LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Ogummaan . . . Waaqayyoo Akkam Gad Fagoo Dha!”
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Allaattonni guus jedhaman waliin barrisaa jiru.

      BOQONNAA 17

      “Ogummaan . . . Waaqayyoo Akkam Gad Fagoo Dha!”

      1, 2. Kaayyoon Yihowaan guyyaa torbaffaaf qabu maal ture? Jalqaba guyyaa kanaatti hoo ogummaan Waaqayyoo kan qorame akkamitti?

      NAMA GADDISIISA! Namni inni guyyaa uumamaa isa jaʼaffaatti uumama hundumaa caalaa ulfina gonfatee uumame, salphina guddaaf saaxilame. Yihowaan ilmaan namootaa dabalatee ‘wanti inni tolche hundi’ “baayʼee gaarii” akka taʼe dubbatee ture. (Uumama 1:31) Haa taʼu malee, jalqaba guyyaa torbaffaatti, Addaamii fi Hewaan Seexana wajjin Waaqayyo irratti finciluu filatan. Achiis cubbuu hojjetan, mudaa godhatan, akkasumas ni duʼan.

      2 Kaayyoon Yihowaan guyyaa torbaffaaf baase guutummaatti kan fashalaaʼe fakkaata ture. Guyyaan kun akkuma guyyoota jaʼaan isa dura turanii, dheerina waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamanii qaba. Yihowaan guyyaa torbaffaa kana qulqulluu jedhee kan murteesse yeroo taʼu, dhuma guyyaa kanaatti guutummaan lafaa jannata namoonni mudaa hin qabne keessa guutan taati. (Uumama 1:28; 2:3) Haa taʼu malee, uumamawwan Waaqayyoo erga isa irratti fincilanii booda, kaayyoon isaa kun akkamitti galma gaʼuu dandaʼa? Waaqayyo maal godha laata? Tarii yeroon kun yoom iyyuu caalaa yeroo ogummaan Yihowaa itti qorame ture.

      3, 4. (a) Tarkaanfiin Yihowaan yeroo Eedan keessatti fincilli kaʼe fudhate ogummaa isaa isa guddaa argisiisa kan jennu maaliifi? (b) Amalli gad of qabuu, waaʼee ogummaa Yihowaa yommuu qorannu maal akka yaadannu nu kakaasuu qaba?

      3 Yihowaan yeruma sana tarkaanfii fudhate. Warra Eedan keessatti isa irratti fincilan irratti murtii dabarse, rakkina isaan uuman kana furuuf kaayyoo baafates ifa godhe. (Uumama 3:15) Kaayyoon Yihowaa inni hubannaa irratti hundaaʼee fi Eedan keessatti baase kun, seenaa ilmaan namootaa keessatti waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniif kan itti fufu dha. Kaayyoon Yihowaa kun wal xaxaa taʼuu baatus hiika guddaa waan qabuuf, namni Kitaaba Qulqulluu dubbisu tokko umurii isaa guutuu kaayyoo kana qorachuu fi irratti xiinxaluudhaan faayidaa guddaa argachuu dandaʼa. Kana malees, kaayyoon Yihowaa raawwii isaa akka argatu hin shakkisiisu. Hammina, cubbuu fi duʼa guutummaatti ni balleessa. Ilmaan namootaa amanamoo taʼan cubbuu irraa bilisa akka taʼan godha. Yihowaan kaayyoo lafaa fi ilmaan namootaatiif qabu yeruma murteessetti galmaan gaʼuu akka dandaʼuuf, wantoonni kun hundi kan raawwataman guyyaan torbaffaan utuu hin dhumin dura taʼa!

      4 Ogummaan kun nama hin ajaaʼibsiisuu? Phaawulos ergamaan, “Ogummaan . . . Waaqayyoo akkam gad fagoo dha!” jedhee barreesseera. (Roomaa 11:33) Bifawwan adda addaa amala kanaa yommuu qorannu, ogummaa Yihowaa isa balʼaa keessaa hubachuu kan dandeenyu xinnoo qofa taʼuu isaa gad of qabnee amanuu qabna. (Iyyoob 26:14) Mee jalqaba hiika amala ajaaʼibsiisaa kanaa haa ilaallu.

      Ogummaan Waaqayyoo Maali Dha?

      5, 6. Beekumsii fi ogummaan walitti dhufeenya akkamii qabu? Beekumsi Yihowaa hammam guddaa dha?

      5 Ogummaan beekumsaa wajjin tokko miti. Kompiitaroonni beekumsa hedduu kuusuu kan dandaʼan taʼus, ogeeyyii jedhamanii waamamuu hin dandaʼan. Taʼus, beekumsii fi ogummaan walitti dhufeenya qabu. (Fakkeenya 10:14) Fakkeenyaaf, dhibee fayyaa cimaa taʼe tokkoof yaalii argachuu utuu barbaaddee, nama waaʼee qorichaa beekumsa xinnoo qabu ykn matumaa beekumsa hin qabne ni mariisistaa? Matumaa akkas hin gootu! Kanaaf, ogummaa dhugaa argachuuf beekumsa sirrii qabaachuun barbaachisaa dha.

      6 Yihowaan beekumsa hammana hin jedhamne qaba. “Mootii bara baraa” waan taʼeef, bara baraan kan jiraatu isa qofa dha. (Mulʼata 15:3) Wantoota waggoota hangana hin jedhamne keessatti raawwataman hunda beeka. Kitaabni Qulqulluun, “Uumamni ija isaa jalaa dhokatu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha” jedha. (Ibroota 4:13; Fakkeenya 15:3) Yihowaan Uumaa waan taʼeef, wantoota uume akka gaariitti beeka; sochii ilmaan namootaa jalqabaa kaasee gochaa turanis ilaalaa tureera. Yaadaa fi miira tokkoon tokkoon namaa ni beeka. (1 Seenaa Baraa 28:9) Bilisummaa filannaa akka qabaannu godhee waan nu uumeef, yommuu filannaa sirrii goonu ni gammada. Inni ‘Isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ waan taʼeef, yeroo tokkotti kadhannaa namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii ni dhagaʼa! (Faarfannaa 65:2) Akkasumas Yihowaan waan hundumaa yaadachuu ni dandaʼa.

      7, 8. Yihowaan hubannaa fi ogummaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

      7 Yihowaan beekumsa qofa utuu hin taʼin hubannaas qaba. Dhugaawwan adda addaa walitti dhufeenya akkamii akka qabanii fi yeroo walitti qindeeffaman bifa akkamii akka qaban hubachuu dandaʼa. Wanta gaarii fi gadhee taʼe, akkasumas wanta barbaachisaa taʼee fi hin taane adda baasuudhaan dhimma tokko madaalee murtii ni kenna. Kana malees, wanta alaan mulʼatu qofa utuu hin taʼin, wanta garaa namaa keessa jirus ni arga. (1 Saamuʼel 16:7) Kanaaf, Yihowaan hubannaa fi dandeettii waa gargar baasuu kan qabu yeroo taʼu, amalawwan kun immoo beekumsa irra ni caalu. Ogummaan garuu hunda irra caala.

      8 Ogummaan, beekumsaa fi hubannaa walitti fiduudhaan buʼaa barbaadame argamsiisa. Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechoonni “ogummaa” jedhamanii hiikaman tokko tokko, kallattiidhaan “hojii buʼaa qabu” ykn “ogummaa hojii irra ooluu dandaʼu” jedhamanii hiikamuu dandaʼu. Kanaaf, ogummaan Yihowaa yaada qofa utuu hin taʼin, wanta hojii irra ooluu dandaʼu dha. Yihowaan yeroo hunda beekumsa balʼaa fi hubannaa guddaa qabaachuun isaa, murtoo gaarii gochuu fi murtoo sana immoo karaa hunda irra caaluun hojii irra oolchuuf isa dandeessisa. Ogummaa dhugaa jechuun kana akkasii mitii? Yihowaan wanti Yesuus, “ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkanaaʼeera” jedhee dubbate dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera. (Maatewos 11:19) Hojiin Yihowaan uumama cufa keessatti hojjete ogummaa isaatiif ragaa guddaa taʼa.

      Uumamni Ogummaa Yihowaa Mulʼisa

      9, 10. (a) Yihowaan ogummaa akkamii akka qabu argisiise? Kan argisiise hoo akkamitti? (b) Seeliin, ogummaa Yihowaa kan argisiisu akkamitti?

      9 Hojii bareedaa namni ogummaa qabu tokko hojjete dinqisiifattee beektaa? Ogummaan akkasii nama ajaaʼibsiisa. (Baʼuu 31:1-3) Haa taʼu malee, maddii fi abbaan ogummaa dinqisiisaa taʼe akkasii Yihowaa dha. Daawit Mootichi Yihowaadhaan, “Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha. Hojiiwwan kee dinqisiisoo dha, kana akka gaariittan beeka” jedheera. (Faarfannaa 139:14) Dhuguma iyyuu waaʼee qaama namaa caalaatti barachaa yommuu deemnu, ogummaa Yihowaa caalaatti dinqisiifachaa deemna.

      10 Kana fakkeenyaan ibsuuf, jireenyi kee kan jalqabe hanqaaquun haadha kee fi sanyiin dhiiraa abbaa keetii walitti makamanii seelii tokko yeroo uumanitti dha. Seeliin sun yeroo xinnoo booda qoqqoodamuu jalqaba. Achiis qaamni kee seelota gara tiriliyoona 100 taʼan irraa ijaarama. Seelonni kun garmalee xixinnoo dha. Seelonni guddina giddu galeessa qaban 10,000 mataa ispiilii tokkoo hin caalan. Haa taʼu malee, seeliin tokko illee uumamni ishii baayʼee wal xaxaa dha. Seeliin tokko maashinii ykn warshaa namni hojjete kam iyyuu caalaa wal xaxaa dha. Saayintistoonni akka jedhanitti, seeliin tokko magaalaa dallaa qabutti fakkeeffamuu dandaʼa; balbala ittiin seenanii fi baʼan, mala geejjibaa, toora walqunnamtii, madda elektiriikii, warshaalee, mala xuriin itti baafamuu fi qulqulleeffamee deebiʼee ittiin hojjetamu, malawwan balaa irraa ittiin of eegan, akkasumas akka magaalaa bulchiinsa giddu galeessaa qabu tokkoo niwukilasii kan qabu dha. Kana malees, seeliin tokko saʼaatii muraasa keessatti seelii isa fakkaatu hojjechuu dandaʼa!

      11, 12. (a) Seelonni miciree guddachaa jiru keessatti argaman, gaʼee gara garaa akka qabaatan kan godhu maali dha? Kun hoo yaada Faarfannaa 139:16 irra jiruu wajjin kan walsimu akkamitti? (b) Sammuun keenya ‘karaa dinqisiisaa taʼeen akka tolfamne’ kan argisiisu akkamitti?

      11 Dhugaa dha, seelonni hundi tokko miti. Micireen tokko garaa haadhaa keessatti guddaachaa yeroo deemu seeliin inni jalqabaa sun seelota hojii adda addaa hojjetan gara garaatti qoqqoodama. Tokko tokko seelii narvii taʼu, kaan immoo seelii lafee, seelii maashaa, seelii dhiigaa fi seelii ijaa taʼu. Gaʼee hojii akkasii akka qabaatan kan godhu sagantaa DNA keessa isaaniif kaaʼame dha. Daawit hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee Yihowaadhaan, “Yeroon miciree turetti illee ijji kee na argeera; kutaawwan isaa . . . hundi isaanii kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru” kan jedhe kanaafi.—Faarfannaa 139:16.

      12 Kutaawwan qaamaa tokko tokko garmalee wal xaxoo dha. Fakkeenyaaf mee sammuu namaa ilaali. Namoonni tokko tokko, sammuun namaa wantoota wal xaxoo uumama cufa keessa jiran hunda irra akka caalu dubbatu. Sammuun namaa, seelota narvii biliyoona 100 taʼan, jechuunis hamma urjoota gaalaaksii keenya keessa jiranii baayʼatan qabateera. Seelonni kun hundi dameewwan kumaan lakkaaʼamanii fi seelota kaanii wajjin itti wal qabatan qabu. Saayintistoonni, sammuun namaa odeeffannoo manneen kitaabaa addunyaa maratti argaman keessa jiru hunda qabachuu akka dandaʼuu fi dandeettii sammuun keenya qabu tilmaamuun akka hin dandaʼamne dubbatu. Saayintistoonni waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif qaama ‘karaa dinqisiisaa taʼeen tolfame’ kana irratti qorannoo kan godhan taʼus, akkaataa sammuun namaa itti hojjetu guutummaatti hubachuu akka hin dandeenye amananiiru.

      13, 14. (a) Goondaawwanii fi uumamawwan kaan “uumamumaan ogeeyyii” taʼuu isaanii kan argisiisan akkamitti? Kun waaʼee qaama isaan uumee maal nu barsiisa? (b) Manʼeen sarariitii ogummaa Yihowaaf fakkeenya taʼa kan jennu maaliifi?

      13 Haa taʼu malee, ilmaan namootaa ogummaa Yihowaan uumuuf qabu wantoota argisiisan keessaa tokko qofa dha. Faarfannaan 104:24, “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite. Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti” jedha. Ogummaan Yihowaa, uumamawwan naannoo keenyatti argaman hunda irratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf goondaawwan “uumamumaan ogeeyyii dha.” (Fakkeenya 30:24) Haala baayʼee nama ajaaʼibsiisuun kan gurmaaʼan taʼuun isaaniis kana argisiisa. Tuutni goondaa tokko tokko, ilbiisota xixinnoo akkuma horiitti kunuunsanii wanta isaan irraa argatan sooratu. Goondawwan kaan immoo hojii qonnaa hojjechuudhaan nyaata, jechuunis fangasii oomishu. Uumamawwan hedduun kaanis, uumamumaan hojii nama ajaaʼibsiisu akka hojjetan godhamanii uumamaniiru. Titiisni tokko xiyyaara ammayyaa caalaa of irra gaggaragaluudhaan doʼii nama ajaaʼibsiisu argisiisuu dandeessi. Simbirroonni godaanan, urjiidhaan, dirree maagneetii lafaatiin ykn kaartaa keessa isaanii jiruun geggeeffamanii bakka tokko irraa bakka biraa deemu. Hayyoonni baayooloojii, ogummaa uumamawwan kanaa isa hubachuuf rakkisaa taʼe waggoota dheeraaf qorachaa turaniiru. Erga akkas taʼee qaamni dandeettii akkasii isaaniif kenne ogeessa hunda irra caalu mitii?

      14 Saayintistoonni ogummaa Yihowaan uumuuf qabu irraa barumsa baayʼee argataniiru. Barumsi mahaandisummaa baayoomimetiksi jedhamuu fi diizaayinii uumamaa fakkeessanii hojjechuu barsiisu illee jira. Tarii ati manʼee sarariitii yommuu ilaaltu wanti si ajaaʼibsiisu bareedina isaa taʼa. Mahaandisii tokko garuu diizaayinii manʼee sanaatu isa ajaaʼibsiisa. Manʼeen sarariitii salphaatti kan ciccitu fakkaatu tokko, shiboo hamma isaa qalʼatuu fi foʼaa uffanni rasaasa ittisu ittiin hojjetamu caalaa jabaata. Kun hammam cimaa dha? Fakkeenyaaf, manʼeen sarariitii tokko hamma saaphana qurxummii itti qaban gaʼutti utuu dhaʼamee humna akkamii akka qabaatu tilmaami. Foʼaan akkasii xiyyaara balaliʼaa jiru dhaabuu dandaʼa! Eeyyee, Yihowaan wantoota kana hunda “ogummaadhaan” uumeera.

      Fakkii: Ogummaa Yihowaa uumuuf qabu. 1. Mannee sarariitii. 2. Qoondaawwan baalaa baatan toora galanii deeman. 3. Allaattonni guus jedhaman waliin barrisaa jiru.

      Lubbu qabeeyyiin lafa irraa “uumamumaan ogeeyyii” akka taʼan kan godhe eenyu?

      Ogummaa Qaamota Samii Irratti Mulʼate

      15, 16. (a) Samiin urjiidhaan guutame waaʼee ogummaa Yihowaa maal ibsa? (b) Aangoon Yihowaan maleekota hedduu irratti Ajajaa Ol Aanaa taʼuudhaan qabu, ogummaa Bulchaa kanaa kan argisiisu akkamitti?

      15 Ogummaa Yihowaa hojiiwwan isaa uumama cufa keessatti argaman irraa hubachuun ni dandaʼama. Akkuma boqonnaa 5​ffaa irratti balʼinaan ilaalle, urjiiwwan samii irratti argaman akkasumaan hawaa keessatti kan facaʼan miti. Yihowaa isa ogummaa isaatiin “seerawwan samii” baaseef galanni haa taʼuutii, qaamonni samii karaa miidhagaa taʼeen gaalaaksotaan gurmaaʼaniiru, gaalaaksonni immoo kilaastarootaan, kilaastaroonni immoo kilaastaroota gugguddaadhaan gurmaaʼaniiru. (Iyyoob 38:33) Yihowaan qaamota samii kana “raayyaa” jedhee waamuun isaa nama hin dinqisiisu. (Isaayyaas 40:26) Haa taʼu malee, raayyaan ogummaa Yihowaa caalaatti argisiisu kan biraanis jira.

      16 Akkuma Boqonnaa 4​ffaa irratti ilaalle, Yihowaan uumamawwan hafuuraa miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman waan ajajuuf, maqaa ulfinaa “gooftaa raayyaa” jedhu akka qabu baranneerra. Kun humna Yihowaan qabu kan argisiisu dha. Maarree uumamawwan kun ogummaa isaa kan argisiisan akkamitti? Mee yaadi: Yihowaa fi Yesuus matumaa hojii hiikanii hin beekan. (Yohaannis 5:17) Maleekonni tajaajiltoota Waaqa Hundaa Olii kanaas yeroo hunda hojii akka hojjetan beekamaa dha. Maleekonni kun namoota caalaa beekumsaa fi humna guddaa akka qabanis yaadadhu. (Ibroota 1:7; 2:7) Haa taʼu malee, Yihowaan maleekonni kun hundi waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif ‘dubbii isaa fi fedhii isaa’ gammachuudhaan akka raawwatan gochaa tureera. (Faarfannaa 103:20, 21) Dhuguma iyyuu ogummaan Bulchaa kanaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa!

      Yihowaan “Kophaa Isaa Ogeessa” Dha

      17, 18. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “kophaa isaa ogeessa” akka taʼe kan ibsu maaliifi? Ogummaan Yihowaa nu ajaaʼibsiisuu kan qabu hoo maaliifi?

      17 Ragaawwan kana hunda yommuu ilaallu, Kitaabni Qulqulluun ogummaan Yihowaa hunda irra kan caalu akka taʼe ibsuun isaa nama ajaaʼibsiisaa? Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “kophaa isaa ogeessa” akka taʼe dubbata. (Roomaa 16:27) Ogummaa mudaa hin qabne kan qabu Yihowaa qofa dha. Maddi ogummaa dhugaa hundaa isa dha. (Fakkeenya 2:6) Yesuus inni uumama Yihowaa hunda caalaa ogummaa guddaa qabu illee, ogummaa ofii isaatti amanamuu mannaa, wanta Abbaan isaa isaan jedhe kan dubbate kanaafi.—Yohaannis 12:48-50.

      18 Phaawulos ergamaan ogummaan Yihowaa adda taʼuu isaa akkamitti akka ibse qalbeeffadhu: “Badhaadhinni, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu!” (Roomaa 11:33) Phaawulos as irratti yaada “akkam gad fagoo dha!” jedhutti fayyadamuudhaan dinqisiifannaa ogummaa Yihowaatiif qabu ibseera. Jechi afaan Giriikii Phaawulos “gad fagoo” jechuuf itti fayyadame, jecha “qilee” jedhuu wajjin wal fakkaata. Kanaafuu, jechi isaa kun sammuu keenyatti fakkii nuu uuma. Ogummaan Yihowaa akka boolla fageenyii fi balʼinni isaa hangana hin jedhamnee waan taʼeef, ogummaa isaa irratti yommuu xiinxallu bira gaʼuun haa hafuutii, hammam guddaa akka taʼe tilmaamuu illee hin dandeenyu. (Faarfannaa 92:5) Maarree kun akka gad of qabnu nu hin kakaasuu?

      19, 20. (a) Risaan ogummaa Waaqayyootiif fakkeenya gaarii kan taʼe maaliifi? (b) Yihowaan wantoota gara fuulduraatti raawwataman dursee beekuu akka dandaʼu kan argisiise akkamitti?

      19 Waaʼee gara fuulduraa beekuu kan dandaʼu isa qofa waan taʼeefis, Yihowaan “kophaa isaa ogeessa” jedhamuu dandaʼa. Yihowaan ogummaa isaa ibsuuf risaa fagoodhaa argutti fayyadamuu isaa yaadadhu. Risaan bifa warqee qabu tokko kiilogiraamii 5 qofa kan ulfaatu taʼus, ijji isaa ija nama gaʼeessa tokkoo irra ni caala. Dandeettiin risaan waa arguuf qabu baayʼee ajaaʼibsiisaa waan taʼeef, samii irra meetira dhibbaan lakkaaʼamu ykn kiilomeetira tokko caalaa ol fagaatee utuu jiruu illee wantoota xixinnoo lafa irra jiran arguu dandaʼa. Yeroo tokko Yihowaan risaa ilaalchisee, “Ijji ishiis fagootti arga” jedheera. (Iyyoob 39:29) Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis yeroo gara fuulduraa “fagootti” arguu dandaʼa.

      20 Kitaabni Qulqulluun, kun dhugaa taʼuu isaa ilaalchisee ragaa hedduu qabateera. Raajiiwwan dhibbaan lakkaaʼaman ykn seenaawwan dursanii barreeffaman qabateera. Waraana tokko eenyu akka injifatu, kaʼumsaa fi kufaatii bulchitoota addunyaa, akkasumas tooftaaleen ajajjoonni waraanaa tokko tokko itti fayyadaman Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamaniiru. Isaan keessaa tokko tokko waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura barreeffaman.—Isaayyaas 44:25–45:4; Daaniʼel 8:2-8, 20-22.

      21, 22. (a) Yihowaan filannoo nuti goonu hunda dursee beeka jedhanii yaaduun sirrii kan hin taane maaliifi? Fakkeenyaan ibsi. (b) Yihowaan ogummaa isaa kan fayyadamu karaa jaalala hin qabneen akka hin taane akkamitti beekna?

      21 Kana jechuun garuu, Waaqayyo filannaa ati jireenya kee keessatti gootu dursee beeka jechuudhaa? Namoonni barumsa wanti hundi dursee murteeffameera jedhu amanan tokko tokko, deebiin gaaffii kanaa eeyyee kan jedhu akka taʼe yaadu. Haa taʼu malee, ilaalchi kun Yihowaan dandeettii wanta fuulduratti raawwatamu beekuuf qabu toʼachuu hin dandaʼu yaada jedhu waan dabarsuuf ogummaa inni qabu xiqqeessuu taʼa. Fakkeenyaaf, yeroo sirbitu sagaleen kee ni bareeda utuu taʼee, halkanii fi guyyaa ni sirbitaa? Akkas akka hin goone beekamaa dha! Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan wanta fuulduratti taʼu beekuu kan dandaʼu taʼus, yeroo hunda dandeettii isaa kanatti hin fayyadamu. Kana gochuun, bilisummaa filannaa Yihowaan nuu kenne nu dhabsiisuu taʼa.—Keessa Deebii 30:19, 20.

      22 Yaanni wanti hundi dursee murteeffameera jedhu, ogummaan Yihowaa jaalalaa fi gara laafina irratti kan hin hundoofne akka taʼe argisiisa. Haa taʼu malee, kun yaada dhugaa irraa fagaate dha. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo “garaan isaa ogeessa” akka taʼe barsiisa. (Iyyoob 9:4) Kana jechuun garuu, Yihowaan kallattiidhaan garaa qaba jechuu miti; kanaa mannaa Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee jecha garaa jedhutti kan fayyadamu keessa namaa, jechuunis kakaʼumsaa fi miirawwan akka jaalalaa jiran ibsuufi. Kanaaf, ogummaan Yihowaa akkuma amalawwan isaa kaanii jaalala irratti kan hundaaʼe dha.—1 Yohaannis 4:8.

      23. Ogummaan Yihowaa caalmaa qabaachuun isaa maal akka goonu nu kakaasuu qaba?

      23 Ogummaan Yihowaa guutummaatti kan amanamu akka taʼe beekamaa dha. Ogummaan Waaqayyoo ogummaa keenya irra baayʼee waan caaluuf, Kitaabni Qulqulluun gorsa akkas jedhu nuu kenna: “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.” (Fakkeenya 3:5, 6) Mee Waaqa keenya isa ogummaa guddaa qabutti caalaatti dhihaachuuf, ogummaa Yihowaa balʼinaan haa qorannu.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Iyyoob 28:11-28 Ogummaan Waaqayyoo hammam barbaachisaa dha? Dhimma kana irratti xiinxaluudhaan faayidaa akkamii argachuu dandeenya?

      • Faarfannaa 104:1-25 Uumamawwan Yihowaa ogummaa isaa kan argisiisan akkamitti? Kun hoo maaltu akka sitti dhagaʼamu godha?

      • Fakkeenya 3:19-26 Ogummaa Yihowaa irratti yoo xiinxallee fi hojii irra yoo oolchine, jireenya keenya irratti jijjiirama akkamiitu mulʼata?

      • Daaniʼel 2:19-28 Yihowaan wantoota dhokatanii jiran ni ibsa kan jennu maaliifi? Ogummaa Yihowaa isa Dubbii isaa keessatti argamuuf iddoo guddaa yoo kennine maal gochuuf nu kakaasa?

  • Ogummaa “Dubbii Waaqayyoo” Keessa Jiru
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko maraa kitaabaa irratti barreessaa jira.

      BOQONNAA 18

      Ogummaa “Dubbii Waaqayyoo” Keessa Jiru

      1, 2. Yihowaan “xalayaa” akkamii nuu barreesse? Maaliifi?

      MICHUU KEE fagoo jiraatu biraa yeroo dhumaatiif xalayaan yoom akka sii ergame ni yaadattaa? Wantoota baayʼee nu gammachiisan keessaa inni tokko xalayaa michuu keenya biraa nuu ergamu dha. Waaʼee nageenya isaa, wantoota isa mudatanii fi karoora isaa dhagaʼuun nu gammachiisa. Xalayaan akkasii michoota wal irraa fagaatanii jiran illee walitti dhiheessa.

      2 Haa taʼu malee, Waaqa nu jaallatu biraa ergaa barreeffamaan qophaaʼe argachuu caalaa wanti nu gammachiisuu dandaʼu jiraa? Yihowaan “xalayaa,” jechuunis Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu nuu barreesseera jechuun ni dandaʼama. Xalayaa kana keessatti eenyummaa isaa, maal akka raawwate, maal raawwachuu akka yaadee fi wantoota kan biroo hedduu nuu ibseera. Yihowaan Dubbii isaa kan nuu kenne isatti akka dhihaannu waan barbaaduufi. Waaqni keenya inni eenyu iyyuu caalaa ogeessa taʼe, mala nuu wajjin itti wal qunnamuu dandaʼu keessaa isa hunda irra caalu filateera. Akkaataan Kitaabni Qulqulluun itti barreeffamee fi dhaamsi isaa, ogummaa Yihowaa isa gita hin qabne argisiisa.

      Dubbiin Isaa Akka Barreeffamu Kan Godhe Maaliifi?

      3. Yihowaan Museedhaaf Seericha kan kenne akkamitti?

      3 Namoonni tokko tokko, ‘Yihowaan karaa baayʼee nama hawwatuun, jechuunis samii irraa dubbachuudhaan yaada isaa maaliif namootaaf hin ibsine?’ jedhanii gaafatu taʼa. Yihowaan karaa maleekota isaa samii irraa yeroo itti dubbate qaba. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼelotaaf Seericha kennetti akkas godheera. (Galaatiyaa 3:19) Yeroo kanatti sagaleen samii irraa dhufe sun baayʼee sodaachisaa waan tureef, Israaʼelonni Yihowaan kallattiidhaan isaanitti dubbachuu mannaa, karaa Musee akka isaanitti dubbatu gaafatanii turan. (Baʼuu 20:18-20) Yihowaan Seericha isa dambiiwwan gara 600 olii qabate Museetti kan hime afaaniin ture.

      4. Seera Waaqayyoo afaaniin dabarsuun mala amansiisaa kan hin taane maaliif akka taʼe ibsi.

      4 Haa taʼu malee, Seerichi utuu hin barreeffamne taʼee maaltu taʼa ture? Museen jechoota seericha keessatti ibsaman hunda yaadachuu fi utuu homaa hin hambisin sabichaaf dabarsuu ni dandaʼa turee? Dhaloonni sana booda dhufu hoo Seera afaaniin darbutti amanamuu dandaʼaa? Seera Waaqayyoo afaaniin dhaloota dhufutti dabarsuun matumaa mala amansiisaa miti. Fakkeenyaaf, seenaan tokko namoota hedduu bira akka gaʼu gochuuf, seenicha nama tokkotti utuu himtee fi inni immoo isa kaanitti himuudhaan akka kanaan warri hafanis akka walitti himan utuu gootee maaltu uumamuu akka dandaʼu mee tilmaami. Wanti namichi inni dhumaa dhagaʼe, wanta namni jalqabaa dhagaʼee wajjin garaa garummaa guddaa qabaata. Seerri Waaqayyoo garuu rakkina akkasiitiif hin saaxilamne. Maaliifi?

      5, 6. Yihowaan, Museen dubbii isaa maal akka godhu ajaje? Dubbii Yihowaa barreeffamaan argachuun keenya eebba guddaa dha kan jennu maaliifi?

      5 Yihowaan dubbiin isaa akka barreeffamu gochuun isaa ogummaa isaa argisiisa. Akkas jedhee Musee ajajeera: “Ani akkuma jechoota kanaatti sii wajjinii fi Israaʼelii wajjin kakuu waanan galuuf, wantoota kana barreessi.” (Baʼuu 34:27) Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Dh.K.D. bara 1513​tti barreeffamuu jalqabe. Yeroo sanaa kaasee waggoota 1,610f Yihowaan “yeroo baayʼee fi karaa hedduutiin” namoota 40​tti dubbatee Kitaaba Qulqulluu akka barreessan godheera. (Ibroota 1:1) Achiis, garagalchitoonni of eeggannoo guddaadhaan barreeffamoota kana garagalchuudhaan, Kitaabni Qulqulluun akka hin banne godhaniiru.—Izraa 7:6; Faarfannaa 45:1.

      6 Yihowaan yaada isaa barreeffamaan nuu ibsuun isaa eebba guddaa dha. Xalayaa baayʼee jaallattuu fi jajjabina irraa argatte tokko kaawwattee irra deddeebitee dubbistee beektaa? Kitaabni Qulqulluun xalayaa kanaa wajjin wal fakkaata. Yihowaan dubbii isaa waan nuu barreessiseef yeroo hunda dubbisuu fi irratti xiinxaluu dandeenya. (Faarfannaa 1:2) Yeroo barbaanne hundattis “jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessa” jiru argachuu dandeenya.—Roomaa 15:4.

      Namoonni Akka Barreessan Kan Godhe Maaliifi?

      7. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu barreessisuuf namootatti fayyadamuun isaa ogummaa isaa kan argisiisu akkamitti?

      7 Yihowaan namoonni Dubbii isaa akka barreessan gochuudhaan ogummaa isaa argisiiseera. Mee yaadi, Yihowaan Kitaaba Qulqulluu barreessisuuf maleekotatti utuu fayyadameera taʼee, Dubbiin isaa kun akka kanaan nama hawwachuu dandaʼa turee? Maleekonni hubannaa guddaa waan qabaniif akka gaariitti waaʼee Yihowaa ibsuu, guutummaatti akka isaaf bulan argisiisuu fi waaʼee namoota isa tajaajilanii gabaasa gaarii dhiheessuu akka dandaʼan beekamaa dha. Haa taʼu malee, wanta uumamawwan hafuuraa mudaa hin qabnee fi beekumsi isaanii, muuxannoon isaanii fi jabinni isaanii nu irra caalu ibsan hubachuu dandeenya?—Ibroota 2:6, 7.

      8. Yihowaan barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu maal akka godhan isaaniif heyyameera? (Miiljalees ilaali.)

      8 Yihowaan, namootatti fayyadamee barreeffama barbaachisaa miira namaa hawwatuu fi ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame’ nuu qopheesseera. (2 Ximotewos 3:16) Kana kan godhe akkamitti? Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti yeroo baayʼee barreessitoonni kun, dandeettii yaaduu isaaniitti fayyadamanii ‘jechoota nama gammachiisanii fi jechoota dhugaa’ filatanii akka barreessan gochuudhaani. (Lallaba 12:10, 11) Kun immoo kutaawwan Kitaaba Qulqulluu bifa gara garaatiin kan barreeffaman maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Barreessitoonni kun eenyummaa fi muuxannoo isaanii yaada barreessan irratti calaqqisiisaniiru.a Haa taʼu malee, namoonni kun ‘ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbataniiru.’ (2 Pheexiros 1:21) Kanaafuu Kitaabni Qulqulluun “dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.”—1 Tasalonqee 2:13.

      ‘Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman’

      9, 10. Kitaabni Qulqulluun namootaan barreeffamuun isaa, miira akka qabaatuu fi kan nama hawwatu akka taʼu kan godhe maaliifi?

      9 Kitaabni Qulqulluun namootaan barreeffamuun isaa, miira akka qabaatuu fi kan nama hawwatu akka taʼu godheera. Namootuma miira akka keenyaa qabaniin barreeffame. Isaanis namoota mudaa qaban waan taʼaniif, akkuma keenya rakkinnii fi dhiibbaan isaan irra gaʼeera. Yeroo tokko tokko hafuurri Yihowaa, wanta isaanitti dhagaʼamuu fi wanta qabsoo isaanitti taʼu akka barreessan godheera. (2 Qorontos 12:7-10) Kanaafuu namoonni kun, jechoota maleekonni itti fayyadamuu hin dandeenyeen muuxannoo isaanii barreessaniiru.

      10 Daawit inni Mootii Israaʼel ture kanaaf fakkeenya gaarii taʼa. Daawit cubbuu guguddaa erga raawwatee booda, wanta garaa isaa keessa jiru ibsuu fi Waaqayyoon dhiifama gaafachuuf faarfannaa tokko barreesseera. Akkas jedheera: “Cubbuu koo [irraa] na qulqulleessi! Sababiin isaas, ani balleessaa koo akka gaariittan beeka, cubbuun koos yeroo hundumaa fuula koo dura jira. Kunoo, ani yakkamaa taʼee dhaladheera, haati tiyyas cubbuu keessatti na ulfoofte. Fuula kee duraa na hin gatin; hafuura qulqulluu kees na irraa hin fudhatin. Aarsaan Waaqayyoon gammachiisu, hafuura cabe dha; yaa Waaqayyo, ati garaa cabee fi bullaaʼe hin tuffattu.” (Faarfannaa 51:2, 3, 5, 11, 17) Yommuu kana dubbistu barreessaan kun hammam akka dhiphate salphaatti hubachuu hin dandeessuu? Nama cubbuu dhaale yoo taʼe malee, qaamni akka kanaatti yaaddoo garaa isaa ibsuu dandaʼu jiraa?

      Kitaabni Kun Waaʼee Namootaa Kan Dubbatu Maaliifi?

      11. Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaawwan dhugaa “barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman” akkamii arganna?

      11 Wanti Kitaabni Qulqulluun akka nama hawwatu godhe kan biraanis jira. Harki caalaan kitaaba kanaa waaʼee namootaa dubbata; jechuunis waaʼee namoota Waaqayyoon tajaajilanii fi hin tajaajillee ibsa. Waaʼee muuxannoo isaanii, rakkina isaan mudatee fi gammachuu isaanii achi irraa dubbisuu dandeenya. Filannoon isaanii faayidaa akkamii akka isaaniif argamsiise ykn miidhaa akkamii akka isaan irraan gaʼe dubbisuu dandeenya. Seenaawwan kun, “barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.” (Roomaa 15:4) Yihowaan seenaawwan dhugaa kanatti fayyadamee karaa garaa keenya tuquu dandaʼuun nu barsiisaa jira. Mee fakkeenyota tokko tokko ilaali.

      12. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota amanamoo hin taanee dubbatan kan nu fayyadan akkamitti?

      12 Kitaabni Qulqulluun hamoota dabalatee waaʼee namoota amanamoo hin taanee fi wanta isaan irra gaʼe nutti hima. Seenaawwan waaʼee namoota kanaa ibsan amalli namoota kanaa maaliif gadhee akka taʼe hubachuuf nu gargaaru. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun gantummaan dogoggora akka taʼe ni ibsa. Seenaa Yihudaan Yesuusiin akka gane ibsu yommuu dubbisnu garuu yaanni kun caalaatti nuu hin galuu? (Maatewos 26:14-16, 46-50; 27:3-10) Seenaawwan akkasii garaa keenya tuquudhaan, amalawwan gadhee akka hubannuu fi akka irraa fagaannu nu gargaaru.

      13. Kitaabni Qulqulluun amalawwan gaggaarii taʼan akka hubannu kan nu gargaaru akkamitti?

      13 Kitaabni Qulqulluun, waaʼee namoota amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan hedduus ni dubbata. Namoonni kun Waaqayyoof kan bulanii fi amanamoo akka taʼan ibsameera. Waaqayyotti dhihaachuuf amalawwan akkamii argisiisuu akka qabnu seenaa namoota kanaa irraa barachuu dandeenya. Mee fakkeenyaaf waaʼee amantii ilaali. Kitaabni Qulqulluun, hiika amantiin qabuu fi Waaqayyoon gammachiisuuf amalli kun hammam barbaachisaa akka taʼe nutti hima. (Ibroota 11:1, 6) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota amantii qabaachuudhaan fakkeenya gaarii taʼaniis qabateera. Mee fakkeenyaaf, amantii Abrahaam Yisihaqiin aarsaa gochuuf yeroo jedhetti argisiise yaadi. (Uumama, boqonnaa 22; Ibroota 11:17-19) Seenaawwan akkasii, jechi “amantii” jedhu hiika akkamii akka qabu gad fageenyaan hubachuuf nu gargaaru. Yihowaan amalawwan gaggaarii akka horannu nu ajajuu qofa utuu hin taʼin, seenaa namoota amalawwan kana argisiisuudhaan fakkeenya taʼanii nuu barreessisuun isaa ogummaa guddaa akka qabu kan argisiisu mitii?

      14, 15. Kitaabni Qulqulluun waaʼee dubartii gara mana qulqullummaa dhufte tokkoo maal dubbata? Seenaa kana irraa waaʼee Yihowaa maal baranna?

      14 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman, Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe nu barsiisu. Fakkeenyaaf, seenaa waaʼee dubartii Yesuus mana qulqullummaa keessatti arge tokkoo ibsu ilaali. Yesuus saanduqawwan buusii bira taaʼee utuu jiruu, namoonni buusii yommuu godhan ilaalaa ture. Namoonni sooreyyii taʼan hedduun “wanta isaan irraa hafe buusan.” Yesuus garuu kan xiyyeeffate buusii dubartiin abbaan manaa irraa duʼe goote irratti ture. Buusiin dubartii kanaa, “saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama” ture.b Maallaqni dubartiin tun qabdu kana qofa. Yesuus inni guutummaatti ilaalcha Yihowaa calaqqisu, “dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun warra saanduqa buusii keessa maallaqa buusan kaan hundumaa caalaa buusteetti” jedheera. Akka jecha isaatti, kennaan dubartiin kun kennite isa warri kaan kennan hunda irra ni caala.—Maarqos 12:41-44; Luqaas 21:1-4; Yohaannis 8:28.

      15 Namoota guyyaa sanatti gara mana qulqullummaa dhufan hunda keessaa, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe kun qofti Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamuun ishii nama hin dinqisiisuu? Yihowaan fakkeenya kanatti fayyadamee, Waaqa namoota dinqisiifatu taʼuu isaa nu barsiiseera. Kennaan namoonni kennan hammam iyyuu yoo taʼe, Yihowaan kennaa nuti garaa guutuudhaan dhiheessinu gammachuudhaan fudhata. Yihowaan barumsa nama gammachiisu kana, karaa kana caalu kan biraatiin nu barsiisuu dandaʼaa?

      Kitaabni Qulqulluun Balʼinaan Kan Ibsu Waan Hundumaa Miti

      16, 17. Yihowaan wantoonni tokko tokko Dubbii isaa keessatti akka hin galmeeffamne gochuudhaan ogummaa isaa kan argisiise akkamitti?

      16 Nama jaallattu tokkoof yommuu xalayaa barreessitu, yaada hedduu qabaattu iyyuu, hunda isaa barreessuu waan hin dandeenyeef, wanta barreessitu filachuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis, Dubbii isaa keessatti akka caqasaman kan filate namootaa fi taʼeewwan muraasa qofa dha. Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun, seenaawwan barreeffaman kana keessatti illee waan hundumaa balʼinaan hin ibsu. (Yohaannis 21:25) Fakkeenyaaf, murtoo Waaqayyo godhe ilaalchisee ibsi Kitaaba Qulqulluu, gaaffii keenya hundaaf deebii hin kennu taʼa. Yihowaan wantoonni tokko tokko Dubbii isaa keessatti akka hin galmeeffamne gochuudhaan illee ogummaa isaa argisiiseera. Akkamitti?

      17 Akkaataan Kitaabni Qulqulluun itti barreeffame, wanta garaa keenya keessa jiru qoruuf nu gargaara. Ibroonni 4:12 akkas jedha: “Dubbiin [ykn ergaan] Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha; goraadee karaa lamaan qara qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; lubbuu fi hafuura, . . . hamma gargar baasutti illee waraanee seena; yaadaa fi kaayyoo garaa namaas hubachuu dandaʼa.” Ergaan Kitaaba Qulqulluu, keessa keenya seenuudhaan yaadaa fi sababii wanta tokko itti hojjennu ifa baasa. Yeroo baayʼee namoonni yaada dogoggoraatiin kitaaba kana dubbisan, seenaawwan odeeffannoo balʼaa hin qabne akkasiitti ni gufatu. Namoonni akkasii Yihowaan jaalala qabeessa, ogeessaa fi haqa qabeessa taʼuu isaa illee ni shakku.

      18, 19. (a) Seenaan Kitaaba Qulqulluu tokko gaaffiin akka nutti uumamu yoo godhe dhiphachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Dubbii Waaqayyoo hubachuuf maal gochuu qabna? Kun hoo ogummaa Yihowaa isa guddaa kan argisiisu akkamitti?

      18 Faallaa kanaatiin, garaa qulqulluu fi of eeggannoodhaan Kitaaba Qulqulluu yommuu qorru, guutummaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti Yihowaa akka ibsu hubanna. Kanaaf, seenaan tokko gaaffiin dafnee deebii argachuufii hin dandeenye akka nutti uumamu yoo godhe hin dhiphannu. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼannu Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe suutuma suuta hubachaa deemna. Seenaan tokko jalqaba irratti yoo nuu galuu baate ykn seenaan sun amala Waaqayyoo wajjin akkamitti akka walsimu yoo hubachuu baanne illee, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa Yihowaan guutummaatti jaalala qabeessa, kan hin loognee fi haqa qabeessa taʼuu isaa akka baranne yaadachuu qabna.

      19 Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo hubachuuf garaa qulqulluu fi sammuu banaadhaan dubbisuu fi qoʼachuu qabna. Maarree kun, ogummaan Yihowaa guddaa taʼuu isaa kan argisiisu mitii? Namoonni beektota jedhaman, kitaabota “ogeeyyii fi beektota” qofaaf galuu dandaʼan barreessuu dandaʼu. Kitaaba namoonni garaa qajeelaa qaban qofti hubachuu dandaʼan barreessisuu kan dandaʼu garuu, Waaqa isa ogummaa qabu qofa dha!—Maatewos 11:25.

      Kitaaba Jireenya Hunda Irra Wayyu Jiraachuuf Gargaaru

      20. Akkaataan jireenyaa hunda irra caalu isa kam akka taʼe nuu ibsuu kan dandaʼu Yihowaa qofa kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun wanta nu gargaaru akkamii qabateera?

      20 Yihowaan Dubbii isaa keessatti akkaataan jireenyaa hunda irra caalu isa kam akka taʼe nuu ibseera. Uumaa keenya waan taʼeef, wanta nu barbaachisu nu caalaa beeka. Bara duriittis taʼe harʼa namni kam iyyuu jaalalaa fi gammachuu argachuu, akkasumas warra kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ni barbaada. Kitaabni Qulqulluun “ogummaa” jireenya gaarii jiraachuuf nu gargaaru hedduu qabateera. (Fakkeenya 2:7) Kutaawwan kitaaba kanaa hundi, boqonnaa gorsa Kitaabaa Qulqulluu akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu argisiisan kan qabatan taʼus, ammaaf fakkeenya tokko qofa haa ilaallu.

      21-23. Gorsi gaariin haaloo qabachuu dhiisuuf nu gargaaru isa kami?

      21 Namoonni haaloo qabatan yeroo baayʼee ofuma akka miidhan hubatteettaa? Haaloo qabachuun baʼaa guddaa dha. Yaada keenya ni toʼata, akkasumas nagaa fi gammachuu keenya balleessa. Qorannoowwan saayinsii akka ibsanitti, haaloo qabachuun carraa dhukkuba onnee fi dhibeewwan guguddaa hedduuf saaxilamuuf qabnu guddisuu dandaʼa. Qorannaawwan akkasii godhamuu isaanii yeroo dheeraa dura Kitaabni Qulqulluun, “Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi” jechuudhaan gorsa ogummaa irratti hundaaʼe kenneera. (Faarfannaa 37:8) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

      22 Kitaabni Qulqulluun, “Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha, balleessaa tuffatee bira darbuun isaas miidhagina isaaf ni kenna” jechuudhaan gorsa ogummaa irratti hundaaʼe nuu kenna. (Fakkeenya 19:11) Hubataa taʼuun, wanta alaan mulʼatu irra darbanii, wanta dhokataa taʼe arguuf dandeettii qabaachuu kan argisiisu dha. Hubannaan, namni tokko wanta tokko maaliif akka dubbate ykn akka raawwate adda baafachuuf nu gargaara. Kakaʼumsa, miiraa fi haala namichi keessa jiru sirriitti hubachuun keenya immoo, ilaalcha gadhee akka isaaf hin qabaanne nu gargaara.

      23 Kitaabni Qulqulluun gorsa, “wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa” jedhu qabateera. (Qolosaayis 3:13) Yaanni “wal dandaʼuu” jedhu, amala warra kaanii isa nu aarsuu dandaʼu obsaan bira darbuu ergaa jedhu dabarsa. Obsi akkasii haaloo qabachuu dhiisuuf nu gargaara. “Waliif dhiisuu” jechuun immoo haaloo qabachuu dhiisuu jechuu dha. Waaqni keenya inni ogeessi, yeroo sababii gaʼaa qabnutti warra kaaniif dhiifama gochuun barbaachisaa akka taʼe beeka. Kana gochuun keenya kan fayyadu isaaniin qofa utuu hin taʼin, nuufis nagaa sammuu argamsiisa. (Luqaas 17:3, 4) Dhuguma iyyuu ogummaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu dinqisiisaa dha!

      24. Ogummaa Waaqayyoo wajjin walsimnee yoo jiraanne faayidaa akkamii arganna?

      24 Yihowaan jaalala isaa isa gita hin qabneen kakaʼee, yaada isaa nuu ibsuu akka barbaadu argisiiseera. Kana galmaan gaʼuufis mala hunda irra caalutti, jechuunis “xalayaa” namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii barreessanitti fayyadamuu filateera. Kanaan kan kaʼes, ogummaan Yihowaa dubbii isaa keessatti mulʼachuu dandaʼeera. Ogummaan kun ‘baayʼee amansiisaa dha.’ (Faarfannaa 93:5) Ogummaa kanaa wajjin haala walsimuun yeroo jiraannuu fi ogummaa kana warra kaaniif yeroo hirru, Waaqa keenya isa ogummaa guddaa qabutti akka dhihaannu beekamaa dha. Boqonnaa itti aanu irratti, wanta ogummaa Yihowaa isa guddaa argisiisu kan biraa, jechuunis dandeettii inni waaʼee gara fuulduraa dubbachuu fi kaayyoo isaa raawwachuuf qabu ilaalla.

      a Fakkeenyaaf, Daawit inni tiksee ture fakkeenyota jireenya tiksee tokkoo ibsanitti fayyadameera. (Faarfannaa 23) Maatewos inni qaraxxuu ture, wantoota lakkoofsaa fi maallaqaa wajjin wal qabatan hedduu ibseera. (Maatewos 17:27; 26:15; 27:3) Luqaas inni ogeessa fayyaa ture immoo, jechoota ogummaa fayyaa wajjin wal qabatanitti fayyadameera.—Luqaas 4:38; 14:2; 16:20.

      b Saantimoonni kun saantimoota Yihudootaa Leepton jedhamanii fi gatii gad aanaa qaban turan. Leeptaan lama mindaa hojjetaan hojii humna hojjetu tokko daqiiqaa 15 hojjetee argatu dha. Saantimoonni lamaan kun, simbirroota yeroo sanatti rakasa taʼanii fi nyaata hiyyeessotaa turan illee bituu hin dandaʼan turan.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Fakkeenya 2:1-6 Ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu argachuuf carraaqqii akkamii gochuu qabna?

      • Fakkeenya 2:10-22 Gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu wajjin walsimnee jiraachuun kan nu fayyadu akkamitti?

      • Roomaa 7:15-25 Yaanni caqasa kana irratti argamu, Waaqayyo Dubbii isaa barreessisuuf namootatti fayyadamuun isaa ogummaa akka taʼe kan argisiisu akkamitti?

      • 1 Qorontos 10:6-12 Seenaa Israaʼelotaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame irraa maal barachuu dandeenya?

  • “Ogummaa Waaqayyoo Isa Iccitii Qulqulluu Keessa Jiru”
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Abrahaam samii urjiidhaan guutame ilaalaa jira.

      BOQONNAA 19

      “Ogummaa Waaqayyoo Isa Iccitii Qulqulluu Keessa Jiru”

      1, 2. ‘Iccitii qulqulluun’ xiyyeeffannaa keenya harkisuu qabu isa kami? Maaliifi?

      ICCITII! Wanti iccitii taʼe tokko xiyyeeffannaa namaa waan harkisuuf, waan nama ajaaʼibsiisuu fi waan nama hawwisiisuuf, namoonni baayʼeen wanta akkasii dhoksuun isaanitti ulfaata. Kitaabni Qulqulluun garuu, “Iccitii eeguun Waaqayyoof ulfina argamsiisa” jedha. (Fakkeenya 25:2) Eeyyee, Yihowaan Bulchaa Ol Aanaa fi Uumaa waan taʼeef, hamma yeroon isaa gaʼutti wantoota tokko tokko ilmaan namootaa dhoksuuf mirga qaba.

      2 Haa taʼu malee, Yihowaan iccitii ajaaʼibsiisaa tokko Dubbii isaa keessatti ifa nuu godheera. Iccitiin kun “iccitii qulqulluu waaʼee fedhii [Waaqayyoo] ibsu” jedhama. (Efesoon 1:9) Waaʼee iccitii kanaa barachuun, fedhii waa beekuuf qabdu sii guutuu caalaa faayidaa qaba. Iccitii kana beekuun kee fayyina kan siif argamsiisu taʼuu isaa irra iyyuu, ogummaa Yihowaa isa gita hin qabne hamma tokko akka hubattu si gargaara.

      Iccitii Sadarkaa Sadarkaadhaan Ifa Taʼe

      3, 4. Raajiin Uumama 3:15 irratti galmeeffame abdii akkamii kenne? Raajiin kun hoo dhoksaa ykn “iccitii qulqulluu” akkamii qabateera?

      3 Addaamii fi Hewaan yommuu cubbuu hojjetan, kaayyoon Yihowaan lafa kana jannata namoonni mudaa hin qabne irra jiraatan gochuuf qabu kan fashalaaʼe fakkaatee ture. Haa taʼu malee, Waaqayyo rakkinicha furuuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. Akkas jedhe: “Anis sii [bofichaa] fi dubartittii gidduutti, sanyii kee fi sanyii ishii gidduuttis diinummaan akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa, ati immoo koomee isaa ni madeessita.”—Uumama 3:15.

      4 Yaanni kun salphaatti kan namaa hin gallee fi dhokataa ture. Dubartittiin eenyu? Bofichi eenyu? ‘Sanyichi’ mataa bofichaa buruqsu hoo eenyu? Addaamii fi Hewaan deebii gaaffiiwwan kanaa sirriitti beekuu hin dandaʼan. Haa taʼu malee, wanti Waaqayyo dubbate sanyii isaanii amanamoo taʼan hundaaf abdii kan kennu ture. Qajeelummaan ni injifata. Kaayyoon Yihowaas ni raawwatama. Garuu akkamitti? Kun iccitii ture! Kitaabni Qulqulluun kun “ogummaa Waaqayyoo isa iccitii qulqulluu keessa jiru, jechuunis ogummaa isa dhokataa” akka taʼe dubbata.—1 Qorontos 2:7.

      5. Yihowaan iccitii isaa sadarkaa sadarkaadhaan ifa kan godhu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

      5 Yihowaan Waaqa “iccitii mulʼisu” waan taʼeef, yeroo booda iccitiiwwan kun akkamitti akka ifa taʼan ibsa barbaachisaa taʼe ni kenna. (Daaniʼel 2:28) Haa taʼu malee, kana kan godhu suutuma suuta sadarkaa sadarkaadhaani. Fakkeenyaaf, abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko mucaan isaa, “Abbaa, ani akkamittan dhaladhe?” jedhee yommuu isa gaafatu akkamitti deebii akka kennuuf yaaduu dandeenya. Abbaan ogeessa taʼe, odeeffannoo mucaan sun hubachuu dandaʼu qofa itti hima. Mucichi yeroo guddachaa deemu garuu, odeeffannoo dabalataa kennaaf. Yihowaanis, iccitiiwwan fedha isaa fi kaayyoo isaa wajjin wal qabatan saba isaatiif yoom akka ibsu ni murteessa.—Fakkeenya 4:18; Daaniʼel 12:4.

      6. (a) Kakuun ykn walii galteen faayidaa akkamii qaba? (b) Yihowaan ilmaan namootaa wajjin kakuu galuun isaa kan nama dinqisiisu maaliifi?

      6 Yihowaan iccitiiwwan kana ifa kan godhe akkamitti? Kakuu ykn walii galtee yeroo adda addaatti godhametti fayyadamee iccitiiwwan hedduu ifa godheera. Tarii atis yeroo taʼe tokkotti mana bituuf ykn qarshii liqeeffachuuf ykn liqeessuuf walii galtee tokko gootee taʼuu dandaʼa. Walii galteen akkasii, wanti irratti walii galame akka raawwatamuuf wabii seera godhata. Haa taʼu malee, Yihowaan namootaa wajjin kakuu galuun ykn walii galtee gochuun kan isa barbaachise maaliifi? Yihowaan wanta tokko akka raawwatu dubbachuun isaa qofti gaʼaa akka taʼe beekamaa dha. Taʼus, gaarummaadhaan kakaʼee abdiin inni kenne walii galtee seeraatiin akka cimu godheera. Walii galteen dirqama keessa nama galchu akkasii, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan abdiiwwan Yihowaan kenne irratti caalaatti amantii qabaachuuf isaan gargaara.—Ibroota 6:16-18.

      Kakuu Abrahaamii Wajjin Galame

      7, 8. (a) Yihowaan Abrahaamii wajjin kakuu akkamii gale? Kun hoo iccitii qulqulluu ifa kan godhe akkamitti? (b) Yihowaan hidda dhalootaa Sanyicha abdachiifamee sadarkaa sadarkaadhaan ifa kan godhe akkamitti?

      7 Addaamii fi Hewaan Jannata keessaa erga ariʼamanii waggaa kuma lamaa ol booda, Yihowaan tajaajilaa isaa Abrahaam isa amanamaa taʼeen akkas jedheera: “Dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii . . . nan baayʼisa; . . . Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin ofii isaaniitiif eebba ni argatu.” (Uumama 22:17, 18) Kun abdii qofa miti; Yihowaan abdii kenne kana waadaa seera qabeessaa fi kakuudhaan cimseera. (Uumama 17:1, 2; Ibroota 6:13-15) Gooftaa Ol Aanaan ilmaan namootaa eebbisuuf isaanii wajjin walii galtee gochuun isaa nama hin dinqisiisuu?

      “Sanyii kee akka urjiilee samii . . . nan baayʼisa”

      8 Kakuun Abrahaamii wajjin galame, Sanyichi abdachiifame karaa sanyii Abrahaam waan dhufuuf nama akka taʼu ifa godheera. Haa taʼu malee namni kun eenyu dha? Yeroo booda Yihowaan, ilmaan Abrahaam keessaa Yisihaaq akaakilii Sanyichaa akka taʼu ifa godheera. Ilmaan Yisihaaq lamaan keessaa immoo kan filatame Yaaqoob dha. (Uumama 21:12; 28:13, 14) Yeroo booda Yaaqoob ilmaan isaa 12n keessaa waaʼee isa tokkoo raajii akkas jedhu dubbateera: “Hamma Shiiloon [ykn, “Inni Isaaf Malu,” miiljalee] dhufutti, uleen mootii Yihudaa keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.” (Uumama 49:10) Yeroo kanatti, Sanyichi mootii karaa hidda dhalootaa Yihudaa dhufu taʼuun isaa ni beekame!

      Kakuu Israaʼelii Wajjin Galame

      9, 10. (a) Yihowaan Israaʼelotaa wajjin kakuu akkamii gale? Kakuun kun hoo eegumsa akkamii isaanii godheera? (b) Seerichi ilmaan namootaaf furiin akka barbaachisu kan argisiise akkamitti?

      9 Dhaloota Kiristoos Dura bara 1513​tti Yihowaan iccitii kana caalaatti ifa nuu gochuuf qophii godheera. Saba Israaʼel warra sanyii Abrahaam taʼanii wajjin kakuu tokko gale. Kakuun Seera Musee yeroo ammaatti hojii irra kan hin jirre taʼus, kaayyoo Yihowaan Sanyicha abdachiifame argamsiisuuf qabu keessatti shoora guddaa taphateera. Akkamitti? Karaawwan sadiini. Tokkoffaa, Seerichi akka girgiddaatti isaan eegeera. (Efesoon 2:14) Yihudoonnii fi saboonni kaan akka walitti hin makamne godheera. Akka kanaan Seerichi, hiddi dhalootaa Sanyicha abdachiifamee akka eegamu godheera. Eegumsa kanaan kan kaʼe, yeroon Waaqayyo Masiihichi gosa Yihudaa keessaa akka dhalatu murteesse yommuu gaʼetti, sabichi jiraachuu dandaʼeera.

      10 Lammaffaa, Seerichi ilmaan namootaatiif furiin akka barbaachisu argisiiseera. Seerri kun mudaa kan hin qabne waan tureef, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan guutummaatti seericha eeguu akka hin dandeenye ifa godheera. Akka kanaan, “hanga sanyichi inni waadaan galameef sun dhufutti, dogoggora namoonni hojjetan mulʼisuuf” tajaajileera. (Galaatiyaa 3:19) Seerichi, Israaʼelonni aarsaa horiitiin cubbuu isaaniitiif dhiifama akka argatan qophii godheera. Haa taʼu malee, akkuma Phaawulos barreesse, “dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu” waan taʼeef, aarsaawwan kun aarsaa furii Kiristoos dhiheesseef gaaddidduu qofa turan. (Ibroota 10:1-4) Kanaafuu, kakuun sun Yihudoota amanamoodhaaf, ‘guddiftuu gara Kiristoositti geessu’ ture.—Galaatiyaa 3:24.

      11. Kakuun Seerichaa, saba Israaʼeliif abdii dinqisiisaa akkamii argamsiisee ture? Haa taʼu malee, sabichi akka sabaatti abdii kana kan dhabe maaliifi?

      11 Sadaffaa, kakuun sun saba Israaʼeliif abdii dinqisiisaa argamsiiseera. Yihowaan, sabichi kakuu kanaaf amanamoo yoo taʼan, “mootummaa lubootaa fi saba qulqulluu” akka taʼan isaanitti himee ture. (Baʼuu 19:5, 6) Yeroo booda Israaʼelonni miseensota jalqabaa mootummaa lubootaa isa samii kana argamsiisuu dandaʼaniiru. Haa taʼu malee, akka sabaatti kakuu Seerichaa fi Masiihicha waan mormaniif abdii sana dhabaniiru. Maarree, mootummaa lubootaa kana guutuu gochuu kan dandaʼu eenyu? Sabni eebba Yihowaa argatu sun Sanyicha abdachiifamee wajjin walitti dhufeenya kan qabaatu hoo akkamitti? Iccitiiwwan kun yeroo Waaqayyo murteessetti ifa ni taʼu.

      Kakuu Mootummaa, Daawit Wajjin Godhame

      12. Yihowaan Daawitii wajjin kakuu akkamii gale? Kun hoo iccitii Waaqayyoo ifa kan godhe akkamitti?

      12 Yihowaan, Dh.K.D. jaarraa 11​ffaatti kakuu kan biraa galuudhaan iccitiin sun caalaatti akka ifa taʼu godheera. Daawit Mootichaaf abdii akkana jedhu kenne: “Sanyii kee isa si booda dhufu, . . . nan kaasa; mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba . . . teessoo mootummaa isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.” (2 Saamuʼel 7:12, 13; Faarfannaa 89:3) Yeroo kanatti Sanyichi abdachiifame, hidda dhalootaa Daawit irraa akka dhufu beekame. Haa taʼu malee, namni tokko bara baraaf bulchuu dandaʼaa? (Faarfannaa 89:20, 29, 34-36) Namni Mootii taʼu kun hoo ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa irraa oolchuu ni dandaʼaa?

      13, 14. (a) Akka Faarfannaan 110 ibsutti, Yihowaan Mootii dibeef waadaa akkamii gale? (b) Raajonni Yihowaa waaʼee Sanyicha abdachiifamee wantoota dabalataa akkamii ibsaniiru?

      13 Daawit hafuura qulqulluudhaan kakaʼee, “Yihowaan Gooftaa kootiin, ‘Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti Mirga koo taaʼi’ jedheera. Yihowaan, ‘Ati akkuma Malkiseedeq Bara baraaf luba dha!’ jedhee kakateera, yaada isaas hin jijjiiru” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 110:1, 4) Wanti Daawit dubbate kun kallattiidhaan Masiihicha isa Sanyicha abdachiifame taʼe irratti raawwatameera. (Hojii Ergamootaa 2:35, 36) Mootiin kun kan bulchu Yerusaalem keessaa utuu hin taʼin, samii irra “mirga” Yihowaa taaʼee ti. Kun immoo biyya Israaʼel irratti qofa utuu hin taʼin, guutummaa addunyaa irratti aangoo akka qabaatu godha. (Faarfannaa 2:6-8) As irratti yaanni kan biraanis ifa taʼeera. Yihowaan, Masiihichi “akkuma Malkiseedeq . . . luba” akka taʼu kakuu cimaa galuu isaa dubbateera. Akkuma Malkiisedeq bara Abrahaamitti mootiis lubas taʼee tajaajilaa ture, Waaqayyo Sanyichi inni dhufu Mootii fi Luba taʼee akka tajaajilu kallattiidhaan isa muuda.—Uumama 14:17-20.

      14 Yihowaan iccitii qulqulluu kana caalaatti ifa gochuuf waggoota hedduuf raajota isaatti fayyadamaa tureera. Fakkeenyaaf Isaayyaas, Sanyichi duʼuudhaan aarsaa akka taʼu ibsee ture. (Isaayyaas 53:3-12) Miikiyaas bakka Masiihichi itti dhalatu raajiidhaan dubbateera. (Miikiyaas 5:2) Daaniʼel immoo adda baasee Sanyichi yoom akka mulʼatuu fi yoom akka ajjeefamu raajii dubbateera.—Daaniʼel 9:24-27.

      Iccitii Qulqulluun Guutummaatti Ifa Taʼe!

      15, 16. (a) Ilmi Yihowaa “dubartii irraa” kan dhalate akkamitti? (b) Yesuus warra isaa irraa maal dhaale? Sanyii abdachiifame taʼuudhaan kan mulʼate hoo yoomi?

      15 Hamma Sanyichi mulʼatetti, raajiiwwan kun akkamitti akka raawwataman iccitii ture. Galaatiyaa 4:4, “Yeroon murteeffame sun yommuu xumuramu, Waaqayyo Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate . . . ni erge” jedha. Dhaloota Kiristoos Dura bara 2​tti maleekaan tokko durba Yihudii Maariyaam jedhamtuun akkas jedhee ture: “Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta. Inni guddaa ni taʼa; Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama; Yihowaanis teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna. . . . Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha, Ilma Waaqayyoo jedhama.”—Luqaas 1:31, 32, 35.

      16 Achiis Yihowaan jireenya Ilma isaa samii irraa gara gadameessa Maariyaamitti naannessuudhaan dubartii irraa akka dhalatu godheera. Maariyaam dubartii cubbuu dhaalte turte. Taʼus Yesuus “Ilma Waaqayyoo” waan taʼeef, ishii irraa cubbuu hin dhaalle. Warri Yesuus sanyii Daawit taʼuun isaanii, Yesuus dhalootaanis taʼe gama seeraatiin dhaaltuu Daawit taʼuuf mirga akka qabaatu isa godheera. (Hojii Ergamootaa 13:22, 23) Dhaloota Kiristoos Booda bara 29​tti yeroo Yesuus cuuphame, Yihowaan hafuura qulqulluudhaan isa dibuudhaan, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha” jedheera. (Maatewos 3:16, 17) Yeroo kanatti Sanyichi ni mulʼate! (Galaatiyaa 3:16) Yeroon kun, yeroo iccitiin sun caalaatti ifa taʼu dha.—2 Ximotewos 1:10.

      17. Raajiin Uumama 3:15 irratti ibsame ifa kan taʼe akkamitti?

      17 Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, bofti Uumama 3:15 irratti ibsame Seexana taʼuu isaa fi sanyiin bofichaa immoo duuka buutota Seexanaa taʼuu isaanii ibseera. (Maatewos 23:33; Yohaannis 8:44) Boodas, Seexannii fi duuka buutonni isaa hundi bara baraaf akkamitti akka balleeffaman ifa taʼe. (Mulʼata 20:1-3, 10, 15) Dubartittiin immoo, ‘Yerusaalem ishii olii’ ykn haadha manaa Waaqayyoo, jechuunis kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii uumamawwan hafuuraa qabatte akka argisiistu ifa taʼe.a—Galaatiyaa 4:26; Mulʼata 12:1-6.

      Kakuu Haaraa

      18. Kaayyoon “kakuu haaraa” maali dha?

      18 Tarii waaʼee iccitii kanaa wanta dinqisiisaa kan ibse galgala duʼuu isaa dura yeroo barattoota isaa amanamootti waaʼee “kakuu haaraa” himetti taʼuu hin oolu. (Luqaas 22:20) Akkuma kakuu Seera Musee, kakuun haaraanis “mootummaa lubootaa” kan argamsiisu dha. (Baʼuu 19:6; 1 Pheexiros 2:9) Haa taʼu malee, kakuun kun kan hundeeffamu saba fooniitiin utuu hin taʼin, saba hafuuraa “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamanii fi duuka buutota Kiristoos warra dibamoo taʼaniin qofa dha. (Galaatiyaa 6:16) Namoonni kakuu haaraa kana keessatti hammataman kun, Yesuusii wajjin taʼanii ilmaan namootaatiif eebba argamsiisuu irratti hirmaatu!

      19. (a) Kakuu haaraan “mootummaa lubootaa” argamsiisuu kan dandaʼe maaliifi? (b) Kiristiyaanonni dibamoon “uumama haaraa” kan jedhaman maaliifi? Warri samii irratti Kiristoosii wajjin tajaajilan meeqa dha?

      19 Kakuu haaraan, “mootummaa lubootaa” isa ilmaan namootaatiif eebba fidu argamsiisuu kan dandaʼe garuu maaliifi? Kakuun kun, duuka buutonni Kiristoos cubbamoota akka taʼan isaanitti murteessuu mannaa, karaa aarsaa Yesuusiin dhiifama cubbuu akka argatan waan godhuufi. (Ermiyaas 31:31-34) Kanaafuu Yihowaan isa duratti ejjennoo qulqulluu akka qabaatan, miseensota maatii isaa isa samii akka taʼanii fi hafuura qulqulluudhaan akka dibaman godheera. (Roomaa 8:15-17; 2 Qorontos 1:21) Kanaan kan kaʼes, ‘abdii jiraataa taʼeef akka haaraatti akka dhalatan godheera, kunis samii keessa isaaniif kaaʼameera.’ (1 Pheexiros 1:3, 4) Sadarkaan ol aanaan kun ilmaan namootaatiif guutummaatti haaraa waan taʼeef, Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman, “uumama haaraa” jedhamaniiru. (2 Qorontos 5:17) Kitaabni Qulqulluun, namoonni 144,000 taʼan kun, dhuma irratti samii irra taaʼanii ilmaan namootaa furaman bulchuu irratti akka hirmaatan ibsa.—Mulʼata 5:9, 10; 14:1-4.

      20. (a) Dhaloota Kiristoos Booda bara 36​tti iccitii qulqulluu ilaalchisee wanti ifa taʼe maali dha? (b) Abdii Abrahaamiif kenname irraa kan fayyadaman eenyu faʼi?

      20 Kiristiyaanonni dibamoon kun Yesuusii wajjin “sanyii Abrahaam” taʼaniiru.b (Galaatiyaa 3:29) Jalqaba kan filataman Yihudoota keessaa turan. Dhaloota Kiristoos Booda bara 36​tti garuu iccitii kan biraan ni mulʼate: Namoonni saboota kaan keessaa taʼan ykn Yihudoota hin taanes samii irra jiraachuuf abdii qabaachuun isaanii ifa taʼe. (Roomaa 9:6-8; 11:25, 26; Efesoon 3:5, 6) Haa taʼu malee, eebbawwan Abrahaamiif waadaa galaman kan argatan Kiristiyaanota dibamoo qofadhaa? Miti. Aarsaan Yesuus guutummaa addunyaa kan fayyadu dha. (1 Yohaannis 2:2) Yeroo booda, Yihowaan “tuutni uummataa guddaan” lakkoofsi isaanii hammana hin jedhamne badiisa sirna Seexanaa kana irratti dhufu jalaa akka oolan ibseera. (Mulʼata 7:9, 14) Namoonni hedduun kaanis, bara baraaf Jannata keessa jiraachuuf duʼaa ni kaʼu!—Luqaas 23:43; Yohaannis 5:28, 29; Mulʼata 20:11-15; 21:3, 4.

      Ogummaa Waaqayyoo fi Iccitii Qulqulluu

      21, 22. Iccitii qulqulluun Yihowaa ogummaa isaa kan argisiisu karaawwan kamiini?

      21 Iccitii qulqulluun ‘ogummaa Waaqayyoo isa bifawwan adda addaa hedduu qabu’ karaa dinqii taʼeen kan argisiisu dha. (Efesoon 3:8-10) Yihowaan iccitii kana qopheessuu fi suutuma suuta ifa gochuun isaa ogummaa guddaa akka qabu kan argisiisu mitii? Waaqayyo yeroo kana godhu humna namootaa tilmaama keessa galcheera; kun immoo akka isatti amanan argisiisuuf carraa akka argatan godheera.—Faarfannaa 103:14.

      22 Yihowaan, Yesuus Mootii akka taʼu filachuudhaanis ogummaa guddaa akka qabu argisiiseera. Ilmi Yihowaa, uumamawwan uumama cufa keessatti argaman hunda caalaa amanamaa dha. Yesuus yeroo nama taʼee jiraachaa turetti rakkoowwan hedduun waan isa irra gaʼaniif, rakkina ilmaan namootaa guutummaatti ni hubata. (Ibroota 5:7-9) Warri Yesuusii wajjin bulchan hoo? Jaarraawwan hedduuf, dhiironnii fi dubartoonni sanyii, afaanii fi akkaataa guddinaa adda addaa keessaa filataman hafuura qulqulluudhaan dibamaa turaniiru. Rakkinni akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe isaan keessaa tokko tokko rakkinoota nu irra gaʼan keessa akka darban mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Efesoon 4:22-24) Bulchiinsa moototaa fi luboota gara laafeyyii taʼan kanaa jalatti buluun baayʼee nama gammachiisa!

      23. Iccitii qulqulluu Yihowaa wajjin haala wal qabateen Kiristiyaanonni mirga akkamii argataniiru?

      23 Phaawulos ergamaan, “iccitii qulqulluun kun sirnoota darbanii fi dhaloota darban jalaa dhokatee ture. Amma garuu warra qulqulloota isaa taʼaniif ifa taʼeera” jedhee barreesseera. (Qolosaayis 1:26) Eeyyee, dibamtoonni Yihowaaf qulqullaaʼan waaʼee iccitii qulqulluu kanaa waan hedduu hubataniiru; beekumsa kanas namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif hiraa jiru. Hundi keenya mirga guddaa arganneerra! Yihowaan, “iccitii qulqulluu waaʼee fedhii isaa ibsu nutti [beeksiseera.]” (Efesoon 1:9) Nutis iccitii dinqisiisaa kana warra kaaniif hiruudhaan ogummaa Yihowaa isa gita hin qabne akka hubatan haa gargaarru!

      a Kana malees, “Iccitii qulqulluun Waaqayyoof buluu” Yesuus irratti mulʼateera. (1 Ximotewos 3:16) Qaamni mudaa tokko malee Yihowaaf amanamaa taʼuu dandaʼu jiraachuu fi dhiisuun isaa, yeroo dheeraaf iccitii ykn dhoksaa ture. Yesuus yeroo Seexanni isa qore hundatti amanamummaa isaa eeguudhaan iccitii kana ifa godheera.—Maatewos 4:1-11; 27:26-50.

      b Kana malees, Yesuus namoota kanaa wajjin “kakuu mootummaa” galeera. (Luqaas 22:29, 30) Kana jechuun Yesuus “tuuta xinnoo” kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam taʼan kanaa wajjin samii irratti bulchuuf walii galtee raawwateera jechuu dha.—Luqaas 12:32.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Yohaannis 16:7-12 Yesuus suutuma suuta dhugaa ibsuudhaan fakkeenya Abbaa isaa kan hordofe akkamitti?

      • 1 Qorontos 2:6-16 Namoonni hedduun iccitii qulqulluu Yihowaa hubachuu kan hin dandeenye maaliifi? Nuti hoo iccitii kana hubachuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Efesoon 3:10 Iccitii qulqulluu Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen, yeroo ammaatti Kiristiyaanonni mirga akkamii qabu?

      • Ibroota 11:8-10 Namoonni bara durii iccitii qulqulluu Waaqayyoo guutummaatti hubachuu baatanis, iccitiin kun amantii isaanii kan jabeesse akkamitti?

  • “Garaan Isaa Ogeessa”—Taʼus Gad Of Qaba
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Abbaan tokko jilbeenfatee ilma isaa ilaalaa jira.

      BOQONNAA 20

      “Garaan Isaa Ogeessa”—Taʼus Gad Of Qaba

      1-3. Yihowaan akka gad of qabu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

      ABBAAN tokko mucaa isaa barumsa barbaachisaa tokko barsiisuu barbaade. Garaa mucaa isaa tuquuf fedhii guddaa qaba. Maarree, kana gochuuf mala akkamii fayyadamuu qaba? Mucaa isaa irra dhaabatee itti dheekkamee isa sossodaachisuu qabaa? Moo quphanee mucichaatti dhihaachuudhaan dubbii gaarii namatti toluun isatti dubbachuu qaba? Abbaan ogeessa taʼee fi gad of qabu tokko, mala isa lammaffaatti akka fayyadamu beekamaa dha.

      2 Yihowaan hoo Abbaa akkamiiti? Kan of tuulu moo kan gad of qabu dha? Gara jabeessa moo garraamii dha? Yihowaan wanta hundumaa beeka, ogummaa guddaas qaba. Taʼus, beekumsii fi dandeettiin yeroo hunda namoonni akka gad of qaban akka hin goone hubatteettaa? Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, “beekumsi nama bokoksa.” (1 Qorontos 3:19; 8:1) Yihowaan garuu, “garaan isaa ogeessa” taʼus gad of qaba. (Iyyoob 9:4) Kana jechuun, aangoon isaa xinnoo dha ykn inni gad aanaa dha jechuu utuu hin taʼin, guutummaatti of tuulummaa irraa bilisa dha jechuu dha. Akkas kan jennu maaliifi?

      3 Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, of tuulummaan inni nama mancaasu isa keessa hin jiru. (Maarqos 7:20-22) Kana malees, yaada Ermiyaas raajichi Yihowaa ilaalchisee, “Ati dhugumaan ni yaadatta, gara koottis gad ni jetta” jechuudhaan dubbate qalbeeffadhu.a (Faaruu Ermiyaas 3:20) Mee yaadi, Gooftaa Uumama Cufaa kan taʼe Yihowaan, nama cubbamaa taʼe kanaaf xiyyeeffannaa kennuuf jecha ‘gad jechuuf’ ykn sadarkaa Ermiyaasitti of xiqqeessuuf fedhii qaba ture. (Faarfannaa 113:7) Eeyyee, Yihowaan Waaqa gad of qabu dha. Haa taʼu malee, Yihowaan akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? Amalli kun ogummaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Yihowaan gad of qabuun isaa akkamitti nu fayyada?

      Yihowaan Akka Gad Of Qabu Kan Argisiise Akkamitti?

      4, 5. (a) Gad of qabuu jechuun maal jechuu dha? Kan ibsamu hoo akkamitti? Amalli kun dadhabina ykn sodaa wajjin wal qabsiifamuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yihowaan walitti dhufeenya Daawitii wajjin qabuun kan gad of qabe akkamitti? Gad of qabuun isaa nuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

      4 Gad of qabuun, of bokoksuu fi koora irraa bilisa taʼuu jechuu dha. Gad of qabuun, keessa nama tokkoo kan argisiisu yeroo taʼu, amalawwan akka obsaa, garraamummaa fi sababa qabeessummaa jiraniin ibsama. (Galaatiyaa 5:22, 23) Haa taʼu malee, amalli kun dadhabina ykn sodaa akka argisiisutti yaadamuu hin qabu. Amalawwan kun, dheekkamsa Yihowaa isa qajeelummaa irratti hundaaʼe ykn humna inni balleessuuf qabuu wajjin kan wal faallessan miti. Kanaa mannaa, gad of qabuu fi garraamummaan Yihowaa, inni jabina guddaa akka qabuu fi guutummaatti of toʼachuu akka dandaʼu argisiisu. (Isaayyaas 42:14) Gad of qabuun ogummaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko, “Gad of qabuun . . . ofittummaa irraa walaba taʼuu fi buʼuura ogummaa hundaa jedhamee ibsamuu dandaʼa” jedheera. Kanaaf, gad of qabuun hin jiru taanaan ogummaa dhugaan hin jiru jechuu dha. Maarree Yihowaan gad of qabuun isaa kan nu fayyadu akkamitti?

      Abbaan ogeessi tokko amala gad of qabuu fi garraamummaa ijoollee isaatti ni argisiisa

      5 Daawit Mootichi, “Ati gaachana fayyinaa naaf kennita, harki kee mirgaa na deggera, gad of qabuun kees guddaa na godha” jedhee Yihowaa jajateera. (Faarfannaa 18:35) Kana jechuun, Yihowaan nama cubbamaa taʼe kana eeguu fi wanta jireenyaaf isa barbaachisu guyyaa guyyaadhaan isaaf kennuuf gad of qaba ture jechuu dha. Daawit fayyina argachuu fi mootii milkaaʼina qabu taʼuu kan dandaʼu, Yihowaan yoo gad of qabe akka taʼe hubateera. Yihowaan akkuma abbaa garraamii fi jaalala qabeessa tokkoo gad of qabee utuu nu gargaaruu baatee, nu keessaa eenyutu abdii fayyinaa qabachuu dandaʼa ture?

      6, 7. (a) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Waaqa humna isaa beeku akka taʼetti kan hin ibsine maaliifi? (b) Garraamummaa fi ogummaan walitti dhufeenya akkamii qabu? Gama kanaan fakkeenya hunda irra caalu kan nuu taʼu eenyu?

      6 Haa taʼu malee, gad of qabuu fi humna ofii beekuun garaa garummaa akka qaban hubachuun keenya barbaachisaa dha. Humna ofii beekuun amala gaarii ilmaan namootaa horachuu qabani dha. Akkuma gad of qabuu amalli kunis ogummaa wajjin walitti dhufeenya qaba. Fakkeenyaaf, Fakkeenyi 11:2, “Ogummaan garuu warra humna isaanii beekan biratti argama” jedha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Waaqa humna isaa beeku akka taʼetti hin ibsu. Maaliifi? Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti humna ofii beekuun humni keenya daangaa akka qabu hubachuu argisiisa. Waaqni Hundumaa Dandaʼu, ulaagaawwan isaa warra qajeelummaa irratti hundaaʼan eeguuf jecha yoo daangaa of irra kaaʼe malee, akka namootaa humni isaa kan daangeffame miti. (Maarqos 10:27; Tiitoo 1:2) Kana malees, inni Waaqa Hundaa Olii waan taʼeef eenyu iyyuu isa irratti aangoo hin qabu. Kanaaf gabaabumatti yaanni humna ofii beekuu jedhu Yihowaaf hin hojjetu.

      7 Haa taʼu malee, Yihowaan kan gad of qabuu fi garraamii dha. Ogummaa dhugaa argachuuf garraamummaan barbaachisaa taʼuu isaa tajaajiltoota isaa ni barsiisa. Kitaabni Qulqulluun, ‘garraamummaan ogummaa irraa akka maddu’ ni dubbata.b (Yaaqoob 3:13) Mee Yihowaan gama kanaan fakkeenya akkamii akka nuuf taʼe haa ilaallu.

      Yihowaan Gad Of Qabuudhaan Warra Kaaniif Aangoo ni Kenna, Akkasumas ni Dhaggeeffata

      8-10. (a) Yihowaan warra kaaniif aangoo kennuu fi isaan dhaggeeffachuun isaa kan nama ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Waaqni Hundumaa Dandaʼu walitti dhufeenya maleekota isaa wajjin qabuun akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

      8 Yihowaan warra kaaniif aangoo akka kennuu fi akka isaan dhaggeeffatu ragaan argisiisu jira. Gargaarsis taʼe gorsi kan isa hin barbaachisne taʼee utuu jiruu, kana gochuun isaa nama ajaaʼibsiisa. (Isaayyaas 40:13, 14; Roomaa 11:34, 35) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan gama kanaan akka gad of qabu argisiisuu isaa irra deddeebiʼee dubbata.

      9 Fakkeenyaaf, wanta dinqisiisaa jireenya Abrahaam keessatti raawwatame tokko ilaali. Keessummoonni sadii gara isaa kan dhufan yeroo taʼu, isaan keessaa isa tokko “Yihowaa” jedhee waameera. Keessummoonni kun maleekota turan; isaan keessaa inni tokko garuu maqaa Yihowaatiin kan dhufee fi Yihowaa bakka buʼee kan hojjetu dha. Kanaafuu, wanta maleekaan sun dubbachaa fi hojjechaa ture, akka Yihowaan dubbachaa fi hojjechaa turetti fudhachuun ni dandaʼama. Yihowaan, “iyyi Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee dhihaatu guddaa” akka taʼe karaa maleekaa kanaa Abrahaamitti himeera. Yihowaan, “Ani isaan akkuma iyya isa na bira gaʼe sanaa gochuu fi dhiisuu isaanii ilaaluuf gad nan buʼa. Taʼuu baannaanis wanta kana beekuu nan dandaʼa” jedhe. (Uumama 18:3, 20, 21) Haa taʼu malee, wanti Yihowaan dubbate kun, inni Hundumaa Dandaʼu qaamaan akka ‘gad buʼu’ kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, yeroo kanattis maleekota isa bakka buʼan erguu isaa kan argisiisu ture. (Uumama 19:1) Kana kan godhe garuu maaliifi? Yihowaan inni wanta hunda arguu dandaʼu, wanta naannoo sanatti raawwatamaa ture ofuma isaatii “beekuu” hin dandaʼu turee? Akka dandaʼu beekamaa dha. Taʼus, Yihowaan gad of qabuudhaan maleekonni sun haala sana akka qoratan, akkasumas Looxii fi maatii isaa warra Sodoom keessa turan akka daawwatan hojii isaaniif kenneera.

      10 Kana malees, Yihowaan ni dhaggeeffata. Yeroo tokko Yihowaan, kufaatii Ahaab Mootichaa isa hamaa taʼe ilaalchisee yaada akka kennan maleekota isaa gaafatee ture. Yihowaan gargaarsi akkasii isa hin barbaachisu. Taʼus, yaada maleekaan tokko dhiheesse fudhateera, yaada sana hojii irra akka oolchus isa ajajeera. (1 Mootota 22:19-22) Kun, Yihowaan akka gad of qabu kan argisiisu mitii?

      11, 12. Abrahaam Yihowaan akka gad of qabu kan hubate akkamitti?

      11 Yihowaan namoota cubbamoo wanta isaan yaaddesse ibsuu barbaadan dhaggeeffachuufis fedhii qaba. Fakkeenyaaf, Sodoomii fi Gomoraa balleessuu akka barbaadu yeroo Abrahaamiif ibsetti, dhimmi kun nama amanamaa kana yaaddessee ture. Kanaan kan kaʼes Abrahaam, “Kun wanta hin yaadamne dha” erga jedhee booda, “Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?” jedhee gaafateera. Abrahaam namoonni qajeeloo taʼan 50​ni magaalota sana keessatti yoo argaman Yihowaan magaalaa sana balleessuu fi dhiisuu isaa isa gaafate. Yihowaanis akka hin balleessine mirkaneesseef. Taʼus, Abrahaam amma iyyuu lakkoofsa isaa gara 45​tti, achiis gara 40​tti, achiis gaduma xiqqeessuudhaan gaaffii kana isa gaafate. Yihowaan wanta sirrii akka raawwatu Abrahaamiif kan mirkaneesse taʼus, Abrahaam lakkoofsi kun gara kudhaniitti hamma xinnaatutti gaaffii kana gaafachuu isaa itti fufe. Tarii Abrahaam, Yihowaan hammam araara qabeessa akka taʼe guutummaatti hin hubanne taʼa. Sababiin Abrahaam gaaffii kana itti gaafate maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan obsaa fi gad of qabuudhaan michuun isaa kun wanta isa yaaddesse akka ibsu isaaf heyyameera.—Uumama 18:23-33.

      12 Namoota beekumsa guddaa qabu jedhaman keessaa, nama beekumsaan isaanii gadi taʼe obsaan kan dhaggeeffatan meeqan isaanii ti?c Waaqni keenya inni gad of qabu garuu akkas godha. Yeroo kanatti Abrahaam, Yihowaan “aariidhaaf suuta kan jedhu” taʼuu isaas hubateera. (Baʼuu 34:6) Tarii Abrahaam Waaqni Hundaa Olii maal akka godhu gaafachuuf mirga akka hin qabne waan itti dhagaʼameef taʼuu dandaʼaa, siʼa lama “Yaa Yihowaa, maaloo hin aarin” jedhee kadhateera. (Uumama 18:30, 32) Yihowaanis isatti hin aarre. Dhuguma iyyuu Yihowaan ‘garraamummaa isa ogummaa irraa maddu’ qaba.

      Yihowaan Sababa Qabeessa Dha

      13. Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti, jechi “sababa qabeessa” jedhu hiikni isaa maali dha? Jechi kun sirriitti Yihowaa kan ibsu hoo maaliifi?

      13 Yihowaan kan gad of qabu taʼuun isaa sababa qabeessa taʼuu isaa irrattis mulʼateera. Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan yeroo baayʼee amala kana argisiisuu dhiisuun isaanii nama gaddisiisa. Yihowaan uumamawwan isaa yaaduu dandaʼan dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu qofa utuu hin taʼin, wanti isaan jedhan ulaagaalee qajeelinaa isaa wajjin hamma wal hin faallessinetti tole jedhee ni fudhata. Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti, jechi “sababa qabeessa” jedhu kallattiidhaan yeroo hiikamu “yaada ofiitti kan hin cichine” jechuu dha. Amalli kunis ogummaa Waaqayyoo argisiisa. Yaaqoob 3:17, “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . yaada ofiitti kan hin cichine [dha]” jedha. Yihowaan inni ogummaa guddaa qabu sababa qabeessa kan taʼe karaa kamiini? Tokkoffaa, akka haala isaatti jijjiirama kan godhu taʼuudhaani. Maqaan Yihowaa jedhu iyyuu inni kaayyoo isaa raawwachuuf wanta taʼuun isa barbaachisu hunda akka taʼu kan nu hubachiisu taʼuu isaa yaadadhu. (Baʼuu 3:14) Kun, Yihowaan akka haala isaatti jijjiirama akka godhuu fi sababa qabeessa taʼuu isaa kan argisiisu mitii?

      14, 15. Saragallaan Yihowaa Hisqiʼel mulʼataan arge waaʼee kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii maal nu barsiisa? Jaarmiyaan kun hoo jaarmiyaawwan addunyaa irraa adda kan taʼe akkamitti?

      14 Kutaan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan akka haala isaatti jijjiirama kan godhu taʼuu isaa hubachuuf nu gargaaru tokko jira. Hisqiʼel raajichi, kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii uumamawwan hafuuraa qabate mulʼataan argee ture. Saragallaa guddaa toʼannaa Yihowaa jala jiru tokko arge. Kan baayʼee nama ajaaʼibsiisu garuu akkaataa inni itti sochoʼu dha. Geengoowwan isaa roga afur kan qabanii fi ijaan kan guutaman waan taʼaniif, iddoo hunda ilaaluu fi utuu hin dhaabatin ykn utuu of irra hin garagalin battalumatti kallattii isaanii jijjiiruu dandaʼu. Saragallaa guddaan kun akka konkolaataa namni tolcheetti naannaʼuun kan isa rakkisu miti. Saffisa ifaatiin utuu deemuu digirii sagaltama jalʼachuu dandaʼa! (Hisqiʼel 1:1, 14-28) Eeyyee, jaarmiyaan Yihowaas akkuma Gooftaa Hundumaa Dandaʼuu haalawwan yeroo jijjiiraman hundatti akka haala isaatti jijjiirama gochuu dandaʼa.

      15 Ilmaan namootaa akka kanaatti jijjiirama gochuu hin dandaʼan. Yeroo baayʼee ilmaan namootaas taʼan jaarmiyaan isaanii, akka haala isaatti jijjiirama gochuu mannaa waan tokkotti kan cichan, akkasumas sababa qabeeyyii taʼuu mannaa kan hin sarmine dha. Kana fakkeenyaan ibsuuf, dooniin ykn baaburri feʼumsaa tokko guddinni isaa fi humni isaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Haa taʼu malee, wantoonni kun haalli tokko akka tasaa yommuu isaan mudatu dafanii jijjiirama gochuu dandaʼuu? Baaburri tokko wanti gufuu itti taʼu fuuldura isaatii yoo isa mudate matumaa irraa goruu hin dandaʼu. Dafee dhaabachuunis isa rakkisa. Baaburri kun fireeniin isaa erga qabamee booda illee gara kiilomeetira lamaa deemee dhaabata! Dooniin tokkos mootarri isaa erga dhaamee booda illee dhaabachuu kan dandaʼu kiilomeetira saddeet erga deeme booda. Maarshiin duubaa erga galee booda illee, doonichi gara kiilomeetira sadii gara fuulduraatti deemuu dandaʼa! Jaarmiyaawwan ilmaan namootaas akkuma kanaa yaada isaanitti kan cichanii fi dafanii jijjiirama kan hin goone dha. Ilmaan namootaa kan of tuulan waan taʼaniif, yeroo baayʼee fedhiiwwanii fi haalawwan jijjiiramaa jiranii wajjin deemuu hin barbaadan. Amalli kun immoo dhaabbilee daldalaa hedduu kasaaraaf, mootummoota hedduus kufaatiif saaxileera. (Fakkeenya 16:18) Yihowaanis taʼe jaarmiyaan isaa akkas waan hin taaneef gammaduu qabna!

      Yihowaan Sababa Qabeessa Taʼuu Isaa Kan Argisiise Akkamitti?

      16. Badiisa Sodoomii fi Gomoraa dura, Yihowaan Loox wajjin haala wal qabateen Waaqa yaada isaatti hin cichine taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

      16 Mee ammas badiisa Sodoomii fi Gomoraa irra gaʼe ilaali. Maleekaan Yihowaa “gara naannoo gaarotaa sanaatti baqadhaa” jechuudhaan Looxii fi maatii isaatiif qajeelfama ifaa kennee ture. Haa taʼu malee, kun Looxiin hin gammachiisne. Kanaan kan kaʼes Loox, “Yaa Yihowaa, maaloo, achitti hin baqadhu!” jedhee kadhate. Loox, gara gaarotaa sanaatti yoo baqate akka duʼu waan itti dhagaʼameef, maatii isaa qabatee magaalaa dhihoo jirtuu fi Zoʼaar jedhamtutti baqachuuf Yihowaa kadhate. Yihowaan garuu yeroo sanatti magaalaa kana balleessuuf yaadee ture. Kana malees, Loox sodaachuuf sababii gaʼaa hin qabu ture. Sababiin isaas Yihowaan gaarota sana irratti isa oolchuu akka dandaʼu beekamaa dha! Taʼus, Yihowaan yaada isaa jijjiiree gaaffii Loox fudhateera. Maleekaan sun Looxiin, “Gaarii dha, ani magaalaa jette sana oolchuudhaanis gaarummaa sitti nan argisiisa” isaan jedhe. (Uumama 19:17-22) Seenaan kun, Yihowaan yaada isaatti kan hin cichine taʼuu isaa kan argisiisu mitii?

      17, 18. Haala warra Nanawwee wajjin wal qabateen, Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine kan argisiise akkamitti?

      17 Yihowaan yeroo hunda araara qabeessa dha, akkasumas wanta sirrii taʼe raawwata. Kanaafuu yeroo namoonni yaada geddaratanitti innis yaada isaa ni jijjiira. Yeroo Yoonaas magaalaa Nanawwee ishii hamoonni keessa guutanitti ergame maaltu akka raawwatame ilaali. Yoonaas ergaan inni daandiiwwan Nanawwee irra deemee akka labsu itti himame gabaabaa yeroo taʼu, magaalaan guddoon sun guyyaa 40 keessatti ni garagalfamti kan jedhu dha. Haa taʼu malee, yeruma sana haalli isaa ni jijjiirame. Warri Nanawwee yaada geddaratan!—Yoonaas, boqonnaa 3.

      18 Yeroo haalli warra Nanawwee jijjiiramu wanta Yihowaatti dhagaʼamee fi Yoonaasitti dhagaʼame wal bira qabnee ilaaluun keenya barumsa guddaa nuu taʼa. Yeroo kanatti Yihowaan “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaa argisiisuu mannaa, yaada isaa jijjiiruudhaan Waaqa cubbuu namaaf dhiisu taʼuu isaa argisiiseera.d (Baʼuu 15:3) Yoonaas garuu, yaada isaatti kan cichuu fi araara kan hin qabne ture. Yoonaas akkuma Yihowaa jijjiirama gochuu mannaa, akka baabura ykn doonii feʼumsaa olitti ibsamee taʼeera. Badiisni akka dhufu waan lallabeef, badiisni dhufuu qaba jedhee yaade! Yihowaan garuu, sababa qabeessa taʼuu fi araara argisiisuu ilaalchisee raajii isaa isa obsa hin qabne kana obsaan barumsa hin irraanfatamne barsiiseera.—Yoonaas, boqonnaa 4.

      Obboleessi dargaggeessi tokko tajaajila irratti obboleessa maanguddoo tokko gargaaraa jira.

      Yihowaan sababa qabeessa dha, humna keenyas ni hubata

      19. (a) Yihowaan wanta nu irraa eeguun sababa qabeessa dha kan jennu maaliifi? (b) Fakkeenyi 19:17, Yihowaan Gooftaa ‘gaarii fi gara laafessa’ akkasumas baayʼee kan gad of qabu taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

      19 Yihowaan wanta nu irraa eeguunis sababa qabeessa taʼuu isaa argisiiseera. Daawit Mootichi, “Inni akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka, biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata” jedheera. (Faarfannaa 103:14) Yihowaan humni keenya daangaa akka qabuu fi mudaa kan qabnu taʼuu keenya nu caalaa hubata. Kanaafuu wanta humna keenyaa ol taʼe nu irraa hin eegu. Kitaabni Qulqulluun waaʼee gooftolii “gaarii fi gara laafeyyii taʼanii” qofa utuu hin taʼin, waaʼee gooftolii ‘gammachiisuun ulfaataa taʼes’ ni dubbata. (1 Pheexiros 2:18) Yihowaan Gooftaa akkamii ti? Fakkeenyi 19:17, “Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa” akka jedhu qalbeeffadhu. Gaarummaa hiyyeessotaaf godhame hunda kan hubatu, gooftaa gaarii fi sababa qabeessa taʼe qofa dha. Kana malees caqasni kun, Uumaan uumama cufaa idaan namoota gocha gara laafinaa akkasii raawwatanii akka isa irra jiru akka itti dhagaʼamu ibsa! Dhuguma iyyuu kun gad of qabuu hunda irra caalu dha.

      20. Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼuu fi deebii akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

      20 Yihowaan yeroo ammaattis garraamii fi sababa qabeessa taʼuu isaa tajaajiltoota isaatti ni argisiisa. Amantiidhaan yommuu isa kadhannu nu dhagaʼa. Nutti dubbachuuf maleekota isaa waan hin ergineef kadhannaa keenyaaf deebii hin kennu jennee yaaduu hin qabnu. Phaawulos ergamaan namoonni hidhata amantii isaa taʼan mana hidhaatii akka gadhiifamu isaaf ‘kadhachuu isaanii akka itti fufan’ yommuu isaan gaafatetti, “dafee gara keessanitti akkan deebiʼu” jedheera. (Ibroota 13:18, 19) Kanaaf, kadhachuun keenya Yihowaan wanta utuu nuti kadhachuu baannee nuu hin goone akka nuu godhu isa kakaasa!—Yaaqoob 5:16.

      21. Yihowaan kan gad of qabu dha jechuun maal jechuu miti? Waaʼee gad of qabuu Yihowaa maaltu sitti dhagaʼama?

      21 Amalawwan Yihowaan akka gad of qabu argisiisan kun hundi, jechuunis garraamii taʼuun isaa, dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuun isaa, obsi isaa fi yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun isaa ulaagaa qajeelinaa isaa akka laaffisu kan argisiisan miti. Geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaa, ulaagaa Yihowaan baase laaffisuudhaan yommuu barumsa gurra amantoota isaaniitti tolu barsiisan yaada ofiitti kan hin cichine akka taʼan isaanitti dhagaʼama taʼa. (2 Ximotewos 4:3) Haa taʼu malee, ilmaan namootaa yeroo isaaniif hin mijannetti ejjennoo isaanii laaffisuun isaanii, sababa qabeessummaa Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya hin qabu. Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, ulaagaawwan qajeelummaaf baase matumaa hin laaffisu. (Leewwota 11:44) Kanaaf, sababa qabeessummaa Yihowaa isa gad of qabuu isaa argisiisuuf dinqisiifannaa haa qabaannu. Yihowaan inni uumama cufa keessatti ogummaa guddaa qabu akka gad of qabu beekuun kee baayʼee si hin gammachiisuu? Humna guddaa qabaatus, Waaqa garraamii, obsa qabeessaa fi sababa qabeessa taʼe kanatti dhihaachuun baayʼee nama gammachiisa!

      a Garagalchitoonni bara durii, yaada caqasa kanaa jijjiiruudhaan as irratti gad kan jedhe Yihowaa utuu hin taʼin Ermiyaas akka taʼetti ibsaniiru. Namoonni kun, Waaqayyo akkasitti gad of qabuu hin qabu jedhanii waan yaadaniif taʼuu hin oolu. Kanaan kan kaʼes, hiikawwan hedduun qabxii gaarii caqasa kana irra jiru utuu hin dabarsin hafaniiru. Haa taʼu malee, Za Niiwu Ingilish Baayibil, Ermiyaas, “Na yaadadhu, maaloo na yaadadhu; nattis gad jedhi” jedhee Waaqayyoon akka kadhate ibsuudhaan yaada caqasichaa sirriitti hiikeera.

      b Hiikawwan kan biroon caqasa kana, “gad of qabuu isa ogummaa qabaachuu irraa argamu,” akkasumas “garraamummaa ogummaa irraa argamu” jedhanii hiikaniiru.

      c Kitaabni Qulqulluun namni tokko obsa dhabuun isaa koora qabaachuu isaa akka argisiisu ibsa. (Lallaba 7:8) Kanaafuu, Yihowaan obsa qabeessa taʼuun isaa, akka gad of qabu argisiisa.—2 Pheexiros 3:9.

      d Faarfannaa 86:5 irratti Yihowaan “gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha” jedhameera. Faarfannaan sun gara afaan Giriikiitti yommuu hiikamu, yaanni “dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha” jedhu eppiʼeekees ykn “yaada isaatti kan hin cichine” jedhamee hiikameera.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Baʼuu 32:9-14 Yihowaan kadhannaa Museen Israaʼelota bakka buʼuudhaan dhiheesseef deebii kennuudhaan akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

      • Abbootii Murtii 6:36-40 Yihowaan gaaffii Giidewoniif deebii kennuudhaan obsa qabeessaa fi sababa qabeessa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

      • Faarfannaa 113:1-9 Yihowaan ilmaan namootaa wajjin haala wal qabateen akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

      • Luqaas 1:46-55 Maariyaam, Yihowaan namoota gad of qabanii fi hiyyeessotaaf ilaalcha akkamii akka qabu amanti turte? Nuti hoo ilaalcha Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Yesuus “Ogummaa Waaqayyo Biraa . . . Dhufe” Mulʼiseera
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Yesuus namoota hedduu barsiisaa jira.

      BOQONNAA 21

      Yesuus “Ogummaa Waaqayyo Biraa . . . Dhufe” Mulʼiseera

      1-3. Namoonni duraan Yesuusiin beekan barumsa isaa yommuu dhagaʼan maaltu isaanitti dhagaʼame? Waaʼee isaa maal utuu hin hubatin hafaniiru?

      NAMOONNI isa dhaggeeffatan dinqisiifannaadhaan guutaman. Yesuus dargaggeessichi mana sagadaa keessatti isaan dura dhaabatee barsiisaa jira. Magaalaa isaanii keessatti waan guddateef, akkasumas waggoota hedduuf isaan gidduutti anaaxii taʼee hojjechaa waan tureef, inni isaaniif haaraa hin turre. Tarii isaan keessaa tokko tokko mana Yesuus ijaare keessa jiraachaa kan jiran ykn gindii fi waanjoo inni hojjetetti fayyadamaa kan jiran taʼuu dandaʼu.a Haa taʼu malee, barumsa anaaxiin kun barsiisuuf ilaalcha akkamii qabaatu laata?

      2 Namoota isa dhaggeeffachaa turan keessaa hedduun isaanii dinqisiifannaadhaan, ‘Namni kun ogummaa kana eessaa argate?’ jedhanii gaafatan. Achiis, “Kun anaaxicha ilma Maariyaam mitii?” jedhan. (Maatewos 13:54-58; Maarqos 6:1-3) Kan nama gaddisiisu namoonni Yesuusiin beekan, ‘Anaaxiin kun namuma akka keenyaa mitii?’ jedhanii isa tuffataniiru. Ogummaadhaan kan dubbatu taʼus, ogummaan kun kan isaa akka hin taane waan hin beekneef isatti amanuu didaniiru.

      3 Maarree Yesuus ogummaa kana eessaa argate? Innumti iyyuu, “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti” jedheera. (Yohaannis 7:16) Phaawulos ergamaan, Yesuus “ogummaa Waaqayyo biraa nuuf dhufe” akka taʼe dubbateera. (1 Qorontos 1:30) Kanaaf, ogummaan Yihowaa karaa Ilma isaa Yesuus mulʼateera jechuu dha. Yesuus, “Anii fi Abbaan tokko” jechuun isaa, yaanni kun hammam dhugaa akka taʼe argisiisa. (Yohaannis 10:30) Mee amma karaawwan Yesuus “ogummaa Waaqayyo biraa . . . dhufe” taʼuu isaa itti argisiise sadii haa ilaallu.

      Wanta Inni Barsiise

      4. (a) Yaanni ijoo ergaa Yesuus maal ture? Baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Gorsi Yesuus yeroo hunda hojii irra ooluu kan dandaʼuu fi warra dhaggeeffataniif faayidaa guddaa kan argamsiisu maaliifi?

      4 Jalqaba, wanta Yesuus barsiise ilaali. Yaanni ijoo ergaa isaa, “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” ture. (Luqaas 4:43) Mootummaan kun, maqaa Yihowaa qulqulleessuu, jechuunis Bulchaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessuu, akkasumas ilmaan namootaaf eebba bara baraa fiduu irratti shoora guddaa waan taphatuuf, ergaan kun baayʼee barbaachisaa ture. Yesuus barumsa isaa keessatti, jireenya guyyaa guyyaa ilaalchisees gorsa ogummaa irratti hundaaʼe kenneera. Kanaafuu, “Gorsaa Dinqii” isa raajiidhaan dubbatame taʼuu isaa argisiiseera. (Isaayyaas 9:6) Yesuus “Gorsaa Dinqii” taʼuu kan dandaʼe maaliifi? Waaʼee Dubbii Waaqayyoo fi fedha isaa beekumsa guddaa qaba, uumama ilmaan namootaa sirriitti beeka, akkasumas jaalala guddaa isaaniif qaba. Kanaaf, gorsi isaa yeroo hunda hojii irra ooluu kan dandaʼuu fi namoota isa dhaggeeffataniif faayidaa guddaa kan argamsiisu ture. Yesuus, “dubbii jireenya bara baraa” dubbateera. Eeyyee, namoonni gorsa isaa hojii irra oolchan hundi fayyina ni argatu.—Yohaannis 6:68.

      5. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti dhimmawwan akkamii irratti gorsa kenne?

      5 Lallabni Gaaraa barumsi Yesuus ogummaa guddaa kan qabu taʼuu isaatiif fakkeenya gaarii taʼa. Lallabni Maatewos 5:3–7:27 irratti galmeeffame kun daqiiqaa 20 qofa kan fudhate taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, gorsi kun kan yeroon itti hin darbine dha, jechuunis akkuma yeroo dubbatame sanaa harʼas faayidaa guddaa qaba. Yesuus, lallaba isaa kana irratti hariiroo warra kaanii wajjin qabnu akkamitti akka fooyyessinu (5:23-26, 38-42; 7:1-5, 12), naamusa qulqulluu qabaannee itti fufuu akkamitti akka dandeenyu (5:27-32), akkasumas akkamitti jireenya kaayyoo qabu jiraachuu akka dandeenyu (6:19-24; 7:24-27) dabalatee dhimmawwan hedduu irratti gorsa kenneera. Haa taʼu malee, Yesuus ogummaan maal akka taʼe dhaggeeffattoota isaatti himuu qofa utuu hin taʼin, ragaa dhiheessuudhaanis karaa isaan amansiisuun isaaniif ibseera.

      6-8. (a) Yesuus gorsa gaarii yaaddoo irraa akka fagaannu nu gargaaru akkamii kenne? (b) Gorsi Yesuus ogummaa ol gubbaadhaa dhufe akka qabate wanti argisiisu maali dha?

      6 Fakkeenyaaf, wantoota jireenyaaf barbaachisaniif yaaddaʼuu ilaalchisee gorsa Yesuus Maatewos boqonnaa 6 irratti kenne ilaali. “Waaʼee jireenya keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa” jedheera. (Lakkoofsa 25) Nyaannii fi uffanni wantoota buʼuuraa nu barbaachisan waan taʼaniif, wantoota kana argachuuf yaaddaʼuun waanuma jirudha. Taʼus, Yesuus waaʼee wantoota kanaa “yaaddaʼuu keessan dhiisaa” nuun jedheera.b Maaliifi?

      7 Yesuus kana ilaalchisee sababii amansiisaa akkamii akka dhiheesse ilaali. Yihowaan jireenyaa fi dhagna erga nuu kennee, nyaata jireenya keenya tursuu fi wanta dhagna keenyatti uffannu nuu kennuu hin dandaʼuu? (Lakkoofsa 25) Waaqayyo simbirrootaaf nyaata kan kennuu fi abaaboowwan bareechee kan itti uwwisu erga taʼee, namoota isa waaqeffatan caalaatti hin kunuunsuu ree? (Lakkoofsa 26, 28-30) Yaaddaʼuun faayidaa tokko illee hin qabu. Xinnuma illee jireenya keenya nuu dheeressuu hin dandaʼu.c (Lakkoofsa 27) Maarree yaaddaʼuu dhiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus, waaqeffannaa Waaqayyoof dhiheessinuuf dursa kennuudhaan akka taʼe nu gorseera. Namoonni akkas godhan, Abbaan isaanii inni samii wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu akka isaaniif ‘dabalu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. (Lakkoofsa 33) Dhuma irrattis Yesuus, waaʼee guyyaa harʼaa qofa akka yaannu nutti himuudhaan gorsa gaarii nuu kenneera. Yaaddoo guyyaa borii, maaliif isa guyyaa harʼaatti daballa? (Lakkoofsa 34) Kana malees, wantoota matumaa raawwatamuu hin dandeenyeef maaliif dhiphanna? Gorsa ogummaa irratti hundaaʼe akkasii hojii irra oolchuun keenya, gadda hedduu addunyaa isa dhiphinaan guutame keessatti nu mudatu irraa walaba nu gochuu dandaʼa.

      8 Gorsi Yesuus kenne, akkuma gara waggaa 2,000 dura hojii irra oolaa ture, harʼas hojii irra ooluu kan dandaʼu dha. Maarree kun Yesuus ogummaa ol gubbaadhaa dhufe akka qabu hin argisiisuu? Gorsi, namoonni gorsitoota gaariidha jedhaman kennan illee, yeroon itti darbuu fi haareffamuu ykn yaada biraadhaan bakka buufamuu dandaʼa. Barumsi Yesuus garuu yoom iyyuu yeroon itti hin darbu. Haa taʼu malee, Gorsaa Dinqiin kun ‘dubbii Waaqayyoo’ waan dubbatuuf, kun taʼuun isaa nu dinqisiisuu hin qabu.—Yohaannis 3:34.

      Akkaataa Itti Barsiise

      9. Loltoonni tokko tokko waaʼee barumsa Yesuus maal jedhan? Wanti isaan dubbatan kan arbeeffame miti kan jennu hoo maaliifi?

      9 Karaan inni lammaffaan Yesuus ogummaa Waaqayyoo itti mulʼise immoo akkaataa itti barsiise dha. Yeroo tokko loltoonni akka isa qaban ergaman; isaan garuu “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku” jechuudhaan utuu isa hin qabin deebiʼaniiru. (Yohaannis 7:45, 46) Kana kan dubbatan arbeessuuf jedhanii miti. Yesuus inni “kan olii” taʼe, namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalaa beekumsaa fi muuxannoo isa irraa argachuu dandeenyu qaba. (Yohaannis 8:23) Haala namni kan biraan barsiisuu hin dandeenyeen barsiiseera. Mee malawwan Barsiisaan ogeessi kun itti fayyadame lama qofa ilaali.

      “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan”

      10, 11. (a) Fakkeenyi Yesuus itti fayyadame kan nu ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Seenaawwanii fi fakkeenyonni, Yesuus barsiisuu irratti buʼa qabeessa taʼuu isaa argisiisan kamfaʼi?

      10 Karaa buʼa qabeessa taʼeen fakkeenyatti fayyadameera. Kitaabni Qulqulluun, “Yesuus wantoota kana hunda fakkeenyaan namoota sanatti dubbate. Eeyyee, fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbatu ture” jedha. (Maatewos 13:34) Dandeettiin Yesuus wantoota guyyaa guyyaadhaan arginutti fayyadamee dhugaa dinqisiisaa barsiisuuf qabu kan nama ajaaʼibsiisu dha. Qonnaan bultoota sanyii facaasan, dubartii bukoo bukeessitu, ijoollee bakka gabaatti taphatan, namoota qurxummii qabuuf saaphana isaanii bishaanitti darbatanii fi tiksitoota hoolaa badan barbaadan akka fakkeenyaatti fayyadamee barsiiseera; wantoonni kun immoo wantoota dhaggeeffattoonni isaa yeroo baayʼee arganidha. Barumsi barbaachisaa taʼe tokko wanta namoonni beekanii wajjin wal qabsiifamee ibsamuun isaa, akka hin irraanfatamne godha.—Maatewos 11:16-19; 13:3-8, 33, 47-50; 18:12-14.

      11 Yesuus yeroo baayʼee barumsawwan barbaachisoo taʼan barsiisuuf, fakkeenyota ykn seenaawwan gaggabaabootti fayyadameera. Seenaawwan yeroo baayʼee hubachuu fi yaadachuuf salphaa waan taʼaniif, malli Yesuus itti fayyadame barumsi isaa akka hin irraanfatamne godhaniiru. Yesuus waaʼee Abbaa isaa yommuu ibsu, fakkeenyota ifa taʼanii fi salphaatti hin irraanfatamnetti fayyadameera. Fakkeenyaaf seenaan waaʼee ilma badee argamee ibsu, namni dhugaa dhiise tokko garaadhaa yaada yoo geddarate Yihowaan akka isaaf gadduu fi akka ofitti isa deebisu ibsa. Maarree namni ergaa seenaa kanaa hubachuun isa rakkisu jiraa?—Luqaas 15:11-32.

      12. (a) Yesuus barumsa isaa keessatti gaaffiiwwanitti kan fayyadame akkamitti? (b) Yesuus namoota aangoo isaa irratti gaaffii kaasan kan cal jechisiise akkamitti?

      12 Gaaffiiwwanitti akka gaariitti fayyadameera. Yesuus dhaggeeffattoonni isaa gad fageenyaan akka yaadan, miira wanta tokko gochuuf isaan kakaase akka qoran ykn murtoo mataa isaanii akka godhan gargaaruuf gaaffiiwwanitti fayyadameera. (Maatewos 12:24-30; 17:24-27; 22:41-46) Geggeessitoonni amantii, Waaqayyo aangoo isaaf kennuu fi dhiisuu isaa yeroo isa gaafatanitti Yesuus, “Cuuphaan Yohaannis samii irraa moo nama biraa dhufe?” jedhee isaan gaafate. Isaanis gaaffii kanaan naʼanii, “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha? Garuu ijuma jabaannee, ‘Nama biraa ti’ jennuu laata?” waliin jedhan. “Taʼus, namoonni sun hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif namoota sana sodaatan.” Kanaaf, “Hin beeknu” jedhanii deebisaniif. (Maarqos 11:27-33; Maatewos 21:23-27) Yesuus gaaffii salphaa taʼe kanatti fayyadamee, waan dubbatan isaan dhabsiiseera; akkasumas hamminni garaa isaanii akka ifa baʼu godheera.

      13-15. Seenaan waaʼee nama Samaariyaa dubbatu, ogummaa Yesuus kan argisiisu akkamitti?

      13 Yeroo tokko tokko Yesuus yommuu barsiisu gaaffiiwwan miira namaa kakaasan fakkeenyaa wajjin fayyadama ture. Namni seera beeku tokko jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu akka qabu yommuu isa gaafatetti, Yesuus Seera Musee isa Waaqayyoo fi nama akka jaallannu ajaju caqaseef. Namichis qajeelaa taʼuu isaa argisiisuu waan barbaadeef, “Nama isa kam?” jedhee gaafate. Yesuus seenaa tokko itti himuudhaan gaaffii isaatiif deebii kenne. Namni Yihudii tokko kophaa isaa karaa deemaa utuu jiruu saamtonni isa reebanii duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. Yihudoonni lama, jechuunis lubni tokkoo fi gosti Lewwii tokko achiin darbaa turan. Garuu lamaanuu irraa goranii darban. Sana booda namni Samaariyaa tokko ni dhufe. Namni kun garuu waan isaaf gaddeef, madaa isaatti qoricha godhee erga hidheefii booda gara mana keessummoonni keessa buufatanitti isa geesse. Dhuma irrattis Yesuus, “Egaa, namoota sadan kana keessaa, namicha saamtota harka buʼe kana akka ofii isaatti akka jaallatu kan argisiise isa kam sitti fakkaata?” jedhee namicha gaafachuudhaan seenaa kana xumure. Namichis, “Isa namichatti gara laafina argisiise sana dha” jedhee deebise.—Luqaas 10:25-37.

      14 Seenaan kun ogummaa Yesuus qabu kan argisiisu akkamitti? Bara sanatti Yihudoonni jechi as irratti “nama” jedhame warra aadaa isaanii hordofan qofa akka argisiisutti yaadu turan; kun immoo warra Samaariyaa akka hin dabalanne beekamaa dha. (Yohaannis 4:9) Seenaa Yesuus dubbate kana irratti, kan miidhame nama Samaariyaa, kan isa gargaare immoo nama Yihudii utuu taʼee, seenaan kun Yihudoonni jibba warra sanyii isaanii hin taaneef qaban akka dhiisan gochuu dandaʼa turee? Yesuus kana tilmaama keessa galchuudhaan, seenaan kun namichi Samaariyaa sun nama Yihudii sana gara laafinaan akka kunuunse akka ibsu godheera. Namichi seera beeku sun yaada nama akka ofii keetti jaalladhu jedhu akka hubatu isa gargaaruuf gaaffii Yesuus dhuma seenaa sanaa irratti gaafate qalbeeffadhu. Gaaffiin namichi kun gaafachuu barbaade, ‘Namni ani jaallachuu qabu eenyu?’ kan jedhu ture. Yesuus garuu, “Namoota sadan kana keessaa, namicha saamtota harka buʼe kana akka ofii isaatti akka jaallatu kan argisiise isa kam sitti fakkaata?” jedhee gaafate. Kanaaf, Yesuus nama miidhamee fi gargaarsi godhameef irratti utuu hin taʼin, nama Samaariyaa isa gaarummaa argisiise irratti xiyyeeffate. Namni gaariin tokko, warri kaan sanyiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe dursa fudhatee jaalala isaanitti argisiisa. Yesuus, yaada kana karaa buʼa qabeessa taʼeen dabarsuuf mala gaariitti fayyadameera.

      15 Maarree, namoonni “akkaataa inni itti barsiise” dinqisiifannaadhaan dhaggeeffachuun isaanii nama ajaaʼibsiisaa? (Maatewos 7:28, 29) Yeroo tokko, “namoonni hedduun” nyaata illee utuu hin nyaatin guyyaa sadiif isa biraa turaniiru!—Maarqos 8:1, 2.

      Akkaataa Jireenyaa Isaa

      16. Yesuus ogummaa Waaqayyootiin akka geggeeffamu kan ‘argisiise’ akkamitti?

      16 Karaan inni sadaffaan Yesuus ogummaa Yihowaa itti mulʼise akkaataa jireenyaa isaatiini. Ogummaan, wanta hojii irra ooluu dandaʼuu fi buʼaa argamsiisuu dha. Yaaqoob inni barataa Yesuus ture, “Isin keessaa ogeessi . . . eenyu?” jedhee erga gaafatee booda, “Inni . . . amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu” jechuudhaan gaaffii gaafateef ofuma isaatii deebii kenneera. (Yaaqoob 3:13) Yesuus ogummaa Waaqayyootiin akka geggeeffamu amala isaatiin ‘argisiiseera.’ Mee Yesuus akkaataa jireenyaa isaatiinis taʼe walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabuun ilaalcha madaalamaa qabaachuu isaa kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

      17. Yesuus ilaalcha madaalamaa akka qabu jireenya isaatiin kan argisiise akkamitti?

      17 Namoonni ilaalcha madaalamaa hin qabne yeroo baayʼee wanta sirrii hin taane akka raawwatan hubatteettaa? Dhugaadha, ilaalcha madaalamaa qabaachuun ogummaa gaafata. Yesuus ogummaa Waaqayyoo waan qabuuf, ilaalcha madaalamaa qaba ture. Jireenya isaa keessatti waan hunda caalaa wantoota hafuuraatiif dursa kenneera. Misiraachicha lallabuu irratti guutummaatti qabamee ture. Kanaafuu, “Ani kanaafan dhufe” jechuu dandaʼeera. (Maarqos 1:38) Qabeenya argachuu irratti waan hin xiyyeeffanneef, qabeenya baayʼee hin qabu ture. (Maatewos 8:20) Taʼus monoksee hin turre. Yesuus akkuma Abbaa isaa isa “Waaqa gammadaa” taʼee gammachuu kan qabuu fi warra kaanis kan gammachiisu ture. (1 Ximotewos 1:11; 6:15) Cidha inni affeerame irratti yeroo namoonni sirban, shubbisanii fi gammadan, gammachuu dhabee achi taaʼaa hin turre. Yommuu daadhiin wayinii dhumetti, bishaan gara daadhii wayinii baʼeessa taʼee fi ‘garaa namaa gammachiisutti’ jijjiireera. (Faarfannaa 104:15; Yohaannis 2:1-11) Yesuus affeerriiwwan nyaataa irratti kan argame yeroo taʼu, yeroo baayʼee carraawwan kanatti fayyadamee namoota ni barsiisa ture.—Luqaas 10:38-42; 14:1-6.

      18. Yesuus akkaataa barattoota isaa itti qabeen ilaalcha madaalamaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

      18 Yesuus akkaataa namoota itti qabuunis ilaalcha madaalamaa akka qabu argisiiseera. Uumama ilmaan namootaa akka gaariitti beekuun isaa, barattoota isaatiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatu isa gargaareera. Namoonni kun mudaa akka qaban kan beeku taʼus, amala gaarii isaan qaban hubateera. Namoonni Yihowaan ofitti harkise kun namoota akkamii akka taʼan beeka. (Yohaannis 6:44) Dadhabina kan qaban taʼus, isaan amana ture. Kanas itti gaafatamummaa guddaa isaaniif kennuudhaan argisiiseera. Misiraachicha akka lallaban kan isaan ajaje yeroo taʼu, hojii kana raawwachuu akka dandaʼanis ni amana ture. (Maatewos 28:19, 20) Kitaabni Hojii Ergamootaa, duuka buutonni isaa hojii inni isaan ajaje amanamummaadhaan akka hojjetan nuu mirkaneessa. (Hojii Ergamootaa 2:41, 42; 4:33; 5:27-32) Dhuguma iyyuu Yesuus isaan amanuun isaa sirrii ture.

      19. Yesuus ‘garraamii fi kan gad of qabu’ taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

      19 Akkuma Boqonnaa 20 irratti ilaalle, Kitaabni Qulqulluun gad of qabuu fi garraamummaa ogummaa wajjin wal qabsiisee ibsa. Yihowaan gama kanaan fakkeenya hunda irra caalu nuu taʼa. Yesuus hoo? Innis akkaataa barattoota isaa itti qabeen, akka gad of qabe beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Nama mudaa hin qabne waan taʼeef barattoota isaa irra kan caalu ture. Taʼus, isaan hin tuffanne. Gad aanoo akka taʼan ykn gaʼumsa akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu hin goone. Kanaa mannaa, humni isaanii kan daangeffame taʼuu isaa tilmaama keessa galchuudhaan, dogoggora isaanii obsaan isaaniif darbeera. (Maarqos 14:34-38; Yohaannis 16:12) Ijoolleen xixinnoon illee Yesuusii wajjin yommuu taʼan gammaduun isaanii nama hin dinqisiisuu? Ijoollee xixinnoon isaatti kan dhihaatan inni, ‘garraamii fi kan gad of qabu’ taʼuu isaa waan hubataniif akka ture beekamaa dha.—Maatewos 11:29; Maarqos 10:13-16.

      20. Dubartii saboota kaan keessaa dhuftee fi intalli ishii jinniidhaan qabamtee wajjin haala wal qabateen Yesuus yaada isaatti akka hin cichine kan argisiise akkamitti?

      20 Yesuus karaa barbaachisaa taʼe kan biraatiinis akka gad of qabu argisiiseera. Yommuu araara argisiisuun barbaachisaa taʼutti sababa qabeessa ykn yaada isaatti kan hin cichine ture. Fakkeenyaaf, yeroo dubartiin saboota kaan keessaa dhufte tokko intala ishii jinniidhaan qabamte akka ishiif fayyisu isa kadhatte maal akka godhe ilaali. Yesuus ishii gargaaruu akka hin dandeenye jalqaba irratti karaa adda addaa sadiin ishiidhaaf ibse: Tokkoffaa, deebii ishiif kennuu dhiisuudhaan, lammaffaa, kan ergame saboota kaaniif utuu hin taʼin, Yihudootaaf akka taʼe kallattiidhaan dubbachuudhaan, sadaffaa immoo, fakkeenya dhimma kana ifa godhu gaarummaadhaan itti himuudhaani. Dubartittiin garuu isa kadhachuu ishii ittuma fufuudhaan, amantii guddaa akka qabdu argisiisteetti. Yesuus haala adda taʼe kana tilmaama keessa galchuudhaan maal godhe? Wantuma akka hin goone dubbatee ture sana godhe. Intala dubartii sanaa fayyise. (Maatewos 15:21-28) Kun kan gad of qabu taʼuu isaa kan argisiisu mitii? Gad of qabuun immoo madda ogummaa dhugaa akka taʼe yaadadhu.

      21. Amala, dubbii fi gocha Yesuus hordofuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

      21 Wangeelonni, dubbii fi gocha nama namoota hamma yoonaatti jiraatan hunda caalaa ogeessa taʼe kanaa kan nuu ibsan taʼuu isaaniitti baayʼee galateeffanna! Yesuus amala Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqise haa yaadannu. Nutis amala, dubbii fi gocha Yesuus hordofuudhaan ogummaa ol gubbaadhaa dhufu horachuu dandeenya. Boqonnaa itti aanu irratti, jireenya keenya keessatti ogummaa Waaqayyoo akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu ilaalla.

      a Bara duriitti, anaaxonni mana ijaaru, akkasumas miʼa manaa fi meeshaawwan qotiisaa hojjetu turan. Jastiin Wareegamtichi inni Dh.K.B. jaarraa lammaffaa keessa jiraate, Yesuusiin ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “Inni yeroo lafa irra jiraachaa turetti anaaxii taʼuudhaan gindii fi waanjoo hojjeta ture.”

      b Gochimni afaan Giriikii “yaaddaʼuu” jedhamee hiikame, “yaada hihhirame qabaachuu” jechuu dha. Akka Maatewos 6:25 irratti ibsametti, jechi kun sodaa sammuu keenya jeequu fi yaada keenya hihhiruudhaan gammachuu nu dhabsiisu argisiisa.

      c Garmalee yaaddaʼuu fi dhiphinni, dhukkuba onnee fi dhukkuboota umurii namaa gabaabsan kaaniif nu saaxiluu akka dandaʼan qorannoowwan saayinsii ni argisiisu.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Fakkeenya 8:22-31 Ibsi ogummaa ilaalchisee kenname, wanta Kitaabni Qulqulluun Ilma Waaqayyoo isa angafa ilaalchisee dubbatuu wajjin kan walsimu akkamitti?

      • Maatewos 13:10-15 Fakkeenyonni Yesuus yaada garaa dhaggeeffattoota isaa ifa baasuu kan dandaʼan akkamitti?

      • Yohaannis 1:9-18 Yesuus ogummaa Waaqayyoo mulʼisuu kan dandaʼe maaliifi?

      • Yohaannis 13:2-5, 12-17 Yesuus maal raawwate? Kanatti fayyadame hoo ergamoota isaa maal barsiise?

  • ‘Ogummaa Ol Gubbaadhaa Dhufuun’ Jiraachaa Jirtaa?
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Obboleettiin tokko Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirti.

      BOQONNAA 22

      ‘Ogummaa Ol Gubbaadhaa Dhufuun’ Jiraachaa Jirtaa?

      1-3. (a) Solomoon, falmii dubartoota lama gidduutti uumame hiikuudhaan ogummaa guddaa akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Yihowaan maal nuu kennuuf waadaa galeera? Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

      DHIMMICHI baayʼee ulfaataa ture; dubartoonni lama daaʼima tokko irratti wal falmaa turan. Dubartoonni kun mana tokko keessa jiraatu turan; garaa garummaa guyyoota muraasa gidduutti lamaanuu ilma godhatan. Mucaan inni tokko yeroo duʼu, dubartoonni lamaanuu mucaan lubbuudhaan jiru kan isaanii akka taʼe dubbachuu jalqaban.a Dhimma kana ilaalchisee namni ragaa baʼuu dandaʼu hin jiru ture. Dhimmi kun mana murtii gadaanaatti ilaalamee taʼuu dandaʼus, furmaata hin arganne. Dhuma irratti, falmiin kun mootii Israaʼel Solomoon duratti dhihaate. Inni hoo dhimma kanaaf furmaata kennuu dandaʼaa laata?

      2 Solomoon dubartoonni kun yommuu wal falman yeroo muraasaaf erga dhaggeeffatee booda goraadee akka isaaf fidan ajaje. Achiis mucichi bakka lamatti muramee walakkaa walakkaa lamaan isaaniitiif akka kennamu ajaje. Yeroo kanatti haati mucichaa ishiin dhugaan, mucichi dubartii ishii kaaniif akka kennamu mooticha kadhatte. Dubartiin ishiin kaan garuu, mucichi bakka lamatti akka muramu gaafachuu ishii itti fufte. Yeroo kanatti Solomoon dhugaa isaa hubate. Haati tokko daaʼima ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef akka garaa laaftu waan beekuuf, beekumsa kanatti fayyadamee dhimma kanaaf furmaata kenneera. Solomoon, “Ishiin haadha isaa” akka taate dubbachuudhaan mucicha haadha isaatiif yeroo kennuu hammam akka gammadde yaadi.—1 Mootota 3:16-27.

      3 Kun ogummaa guddaa mitii? Namoonni, Solomoon rakkina sanaaf furmaata kennuu isaa yommuu dhagaʼan, “Waaqayyo ogummaa akka isaaf kenne waan arganiif” baayʼee dinqisiifatan. Eeyyee, ogummaan Solomoon Waaqayyo biraa kan argame ture. Yihowaan, “garaa ogeessaa fi hubataa” isaaf kenneera. (1 Mootota 3:12, 28) Nuti hoo ogummaa Waaqayyoo argachuu dandeenyaa? Solomoon hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, “Yihowaan ogummaa ni kenna” jedhee waan barreesseef argachuu ni dandeenya. (Fakkeenya 2:6) Yihowaan namoota garaa qulqulluudhaan barbaadaniif, ogummaa, jechuunis dandeettii beekumsaa fi hubannaa hojii irra oolchuuf gargaaru akka isaaniif kennu waadaa galeera. Ogummaa ol gubbaadhaa dhufu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

      ‘Ogummaa Argachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti?

      4-7. Ulaagaawwan ogummaa argachuuf nu barbaachisan arfan maalfaʼi?

      4 Ogummaa Waaqayyoo argachuuf dandeettii ykn barumsa guddaa qabaachuu qabnaa? Lakki. Yihowaan akkaataan guddinaa fi sadarkaan barumsa keenyaa maal iyyuu yoo taʼe ogummaa nuu kennuuf fedha qaba. (1 Qorontos 1:26-29) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun ‘ogummaa akka argannu’ waan nu jajjabeessuuf, dursa fudhachuu kan qabu nu dha. (Fakkeenya 4:7) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

      5 Tokkoffaa, Waaqayyoon sodaachuu qabna. Fakkeenyi 9:10, “Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti” jedha. Waaqayyoon sodaachuun buʼuura ogummaa dhugaa ti. Akkas kan jennu maaliifi? Ogummaan karaa buʼa qabeessa taʼeen beekumsatti fayyadamuu kan dabalatu taʼuu isaa yaadadhu. Waaqayyoon sodaachuu jechuun, isa duratti romʼuu utuu hin taʼin dinqisiifannaa, kabajaa fi amanannaadhaan isaaf ajajamuu jechuu dha. Sodaan akkasii hojiidhaaf waan nu kakaasuuf nuuf gaarii dha. Kana malees, fedha Waaqayyoo fi daandii isaa ilaalchisee wanta beeknuu wajjin haala walsimuun jiraachuuf nu kakaasa. Namoonni ulaagaawwan Yihowaa hordofan yeroo hunda faayidaa guddaa waan argataniif, akkas gochuun keenya tarkaanfii hunda irra caalu dha.

      6 Lammaffaa, gad of qabuu fi humna keenya beekuu qabna. Yoo gad of qabnee fi humna keenya beekne malee, ogummaa Waaqayyoo argachuu hin dandeenyu. (Fakkeenya 11:2) Akkas kan jennu maaliifi? Kan gad of qabnu yoo taʼe, wanta hunda akka hin beekne, ilaalchi keenya yeroo hunda sirrii taʼuu akka hin dandeenyee fi ilaalcha Yihowaan wantoota tokko tokko irratti qabu beekuun akka nu barbaachisu amannee fudhanna. Yihowaan “warra of tuulan ni morma” warra gad of qabaniif garuu ogummaa ni kenna.—Yaaqoob 4:6.

      7 Sadaffaa, Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu qabna. Ogummaan Yihowaa Dubbii isaa keessatti ibsameera. Ogummaa kana argachuu yoo barbaanne, dubbii isaa kana qoʼachuuf carraaquu qabna. (Fakkeenya 2:1-5) Ulaagaa arfaffaan immoo kadhannaa dha. Waaqayyo ogummaa akka nuu kennu garaadhaa yoo isa kadhanne, arjummaadhaan nuu kenna. (Yaaqoob 1:5) Kadhannaan hafuura isaa argachuuf dhiheessinu deebii utuu hin argatin hin hafu. Hafuurri isaa immoo beekumsa Dubbii isaa keessatti argamu, isa rakkina hiikuuf, balaa irraa fagaachuu fi murtoo sirrii gochuuf nu dandeessisu akka argannu nu gargaara.—Luqaas 11:13.

      Ogummaa Waaqayyoo argachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna

      8. Dhugumaan ogummaa Waaqayyoo qabaachuun keenya maaliin beekama?

      8 Akkuma Boqonnaa 17 irratti ilaalle, ogummaan Yihowaa yeroo hundumaa buʼaa gaarii nuuf argamsiisa. Kanaaf, dhugumaan ogummaa Waaqayyoo yoo qabaanne jireenya keenya irratti ni mulʼata. Yaaqoob, “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha, achiis naga qabeessa, yaada ofiitti kan hin cichine, ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame, kan hin loognee fi kan hin fakkeessine dha” jedhee barreessuudhaan firiiwwan ogummaa Waaqayyoo ibseera. (Yaaqoob 3:17) Ogummaa Waaqayyo kana tokko tokkoon yommuu qorannu, ‘Ogummaan ol gubbaadhaa dhufu jireenya koo keessatti hojjechaa jiraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.

      “Qulqulluu Dha, Achiis Naga Qabeessa”

      9. Qulqulluu taʼuu jechuun maali jechuu dha? Qulqullummaan amaloota ogummaa keessaa jalqaba irratti ibsamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?

      9 “Hundumaa dura qulqulluu dha.” Qulqulluu taʼuu jechuun, alaan qofa utuu hin taʼin, keessi nama tokkoos kan hin xuroofne taʼuu jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun ogummaa fi garaa wal qabsiisee ibsa; taʼus ogummaan ol gubbaadhaa dhufu garaa yaada, fedhii fi kakaʼumsa gadheedhaan guutame keessa seenuu hin dandaʼu. (Fakkeenya 2:10; Maatewos 15:19, 20) Haa taʼu malee, garaan keenya hamma namoota cubbamoo taʼan irraa eegamuun qulqulluu yoo taʼe, ‘wanta hamaa irraa ni gorra, wanta gaarii taʼes ni raawwanna.’ (Faarfannaa 37:27; Fakkeenya 3:7) Maarree qulqullummaan amalawwan ogummaa keessaa jalqaba irratti caqasamuun isaa sirrii mitii? Kana malees, gama naamusaa fi hafuuraatiin qulqulluu yoo taʼuu baanne, amalawwan ogummaa ol gubbaadhaa dhufan kaan akkamitti argisiisuu dandeenya?

      10, 11. (a) Naga qabeeyyii taʼuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Obboleessa ykn obboleettii kee tokko akka mufachiifte yoo sitti dhagaʼame nagaa buusuu kan dandeessu akkamitti?

      10 “Achiis naga qabeessa.” Ogummaan ol gubbaadhaa dhufu nagaa isa kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼe akka hordofnu nu kakaasa. (Galaatiyaa 5:22) “Hidhaa nagaa” isa saba Yihowaa tokko godhu booressuu irraa fagaachuuf ni carraaqna. (Efesoon 4:3) Yommuu nagaan booraʼus nagaa buusuuf hamma dandeenye carraaqna. Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, “Nagaadhaan jiraachuu keessan itti fufaa; Waaqni jaalalaa fi nagaa isinii wajjin taʼa” jedha. (2 Qorontos 13:11) Kanaaf, nagaadhaan jiraachuu keenya yoo itti fufne Waaqni nagaa nuu wajjin taʼa. Akkaataan obboloota keenya itti qabnu, waaqeffannaa Yihowaaf dhiheessinuu wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaba. Maarree nagaa buusuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya tokko ilaali.

      11 Obboleessa ykn obboleettii kee tokko akka mufachiifte yoo hubatte maal gochuu qabda? Yesuus akkas jedheera: “Kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee, utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.” (Maatewos 5:23, 24) Dursa fudhattee gara obboleessa kee dhaquudhaan gorsa kana hojii irra oolchuu dandeessa. Yommuu kana gootu kaayyoon kee maal taʼuu qaba? Isatti ‘araaramuu’ taʼuu qaba.b Kana galmaan gaʼuuf, akkas isatti dhagaʼamuu akka hin qabne itti himuu mannaa, miira isaa akka miite amanuu qabda. Isatti araaramuuf yaaduudhaan yoo itti dhihaatte, wal dhabdeen uumame furamuu dandaʼa; akkasumas dhiifama wal gaafachuu fi dhiifama walii gochuu dandeessu. Dursa fudhattee araara buusuuf carraaquudhaan, ogummaa Waaqayyootiin akka geggeeffamtu argisiista.

      “Yaada Ofiitti Kan hin Cichine, Ajajamuuf Kan Qophaaʼe”

      12, 13. (a) Jechi Yaaqoob 3:17 irratti “yaada ofiitti kan hin cichine” jedhame hiikame hiikni isaa maali dha? (b) Yaada keenyatti akka hin cichine argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      12 “Yaada ofiitti kan hin cichine.” Yaada ofiitti kan cichine jechuun maal jechuu dha? Hayyoonni akka jedhanitti jecha afaan Giriikii isa jalqabaa Yaaqoob 3:17 irratti “yaada ofiitti kan cichine” jedhamee hiikame hiikuun rakkisaa dha. Kanaan kan kaʼes, hiiktonni jecha kana, “garraamii” “obsa” akkasumas “gaarummaa” jedhanii hiikaniiru. Amalli ogummaa ol gubbaadhaa dhufu keessaa tokko taʼe kun jireenya keenya keessatti hojjechaa akka jiru akkamitti argisiisuu dandeenya?

      13 Filiphisiiyus 4:5, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedha. Hiikni kan biraan immoo, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuudhaan kan beekamtan taʼaa” jedha. (Za Niiwu Teestaamanti iin Moodarni Ingilish, Jee. Bii. Fiiliipsiin kan qophaaʼe) Gaaffiin inni guddaan, nuti ofiif ilaalcha akkamii qabna? kan jedhu utuu hin taʼin, warri kaan ilaalcha akkamii nuuf qabu ykn isaan biratti maqaa akkamii qabna? kan jedhu akka taʼe qalbeeffadhu. Namni yaada ofiitti hin cichine yeroo hundumaa wantuma seerri jedhu taʼuu qaba jedhee hin yaadu ykn yeroo hunda wanti tokko karaa inni jaallatuun qofa akka raawwatamu hin barbaadu. Kanaa mannaa, warra kaan dhaggeeffachuu fi barbaachisaa yoo taʼe immoo wanta isaan jedhan tole jechuuf fedhii qaba. Warra kaan gaarummaadhaan qaba malee, gara jabeessa ykn hamaa miti. Amalli kun Kiristiyaanota hundaaf barbaachisaa taʼus, keessumaa jaarsolii gumiitiif baayʼee barbaachisaa dha. Garraamummaan waan nama hawwatuuf, jaarsoliin kan itti dhihaataman akka taʼan godha. (1 Tasalonqee 2:7, 8) Kanaaf hundi keenya, ‘Ani warra kaaniif yaaduu, tole jechuu fi garraamii taʼuudhaanan beekamaa?’ jennee of gaafachuu qabna.

      14. ‘Ajajamuuf qophaaʼoo’ taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      14 “Ajajamuuf kan qophaaʼe.” Jechi afaan Giriikii “ajajamuuf kan qophaaʼe” jedhamee hiikame, Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii keessaa bakka kan biraatti hin argamu. Hayyuun tokko jechi kun, “loltoota ajaja fudhachuuf qophaaʼan argisiisa” jedhaniiru. Kana malees, “amansiisuun kan hin ulfaanne” akkasumas “salphaatti kan bitamu” yaada jedhu dabarsa. Namni ogummaa ol gubbaadhaa dhufuun geggeeffamu wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuuf ajajamuuf qophaaʼaa dha. Namni akkasii erga murtoo godhee booda, ragaan murtoo isaa sana faallessu yoo dhihaateef nama fudhachuu didu miti. Kanaa mannaa, dogoggora akka raawwate ykn murtoo sirrii hin taane akka godhe Kitaaba Qulqulluu irraa yommuu ragaan dhihaatuuf dafee jijjiirama godha. Atoo warra kaan biratti amala akkasiitiin beekamtaa?

      “Gara Laafinaa fi Firii Gaariidhaan Kan Guutame”

      15. Gara laafina jechuun maal jechuu dha? Yaaqoob 3:17 irratti ‘gara laafinnii’ fi ‘firii gaariin’ waliin caqasamuun isaanii sirrii kan taʼe maaliifi?

      15 “Gara Laafinaa fi Firii Gaariidhaan Kan Guutame.”c Ogummaan ol gubbaadhaa dhufu ‘gara laafinaan kan guutame’ waan jedhameef gara laafinni, firii ogummaa ol gubbaadhaa dhufu keessaa isa barbaachisaa taʼe dha. ‘Gara Laafinnii’ fi ‘firii gaariin’ waliin akka caqasaman qalbeeffadhu. Kitaaba Qulqulluu keessatti gara laafinni yeroo baayʼee, warra kaaniif yaaduu fi gaarummaadhaan kakaʼanii wanta gaarii isaaniif gochuu waan argisiisuuf, firii gaarii wajjin caqasamuun isaa sirrii dha. Barreeffamni tokko gara laafina jechuun, “haala gadhee namni tokko keessatti argamu ilaalanii gadduu fi nama sana gargaaruuf yaalii gochuu” akka taʼe ibseera. Kanaaf, ogummaan Waaqayyoo gogaa, jaalala kan hin qabne ykn beekumsa qofa irratti kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, namootaaf kan yaaduu fi gaarummaa kan argisiisu dha. Maarree, gara laafinaan akka guutamne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      16, 17. (a) Jaalala Waaqayyoof qabnu malees, hojii lallabaa irratti akka hirmaannu kan nu kakaasu maali dha? Maaliifi? (b) Gara laafinaan kan guutamne taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

      16 Karaan gara laafina itti argisiisnu inni guddaan, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuu akka taʼe beekamaa dha. Hojii kana akka hojjennu kan nu kakaasu maali dha? Hundumaa dura jaalala Waaqayyoof qabnu dha. Gara laafinni warra kaaniif qabnus hojii kanaaf nu kakaasa. (Maatewos 22:37-39) Yeroo ammaatti namoonni hedduun, “akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii” jiru. (Maatewos 9:36) Tiksitoonni amantii sobaa, namoota kana karaa hafuuraa gataniiru, akkasumas jaamsaniiru. Kanaan kan kaʼes, namoonni kun qajeelfama gaarii Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu ykn eebbawwan Mootummichi dhiheenyatti lafa irratti fidu hin beekan. Kanaaf, wanta karaa hafuuraa namoota naannoo keenyatti argamaniif barbaachisu yaaduun keenya, gara laafinaan kaayyoo Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe isaanitti himuuf wanta dandeenye akka goonu nu kakaasa.

      Hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee lama qaban obboleettii maanguddoo tokko gargaaruuf nyaataa fi meeshaa waa ittiin hojjetan qabatanii jiru.

      Yommuu warra kaanitti gara laafina argisiisnu, ‘ogummaa ol gubbaadhaa dhufu’ calaqqisna

      17 Karaawwan gara laafinaan akka guutamne argisiisuu itti dandeenyu kan biroon maalfaʼi? Fakkeenya Yesuus waaʼee namicha Samaariyaa nama saamamee fi reebame tokko arge ilaalchisee dubbate yaadadhu. Namni Samaariyaa sun baayʼee waan isaaf gaddeef madaa namichaatti qoricha godhee isaaf hidhuu fi isa kunuunsuudhaan ‘gara laafina isatti argisiiseera.’ (Luqaas 10:29-37) Fakkeenyi kun, gara laafinni namoota rakkatan gargaaruuf wanta gaarii gochuu akka dabalatu hin argisiisuu? Kitaabni Qulqulluun, ‘keessumaa warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii akka goonu’ nu gorsa. (Galaatiyaa 6:10) Wantoota gochuu dandeenyu tokko tokko ilaali. Maanguddoon tokko, gara walgaʼii dhaquu fi deebiʼuuf geejjibni isaan barbaachisa taʼa. Obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko immoo manni ishii suphamuu qaba taʼa. (Yaaqoob 1:27) Namni abdii kutate tokko, “dubbii gaarii” isa jajjabeessu dhagaʼuun isa barbaachisuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:25) Karaawwan kanaan yommuu gara laafina argisiisnu, ogummaa ol gubbaadhaa dhufuun jiraachaa akka jirru argisiisna.

      “Kan Hin Loognee fi Kan Hin Fakkeessine”

      18. Ogummaa ol gubbaadhaa dhufuun kan geggeeffamnu yoo taʼe, ilaalcha akkamii garaa keenya keessaa baasuuf carraaqna? Maaliifi?

      18 “Kan hin loogne.” Ogummaan Waaqayyoo, jibba sanyii fi sabboonummaa irraa akka fagaannu nu gargaara. Ogummaa akkasiitiin kan geggeeffamnu yoo taane, fedhii akka loognu nu godhu garaa keenya keessaa baasuuf carraaqna. (Yaaqoob 2:9) Sadarkaa barumsaa isaanii, haala dinagdee isaanii ykn itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban irratti hundoofnee namootaaf wanta adda taʼe hin goonu ykn sadarkaan jireenyaa obboloota keenyaa hammam iyyuu gad aanaa yoo taʼe isaan hin tuffannu. Yihowaan namoota kana erga jaallatee, nutis isaan jaallachuu akka qabnu beekamaa dha.

      19, 20. (a) Afaan Giriikiitiin jechi “fakkeessituu” jedhamee hiikame maal argisiisa? (b) “Jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabne” argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

      19 “Kan hin fakkeessine.” Jechi afaan Giriikii “fakkeessituu” jedhamee hiikame, “nama waltajjii irratti taatuu taʼee taphatu” argisiisa. Bara duriitti, taatonni Giriikii fi Roomaa yeroo diraamaa hojjetan haguuggii fuulaa uffatu turan. Kanaaf, jechi afaan Giriikii “fakkeessituu” jedhamee hiikame, nama wanta hin taane taʼuuf yaalu ykn nama warra kaan dogoggorsuuf yaalu argisiisuu jalqabe. Amalli ogummaa Waaqayyoo keessaa tokko taʼe kun, obboloota keenya akkamitti akka qabnu qofa utuu hin taʼin, ilaalcha isaaniif qabnu irrattis dhiibbaa geessisuu qaba.

      20 Pheexiros ergamaan, ‘dhugaadhaaf kan ajajamnu’ “jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabneen” taʼuu akka qabu ibseera. (1 Pheexiros 1:22) Eeyyee, jaalalli obboloota keenyaaf qabnu fakkeessuudhumaaf kan godhamu taʼuu hin qabu. Warra kaan gowwoomsuuf fuula keenya hin haguuggannu ykn nama kan biraa fakkaannee hin mulʼannu. Jaalalli keenya kan dhugaa taʼuu qaba. Yoo akkas taʼe, obboloonni keenya eenyummaa keenya isa dhugaa waan hubataniif nu amanu. Jaalalli dhugaan akkasii immoo, Kiristiyaanota gidduutti iftoominnii fi wal amantaan akka jiraatu godha.

      “Ogummaa . . . Eeggadhu”

      21, 22. (a) Solomoon ogummaa utuu hin eegin kan hafe akkamitti? (b) Ogummaa eeguu kan dandeenyu akkamitti? Kun hoo faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

      21 Ogummaan Waaqayyoo, kennaa Yihowaa biraa argamuu fi eeguu qabnu dha. Solomoon, “Yaa ilma koo . . . ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu” jedheera. (Fakkeenya 3:21) Kan nama gaddisiisu, Solomoon iyyuu gorsa kana utuu hojii irra hin oolchin hafeera. Ogeessa taʼee kan jiraate, yeroo garaa ajajamaa qabutti qofa ture. Dhuma irratti garuu, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaatii fuudhe waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluu irraa garaa isaa jalʼisan. (1 Mootota 11:1-8) Wanti Solomoon irra gaʼe, wanta beeknu karaa sirrii taʼeen hojii irra hin oolchinu taanaan, beekumsi faayidaa akka hin qabne nu hubachiisa.

      22 Ogummaa eeguu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota “garbichi amanamaanii fi ogeessi” qopheessu dubbisuu qofa utuu hin taʼin, wanta baranne hojii irra oolchuuf carraaquu qabna. (Maatewos 24:45) Ogummaa Waaqayyoo hojii irra oolchuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Yeroo ammaatti jireenya gaarii jiraachuuf nu gargaara. Akkasumas, ‘jireenya isa dhugaa jabeessinee qabachuuf,’ jechuunis addunyaa haaraa keessa jiraachuuf nu gargaara. (1 Ximotewos 6:19) Hunda caalaa garuu ogummaa ol gubbaadhaa dhufu qabaachuun keenya Yihowaa isa madda ogummaa hundaa taʼetti caalaatti nu dhiheessa.

      a Akka 1 Mootota 3:16 jedhutti dubartoonni kun lamaanuu sagaagaltoota dha. Kitaabni Insight on the Scriptures jedhuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe akkas jedha: “Dubartoonni kun sagaagaltoota kan jedhaman maallaqa argachuuf hojii kana irratti akka bobbaʼan argisiisuuf utuu hin taʼin, ejja akka raawwatan argisiisuuf taʼuu dandaʼa; Yihudoota ykn irra caalaa immoo dubartoota biyya ormaa taʼuu dandaʼu.”

      b Jechi afaan Giriikii “araarami” jedhamee hiikame, “diinummaa irraa gara michummaatti jijjiiramuu; rakkoo furuu; hariiroo duraan ture deebisuu” jedhamee ibsameera. Kanaaf kaayyoon kee haala isaa jijjiiruu, dandaʼamnaan immoo madaa garaa nama mufate sana keessa jiru fayyisuu taʼuu qaba.—Roomaa 12:18.

      c Hiikni kan biraan, jechoota kana, “gara laafinaa fi hojii gaariidhaan kan guutame” jedhee hiikeera.—Ee Tiraansileeshin iin za Laanguweej oov za Piippil, Chaarlas Bii. Wiiliyaamsiin kan qophaaʼe.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Keessa Deebii 4:4-6 Ogeeyyii taʼuu keenya kan argisiisnu akkamitti?

      • Faarfannaa 119:97-105 Dhimminee Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi hojii irra oolchuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

      • Fakkeenya 4:10-13, 20-27 Ogummaan Yihowaa kan nu barbaachisu maaliifi?

      • Yaaqoob 3:1-16 Ilaaltonni olaanaa gumii, ogeeyyii fi hubatoo taʼuu isaanii argisiisuu kan dandaʼan karaawwan kamiini?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi