LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Carraaqqii Waaqayyoon Jaallachuuf Godhamu
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Amajjii 1
    • MATADUREE FUULA JALQABAA | SOBA WAAQAYYO JAALALA QABEESSA MITI JEDHU

      Carraaqqii Waaqayyoon Jaallachuuf Godhamu

      ‘Waaqayyokee garaakee guutuudhaan, jireenyakee guutuudhaan, yaadakee guutuudhaanis jaalladhu. Abboommiin hundumaarra caalu inni duraa isa kana.’​—Yesus Kiristos, Dh.K.B. bara 33a

      Waaqayyoon jaallachuun namoota tokko tokkoof rakkisaa taʼeera. Waaqayyo iccitii, isaanirraa fagoofi hamaa akka taʼetti ilaalu. Mee yaadawwan armaan gadiirratti yaadi:

      • “Waaqayyo akka na gargaaruuf kadhachaa kanan ture taʼus, narraa fagoo akka taʼeefi isatti dhihaachuun akka hin dandaʼamne natti dhagaʼama ture. Akkasumas, qaama iccitii taʼeefi miira hin qabne akka taʼettan isa ilaalan ture.”​—Maarkoo, Xaaliyaanii.

      • “Waaqayyoon tajaajiluuf fedhii guddaa kanan qabu taʼus, baayʼee narraa fagoo, gara jabeessaafi kan nu adabu akka taʼetti natti dhagaʼama ture. Waan nuuf yaadu natti hin fakkaatu ture.”​—Roosaa, Guwaatimaalaa.

      • “Yommuun ijoollee ture, Waaqayyo dogoggora keenya funaanuudhaan waan nu adabu natti fakkaata ture. Boodammoo, Waaqayyo dhimma keenya akka hin qabnetti yaaduun eegale. Muummee ministeeraa uummatasaa toʼatu, garuummoo isaaniif hin yaanne tokkoo wajjinan wal isa fakkeessa ture.”​—Raamoond, Kaanaadaa.

      Atoo Maal jetta? Waaqayyo Waaqa nama hin jaallannedhaa? Namoonni baayʼeen jaarraa hedduudhaaf gaaffii kana gaafachaa turaniiru. Baroota Giddu Galeessaatti, namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan hedduun, gara Waaqayyootti kadhannaa hin dhiheessan turan. Maaliif? Baayʼee waan isa sodaataniifidha. Barreessaan seenaa Wiil Duuraant jedhamu, “Namni cubbamaan tokko akkamitti ija jabaatee Waaqa sodaachisaa taʼeefi nurraa fagoo jirutti kadhannaa dhiheessa?” jechuudhaan haala yeroo sana ture ibseera.

      Namoonni Waaqayyo Waaqa “sodaachisaafi fagoo jiru” akka taʼetti ilaaluu kan jalqaban akkamitti? Macaafni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo maal barsiisa? Waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barachuunkee isa jaallachuuf si gargaaruu dandaʼaa?

      a Maatewos 22:37, 38.

  • Soba Waaqayyo Maqaa Hin Qabu Jedhu
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Amajjii 1
    • [Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

      MATADUREE FUULA JALQABAA | SOBA WAAQAYYO JAALALA QABEESSA MITI JEDHU

      Soba Waaqayyo Maqaa Hin Qabu Jedhu

      ILAALCHA NAMOOTA HEDDUU

      “Maqaa Waaqayyootti fayyadamuu ykn fayyadamuu dhiisuu, akkasumas eenyu jennee akka isa waamnu ilaalchisee yaada walii galaa tokko hin qabnu.”​—Hayyuu amantii kan taʼan Piroofeesara Deevid Kaniinghaam, Tiʼooloojikaal Istadiis.

      DHUGAA MACAAFA QULQULLUURRA JIRU

      Waaqayyo, ‘Ani Waaqayyo [“Yihowaa,” NW] dha, maqaankoo isa kana’ jedheera. (Isaayaas 42:8) Maqaan Yihowaa jedhu jecha afaan Ibrootaarraa kan dhufe siʼa taʼu, hiiknisaas “Akka Taʼu Godha” jechuudha.

      Yihowaan maqaasaatti akka fayyadamnu barbaada. Macaafni Qulqulluun, “Maqaa isaas waammadhaa! Gocha isaa saba hundumaa keessatti beeksisaa, maqaan isaa akka ol kaʼes himaa!” jedha.​—Isaayaas 12:4.

      Yesus, maqaa Waaqayyootti fayyadameera. Kadhannaa dhiheesse tokkorratti Yihowaadhaan, “Maqaan kee isaan [bartoota Yesus] biratti akka beekamu godheera . . . ammas akka beekamu nan godha” jedheera. Yesus maqaa Waaqayyoo bartootasaatti kan beeksise maaliifi? Sababiisaa yommuu ibsu, “Jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf” jedheera.​—Yohannis 17:26.

      WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?

      Barsiisaa amantii kan taʼan Wooltar Loowuriin, “Namni maqaa Waaqayyoo hin beekne, isa beeka jechuu hin dandaʼu. Akkasumas, akka humna qaama hin qabne tokkootti isa ilaala taanaan, Waaqayyoon ni jaallata jechuun hin dandaʼamu” jechuudhaan barreessaniiru.

      Namichi Viiktar jedhamu tokko, torban torbaniin gara waldaa kan deemu taʼus, Waaqayyoon akka beeku isatti hin dhagaʼamu ture. Akkas jedheera: “Yeroo booda garuu, maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe kanan baradhe siʼa taʼu, ennaa kanatti yeroo jalqabaatiif akkan isaa wajjin wal baretti natti dhagaʼame. Naman waaʼeesaa dhagaʼaa ture tokkoo wajjin dhumarratti akkan wal argetti natti dhagaʼame. Akka inni qaama qabu hubachuufi isaa wajjin michooma gaarii uumuu dandaʼeera.”

      Yihowaanis namoota maqaasaatti fayyadamanitti ni dhihaata. Namoota “maqaa isaatiif ulfina kennan” ilaalchisee, “Akkuma abbaan ilma isaaf hojjetuuf ooʼu akkasuma anis isaaniif nan ooʼa” jechuudhaan abdii kenneera. (Miilkiyaas 3:16, 17) Waaqayyo namoota maqaasaa waaman ni kiisa. Macaafni Qulqulluun, “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola” jedha.​—Roomaa 10:13.

  • Soba Waaqayyo Iccitiidha Jedhu
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Amajjii 1
    • MATADUREE FUULA JALQABAA | SOBA WAAQAYYO JAALALA QABEESSA MITI JEDHU

      Soba Waaqayyo Iccitiidha Jedhu

      ILAALCHA NAMOOTA HEDDUU

      ‘Kutaa gurguddaan amantii Kiristiyaanaa sadan, jechuunis Kaatolikii Roomaa, Ortodoksii Bahaafi Pirootestaantiin, Waaqayyo tokko akka taʼeefi qaama sadii akka qabu, isaanis Waaqa Abbaa, Waaqa Ilmaafi Waaqa Hafuura Qulqulluu akka jedhaman barsiisu. Akka barumsa amantii Saba Kiristiyaanaatti, barumsi kun waaʼee waaqayyolii sadii kan ibsu utuu hin taʼin, sadansaanii tokko akka taʼan kan addeessudha.’​—Za Niiwu Insaayikilooppeediyaa Biritaanikaa.

      DHUGAA MACAAFA QULQULLUURRA JIRU

      Yesus inni Ilma Waaqayyoo taʼe, Abbaasaa wajjin wal qixxee ykn isaa wajjin qaama tokko taʼuun akka isaaf malutti yaadee hin beeku. Kanaa mannaa, “Waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caalaʼo” jedheera. (Yohannis 14:28) Akkasumas, duuka buutotasaa keessaa ishee tokkoon, “Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan baʼa” jedheera.​—Yohannis 20:17.

      Hafuurri qulqulluun qaama hin qabu. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, “hafuura qulqulluudhaan guutaman[ii]” kan turan siʼa taʼu, Yihowaanis, “Foon-qabeessa hundumaaf hafuura koo nan kenna [“dhangalaasa,” NW]” jedheera. (Hojii Ergamootaa 2:1-4, 17) Hafuurri qulqulluun kutaa Sillaasee utuu hin taʼin, humna Waaqayyoo isa hojiirra jirudha.

      WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?

      Hayyuu amantii Kaatolikii kan taʼan Kaarl Raahneriifi Harbarti Voorgiriimlar, Sillaaseen, “Mulʼataan malee beekamuu akka hindandeenye, mulʼata boodallee taanaan guutummaatti hubachuun akka hin dandaʼamne” ibsaniiru. Nama iccitii taʼe tokko jaallachuu ni dandeessaa? Barumsi Sillaasee gufuu namoonni Waaqayyoon akka hin barreefi akka hin jaallanne godhudha.

      Maarkoo inni mataduree darberratti caqasame, barumsa Sillaasee akka gufuutti ilaala. “Eenyummaasaa waan na dhoksaa jiru waan natti fakkaatuuf, Waaqayyo baayʼee fagoo, iccitiifi itti dhihaachuun kan hin dandaʼamne akka taʼe godheen yaada ture” jedheera. Macaafni Qulqulluun garuu Waaqayyo, “Hunduma keenyattii fagoo miti” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:27) Inni Waaqa of dhoksu miti. Akka isa barru barbaada. Yesus, “Nuyi garuu waan beeknutti saganna” jedheera.​—Yohannis 4:22.

      Maarkoon itti fufuudhaan, “Dhumarratti Waaqayyo Sillaasee akka hin taane yommuun bare, isaa wajjin walitti dhufeenya uumuu dandaʼeera” jedheera. Yihowaan Waaqa iccitii hin taaneefi qaama qabu akka taʼetti yoo ilaalle, salphaatti isa jaallachuu dandeenya. Macaafni qulqulluun, “Waaqayyo jaalala waan taʼeef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne” jedha.​—1 Yohannis 4:8.

  • Soba Waaqayyo Gara Jabeessa Jedhu
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Amajjii 1
    • MATADUREE FUULA JALQABAA | SOBA WAAQAYYO JAALALA QABEESSA MITI JEDHU

      Soba Waaqayyo Gara Jabeessa Jedhu

      ILAALCHA NAMOOTA HEDDUU

      “Namoonni cubbuu adabbiidhaaf nama geessisu hojjetan, akkuma duʼaniin lubbuunsaanii gara Siiʼol, jechuunis ‘ibidda barabaraatti’ seenti.” (Kaateekizim oov ze Kaatolik Charchi) Geggeessitoonni amantii tokko tokko, Siiʼol Waaqayyorraa guutummaatti adda baʼuu argisiisa jedhanii barsiisu.

      DHUGAA MACAAFA QULQULLUURRA JIRU

      “Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa duʼu!” (Hisqiʼel 18:4) Warri duʼan “waan tokko iyyuu hin beekan.” (Lallaba 9:5) Lubbuun kan duutuufi waan tokkoyyuu kan hin beekne erga taatee, “ibidda barabaraa” keessatti barabaraaf gubachuu ykn barabaraaf Waaqayyorraa fagaattee jiraachuu kan dandeessu akkamitti?

      Macaafa Qulqulluu keessatti, jechi afaan Ibrootaafi Giriikii “Siiʼol” jedhamee hiikame, iddoo awwaalaa ilmaan namootaa kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, Iyoob dhukkuba cimaadhaan yommuu qabame, “Iddoo lafa jalaa [“Siiʼol,” hiika bara 1899] keessa utuu ana dhoksitee” jechuudhaan kadhateera. (Iyoob 14:13) Iyoob kan barbaade, boqonnaa, jechuunis duʼee awwaalamuudha malee, bakka gubannaa dhaquu ykn Waaqayyorraa fagaachuu miti.

      WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?

      Amalli gara jabinaa Waaqayyotti akka dhihaannu utuu hin taʼin, isarraa akka fagaannu kan godhudha. Rooseyoo isheen Meeksikoo keessa jiraattu akkas jetteetti: “Ijoollummaa kootii kaasee waaʼee ibidda barabaraa baradheen ture. Baayʼee waanan isa sodaadhuuf Waaqayyo amala gaarii qaba jedhee hin yaaduun ture. Baayʼee kan aaruufi obsa kan hin qabne natti fakkaata ture.”

      Murtoo Waaqayyo dabarsuufi haala warri duʼan keessatti argaman ilaalchisee yaanni Macaafni Qulqulluun barsiisu, ilaalchi Rooseyoon Waaqayyoof qabdu akka jijjiiramu godheera. Akkas jetteetti: “Akkuma waan baʼaan guddaan tokko narraa buʼeetti aara galfiin natti dhagaʼame. Waaqayyo wanta gaarii akka nuuf yaadu, akka nu jaallatuufi anis is jaallachuu akkan dandaʼu yaaduun jalqabe. Waaqayyo akka abbaa ijoolleesaa ol fuudhee baatuufi waan gaarii isaaniif hawwuuti.”​—Isaayaas 41:13.

      Namoonni hedduun ibiddaan gubachuu waan sodaataniif nama amantii taʼuuf carraaqu; Waaqayyo garuu sodaa sitti dhagaʼamuun kan kaʼe akka isa tajaajiltu hin barbaadu. Kanaa mannaa, Yesus, “Waaqayyo kee goofticha . . . jaallachuutu siif taʼa!” jedheera. (Maarqos 12:29, 30) Hunda caalaammoo, Waaqayyo murtoo akka hin jalʼisne baruun keenya, murtoo inni gara fuulduraatti kennurratti amanannaa akka qabaannu nu gargaara. Akkuma Eliihuu isa michuu Iyoob turee, nutis amanannaadhaan, “Jalʼinni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa dandaʼu irraa haa fagaatu!” jechuu ni dandeenya.​—Iyoob 34:10.

  • Dhugaan Birmaduu Si Baasa
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Amajjii 1
    • [Fakkii fuula 7rra jiru]

      MATADUREE FUULA JALQABAA | SOBA WAAQAYYO JAALALA QABEESSA MITI JEDHU

      Dhugaan Birmaduu Si Baasa

      Yeroo tokko Yesus, Yerusaalem keessatti, waaʼee Yihowaa dubbachaa, akkasumas geggeessitoota amantii sobaa bara sana turan saaxilaa ture. (Yohannis 8:12-30) Wanti inni yeroo sana barsiise, Waaqayyoon ilaalchisee yaada yeroo harʼaa balʼinaan argamu qoruuf nu gargaara. Yesus, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedheera.​—Yohannis 8:31, 32.

      Yesus, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan” jechuudhaan barumsi amantii yeroo harʼaa barsiifamu “dhugaa” taʼuufi dhiisuusaa karaa itti qoruu dandeenyu ibseera. Waaqayyoon ilaachisee yaada tokko yommuu dhageessu, ‘Dubbiin kun yaada Yesus dubbateefi wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin walsimaa?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenya namoota wanta Phaawulos ergamaan dubbate erga dhagaʼanii booda, ‘wanti dubbatame [isaan baratan] dhugaa taʼuusaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti Macaafota Qulqulluu qoraa turanii’ hordofi.​—Hojii Ergamootaa 17:11.

      Maarkoo, Roosaafi Raamoond warri jalqabarratti caqasaman, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan ilaalchasaanii akka gaariitti qoraniiru. Maal baratan laata?

      Maarkoo: “Namni Macaafa Qulqulluu nu qayyabsiisaa ture, gaaffii aniifi haati manaakoo gaafannu hundaaf Macaafa Qulqulluurraa deebii nuu kenna ture. Achiis jaalalli nuti Waaqayyoof qabnu guddachaa kan deeme siʼa taʼu, haadha manaakoo wajjinis baayʼee akka walitti dhihaannu nu godheera!”

      Roosaa: “Jalqabarratti Macaafni Qulqulluun, yaada namoonni Waaqayyoon ilaalchisee dubbatan akka taʼettan ilaalan ture. Yeroo booda garuu, gaaffii kootiif Macaafa Qulqulluurraa deebii argachuu dandaʼeera. Amma, Yihowaan akka jiru mirkaneeffadheera. Inni Waaqa ani itti amanamuu dandaʼudha.”

      Raamoond: “Waaʼeesaa akkan baruuf akka na gargaaru Waaqayyoon kadhadheen ture. Achiis utuma baayʼee hin turin, abbaa manaakoo wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabne. Dhumarratti, waaʼee Yihowaa dhugaasaa baruu dandeenyeerra! Waaqa akkamii akka taʼe beekuu keenyatti baayʼee gammanneerra.”

      Macaafni Qulqulluun, soba Waaqayyoon ilaalchisee dubbatamu kan saaxilu taʼuusaarrayyuu, waaʼee amalawwansaa warra nama hawwatanis ni ibsa. Macaafni kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffame yommuu taʼu, “kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf” nu gargaara. (1 Qorontos 2:12) Kanaaf, waaʼee Waaqayyoo, waaʼee kaayyoosaafi abdii gara fuulduraa ilaalchisee gaaffiiwwan barbaachisoo yeroo baayʼee kaʼaniif deebii Macaafni Qulqulluun kennu baruuf maaliif carraaqqii hin gootu? Gaaffiiwwan kana keessaa muraasasaatiif Weeb saayitii www.jw.org mataduree, “Bible Teachings > Bible Questions Answered” jedhamu jalaa deebii argachuu dandeessa. Akkasumas, Weeb saayitii kanatti fayyadamuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gaafachuu ykn kallattiidhaan Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa nama tokko haasofsiisuu dandeessa. Yoo akkas goote, isa kanaan dura yaadaa turte caalaa, Waaqayyoon jaallachuun akka siif salphatu ni amanna.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi