FAARFANNAA 104
Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Nuu Kenna
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Gooftaa guddaa, Abbaa garaa laaftu,
Garaa keenya irra kan caaltu,
Baʼaa fi gadda nurraa salphisi,
Hafuura keetiin nu jajjabeessi.
2. Ulfina kee hin calaqqisiisnu;
Yeroo baayʼee karaarraa gorra.
Gooftaa, kadhata keenya dhagaʼi.
Nu qajeelchi, nuu kenni hafuura.
3. Yeroo dadhabnuuf abdii kutannu,
Humni kee garaa nu haaromsa.
Akka joobiraa akka ol kaanu,
Hafuura qulqulluu haa argannu.
(Dabalataan, Far. 51:11; Yoh. 14:26; HoE. 9:31 ilaali.)