-
Namni Tokko Guyyaa Sanbataatti Hojii Gaarii Hojjechuu Ni Dandaʼaa?Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 29
Namni Tokko Guyyaa Sanbataatti Hojii Gaarii Hojjechuu Ni Dandaʼaa?
YESUUS YIHUDAA KEESSATTI LALLABE
BISHAAN KUUFAMAA TOKKO BIRATTI DHUKKUBSATAA TOKKO FAYYISE
Yesuus tajaajila Galiilaatti raawwatetti wantoota baayʼee hojjeteera. Taʼus, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba” yommuu jedhu, Galiilaa malee magaalota kaanis sammuutti qabatee ti. Kanaaf, “manneen sagadaa Yihudaa keessatti lallabuu” deeme. (Luqaas 4:43, 44) Yeroon isaa waqtii arfaasaa waan taʼeef ayyaanni Yerusaalemitti kabajamu dhihaateera; kanaaf, Yesuus achi deemuun isaa sirrii dha.
Tajaajila Yesuus Galiilaatti raawwatee fi isa inni Yihudaatti raawwate ilaalchisee wanta barreeffame yommuu wal bira qabnee ilaallu, isa inni Yihudaatti raawwate ilaalchisee wanti Wangeelota keessatti barreeffame xinnoo dha. Namoonni Yihudaa baayʼinaan dantaa kan hin qabne taʼanis, Yesuus iddoo dhaqu hundumaatti lallabuu fi hojii gaarii hojjechuu irraa duubatti hin jenne.
Yesuus Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 31 tti kabajamu irratti argamuuf gara Yerusaalem ishii magaalaa guddoo Yihudaa taatee deemaa jira. Naannoo Karra Hoolaa jedhamuu fi namni itti baayʼatu bira bishaan kuufamaa guddaa gardaafoo qabuu fi Beetazaataa jedhamu tokko jira. Namoonni dhukkubsatan, namoonni qaroo dhabeeyyii taʼanii fi warri naafatan gara bishaan kuufamaa kanaa ni dhufu. Maaliif? Yeroo bishaanichi raafamu namoonni yoo keessa seenan ni fayyu jedhamee waan amanamuufi dha.
Amma guyyaan isaa Sanbata siʼa taʼu, Yesuus nama waggaa 38f dhukkubsachaa ture bishaan kana biratti arge. Achiis, “Fayyuu ni barbaaddaa?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Yaa Gooftaa, yommuu bishaanichi raafamu nama na gargaaree bishaan kuufamaa kana keessa na buusu hin qabu; garuu utuu ani seenuuf deemaa jiruu namni kan biraan ana dursee itti seena” jedhee deebiseef.—Yohaannis 5:6, 7.
Yesuusis, “Kaʼi! Afata kee baadhuutii deemi!” jechuudhaan wanta namichaa fi namoota dhagaʼan ajaaʼibsiisu dubbate. (Yohaannis 5:8) Namichis akkuma jedhame godhe. Battaluma sanatti fayyee afata isaa baatee deemuu jalqabe!
Yihudoonni dinqii hojjetame kanatti gammaduu mannaa, namicha sanaan, “Harʼa Sanbata dha; afata kee akka baattu seerri siif hin heyyamu” jechuudhaan gochi isaa sirrii akka hin taane dubbatan. Namichis, “Namicha na fayyisetu ‘Afata kee baadhuu deemi’ naan jedhe” isaaniin jedhe. (Yohaannis 5:10, 11) Yihudoonni kun nama guyyaa Sanbataatti fayyisaa jiru morman.
Eenyummaa isaa baruu waan barbaadaniif, “Namichi ‘Afata kee baadhuu deemi’ siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Akkana jedhanii kan gaafatan maaliifi? Yesuus “namoota hedduu achi turan gidduu waan seenee” fi namichi fayye sun immoo maqaa Yesuus waan hin beekneefi dha. (Yohaannis 5:12, 13) Taʼus, namichi kun Yesuusii wajjin wal arguun isaa hin oolu. Yeroo booda namichi kun mana sagadaa keessatti Yesuusiin arge; bishaan kuufamaa sana biratti kan isa fayyise isa taʼuu isaas ni beeke.
Namichi fayye Yihudoota waaʼee fayyuu isaa isa gaafatanii turan argee, kan isa fayyise Yesuus akka taʼe isaanitti hime. Isaanis akkuma kana dhagaʼaniin Yesuus bira deeman. Kan isaan deeman Yesuus dinqii akkasii hojjechuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe baruufii? Lakki. Kanaa mannaa, guyyaa Sanbataatti wanta gaarii hojjechuun isaa dogoggora akka taʼe isatti himuufi dha. Kana irra darbee iyyuu isa ariʼachuu jalqaban!
-
-
Hariiroo Yesuus Abbaa Isaa Wajjin QabuYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 30
Hariiroo Yesuus Abbaa Isaa Wajjin Qabu
WAAQAYYO ABBAA YESUUSI DHA
ABDIIN DUʼAA KAʼUU NI KENNAME
Yihudoonni Yesuus guyyaa Sanbataatti nama fayyisuudhaan seera akka cabse yommuu dubbatan, Yesuus, “Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; anis nan hojjedha” isaaniin jedhe.—Yohaannis 5:17.
Wanti Yesuus hojjechaa jiru seera Waaqayyo Sanbata ilaalchisee kenne kan cabsu miti. Lallabuun isaa fi fayyisuun isaa hojii Waaqayyoo isa gaarii taʼee wajjin kan wal simu dha. Kanaaf, Yesuus guyyaa guyyaatti hojii gaarii hojjechuu isaa itti fufe. Deebiin inni namoota isa mormaniif kenne garuu, isa duraa caalaa waan isaan aarseef isa ajjeesuu barbaadan. Akkas kan isaanitti dhagaʼame maaliifi?
Yesuus guyyaa Sanbataatti nama fayyisuun isaa sirrii akka hin taane dogoggoraan hubachuu isaanii malees, Ilma Waaqayyoo akka taʼe dubbachuun isaa isaan aarse. Yihowaan Abbaa isaa akka taʼe yeroo dubbatu isaa wajjin of qixxeessaa akka jirutti yaaduudhaan, Waaqayyoon akka Abbaa isaatti ilaaluun isaa arrabsoo akka taʼetti fudhatan. Yesuus garuu hin sodaanne; hariiroo Waaqayyoo wajjin qabu ilaalchisee ibsa dabalataa isaaniif kenne. “Abbaan Ilma ni jaallata, waan ofii isaatii hojjetu hundas isatti argisiisa” jedhe.—Yohaannis 5:20.
Abbaan Burqaa Jireenyaa siʼa taʼu, kanaan dura namoonni warra duʼan akka kaasaniif humna isaaniif kennuudhaan kana argisiiseera. Yesuus itti fufuudhaan, “Akkuma Abbaan namoota duʼan kaasee jireenya isaaniif kennu, Ilmis nama barbaadeef jireenya ni kenna” jedhe. (Yohaannis 5:21) Yaadni kun yaada hiika guddaa qabuu fi gara fuulduraa ilaalchisee abdii namaaf kennu dha! Harʼa illee taanaan Ilmi karaa hafuuraa namoota duʼan duʼaa kaasaa jira. Yesuus, “Namni dubbii koo dhagaʼuu fi isa na erge Sanatti amanu hundi jireenya bara baraa qaba; akkasumas duʼa jalaa gara jireenyaatti darba malee isatti hin murteeffamu” jechuudhaan kan dubbate kanaafi dha.—Yohaannis 5:24.
Yesuus hamma yeroo kanaatti nama duʼe duʼaa akka kaase wanti galmeeffame kan hin jirre taʼus, duʼaa kaʼuun akkasii akka taʼu namoota isa mormanitti hime. Yesuus, “Saʼaatiin namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa” jedhee dubbate.—Yohaannis 5:28, 29.
Yesuus gaʼee guddaa kan qabu taʼus, “Ani ofii kootiin kakaʼee wanta tokko illee gochuu hin dandaʼu” jechuudhaan Waaqayyo akka isa caalu ibse. Itti dabalees, ‘Ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa koo raawwachuu hin barbaadu’ jedhe. (Yohaannis 5:30) Gaʼee kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabus ibseera. Gaʼee kana hamma yeroo kanaatti ifatti hin dubbanne ture. Taʼus, namoonni Yesuusiin morman waaʼee gaʼee isaa kanaa isa inni dubbate caalaa beeku. Yesuus, “Isin gara Yohaannisitti namoota ergitanii turtan; innis waaʼee dhugaa sanaa dhugaa baʼeera” jechuudhaan isaan yaadachiise.—Yohaannis 5:33.
Yohaannis waaʼee isa isa booda dhufuu fi “Raajichaa” fi “Kiristoos” jedhamuu geggeessitoota amantii Yihudootaatti waan himee tureef, namoonni Yesuusiin morman kun waaʼee isaa waggaa lama dura sirriitti dhagaʼaniiru taʼa. (Yohaannis 1:20-25) Yesuus iddoo guddaa mormitoonni isaa Yohaannis isa amma hidhamee jiruuf kennaa turan isaan yaadachiisuudhaaf, “Yeroo xinnoodhaaf ifa isaatti baayʼee gammaduudhaaf fedhii qabdu turtan” jedhe. (Yohaannis 5:35) Haa taʼu malee, Yesuus Yohaannis Cuuphaa caalaa dhugaa baʼeera.
Yesuus, “Hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, [hojii fayyisuu inni hojjete dabalatee] akka Abbaan na erge mirkaneessu” isaaniin jedhe. Achiis, “Abbaan inni na erge ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera” jedhe. (Yohaannis 5:36, 37) Fakkeenyaaf, yeroo inni cuuphame Waaqayyo waaʼee isaa dhugaa baʼeera.—Maatewos 3:17.
Dhuguma iyyuu namoonni Yesuusiin mormaa jiran kun sababii itti isatti hin amanne hin qaban. Kitaabonni Qulqulluun warri isaan ni qoranna jedhan iyyuu waaʼee isaa dhugaa baʼu. Yesuus, “Museen waaʼee koo waan barreesseef, utuu isatti amantaniittu taʼee, anattis ni amantu turtan. Haa taʼu malee wanta Museen barreesse hin amantan erga taʼee, wanta ani dubbadhu akkamitti amantu ree?” isaaniin jechuudhaan haasaa isaa xumure.—Yohaannis 5:46, 47.
-
-
Guyyaa Sanbataatti Qamadii CirachuuYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 31
Guyyaa Sanbataatti Qamadii Cirachuu
MAATEWOS 12:1-8 MAARQOS 2:23-28 LUQAAS 6:1-5
BARATTOONNI YESUUS GUYYAA SANBATAATTI QAMADII CIRATAN
YESUUS “GOOFTAA SANBATAA TI”
Yesuusii fi barattoonni isaa kallattii kaabaatiin Galiilaa deemaa jiru. Waqtiin isaa arfaasaa siʼa taʼu, midhaan maasii irra jiru gaʼeera. Barattoonni isaa waan beelaʼaniif asheeta qamadii ciratanii nyaatan. Haa taʼu malee, guyyaan isaa Sanbata siʼa taʼu, Fariisonnis wanta isaan godhan kana arganiiru.
Dhiheenyatti, Yihudoonni Yerusaalem keessa jiran tokko tokko Yesuus Sanbata cabseera jechuudhaan isa ajjeesuu barbaadanii akka turan yaadadhu. Amma immoo Fariisonni wanta barattoonni Yesuus godhan kana irratti hundaaʼanii mormii isaanii dhiheessan. “Ilaa, barattoonni kee wanta guyyaa Sanbataatti seeraan dhorkame hojjechaa jiru” isaan jedhan.—Maatewos 12:2.
Fariisonni qamadii ciranii harka irratti sukkuumanii nyaachuun, haamuu fi dhaʼuu wajjin tokko akka taʼetti yaadan. (Baʼuu 34:21) Seera guyyaa Sanbataatti hojii akka hin hojjenne ajaju akki isaan itti hiikan Sanbanni baʼaa akka namatti taʼu taasiseera; guyyaan kun kan isaaniif kenname garuu guyyaa gammachuu fi guyyaa karaa hafuuraa itti jajjabaatan akka isaaniif taʼuuf ture. Yesuus, fakkeenyota seerri Sanbataa Yihowaan baase akkasitti fudhatamuu akka hin qabne ibsu isaanitti himuudhaan yaada dogoggoraa isaan qaban saaxile.
Fakkeenyota Yesuus keessaa inni tokko waaʼee Daawitii fi namoota isaa wajjin turanii kan ibsu dha. Namoonni kun yeroo beelaʼan, mana qulqullummaa seenanii buddeena Waaqayyo duratti dhihaatu nyaatan. Buddeenni sun bakka sanaa fuudhamee isa haaraadhaan kan bakka buufame taʼus, nyaachuun kan isaaniif malu luboota ture. Taʼus, Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan, haalli isaan keessa turan waan isaan dirqisiiseef buddeena sana nyaachuu isaaniitti akka seera cabsanitti hin ilaalamne.—Lewwoota 24:5-9; 1 Saamuʼel 21:1-6.
Fakkeenya lammaffaa isaanitti hime irratti, “Luboonni guyyaa Sanbataatti mana qulqullummaa keessatti hojii kan hojjetan taʼus, seera akka cabsanitti akka hin ilaalamne Seericha keessatti hin dubbisnee?” isaaniin jedhe. Akkana jechuun isaa luboonni guyyaa kanatti aarsaa dhiheessuuf horii akka qalanii fi mana qulqullummaa keessatti hojiiwwan tokko tokko akka hojjetan dubbachuu isaa ture. Achiis Yesuus, “Ani garuu isinitti nan hima, mana qulqullummaa irra kan caalu as jira” isaaniin jedhe.—Maatewos 12:5, 6; Lakkoobsa 28:9.
Yesuus ammas wanta jechuu barbaade isaaniif ibsuuf Kitaabota Qulqulluu irraa caqasuudhaan akkana isaaniin jedhe: “‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafina nan barbaada’ inni jedhu, maal jechuu akka taʼe utuu hubattaniittu taʼee namoota cubbuu hin qabnetti hin murteessitan turtan.” Xumura irrattis, “Sababiin isaas Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe. Yesuus yeroo akkana jedhu waaʼee bulchiinsa Mootummichaa waggaa kumaa isa naga qabeessa taʼee dubbachuu isaa ture.—Maatewos 12:7, 8; Hoseʼaa 6:6.
Ilmaan namootaa bara dheeraadhaaf garbummaa Seexanaa isa baʼaa isaan irratti tuulu jala turaniiru; kun immoo goolii fi waraanni akka baayʼatu taasiseera. Kiristoos guyyaa Sanbataa isa guddaatti yeroo bulchu garuu, boqonnaa hawwinuu fi nu barbaachisu arganna!
-
-
Guyyaa Sanbataatti Wanti Seerichi Heyyamu Maali Dha?Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 32
Guyyaa Sanbataatti Wanti Seerichi Heyyamu Maali Dha?
MAATEWOS 12:9-14 MAARQOS 3:1-6 LUQAAS 6:6-11
GUYYAA SANBATAATTI NAMA HARKI ISAA LAMSHAAʼE TOKKO FAYYISE
Guyyaa Sanbataa kan biraatti, Yesuus gara mana sagadaa tarii Galiilaa keessatti argamu tokkoo deeme. Achitti nama harki isaa mirgaa lamshaaʼe arge. (Luqaas 6:6) Barsiisonni seeraa fi Fariisonni Yesuusiin xiyyeeffannaadhaan hordofaa jiru. Maaliif? “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameeraa?” jedhanii yommuu isa gaafatan wanti yaadaa turan maal akka taʼe mulʼisan.—Maatewos 12:10.
Geggeessitoonni amantii guyyaa Sanbataatti fayyisuun kan dandaʼamu lubbuun nama ykn horii tokkoo balaadhaaf yoo saaxilame qofa akka taʼe amanu. Kanaaf, namni tokko lafeen isaa yoo cabe ykn yoo buqqaʼe, haalli akkasii lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu waan hin taaneef, nama akkasii guyyaa Sanbataatti fayyisuun sirrii miti. Kanaaf, barsiisonni seeraa fi Fariisonni gaaffii akkasii Yesuusiin kan gaafatan nama hiyyeessa dhiphachaa jiru sanaaf gaddanii akka hin taane beekamaa dha. Kanaa mannaa, karaa itti Yesuusiin yakkamaa gochuu dandaʼan barbaadaa jiru.
Taʼus Yesuus, sababa isaan haxxummaadhaan dhiheessan isaan irratti bare. Namni tokko guyyaa Sanbataatti hojii akkamii hojjechuun isaa sirrii akka hin taane ilaalchisee ilaalchi isaan qaban Kitaabota Qulqulluu irratti kan hin hundoofnee fi kan daangaa darbe taʼuu isaa hubate. (Baʼuu 20:8-10) Hojii gaarii inni hojjetu yeroo morman kun isa jalqabaa miti. Yesuus namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gara gidduutti kottu” jechuudhaan gocha isaanii fuulleetti saaxiluuf haala mijeesse.—Maarqos 3:3.
Yesuus gara barsiisota seeraa fi Fariisotaatti garagalee akkana isaaniin jedhe: “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu yoo jiraatee fi hoolaan isaa guyyaa Sanbataatti yoo boolla keessa buute harkisee achi keessaa kan hin baasne jiraa?” (Maatewos 12:11) Hoolaan madda galii waan taateef, bor baasna jedhanii boolla keessatti hin dhiisan; utuu isaan hin baasin yoo duute kasaaraadhaaf saaxilamu. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, “Namni qajeelaan jireenya horii isaatiif in yaada” jedha.—Fakkeenya 12:10.
Achiis, Yesuus fakkeenya kana irratti hundaaʼuudhaan, “Maarree namni tokko hoolaa irra guddaa hin caaluu? Kanaaf, guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuun heyyamameera” isaaniin jedhe. (Maatewos 12:12) Yesuus guyyaa Sanbataatti nama sana fayyisuun isaa seera cabseera isa hin jechisiisu. Geggeessitoonni amantii kun sababa ragaa quubsaa irratti hundaaʼee fi sirrii taʼe kana haaluu waan hin dandeenyeef ni callisan.
Yesuus karaa sirrii hin taaneen yaaduun isaanii waan isa aarseef asiif achi ilaalee, namichichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. (Maatewos 12:13) Innis harka isaa yommuu diriirsu ni fayye. Namichi kun kanatti baayʼee gammade; namoota Yesuusiin kiyyootti galchuuf barbaadanitti hoo maaltu dhagaʼame?
Fariisonni harki namichaa fayyuu isaatti gammaduu mannaa, yeruma sana gad baʼanii deemuudhaan “[Yesuusiin] ajjeesuuf garee warra Heroodisiin hordofanii wajjin isa irratti mariʼachuu jalqaban.” (Maarqos 3:6) Gareen siyaasaa kun miseensota garee amantii Saduqoota jedhamanii kan of keessaa qabu taʼuu dandaʼa. Saduqoonnii fi Fariisonni akka walii hin galle beekamaa taʼus, amma garuu Yesuusiin mormuuf tokkummaa uumaniiru.
-