-
Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi?Masaraa Eegumsaa: Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi?
-
-
Caaltuu: Tole. “Bofti bineensota bosonaa Yihowaan uume hundumaa caalaa of eeggataa ture. Kanaafuu bofichi dubartittiidhaan, ‘Waaqayyo dhuguma muka iddoo biqiltuu keessa jiru hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?’ jedhe. Dubartittiinis bofichaan akkana jette: ‘Firii mukeetii iddoo biqiltuu keessa jiran irraa nyaachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Waaqayyo firii muka isa iddoo biqiltuu gidduu jiru sana ilaalchisee, “Isa irraa hin nyaatinaa, hin tuqinaas; taʼuu baannaan garuu ni duutu” jedheera.’ Yeroo kanatti bofichi dubartittiidhaan akkana jedhe: ‘Isin matumaa hin duutan. Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.’”
-
-
Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi?Masaraa Eegumsaa: Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi?
-
-
Boontuu: Hamma tokko mirkanaaʼeera. Taʼus Seexanni gaaffii kan biraa kaaseera. Mee lakkoofsa 5 ilaali. Seexanni Hewaanitti wanta kan biraa akkamii akka dubbate hubatteettaa?
Caaltuu: Firii sana yoo nyaatte ijji ishii akka banamu dubbateera.
Boontuu: Eeyyee, ‘gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatu’ itti himeera. Kanaafuu, Seexanni Waaqayyo wanta gaarii taʼe tokko ilmaan namootaa akka dhowwate dubbachuu isaa ti.
Caaltuu: Amma naa gale.
Boontuu: Kunis gaaffii guddaa dha.
Caaltuu: Maal jechuu keeti?
Boontuu: Seexanni yommuu akkas jedhu, Hewaaniis taʼe yeroo booda ilmaan namootaa hundi bulchiinsa Waaqayyootiin ala yoo jiraatan gaarii dha jedhee dubbachuu isaa ture. Dhimma kana irrattis, Yihowaan karaa gaariin furmaata kennuun itti dandaʼamu, Seexanni wanti inni dubbate gaarii taʼuu isaa akka mirkaneessu isaaf heyyamuudhaan akka taʼe beeka. Kanaafuu, Waaqayyo Seexanni yeroo muraasaaf addunyaa kana akka bulchu isaaf heyyame. Kunis rakkinni kan baayʼate maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara; rakkinni kan baayʼate addunyaa kana bulchaa kan jiru Waaqayyo utuu hin taʼin Seexana waan taʼeefi.d Taʼus wanti misiraachoo taʼe jira.
-