-
Hiriyaa SobaaDammaqaa!—2010 | Caamsaa
-
-
Hiriyaa Sobaa
“Hiriyaa” dargaggummaa keetti wal bartan tokko qabda. Gaʼeessa akka taate akka sitti dhagaʼamuu fi hiriyoota kee biratti fudhatama akka argattu si gargaareera. Yeroo dhiphattu hundatti hamma tokko “boqonnaa” argachuuf gara isaa dhaqxa. Yeroo baayʼee isa malee eessa iyyuu deemuun sitti hin tolu.
Yeroo booda garuu hiriyaan kee kun amala gadhee akka qabu hubatte. Yeroo isaa wajjin taʼuu hin qabnetti illee yeroo hundumaa sii wajjin taʼuun qaba jedhee si dirqisiisa. Gaʼeessa akka taate akka sitti dhagaʼamu kan taasise taʼu illee, kana kan godhe fayyaa kee balaadhaaf saaxiluudhaan ture. Kana malees, mindaa kee irraa hamma tokko si jalaa hata.
Yeroo dhihoodhaa asitti hariiroo isaa wajjin qabdu addaan kutuuf yaalii gootus inni garuu si gadhiisuu dideera. Karaa biraatiin gooftaa kee taʼeera jechuu dha. Kanaafuu amma yeroo itti nama kanaa wajjin itti wal barte abaaruu jalqabdeetta.
KUN hariiroo namoonni tamboo xuuxan hedduun sijaaraa wajjin qabanii wajjin wal fakkaata. Arliin ishiin waggaa 50f tamboo xuuxaa turte haala isaa yommuu yaadattu akkana jetteetti: “Namaa wajjin taʼuu mannaa tamboo xuuxuun caalaatti na tasgabbeessa ture. Sijaaraan hiriyaa koo yeroo dheeraa na wajjin ture dha; yeroo tokko tokko hiriyaan koo isa qofa akka taʼe natti dhagaʼama.” Haa taʼu malee, akkuma Arliin yeroo booda hubachuu dandeesse, sijaaraan hiriyaa gaarii utuu hin taʼin, hiriyaa gara jabeessa dha. Wanta tokko irraa kan hafe yaanni jalqaba irratti kaasne hundi jireenya ishii irratti raawwatameera. Tamboo xuuxuun qaama Waaqayyo nuu kenne kan mancaasu waan taʼeef, ija Waaqayyoo duratti kan jibbamu taʼuu isaa yommuu beektu amala kana ni dhiiste.—2 Qorontos 7:1.
Namni Firaanki jedhamus Waaqayyoon gammachiisuuf jecha tamboo xuuxuu dhiisuuf murteesse. Tamboo xuuxuu isaa erga dhiisee guyyaa tokko ykn lama booda garuu mana isaa keessa lafa irra daaʼimee sijaaraa kanaan dura irraa xuuxamee gatame qaawwaa lafa xaawulaa mana isaa keessaa suuqame barbaaduu jalqabe. Firaanki akkas jedheera: “Murtoo cimaa kanan godhe yeroo kanatti ture. Harkaa fi miillaan daaʼimaa kosii keessa sijaaraa kanaan dura irraa xuuxamee gatame barbaaduun koo baayʼee na jibbisiise. Sana booda matumaa lammata tamboo xuuxee hin beeku.”
Tamboo xuuxuu dhiisuun hamma kana baayʼee ulfaataa kan taʼe maaliifi? Qorattoonni wantoota kanaaf sababa taʼan hedduu argataniiru: (1) Oomishawwan tamboo irraa hojjetaman akkuma qoricha sammuu namaa hadoochuu fi seeraan dhorkamee araada nama qabsiisuu dandaʼu. (2) Niikotiniin gara sombaa galee sekoondii torba gidduuttii sammuu bira gaʼa. (3) Namoonni tamboo xuuxan yeroo nyaatan, yeroo dhugan, namoota kaanii wajjin yommuu haasaʼan, dhiphina isaanii irraa boqonnaa argachuu fi yeroowwan kanaa wajjin wal fakkaatan hundatti waan xuuxaniif jireenya guyyaa guyyaa isaanii wajjin dhiibbaa guddaa geessisa.
Haa taʼu malee, akkuma jireenya Arlinii fi Firaanki irraa hubachuu dandeenyutti, araada miidhaa geessisu kana irraa walaba baʼuun ni dandaʼama. Tamboo kan xuuxxuu fi araada kana irraa walaba baʼuu kan barbaaddu yoo taʼe, mata dureewwan walitti aananii jiran dubbisuun kee jireenya kee akka haaraatti jalqabuuf si gargaara.
-
-
Dhiisuuf Fedhii Cimaa QabaadhuDammaqaa!—2010 | Caamsaa
-
-
Dhiisuuf Fedhii Cimaa Qabaadhu
“Namoota tamboo xuuxuu dhiisuu irratti isaaniif milkaaʼee irraa hubachuun akka dandaʼamutti, tamboo xuuxuu dhiisuuf amalli murteessaanii fi baayʼee barbaachisaa taʼe kutannoo cimaa qabaachuu dha.”—Kitaaba “Stop Smoking Now!” jedhamu irraa kan fudhatame.
SALPHAADHUMATTI ibsuuf, tamboo xuuxuu dhiisuu yoo barbaadde jalqabumaa kaastee fedhii cimaa qabaachuu qabda. Maarree fedhii qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Wantoota fedhii qabaachuuf si gargaaran keessaa inni tokko, tamboo xuuxuu kee yoo dhiiste faayidaa akkamii akka argattu yaaduu dha.
Qarshii qusatta. Barsiifata guyyaatti paakketti tokko xuuxuu yoo qabaatte waggaatti maallaqa kumaan lakaʼaamu baasta. “Tamboo xuuxuudhaan maallaqa hangamii akkan balleessu matumaa itti yaadee hin beekun ture.”— Giyaanuu, Nepaal.
Caalaatti gammachuu qabaatta. “Jiraachuu kanan jalqabe tamboo xuuxuu ergan dhiisee booda dha jechuun ni dandaʼama, amma jireenyi koo caalaatti fooyyaʼaa dhufeera.” (Rajiina, Afrikaa Kibbaa) Namoonni tamboo xuuxuu yommuu dhiisan dandeettiin dhandhamuu fi fuunfachuu isaanii baayʼee fooyyaʼaa, akkasumas yeroo baayʼee isa kanaan duraa caalaa humna qabaatu, bifti isaanis itti deebiʼaa dhufa.
Haalli fayyaa kee fooyyaʼuu dandaʼa. Dhiironnii fi dubartoonni umurii kam irra iyyuu jiran tamboo xuuxuu yommuu dhiisan, haalli fayyaa isaanii fooyyaʼiinsa guddaa argisiisa.”—Waajjirri Dhukkuba Toʼachuu fi Ittisuu Yunaayitid Isteetisii.
Ofitti amanannaan kee ni dabala. “Tamboon gooftaa koo akka taʼu waanan hin barbaanneef xuuxuu koo nan dhiise. Qaama koo irratti gooftaa taʼuu akkan qabu natti dhagaʼame.”—Heniingi, Deenmaarki.
Maatiin kee fi michoonni kee ni fayyadamu. Tamboo xuuxuun . . . fayyaa namoota naannoo kee jiraniis ni miidha. . . . Qorannoowwan akka argisiisanitti aara tamboo namoota tamboo xuuxan keessaa baʼuun kan kaʼe, waggaa waggaan namoonni tamboo hin xuuxnee fi kumaan lakkaaʼaman kaansarii sombaa fi dhukkuba onneetiin ni duʼu.—Dhaabbata Kaansarii Ameerikaa.
Uumaa Kee Gammachiista. “Yaa obboloota jaallatamo, wanta foonii . . . xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.” (2 Qorontos 7:1) ‘Qaama keessan qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu godha dhiheessaa.’—Roomaa 12:1.
“Waaqayyo wantoota qaama keenya xureessu akka jibbu ergan hubadhee booda, yeruma sana tamboo xuuxuu dhiisuufan murteesse.”—Siilviyaa, Ispeen.
Yeroo baayʼee garuu dhiisuuf fedhii cimaa qabaachuun qofti gaʼaa miti. Gargaarsa maatii fi michoota keenyaa dabalatee gargaarsi namoota kaanii nu barbaachisa. Maarree nu gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?
-
-
Gargaarsa GaafadhuDammaqaa!—2010 | Caamsaa
-
-
Gargaarsa Gaafadhu
“Namni tokko nama kophaa isaa jiru moʼuu dandaʼa; lama yoo taʼan garuu isa mormanii dhaabbachuu dandaʼu.”—Lallaba 4:12.
YOMMUU gargaarsa warra kaanii argannu, diinni keenya eenyu iyyuu ykn maal iyyuu yoo taʼe injifachuuf carraa balʼaa qabaanna. Kanaafuu, araada tamboo xuuxuu injifachuu yoo barbaadde, maatii kee fi michoota kee ykn nama obsa qabeessa dhugumaan si gargaaruu dandaʼu kan biraa gargaarsa gaafachuun kee gaarii dha.
Namoonni araada tamboo xuuxuu injifatan rakkina kee hubachuu qofa utuu hin taʼin, akka gaariitti si gargaaruu waan dandaʼaniif namoota akkasii argachuuf carraaqqii godhi. Kiristiyaanni Toorban jedhamuu fi Deenmaarki jiraatu, “Deggersi warri kaan naaf godhan baayʼee na gargaareera” jedheera. Ebrahaam inni Hindii jiraatus, “Jaalalli dhugaan maatiin koo fi obboloonnii koo natti argisiisan, tamboo xuuxuu dhiisuuf na gargaareera” jedheera. Taʼus, yeroo tokko tokkoo deggersi maatii fi michoonni keenya nuuf godhan illee gaʼa miti.
Namni Bagwaandaas jedhamu akkana jedheera: “Waggoota 27 tamboo xuuxeera, taʼus xuuxuu koo dhiisuuf kanan murteesse Kitaabni Qulqulluun waaʼee amalawwan gadhee taʼanii dubbatu yeroon beeketti dha. Hamman xuuxu hirʼisuudhaan suutuma suuta dhiisuuf yaalii godheen ture. Hariiroon michoota koo duraanii wajjin qabu addaanin kute. Gargaarsa yaalii fayyaas nan fudhadhe. Kun hundi garuu wanta na fayyade tokko illee hin qabu. Dhuma irrattis gaaf tokko galgala Yihowaatti garaadhaa kadhannaa dhiheessuudhaan tamboo xuuxuu koo akkan dhiisu akka na gargaarun cimsee isa kadhadhe. Dhuma irrattis naaf milkaaʼuu dandaʼeera!”
Wanti kan biraan barbaachisaa taʼe immoo, gufuuwwan si mudachuu dandaʼaniif of qopheessuu dha. Wantoonni gufuu taʼuu dandaʼan kun maali dha? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.
[Saanduqa]
QORICHA FAYYADAMUU QABDAA?
Qorichawwan tamboo xuuxuu dhiisuuf gargaaru jedhaman, kan akka pilaastarii niikotiinii kan maallaqa biliyoona hedduu argamsiisan taʼaniiru. Qorichawwan akkasii fayyadamuuf murteessuu kee dura gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadi:
Faayidaa akkamii qaba? Qorichawwan hedduun rakkoowwan araada kana dhiisuu wajjin wal qabatanii dhufan hirʼisuudhaan carraa itti araada kana dhiisuuf qabdu akka dabalu gargaaru jedhamee dubbatama. Taʼus qorichawwan kunneen faayidaa guutuu kan argamsiisan taʼuun isaanii namoota tokko tokko wal falmisiisaa jira.
Miidhaa akkamii qaba? Qorichawwan tokko tokkoo miidhaawwan akka lollocuu, dhukkuba dhiphinaatiin qabamuu fi yaanni of ajjeesuu akka namatti dhagaʼamu gochuu dandaʼu. Yaaliiwwan fayyaa bakka niikotiinii kennaman fudhachuun, karaa biraatiin niikotiinii gara qaama keetti galchuu akka taʼe dagachuu hin qabdu; kanas taʼe sana karaa kamiin iyyuu niikotiinii fudhachuun miidhaa geessisuun isaa hin oolu. Kanaafuu, namni yaalii fayyaa kanatti fayyadamu amma iyyuu araada niikotinii irraa bilisa hin baane jechuun ni dandaʼama.
Filannoowwan kan biroon jiruu? Qorannoo tokko irratti namoota tamboo xuuxuu dhiisuu dandaʼan keessaa harki 88 xuuxuu kan dhiisan, qoricha tokko illee utuu hin fayyadamin al tokkotti akka taʼe dubbataniiru.
-
-
Gufuu Si Mudachuu Dandaʼu Moʼuuf QophaaʼiDammaqaa!—2010 | Caamsaa
-
-
Gufuu Si Mudachuu Dandaʼu Moʼuuf Qophaaʼi
“Fayyaa mucaa keenya reefu dhalateef jecha xuuxuu dhaabuufan murteesse. Kanaafuu, mana keenya keessatti mallattoo ‘Xuuxuun dhorkaa dha’ jedhuun maxxanse. Gara saʼaatii tokkoo booda araadni niikootiinii keessa koo akka sunaamii yommuu na hunkuru sijaaraan qabsiifadhe.”—Yooshimitsuu, Jaappaan.
MUUXANNOON Yooshimitsuu namni tokkoo yommuu xuuxuu dhaabuuf jedhu wantoonni gufuu namatti taʼan akka jiran argisiisa. Kana malees, qorannoowwan akka argisiisanitti, namoonni xuuxuu erga dhaabanii booda deebisanii jalqaban keessaa gara harka 90 kan taʼan xuuxuu isaanii itti fufu. Kanaafuu, xuuxuu dhaabuuf yaalaa jirta yoo taʼee fi gufuuwwan si mudachuu dandaʼaniif dursitee yoo of qopheessitee carraan milkaaʼina argachuuf qabdu guddaa taʼa. Gufuuwwan baramoon nama mudachuu dandaʼan kam faʼi?
Araada niikootiinii: Araadni kee kan sitti hammaatu guyyoota sadan yeroo xuuxuu dhaabde gidduu jiranitti dha, torban lama booda garuu suutuma suuta hirʼachaa deema. Namni kanaan dura xuuxaa ture tokko akka dubbatetti, yeroo araadichi namatti deebiʼu “fedhiin xuuxuu akkuma dhaʼaa galaanaa darbee darbee kan dhufu malee boqonnaa kan nama dhowwatu miti” jedheera. Haa taʼu malee, waggoota booda illee akka tasaa fedhiin xuuxuu namatti dhufuu dandaʼa. Miirri akkasii yommuu sitti dhufu daftee harka hin kennin. Daqiiqaa shaniif ykn isaa oliif yoo obsite dharraan isaa darbuun isaa hin oolu.
Rakkoowwan xuuxuu dhaabuu wajjin wal qabatanii dhufan kan biroo: Namoonni xuuxuu dhaaban jalqaba irratti dammaqoo taʼuu ykn wanta tokko irratti xiyyeeffachuun isaan rakkisuu dandaʼa, akkasumas ulfaatinni isaanii salphaatti dabaluu dandaʼa. Kana malees, dhukkubnii isaanitti dhagaʼamuu, isaan qufaasisuu, akkasumas qaamni isaanii isaan hooqsisuu fi isaan dafqisiisuu dandaʼa; akkasumas miirri isaanii jijjiiramuu, jechuunis obsa dhabuu, salphaadhumatti aaruu, dhukkuba dhiphinaatiin qabamuu dandaʼu. Taʼus rakkoowwan xuuxuu dhaabuu wajjin wal qabatanii dhufan hedduun jiʼa afurii hamma jiʼa jaʼaa keessatti hirʼachaa deema.
Wantoonni yeroo rakkisaa taʼe kana dandamachuuf si gargaaran tokko tokko gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf:
● Hirribaaf yeroo dabalataa ramadi.
● Bishaan ykn cuunfaa baayʼinaan dhugi. Nyaata fayyaa keef gaarii taʼe nyaadhu.
● Sochii qaamaa gidduu galeessa taʼe godhi.
● Sirriitti hafuura baafadhu, akkasumas qilleensi qulqulluun somba kee yoomuu guutu sitti haa mulʼatu.
Wantoota araada kee kakaasan: Wantoonni araada kee kakaasan kun gochawwanii fi miirawwan tokko tokko wajjin kan wal qabatan taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee sijaaraa kan xuuxxu yommuu wantoota tokko tokoo dhugdu taʼuu dandaʼa. Taanaan sijaaraa xuuxuu dhaabuu kan barbaaddu yoo taʼe, barsiifata dhugaatii kee dhiisuu qabda. Oolee bulee yeroon suuta jettee bashannanaa itti dhugdu dhufuun isaa hin oolu.
Niikootiiniin qaama kee keessaa guutummaatti erga baʼee booda illee sammuun kee yeroo dheeraadhaaf utuu hin irraanfatin turuu dandaʼa. Torban inni mata duree darbe irratti caqasamee ture, “Xuuxuu ergan dhiisee waggoonni 19 erga darbanii booda illee, amma yeroo boqonnaatti yommuu buna dhugu xuuxuufan qorama” jedheera. Walumaa galatti yommuu ilaalamu garuu, walitti dhufeenyi xuuxuu isa sammuutti maxxanee fi gochawwan tokko tokko gidduu jiru hirʼachaa waan dhufuuf humni dhiibbaa geessisuuf qabu laafuun isaa hin oolu.
Dhugaatii alkoolii ilaalchisee garuu haalli isaa adda dha. Namoonni araadni xuuxuu kan isaanitti deebiʼu yeroo dhuganitti waan taʼeef, sijaaraa xuuxuu dhaabuuf yommuu yaalii gootu dhugaatii alkoolii dhuguu fi bakkawwan dhugaatiin alkoolii itti dhugaman irraa fagaachuun si barbaachisuu dandaʼa. Kun kan taʼu maaliifi?
● Dhugaatii alkoolii muraasa qofa dhuguun illee gammachuun nikootiinii irraa argamu akka dabalu taasisa.
● Namoonni hedduu yeroo walitti qabamanii dhuganitti xuuxuun baramaa dha.
● Dhugaatii alkoolii dhuguun dandeettii waa madaaluu ni mancaasa, akkasumas gara gocha qaanessaa raawwachuutti nama geessa. Kitaabni Qulqulluun, ‘Wayiniin kakaʼumsa isaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf qaban jalaa balleessa’ jechuun isaa sirrii dha.—Hoseʼaa 4:11.
Namoota wajjin ooltu: Nama yeroo wajjin dabarsitu ogummaadhaan filadhu. Fakkeenyaaf, namoota xuuxan ykn akka xuuxxu si affeeranii wajjin hariiroo hin barbaachisne hin uumin. Kana malees, namoota sitti qoosuudhaan carraaqqii xuuxuu dhaabuuf gootu laaffisuuf yaalan irraas fagaadhu.
Miirawwan: Qorannoon tokko akka argisiisetti, namoota araadni xuuxuu isaanii itti deebiʼe keessaa harka sadii keessaa harki lama kan taʼan deebiʼanii xuuxuu jalqabuu isaanii dura dhiphina keessa galanii ykn aaranii turan. Miirri sitti dhagaʼamu tokko tokko akka xuuxxu kan si kakaasu taanaan, bishaan dhuguudhaan, maastikaa alanfachuudhaan, miillaan deemuudhaan ykn wantoota kana fakkaatan gochuudhaan miira akka xuuxxu sitti dhagaʼamu irraanfachuuf yaali. Gara Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuudhaan ykn Kitaaba Qulqulluu irraa fuula muraasa dubbisuudhaan ykn wantoota kana fakkaataniin gochuudhaan sammuu kee wanta gaarii taʼaniin guutuuf yaali.—Faarfannaa 19:14.
Xuuxuuf sababa dhiheessuu irraa of qusadhu
● Siʼuma tokko qofa yoon xuuxe hoo?
Dhugaa: Siʼuma tokko qofa xuuxuun illee seelonni sammuu kee keessaa niikootiinii fudhatan harka 50 kan taʼan saʼaatii sadiif gammachiisuu dandaʼa. Kun yeroo baayʼee namni tokko guutummaatti xuuxuu akka jalqabu isa taasisa.
● Xuuxuun dhiphina koo akkan damdamadhu na gargaara.
Dhugaa: Qorannoowwan akka argisiisanitti niikootiiniin hormooniin yeroo dhiphinaatti uumaman caalaatti akka dabalu taasisa. Namni tokko xuuxuun isaa dhiphina isaa akka isaaniif hirʼise isaatti dhagaʼama taʼa, taʼus yeroo baayʼee miirri akkasii akka isatti dhagaʼamu kan godhu rakkoowwan xuuxuu dhaabuu isaatiin wal qabatanii dhufan yeroodhaaf baduu isaaniitiin kan kaʼe dha.
● Yeroo dheeraadhaaf xuuxaa waanan tureef dhiisuu waanan dandaʼu natti hin fakkaatu.
Dhugaa: Xuuxuu dhaabuu hin dandaʼu jedhanii yaaduun abdii nama kutachiisa. Kitaabni Qulqulluun, “Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata” jedha. (Fakkeenya 24:10) Kanaafuu, matumaa naaf milkaaʼuu hin dandaʼu jettee yaaduu irraa of qusadhu. Namni dhugumaan xuuxuu dhaabuu barbaaduu fi qajeelfamawwan kanneen akka barruu kan irratti ibsaman hojii irra oolchu kam iyyuu isaaf milkaaʼuu ni dandaʼa.
● Rakkoowwan xuuxuu dhaabuudhaan wal qabatanii dhufan dandamachuu hin dandaʼu.
Dhugaa: Rakkoowwan xuuxuu dhaabuudhaan wal qabatanii dhufan dandamachuun ulfaataa dha, taʼus rakkoowwan kun torban muraasa gidduutti suutuma suuta badaa deemu. Kanaafuu ejjennoo qabaadhu! Fedhiin sijaaraa xuuxuu jiʼoota ykn waggoota booda deebiʼee yoo sitti dhufee illee daqiiqaa muraasaaf malee fedhiin kun baduun isaa hin ooluu; garuu sijaaraa qabsiifachuu irraa of qusadhu.
● Dhibee sammuun qaba.
Dhugaa: Dhukkuba dhiphinaa ykn sikiizoofreeniyaa yoo qabaattee fi yaalii siif godhamu hordofaa jirta yoo taʼe doktarri kee xuuxuu dhaabuuf akka si gargaaru gaafadhu. Doktarri kee si gargaaruuf fedhii qabaachuu dandaʼa; tarii xuuxuu dhaabuun kee dhiibbaa dhibee kee irratti ykn qorichawwan fudhattu irratti qabu tilmaama keessa galchuudhaan yaalii fayyaa hordoftu irratti jijjiirama gochuu dandaʼa.
● Deebiʼee yoon xuuxe akka naaf hin milkoofne yaaduudhaan abdiin kutadha
Dhugaa: Akkuma namoota xuuxuu dhaabuuf yommuu yaalanitti isaan mudatu, atis wanti gufuu sitti taʼe tokko si mudatee xuuxuu yoo jalqabde haalli kee kana booda abdii hin qabu jechuu miti. Bakka kuftee kaʼuudhaan imala kee itti fufi. Ni kufte jechuun siif hin milkoofne jechuu miti. Kan siif hin milkoofne Kuftee achumatti yoo hafte dha. Kanaafuu carraaqqii gochuu kee itti fufi. Dhuma irratti siif milkaaʼuun isaa hin oolu!
Muuxannoo Roomuuʼaaldoo isa waggaa 26f xuuxaa turee fi waggaa 30 dura xuuxuu dhaabe haa ilaallu. Akkas jedhee barreesseera: “Araadni koo siʼa meeqa akka natti deebiʼe lakkaaʼuu na rakkisa. Yeroo araadni koo natti deebiʼu garuu abdii akka hin qabne waan natti dhagaʼamuuf baayʼeen ofitti gadda ture. Taʼus Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf yeroon murtoo cimaa godhuttii fi carraaqqii koo irratti akka na gargaaru irra deddeebiʼee ergan kadhadhee booda guutummaatti xuuxuu dhiisuu dandaʼeera.
Mata duree walitti aanu kana isa xumuraa irratti yaadawwan nama gammadaa araada sijaaraa irraa walaba taʼe akka taatuuf isa gargaaran tokko tokko ilaalla.
[Saanduqa/Fakkii]
HAALA KAMIIN IYYUU YOO DHIHAATE KAN NAMA MIIDHU DHA
Tamboon karaawwan hedduudhaan faayidaa irra oola. Oomishawwan tamboo tokko tokko suuqii nyaatawwanii fi qorichawwan fayyaadhaaf faayidaa qabu jedhaman itti gurguraman keessatti argamu. Haa taʼu malee, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, “Tamboon haala kamiin iyyuu yoo dhihaate kan nama miidhu dha” jedheera. Dhibeewwan tamboon fiduu dandaʼu kan akka kaansarii, dhukkuba onnee fi hidda dhiigaa nama ajjeesu. Dubartoonni ulfaa tamboo xuuxan ulfa gadameessa keessa jiru irratti miidhaa geessu. Yeroo baayʼee oomishawwan tamboo karaa kamiin qophaaʼu?
Sijaaraa mana keessatti qophaaʼu: Sijaaraawwan xixinnoon harkaan maraman Itoophiyaa dabalatee biyyoota tokko tokkotti ni xuuxamu. Sijaaraawwan biyyoota Eeshiyaa keessatti biidaa jedhamuun beekaman naannoowwan kanatti balʼinaan faayidaa irra oolu. Sijaaraan akkasii sijaaraa haala kan biraatiin qophaaʼuu wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu, niikootiinii hedduu, kaarboon monoksaayiidii fi wanta summaaʼaa taar jedhamu gara sombaatti galchu.
Sigaar: Sigaar kan qophaaʼu tamboo baala tambootiin ykn waraqaa tamboo irraa hojjetametti maruudhaani; keessi isaa sijaaraa kaan irraa baayʼee guutuu kan taʼe dha. Sijaaraan asiidii taʼe irraa haala adda taʼeen sigaaroonni alkaalinii xinnoo qaban utuma hin qabsiifamin illee afaan irra yommuu taaʼanitti niikootiiniin isaa gara qaamaatti seenuu ni dandaʼa.
Kiriiteek ykn sijaaraa qurunfudii: Gosti sijaaraa Indooneeshiyaatti baayʼee baramaa taʼe kun tamboo harka 60 fi harka 40 qurunfudii of keessaa qaba. Sijaaraa warra baramaa taʼan caalaa niikootinii fi kaarboon monoksaayidii, akkasumas wanta summaaʼaa taar jedhamu sombaatti galcha.
Piippaa: Miidhaa piippaa xuuxuun geessisu miidhaa tamboo xuuxuun geessisu irraa gadi miti; sababiin isaas lamaan isaanii iyyuu dhibeewwan kaansarii fi dhukkuboota kan biroo namatti fiduu dandaʼu.
Tamboo aara hin qabne: Kun tamboo alanfachuu fi fuunfachuu dabalata; guutka inni miʼeessituun itti dabalamee fi Kibba Baha Eeshiyaatti baramaa taʼe tamboo aara hin qabne keessatti kan ramadamu dha. Haala kanaanis niikootiiniin karaa afaanii hidda dhiigaa keessa seena. Tamboo aara hin qabne fayyadamuunis akkuma tamboowwan kaan xuuxuu miidhaa guddaa qaba.
Shiishaa fi gaayyaa: Tamboon xuuxamuu isaa dura bishaan keessa darba. Haa taʼu malee, malli kun wantoota summii somba seenuudhaan kaansarii geessisan dabalatee wantoota miidhaa geessisan hirʼisuu dhiisuu dandaʼa.
[Saanduqa/Fakkii]
NAMNI TOKKO XUUXUU AKKA DHAABU GARGAARUU
● Ilaalcha gaarii qabaadhu. Namni tokko waan isaaf hin milkoofneef wanta gaarii hin taane dubbachuu mannaa, isa galateeffadhu dabalatee karaawwan adda addaa dinqisiifannaa kee ibsuun caalaatti buʼaa qaba. “Ammas siif hin milkoofne?” jechuu mannaa, “Irra deebitee yoo yaalte akka siif milkaaʼu mirkanaaʼaa dha” jechuun caalaatti isa gargaara.
● Dhiifama kan gootu taʼi. Namni xuuxuu dhaabuuf carraaqaa jiru tokko yoo sitti aare ykn yoo sitti mufate irra isaaf darbuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Jechoota gaarii kan akka “Baayʼee akka sitti ulfaatu beeka, garuu carraaqqii akkasii gochuu keetti sittan boona” jedhan fayyadamii. Matumaa “Anaa fi ati nagaa kan taanu yeroo xuuxxu taʼuu hin oolu!” jettanii hin dubbatinaa.
● Michuu dhugaa taʼi. Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha” jedha. (Fakkeenya 17:17) Nama xuuxuu dhaabuuf yaalaa jirutti “yeroo hundumaa,” jechuunis saʼaatiin isa yoom iyyuu yoo taʼe ykn namni sun miirri isaa hangam iyyuu kan jijjiiramu yoo taʼe obsa qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuuf carraaqqii gochuu qabda.
-
-
Injifachuu ni Dandeessa!Dammaqaa!—2010 | Caamsaa
-
-
Injifachuu ni Dandeessa!
YEROON ‘onnataa itti taatuu fi hojicha itti jalqabdu’ amma. (1 Seenaa Baraa 28:10) Maarree carraa itti milkaaʼina argattu guddisuuf tarkaanfiiwwan xumuraa akkamii fudhachuu dandeessa?
Guyyaa isaa murteessi. Yaada Biiroon Tajaajila Fayyaa fi Namummaa Yuunaayitid Isteetis kenne irraa hubachuu akka dandeenyutti, xuuxuu dhaabuuf yoo murteessite, murtoo kana itti goote torban lama keessatti guutummaa guutuutti sijaaraa irraa fagaachuuf jireenya haaraa jalqabuu qabda. Kana gochuun kee fedhiin sijaaraa dhaabuuf goote utuu hin qabbanaaʼin murtoo keetti itti fufuuf si gargaara. Guyyaa itti dhaabdu kaalaandarii kee irratti mallattoo godhi, michoota keetti himi, akkasumas haalli kee yoo jijjiiramee illee guyyaa isaa hin jijjiirin.
Kaardii qopheeffadhu. Kaardiin kun odeeffannoowwan armaan gaditti argaman dabalatee yaadawwan kan biroo fedhii cima qabdu siif jabeessan kan qabatan taʼuu dandaʼu.
● Sababa xuuxuu dhaabuuf itti murteessite
● Lakkoobsa bilbilaa namoota araada kanaan moʼamuuf akka jettu yommuu sitti dhagaʼamu bilbiltuuf
● Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu akka Galaatiyaa 5:22, 23 jiran dabalatee yaadawwan galma kee irra akka geessu si gargaaran
Kaardii xuuxuu dhaabuuf si gargaaruu yeroo hundumaa qabadhu, akkasumas guyyaatti siʼa baayʼee dubbisi. Erga xuuxuu dhaabdee booda illee yeroo fedhiin isaa sitti deebiʼu hundatti kaardicha irra deebii dubbisi.
Barsiifatawwan araada kee wajjin wal qabatan malaan wal jala dabarsuuf yaali. Guyyaan itti xuuxuu dhaabdu gaʼuu isaa dura barsiifata xuuxuu wajjin walqabatu hundumaa wal bira dabarsuuf yaali. Fakkeenyaaf, barsiifata ganama ganama akkuma hirribaa kaateen xuuxuu qabda yoo taʼe, saʼaatii tokkoof ykn isaa oliif tursi. Yeroo nyaata nyaattu ykn akkuma xumurteen xuuxxa yoo taʼes barsiifata kana jijjiiruuf carraaqqii godhi. Naannoo namoonni kaan itti xuuxan irraa fagaadhu. Akkasumas kophaa kee yommuu taatu sagalee kee ol kaasiitii “Lakki galatoomi. Xuuxuu dhaabeera” jechuu shaakali. Tarkaanfiiwwan kunneen guyyaa itti xuuxuu dhaabdu sanaaf si qopheessu caalaa faayidaa qaba. Yeroon itti araada xuuxuu irraa walaba itti taatu dhihoo taʼuu isaa si yaadachiisu.
Xuuxuu dhaabuuf qophaaʼi. Guyyaan itti xuuxuu dhaabdu yommuu gaʼuuf jedhu wantoota sijaaraa bakka buʼan, kan akka kaarotii, maastikaa, ocholoonii fi akaayii jiran baayʼinaan bitii qopheeffadhu. Michoota kee fi maatii kee guyyaa itti xuuxuu dhaabdu isaan yaadachiisi, akkasumas akkamitti si gargaaruu akka dandaʼan itti himi. Guyyaa itti xuuxuu dhaabdu gaʼuu isaa dura wanta sijaaraa xuuxxee irra keessu, wanta sijaaraa ittin qabsiistuu fi sijaaraa naannoo mana keetii, makiinaa kee keessa ykn kiisii kee keessa ykn bakka hojii kee jiru hundumaa gati. Saanduqa keessaa sijaaraa tokkoo luqqisuun, michuun kee tokkoo sijaaraa akka siif kennu gaafachuu ykn paakkeetti tokko bituu caalaa salphaa akka taʼe mirkanaaʼa taʼi! Kana malees, gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kadhachuu kee itti fufi, keessumaa sijaaraa kee isa xumuraa erga xuuxxee booda kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun baayʼee barbaachisaa dha.—Luqaas 11:13.
Namoonni hedduun michuu sobaa kanaan dura qabanii fi hamaa taʼe, jechuunis sijaaraa irraa adda baʼuu dandaʼaniiru. Atis akkas gochuu ni dandeessa. Caalaatti fayya buleessa taata, akkasumas bilisummaa guddaa argatta.
[Fakkii]
Kaardii xuuxuu dhaabuuf si gargaaruu yeroo hundumaa qabadhu, akkasumas guyyaatti siʼa baayʼee dubbisi
-