LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • brwp121201
  • Wanta Hunda Irra Caalu Argataniiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Hunda Irra Caalu Argataniiru
  • Masaraa Eegumsaa: Wanta Hunda Irra Caalu Argataniiru
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Dhalootaa Yesuus Kiristos Kan Hin Kabajne Maaliifi?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Waaqayyoon Waaqeffachuu Filadhu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Masaraa Eegumsaa: Wanta Hunda Irra Caalu Argataniiru
brwp121201

Wanta Hunda Irra Caalu Argataniiru

NAMOONNI miliyoonaan lakkaaʼaman ayyaana Qillee kabajuu dhiisuu filataniiru. Maarree murtoo isaanii kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Wanti taʼe tokko akka isaanitti hafe isaanitti dhagaʼama? Ijoolleen isaanii hoo wanti itti hirʼate tokko akka jiru isaanitti dhagaʼamaa? Dhimma kana ilaalchisee Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa mara irratti argaman maal akka jedhan haa ilaallu.

IIV

Yesuus Kiristoosiin yaadachuu: “Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo dura bataskaana kanan dhaqu darbee darbee turre. Yoon dhaqes yeroo Ayyaana Qillee ykn Ayyaana Faasikaa qofa dha. Taʼus dhugaa isaa dubbachuuf yeroo kanatti illee waaʼee Yesuus Kiristoos hin yaadu. Amma Ayyaana Qillee kabajuu dhiiseera, taʼus walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irraatti torbanitti guyyaa laman argama; akkasumas wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuus dubbatu namoota kaan nan barsiisa!”—IIV, AWUSTIRAALIYAA.

RUUBEEN

Gammachuu kennuudhaan argamu: “Namoonni yeroo ani hin eegnetti kennaa yeroo naa kennan baayʼeen gammada. Utuu ani hin yaadin wanti tokko yommuu naaf godhamu natti tola! Kaardii qopheessee fi fakkii kaasee namoota kaaniif kennuun namoota baayʼee gammachiisa; anaanis na gammachiisa.”—RUUBEEN, KAABA AAYERLAANDI.

EMLII

Namoota rakkatan gargaaruu: “Namoota dhukkubsataniif nyaata qopheessuun nutti tola. Isaan gammachiisuuf jecha yeroo tokko tokko abaaboo, keekii ykn kennaa xinnoo isaaniif geessuudhaan isaan gaafanna. Namoota kana waggaa keessatti yeroo kamitti iyyuu gaafachuu waan dandeenyuuf akkas gochuun nu gammachiisa.”—EMLII, AWUSTIRAALIYAA.

WEENDII

Maatiidhaan yeroo waliin dabarsuu: “Yeroo maatiin keenya walitti qabamuudhaan waliin dabarsan, ijoolleen keenya eessumawwan fi wasiilawwan, adaadaawwan, akkoo fi akaakayyuu, akkasumas durbiiwwan isaanii wajjin wal baruuf carraa argatu. Kana kan goonu guyyoota ayyaanaa eeguudhaan waan hin taaneef hin dhiphannu, miseensonni maatii keenyas kan isaan gaafannu waan isaan jaallannuuf akka taʼe beeku.”—WEENDII, ODOLAWWAN KEEYMAAN.

SAANDIRAA

Nagaa: “Yeroo Ayyaana Qilleetti namoonni hojiidhaan waan muddamaniif waaʼee nagaa yaaduuf illee yeroo hin qaban. Amma abdii Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaatiif kenne waanan baradheef hin dhiphadhu. Ijoolleen koo gara fuulduraatti jireenyi gammachiisaan akka isaan eeggatu baradheera.”—SAANDIRAA, ISPEEN.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi