma Jeemsi dubbate yeroo baayʼee dargaggoonni dhoksaatti jaalallee kan qabatan deggersa hiriyoota isaaniitiini. Kaaral, “Yeroo baayʼee, hariiroo isaanii ilaalchisee yoo xinnaate namni beeku tokko jira; taʼus, iccitii hiriyaa isaanii baasuudhaan isa gaddisiisuu waan hin barbaanneef homaa hin dubbatan” jetteetti. Yeroo tokko tokko ifatti sobu. Shamarreen waggaa 17 Beet jedhamtu, “Dargaggoonni hedduun dhoksaatti jaalallee yeroo qabatanitti, eessa akka dhaqan warra isaanii ni sobu” jetteetti. Shamarreen waggaa 19 Misaakii jedhamtu akkana jetteetti: “Seenaa hin jirre uumuufin yaala. Warri koo amantii akka narratti hin dhabneef, wanta jaalallee koo wajjin wal qabateen alatti wanta akkamiirrattiyyuu akkan isaan hin sobne ofan eeggadha ture.”
Balaa Dhoksaatti Jaalallee Qabachuun Qabu
Dhoksaatti jaalallee qabachuuf qoramaa jirta ykn ammayyuu dhoksaatti jaalallee qabatteetta yoo taʼe gaaffilee armaan gadii lamaan of gaafachuun kee barbaachisaadha:
Gochi koo kun garamitti na geessa? Nama sana wajjin dhiheenyatti gaaʼela dhaabbachuuf yaaddeettaa? Shamarreen waggaa 20 Iivan jedhamtu, “Gaaʼela dhaabbachuuf utuu hin yaadin jaalallee qabachuun akkuma wanta hin gurgurre beeksisuuti” jetteetti. Maal geessisuu dandaʼa? Fakkeenyi 13:12, “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa” jedha. Maarree, garaan nama jaallattuu akka dhukkubsatu gochuu ni barbaaddaa? Dhoksaatti jaalallee qabachuun kee gargaarsa warra kee fi namoota siif yaadan kan biroos si dhabsiisa. Kanaan kan kaʼes, kiyyoo halalummaatiin qabamuu dandeessa.—Galaatiyaa 6:7.
Gocha koo ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Kitaabni Qulqulluu, “Wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha” jedha. (Ibroota 4:13) Kanaafuu, jaalallee qabachuu kee ykn hiriyaan kee tokko jaalallee qabachuu isaa ati yoo dhoksitellee Yihowaan beeka. Keessumaa warra kaan gowwoomsaa jirta taanaan, dhimmi kun si yaaddessuu qaba. Yihowaan soba baayʼee jibba. Kitaaba Qulqulluu keessatti wantoota inni jibbu keessaa tokko “arraba sobu” akka taʼe ibsameera.—Fakkeenya 6:16-19.
Dhoksuu Dhiisi
Hariiroo dhoksaatti jalqabde warra keetti ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokkotti himuun kee faayidaa siif argamsiisa. Hiriyaan kee tokkos dhoksaatti jaalallee qabateera taanaan isaaf dhoksuudhaan gocha isaa hin deggerin. (1 Ximotewos 5:22) Hiriyaan kee sun hariiroo isaa kanaan kan kaʼe miidhaan yoo isarra gaʼe maaltu sitti dhagaʼama? Miidhaa isarra gaʼeef hamma tokko itti gaafatamuun kee ni oolaa?
Fakkeenyaaf, hiriyaan kee dhukkuba sukkaaraa qabu tokko dhoksaatti wantoota miʼaawaa taʼan nyaata haa jennu. Wanta hiriyaan kee kun gochaa jiru yoo beektee fi innis eenyuttiyyuu akka isa jalaa hin himne yoo si kadhate maal goota? Wanti caalaatti si yaaddessu gocha hiriyaa keetii kana isaaf dhoksuumoo tarkaanfii lubbuu isaa oolchuu dandaʼu fudhachuudha?
Hiriyaan kee tokko dhoksaatti jaalallee akka qabate beekuun kees kana wajjin wal fakkaata. Hiriyummaan keenya balaarra buʼa jettee hin yaaddaʼin. Yeroo booda hiriyaan kee tarkaanfii kana kan fudhatte faayidaa isaatiif jettee akka taʼe hubachuun isaa hin oolu.—Faarfannaa 141:5.
Dhoksaamoo Dhimma Dhuunfaati?
Jaalallee qabachuu wajjin haala wal qabateen wanti iccitiidhaan qabamu hundi warra kaan gowwoomsuudha jechuu miti. Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokkoo fi shamarreen takka caalaatti wal beekuu kan barbaadan taʼus, yeroodhaaf hariiroo isaanii namoonni baayʼeen akka beekan hin barbaadan taʼa. Tarii akkuma dargaggeessi Toomaas jedhamu dubbatetti, “yeroo hunda gaaffiin, ‘Maarree, gaaʼela yoom dhaabbattu?’ jedhu akka isaaniif dhihaatu hin barbaadan” taʼa.
Dhiibbaan warri kaan geessisan miidhaa qabaachuu dandaʼa. (Weedduu Weedduu Caalu 2:7) Kanaafuu, namoonni tokko tokko hariiroo akkasii yeroo jalqaban jalqabarratti beeksisuu dhiisuuf filatu. (Fakkeenya 10:19) Shamarree waggaa 20 kan taate Aanaan akkana jetteetti: “Kun taʼuun isaa namoonni lama hariiroo cimaa qabaachuu kan dandaʼan taʼuu isaa murteessuuf isaan dandeessisa. Murtoo kana erga godhanii booda namootatti beeksisuu dandaʼu.”
Haa taʼu malee, hariiroo keessan namoota beekuu qaban, jechuunis warra kee ykn warra jaalallee keetii dhoksuun dogoggoradha. Hariiroo keessan ilaalchisee homaa dubbachuu hin barbaaddu taanaan, akkas kan sitti dhagaʼamu maaliif akka taʼe of gaafachuu qabda. Warri kee sababa gaʼaa hariiroo keessan itti hin deggerre akka qaban sitti dhagaʼamaa?
“Maal Gochuu Akkan Qabu Nan Hubadhe”
Jeesiikaan ishiin olitti ibsamte, waaʼee shamarree Kiristiyaana taatee fi haalli kan ishii wajjin wal fakkaatu ishii mudatee yommuu dhageessu dhoksaatti Jaramii wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu ilaalchisee yaada qabdu jijjiirte. Jeesiikaan, “Hariiroo isaanii kan dhaabde akkamitti akka taʼe ergan dhagaʼee booda maal gochuu akkan qabu nan hubadhe” jetteetti. Garuu gargar baʼuun salphaa turee? Salphaa hin turre! Jeesiikaan, “Akkan isa jaalladhetti dhiira kan biraa jaalladhee hin beeku. Torban muraasaaf guyyaa guyyaadhaanan booʼa ture” jetteetti.
Taʼus, Jeesiikaan Yihowaa ni jaallatti. Yeroodhaaf karaarraa kan gorte taʼus, garaadhaa wanta sirrii taʼe gochuu barbaaddi turte. Yeroo booda miidhaa miiraa gargar baʼuu isaaniitiin kan kaʼe ishiirra gaʼerraa bayyanatteetti. Jeesiikaan akkana jetteetti: “Amma hariiroon Yihowaa wajjin qabu isa kanaan duraa caalaa baayʼee cimeera. Yeroo nu barbaachisutti qajeelfama waan nuu kennuuf baayʼeen isa galateeffadha!”
Jaalallee qabachuuf qophoofteetta, shamarree jaallattus argatteetta. Garuu shamarreen tun kan siif taatu taʼuu ishii beekuu kan dandeessu akkamitti?
CAQASA IJOO
“Waan hundumaa [irratti] amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.”—Ibroota 13:18.
GORSA GAARII
Jaalallee akka qabatte nama hundatti himuun si hin barbaachisu. Namoota beekuuf mirga qabanitti garuu himuu qabda. Yeroo baayʼee namoota itti himtu keessaa tokko warra kee fi warra jaalallee keetiiti.
KANA BEEKTAA?
Hariiroo dhaabbataan wal amanuurratti hundaaʼa. Dhoksaatti jaalallee qabachuun kee warri kee amantii akka sirratti dhaban godha; akkasumas hariiroon jaalallee kee wajjin qabdu buʼuura cimaa akka hin qabaanne godha.
WANTAN GOCHUU YAADE
Kiristiyaana tokko wajjin dhoksaatti hariiroo jaalalaa jalqabeera taanaan, akkanan godha ․․․․․
Hiriyaan koo tokko dhoksaatti jaalallee qabateera taanaan, akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Haalawwan sadan fuula 22ffaarratti gurraacheffamanii barreeffaman ilaali. Miira darbee darbee sitti dhagaʼamu kan ibsu isa kami?
● Dhoksaatti jaalallee utuu hin qabatin rakkina keetiif furmaata argachuu kan dandeessu akkamitti?
● Hiriyaan kee tokko dhoksaatti jaalallee akka qabate yoo beekte maal goota? Akkas gochuuf kan filatte maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 27rra jiru]
“Hariiroon jaalalaa dhoksaatti jalqabe addaanan kute. Dhugaa dubbachuuf, mana barumsaatti guyyaa guyyaadhaan gurbaa sana arguun baayʼee ulfaataa ture. Yihowaan garuu haala keenya ilaalchisee wanta hundumaa beeka, haalli sun maal akka geessisus beeka. Kanaafuu, Yihowaa amanuu qabna.”—Jeesiikaa
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Hiriyaan kee dhoksaatti jaalallee qabachuu isaa isaaf dhoksuun, nama dhukkuba sukkaaraa utuma qabuu dhoksaatti wantoota miʼaawaa taʼan nyaatuuf dhoksuu wajjin tokkodha
-
-
Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
-
-
BOQONNAA 3
Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?
Yeroo fudhadhuutii gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:
Akka ilaalcha amma qabduutti namni itti heerumuu barbaaddu amaloota kamfaa qabaachuu qaba? Amaloota armaan gadii keessaa warra caalaatti barbaachisoo akka taʼanitti yaaddu afur biratti mallattoo ✔ godhi.
□ Miidhagaa □ Nama hafuuraa
□ Nama wajjin kan walii galu □ Amanamaa
□ Beekamaa □ Naamusa gaarii kan qabu
□ Nama tapha beeku □ Galma kan qabu
Ijoollummaa keetti namni si hawwatee ture jiraa? Amaloota armaan olii keessaa amala yeroo sanatti namni sun caalaatti akka si hawwatu taasise tokko biratti mallattoo ✘ godhi.
AMALOOTA kana keessaa tokkollee dogoggora miti. Hundi isaaniiyyuu karaa itti nama hawwatan qabu. Taʼus, ijoollummaa keetti yeroo namni tokko si hawwatee turetti caalaatti kan xiyyeeffatte amaloota alaan mulʼatan kanneen akka kallattii bitaatiin argamanirrattidha yoo jedhame irratti walii hin galtuu?
Haa taʼu malee, bilchaachaa yeroo deemtu dandeettii yaaduu keetti fayyadamtee amaloota caalaatti barbaachisoo taʼan kanneen akka kallattii mirgaatiin jiranirratti xiyyeeffachuu jalqabde. Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokko shamarree bareedduun ollaa isaanii amanamtuu akka hin taane hubata ykn shamarreen takka dargaggeessi daree isaanii keessatti beekamaa taʼe naamusa gaarii akka hin qabne hubatti. Umurii dargaggummaa fedhiin saalaa itti cimurra darbiteetta taanaan gaaffii, “Namni kun nama naaf taʼudhaa?” jedhuuf deebii yeroo kennitu caalaatti kan xiyyeeffattu amaloota alaan mulʼatanirratti miti.
Jalqaba Of Beeki
Namni siif taʼu eenyu akka taʼe irratti yaaduu kee dura akka gaariitti of beekuun kee barbaachisaadha. Caalaatti of beekuuf akka si gargaaruuf gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenni:
Ciminni koo maalidha? ․․․․․
Dadhabinni koo maalidha? ․․․․․
Karaa miiraa fi karaa hafuuraa gargaarsa akkamiitu na barbaachisa? ․․․․․
Of beekuuf carraaqqii gochuun salphaa miti; gaaffileen kanneen akka armaan olii jiran kana jalqabuuf si gargaaru. Caalaatti yeroo of beektu nama dadhabina kee utuu hin taʼin cimina keerratti xiyyeeffatu argachuuf caalaatti gaʼumsa qabaatta.a Nama akkasii akka argatte yoo sitti dhagaʼame hoo?
Namni Kamiyyuu Naaf Taʼaa?
“Caalaatti utuu wal barree maal sitti fakkaata?” Gaaffiin akkasii baayʼee si dhiphisuu ykn baayʼee si gammachiisuu dandaʼa; kun nama si gaafaterratti hundaaʼa. Deebiin kee ‘ni taʼa’ kan jedhudha haa jennu. Maarree, sana booda jaalalleen kee nama siif taʼu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu kan dandeessu akkamitti?
Fakkeenyaaf, kophee bitachuu yaaddeetta haa jennu. Suuqii deemtee yeroo ilaaltu ijji kee kophee tokkorra buʼe. Kan nama gaddisiisu garuu kopheen sun baayʼee sitti dhiphate. Maarree, maal goota? Kopheen kun sii taʼuu baatus calluma jettee bittaa? Moo kophee kan biraa barbaaddatta? Yeroo kanatti murtoo sirriin kophee sana lafa keessee kan biraa barbaaddachuudha. Kophee nama qabu kaawwatanii deemuun gowwummaadha!
Hiriyaa gaaʼelaa filachuunis kana wajjin wal fakkaata. Yeroo garaa garaatti dhiironni adda addaa si hawwataniiru taʼa. Haa taʼu malee, namni kamiyyuu siif taʼa jechuu miti. Ati kan barbaaddu nama siif taʼu, jechuunis nama eenyummaa isaa jaallattuu fi galmi isaa kan kee wajjin wal fakkaatudha. (Uumama 2:18; Maatewos 19:4-6) Maarree, nama akkasii argatteettaa? Taanaan, nama siif taʼu taʼuu isaa akkamitti beekuu dandeessa?
Wantuma Alaan Mulʼaturratti hin Xiyyeeffatin
Gaaffii dhumarra jiruuf deebii kennuuf waaʼee nama si hawwatee yaadi. Garuu of eeggachuu qabda! Tarii wanta ilaaluu barbaaddu qofarratti xiyyeeffachuu dandeessa. Kanaafuu, hin ariifatin. Amala isaa isa dhugaa hubachuuf yaali. Kana beekuun garuu carraaqqii gochuu si gaafata. Taʼus, kun si dinqisiisuu hin qabu. Fakkeenyaaf, konkolaataa bitachuuf yaaddeetta haa jennu. Konkolaataa sana kan qorattu akkamitti? Bifa isaa alaan mulʼatu qofatu si yaaddessaa? Haala keessi isaa, tariimmoo motorri isaa irratti argamu caalaatti si yaaddessuu hin qabuu?
Nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu filachuun konkolaataa bitattu filachuu caalaa murtoo baayʼee ulfaataa taʼedha. Haa taʼu malee, dargaggoonni hariiroo jaalalaa jalqaban hedduun wanta alaan mulʼaturratti xiyyeeffatu. Dafanii kan ilaalan wanta wal isaan fakkeessudha. ‘Filannaan muuziqaa keenya tokkodha. Filannaan bashannanaa keenya wal fakkaata. Waan hundumaarratti walii galla’ jedhu taʼa. Haa taʼu malee, akkuma olitti ilaalle umurii dargaggummaa fedhiin saalaa itti cimurra darbiteetta taanaan wanta alaan mulʼaturratti hin xiyyeeffattu. “Keessa namummaa [nama sanaa] isa dhokataa” hubachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe siif gala.—1 Pheexiros 3:4; Efesoon 3:16.
Fakkeenyaaf, hammam akka walii galtan yaaduu mannaa, yeroo walii hin galletti wantoota taʼan irratti xiyyeeffachuun kee caalaatti isa beekuuf si gargaara. Karaa kan biraatiin, namni kun walitti buʼiinsa kan furu akkamitti? Tarii wanti hundi karaa inni barbaaduun akka raawwatamu dhiibbaa gochuuf jecha ‘aariidhaan ni finiinaa’ ykn nama ni ‘arrabsaa’? (Galaatiyaa 5:19, 20; Qolosaayis 3:8) Moo dhimmichi filannaadhaaf kan dhiifame yeroo taʼutti nagaadhaaf jedhee yaada isaa jijjiiruuf fedhii akka qabu argisiisa?—Yaaqoob 3:17.
Wanti irratti yaaduu qabdu kan biraanis jira: Wanta inni barbaadu akka raawwattu malaan dhiibbaa sirratti gochuuf ykn si toʼachuuf ni yaalaa? Ni hinaafaa? Wanta gootu hunda beekuu akka qabu isatti dhagaʼamaa? Niikool akkana jetteetti: “Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban tokko tokko sochii walii isaanii hunda beekuu akka qaban waan isaanitti dhagaʼamuuf akka walitti buʼan dhagaʼeera. Kun mallattoo rakkinni akka jiru argisiisu natti fakkaata.”—1 Qorontos 13:4.
Dhimmoonni kanneen akka olitti kaasnee jiran eenyummaa fi amala nama tokkoorratti xiyyeeffatu. Haa taʼu malee, jaalalleen kee maqaa akkamii akka qabu beekuun kees barbaachisaadha. Namoonni ilaalcha akkamii isaaf qabu? Namoota isa beekan, tarii namoota bilchaatoo gumii keessa jiran haasofsiisuun kee si fayyaduu dandaʼa. Akkas gochuudhaan “maqaa gaarii” kan qabu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu dandeessa.—Hojii Ergamootaa 16:1, 2.
Waaʼee jaalallee keetii wantoota hubatte barreeffachuudhaan ulaagaalee hanga ammaatti ilaalle kan guutu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu dandeessa.
Eenyummaa ․․․․․
Amala ․․․․․
Maqaa qabu ․․․․․
Saanduqa fuula 39 irratti argamuu fi “Abbaa Manaa Gaarii Naaf Taʼaa?” jedhu ykn fuula 40 irratti argamuu fi “Haadha Manaa Gaarii Naaf Taatii?” jedhu qoruun kees si fayyada. Gaaffileen achirratti argaman jaalalleen kee nama siif taʼu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf si gargaaru.
Erga irratti yaaddee booda namni sun akka siif hin taane yoo hubatte hoo? Haala akkasii keessatti, gaaffii ulfaataatu sitti uumama:
Gargar Baʼuu Qabnaa?
Gargar baʼuun faayidaa qabaachuu dandaʼa. Mee muuxannoo Jiil haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Jalqabarratti, jaalalleen koo naaf yaaduudhaan yeroo hunda eessa akkan jiru, maal gochaa akkan jiruu fi eenyu wajjin akkan jiru na gaafachuun isaa na gammachiisa ture. Booda garuu isaan alatti eenyuyyuu wajjin yeroo akkan dabarsu akka hin barbaannen hubadhe. Yeroon maatii koo wajjin yeroo dabarsuttillee, keessumaammoo yeroon abbaa koo wajjin taʼutti ni hinaafa ture. Yeroon isarraa gargar baʼetti akkuma waan baʼaa guddaan tokko gateettii koorraa buʼetti natti dhagaʼame!”
Saaraanis haalli akkasii ishii mudateera. Jaalalleen ishii Joon jedhamu dubbii nama miidhu akka dubbatu, salphaatti akka hin gammannee fi naamusa akka hin qabne hubachuu jalqabde. Saaraan akkana jetteetti: “Yeroo tokko saʼaatii sadii barfatee dhufe. Haati koo yeroo balbala isaaf bantu calluma jedhee seene; achiis, ‘Haa deemnu. Barfanneerra’ jedhe. ‘Barfadheera’ utuu hin taʼin, ‘Barfanneerra’ jedhe. Dhiifama gaafachuu ykn sababii itti barfate ibsuu qaba ture. Balleessan isaa inni guddaanimmoo haadha kootti kabaja argisiisuu dhiisuu isaati.” Dhugaadha, gochi ykn amalli nama aarsu tokko qofti gargar baʼuuf sababa hin taʼu. (Faarfannaa 130:3) Haa taʼu malee, Saaraan wanti Joon godhe waanuma akka tasaa taʼe utuu hin taʼin amaluma isaa akka taʼe waan hubatteef isarraa gargar baʼuuf murteessite.
Atis akkuma Jiilii fi Saaraa jaalalleen kee nama siif taʼu akka hin taane yoo sitti dhagaʼame maal goota? Akkas taanaan, miira sitti dhagaʼamu calluma jettee bira hin darbin. Kana amananii fudhachuun salphaa taʼuu baatus, haala akkasii keessatti wanti wayyu hariiroo keessan addaan kutuu taʼuu dandaʼa. Fakkeenyi 22:3, “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata” jedha. Fakkeenyaaf, jaalalleen kee mallattoo rakkinni akka jiru argisiisuu fi fuula 39 fi 40 irratti ibsame keessaa tokko ykn isaa ol yoo qabaate yoo xinnaate hanga rakkina isaa sana sirreessutti hariiroo keessan addaan kutuun keessan gaariidha. Dhugaadha, gargar baʼuun salphaa miti. Taʼus, gaaʼelli hariiroo dhaabbataa taʼedha. Umurii kee guutuu gaabbiidhaan miidhamuu mannaa yeroo gabaabaadhaaf dhiphachuu sii wayya.
Murtoo Kee Ibsuu
Murtoo isarraa gargar baʼuuf goote akkamitti ibsuufii qabda? Jalqaba, haala mijataa taʼe filadhu. Kun maal taʼuu dandaʼa? Utuu si taʼee akkamitti akka sitti himamu akka barbaaddu yaadi. (Maatewos 7:12) Namoota duratti akka sitti himamu ni barbaaddaa? Akka hin barbaanne ifadha. Haalli si dirqisiisu yoo jiraate malee, bilbilaan, ergaa barreeffamaatiin ykn iimeeliidhaan gargar baʼuu akka barbaaddu utuu ibsuu baattee gaariidha. Kanaa mannaa, dhimma iddoo guddaa qabu kanarratti mariʼachuuf yeroo fi bakka mijataa taʼe filadhu.
Yeroo yaada kee ibsitu maal jechuu qabda? Phaawulos ergamaan “dhugaa” akka walitti himan Kiristiyaanota gorseera. (Efesoon 4:25) Ejjennoo kee utuu hin laaffisin malaan dubbadhu. Hariiroon keessan akka itti fufu kan hin barbaanne maaliif akka taʼe ifatti dubbadhu. Dogoggora raawwatame tarreessuun ykn komii qabdu hunda dubbachuun si hin barbaachisu. ‘Akkana hin goone’ ykn ‘akkana gootee hin beektu’ jechuu mannaa miira sitti dhagaʼame ibsuurratti xiyyeeffadhu; fakkeenyaaf, “Ani kanan barbaadu nama . . . ” ykn “Sababii . . . gargar baʼuu akka qabnu natti dhagaʼame” jechuu dandeessa.
Yeroon kun yeroo itti mamtu ykn yaada kee itti jijjiirtu miti. Gargar baʼuuf kan filatte sababii cimaa taʼerratti hundooftee akka taʼe yaadadhu. Kanaafuu, jaalalleen kee malaan yaada kee akka si hin jijjiirsisne of eeggadhu. Shamarreen Loorii jedhamtu akkana jetteetti: “Jaalallee koorraa ergan gargar baʼee booda yeroo hunda baayʼee akka dhiphate natti argisiisuuf yaala ture. Amala akkasii kan argisiisu akkan isaaf gaddu barbaadee natti fakkaata. Baayʼee na gaddisiiseera. Taʼus, haalli isaa murtoo koo akka na jijjiirsisu hin heyyamne.” Atis akkuma Loorii wanta gochuu barbaaddu beeki. Achiis murtoo kee hin jijjiirin. Lakkiin kee lakkii haa taʼu.—Yaaqoob 5:12.
Erga Gargar Baatanii Booda
Erga gargar baatanii booda yeroo muraasaaf gaddi cimaan yoo sitti dhagaʼame kun si ajaaʼibsiisuu hin qabu. Akkuma faarfaticha isa, “Dhiphadheera, akka malees gaddeera; guyyaa guutuu gaddaan asii fi achi nan joora” jedhee sitti dhagaʼama taʼa. (Faarfannaa 38:6) Michoonni kee tokko tokko carraa kan biraa akka isaaf kennitu si jajjabeessuudhaan si gargaaruuf yaalu taʼa. Garuu of eeggadhu. Wanta facaaste sumatu haammata malee michoota kee miti. Kanaafuu, wanta taʼetti kan gaddite taʼus ejjennoo cimaa qabaachuun kee si sodaachisuu hin qabu.
Suutuma suuta miira dhiphinaa sitti dhagaʼamurraa akka bayyanattu mirkanaaʼaa taʼi. Haala isaa dandamachuuf akka si gargaaruuf tarkaanfiiwwan armaan gadii maaliif hin fudhattu?
Wanta sitti dhagaʼamu nama amantu tokkotti himi.b (Fakkeenya 15:22) Waaʼee dhimmichaa kadhannaadhaan Yihowaatti himi. (Faarfannaa 55:22) Hojiidhaan qabami. (1 Qorontos 15:58) Warra kaanirraa of hin fageessin. (Fakkeenya 18:1) Namoota si jajjabeessan wajjin gareedhaan yeroo dabarsi. Sammuun kee wantoota gaggaariirratti akka xiyyeeffatu gochuuf carraaqqii godhi.—Filiphisiyus 4:8.
Yeroo booda hiriyaa haaraa argachuu dandeessa. Yeroo sanatti caalaatti ilaalcha madaalamaa akka qabaattu hin shakkisiisu. Tarii yeroo sanatti deebiin gaaffii, “Namni kun nama naaf taʼudhaa?” jedhuuf kennitu eeyyee kan jedhu taʼuu dandaʼa.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA, BOQONNAA 31 DUBBISI
Hariiroo jaalalaa jalqabdeetta taanaan, jaalala waliif ibsuu wajjin haala wal qabateen daangaa kaaʼuu kan dandeessan akkamitti?
[Miiljaleewwan]
a Caalaatti of beekuuf akka si gargaaruuf Boqonnaa 1ffaarraa gaaffilee mata duree xiqqaa, “Gaaʼela Dhaabbachuuf Qophoofteettaa?” jedhu jalatti argamanirratti yaadi.
b Warri kee ykn namoonni bilchina qaban kan biroon, fakkeenyaaf, jaarsoliin si gargaaruu dandaʼu. Tarii isaanis dargaggummaa isaanitti akkuma kee haalli dhiphisaan isaan mudatee akka ture sitti himu taʼa.
CAQASA IJOO
“Mucaan tokko illee amalli isaa qulqulluu fi sirrii taʼuun isaa gocha isaatiin ni beekama.”—Fakkeenya 20:11.
GORSA GAARII
Sochiiwwan amala walii keessanii beekuuf isin gargaaranirratti hirmaadhaa:
● Dubbii Waaqayyoo waliin qoʼadhaa.
● Walgaʼii gumii fi tajaajilarratti yeroo hirmaattan xiyyeeffannaa waliif kennuudhaan caalaatti wal beekuuf yaalaa.
● Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi hojii ijaarsaarratti hirmaadhaa.
KANA BEEKTAA?
Qorannoowwan hedduun akka argisiisanitti namoonni amantaa garaagaraa utuma hordofanii gaaʼela dhaabbatan yeroo baayʼee wal hiiku.
WANTAN GOCHUU YAADE
Namni hin amanne yoo na hawwate, akkanan godha ․․․․․
Jaalalleen koo maqaa akkamii akka qabu beekuuf, akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Amaloonni gaggaariin gaaʼela keessatti argisiisuu barbaaddu kamfaʼi?
● Amaloonni barbaachisoon hiriyaan gaaʼelaa kee akka qabaatu barbaaddu kamfaʼi?
● Nama amantaa kee hin hordofnetti yoo heerumte rakkoowwan ciccimoon akkamii si mudachuu dandaʼu?
● Eenyummaa, amalootaa fi maqaa jaalalleen kee qabu beekuu kan dandeessu karaawwan kamiini?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 37rra jiru]
“Akkaataan jaalalleen kee maatii ishii itti qabdu akkaataa itti si qabdu argisiisa.”—Toonii
[Saanduqa fuula 34rra jiru]
“Gita Malee Walitti hin Camadaminaa”
“Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa.” Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu 2 Qorontos 6:14 irratti argamu kun gorsa ogummaarratti hundaaʼe akka taʼe siif gala. Haa taʼu malee, namni hin amanne si hawwachuu dandaʼa. Maaliif? Yeroo tokko tokko xiyyeeffannaa kee kan harkisu wanta alaan mulʼatudha. Dargaggeessi Maarki jedhamu akkana jedheera: “Shamarree takka mana jiimii keessatti yeroo hundan arga. Ofuma ishiitii dhuftee na haasofsiisuuf yaalti. Ishii wajjin hariiroo jalqabuun ulfaataa hin turre.”
Akka gaariitti kan of beektu yoo taʼee fi ulaagaalee hafuuraa hordofturratti amanannaa yoo qabaatte, akkasumas bilchina yoo qabaattee fi miiraan hin oofamtu taanaan maal gochuu akka qabdu beekta. Namni xiyyeeffannaa kee harkise sun baayʼee kan nama hawwatu, jaallatamaa ykn kabajamaa yoo taʼellee hariiroo Waaqayyo wajjin qabdu akka guddifattu si gargaaruu hin dandaʼu.—Yaaqoob 4:4.
Dhugaadha, keessumaa jaalalli si qabeera taanaan hariiroo keessan addaan kutuun baayʼee ulfaata. Haalli akkasii shamarree Siindii jedhamtu mudateera. Akkana jetteetti: “Guyyaa hundumaa nan booʼan ture. Yeroo hundumaa, walgaʼii gumiirrattillee waaʼee gurbaa sanaan yaada ture. Baayʼee waanan isa jaalladhuuf, isa dhabuurra duʼuun filadha ture.” Taʼus, Siindiin utuma baayʼee hin turin gorsi haati ishii nama hin amanne wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu ilaalchisee ishiidhaaf kennite ogummaarratti kan hundaaʼe akka taʼe hubatte. Akkana jetteetti: “Hariiroon isa wajjin qabu addaan kutuun gaarii akka taʼe nan hubadhe. Yihowaan wanta na barbaachisu akka naaf guutu amanannaan qabu caalaatti cimeera.”
Haalli Siindiin keessa turte wajjin wal fakkaatu si mudateeraa? Taanaan, kophaa kee waldhaansoo gochuun si hin barbaachisu. Warra kee haasofsiisuu dandeessa. Jiim yeroo mana barumsaatti intalli takka isa hawwattetti akkas godheera. Akkana jedheera: “Dhumarratti warra koo gargaarsan gaafadhe. Miira kana mooʼuuf kan na gargaare akkas gochuu kooti.” Jaarsoliin gumiis si gargaaruu dandaʼu. Haala keessa jirtu jaarsa tokkotti maaliif hin himtu?—Isaayyaas 32:1, 2.
[Saanduqa/Fakkii fuula 39rra jiru]
Gilgaala
Abbaa Manaa Gaarii Naaf Taʼaa?
Eenyummaa
◻ Aangoo isaatti kan fayyadamu akkamitti?—Maatewos 20:25, 26.
◻ Galmawwan akkamii qaba?—1 Ximotewos 4:15.
◻ Galmawwan sanarra gaʼuuf amma carraaqaa jiraa?—1 Qorontos 9:26, 27.
◻ Maatii isaa akkamitti qaba?—Baʼuu 20:12.
◻ Hiriyoonni isaa eenyufaʼi?—Fakkeenya 13:20.
◻ Waaʼee maalii haasaʼuu jaallata?—Luqaas 6:45.
◻ Maallaqaaf ilaalcha akkamii qaba?—Ibroota 13:5, 6.
◻ Bashannana akkamii jaallata?—Faarfannaa 97:10.
◻ Jaalala Yihowaadhaaf qabu kan argisiisu akkamitti?—1 Yohaannis 5:3.
Amaloota Barbaachisoo
◻ Jabaatee ni hojjetaa?—Fakkeenya 6:9-11.
◻ Maallaqa ogummaadhaan fayyadamaa?—Luqaas 14:28.
◻ Maqaa gaarii qabaa?—Hojii Ergamootaa 16:1, 2.
◻ Namaaf ni yaadaa?—Filiphisiyus 2:4.
Mallattoo Rakkinni Akka Jiru Argisiisu
◻ Dafee aaraa?—Fakkeenya 22:24.
◻ Halalummaa akka raawwattu si sossobuuf ni yaalaa?—Galaatiyaa 5:19.
◻ Warra kaanirratti miidhaa qaamaa ni geessisaa? Yookiin dubbii isaatiin nama miidhaa?—Efesoon 4:31.
◻ Dhugaatii alkoolii yoo dhuge malee akka bashannane isatti hin dhagaʼamuu?—Fakkeenya 20:1.
◻ Kan hinaafuu fi ofittoodhaa?—1 Qorontos 13:4, 5.
[Saanduqa/Fakkii fuula 40rra jiru]
Gilgaala
Haadha Manaa Gaarii Naaf Taatii?
Eenyummaa
◻ Maatii fi gumii keessatti aangoodhaaf akka bitamtu ni argisiistii?—Efesoon 5:21, 22.
◻ Maatii ishii akkamitti qabdi?—Baʼuu 20:12.
◻ Hiriyoonni ishii eenyufaʼi?—Fakkeenya 13:20.
◻ Waaʼee maalii haasaʼuu jaallatti?—Luqaas 6:45.
◻ Maallaqaaf ilaalcha akkamii qabdi?—1 Yohaannis 2:15-17.
◻ Galmawwan akkamii qabdi?—1 Ximotewos 4:15.
◻ Galmawwan sanarra gaʼuuf amma carraaqaa jirtii?—1 Qorontos 9:26, 27.
◻ Bashannana akkamii jaallatti?—Faarfannaa 97:10.
◻ Jaalala Yihowaadhaaf qabdu kan argisiistu akkamitti?—1 Yohaannis 5:3.
Amaloota Barbaachisoo
◻ Jabaattee ni hojjettii?—Fakkeenya 31:17, 19, 21, 22, 27.
◻ Maallaqa ogummaadhaan fayyadamtii?—Fakkeenya 31:16, 18.
◻ Maqaa gaarii qabdii?—Ruut 3:11.
◻ Namaaf ni yaaddii?—Fakkeenyaaf 31:20.
Mallattoo Rakkinni Akka Jiru Argisiisu
◻ Dubbii ni jaallattii?—Fakkeenya 21:19.
◻ Halalummaa akka raawwattu si sossobuuf ni yaaltii?—Galaatiyaa 5:19.
◻ Warra kaanirratti miidhaa qaamaa ni geessistii? Yookiin dubbii ishiitiin nama ni miitii?—Efesoon 4:31.
◻ Dhugaatii alkoolii yoo dhugde malee akka bashannante ishiitti hin dhagaʼamuu?—Fakkeenya 20:1.
◻ Kan hinaaftuu fi ofittoodhaa?—1 Qorontos 13:4, 5.
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Kan sitti taʼu kophee hunda miti; haaluma wal fakkaatuun, hiriyaa gaaʼelaa gaarii kan siif taʼu nama hunda miti
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Yommuu konkolaataa tokko bitachuu yaaddu bifa alaan mulʼatu caalaa wanti barbaachisaa taʼe akka jiru sitti dhagaʼamaa? Hiriyaa gaaʼelaa filachuun murtoo kanarra caaludha
-