-
Gahee Addaa Yeesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu HubadhaaMasaraa Eegumsaa—2008 | Muddee 15
-
-
“Sanyii” Abdachiifame
18. Erga Addaam cubbuu hojjetee booda raajii kamtu dubbatame? Raajii kana ilaalchisee wanti yeroo booda ifa ta’e maalidha?
18 Eeden keessatti yeroo ilmaan namootaa waan hunda, jechuunis walitti dhufeenya gaarii Waaqayyoo wajjin qaban, jireenya barabaraa, gammachuufi jannata dhabanitti, Yihowaan kan isaan furu akka dhufu raajii dubbatee ture. Innis “sanyii” jedhamee waamame. (Uma. 3:15) Sanyiin iccitii ta’e kun waggoota hedduudhaaf ijoo raajiiwwan Macaafa Qulqulluu hedduu ta’ee tureera. Hidda dhalootaa Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoobirraa dhufuu qaba ture. Kana malees sanyii Daawit Mootichaarraa dhalachuu qaba ture.—Uma. 21:12; 22:16-18; 28:14; 2 Sam. 7:12-16.
19, 20. (a) Sanyiin abdachiifame eenyu? (b) Sanyichi abdachiifame Yesusiin alattis kan dabalatu qaba jechuun kan danda’amu maaliifi?
19 Sanyichi abdachiifame eenyu ture? Deebiin gaaffii kanaa Galaatiyaa 3:16rratti argama. (Dubbisi.) Haata’u malee, Phaawulos sana booda boqonnaa kanarratti Kiristiyaanota dibamoodhaan, “Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu” jedheera. (Gal. 3:29) Kiristos Sanyicha abdachiifame kan ta’eefi warri kaanis kutaa sanyii kanaa kan ta’an akkamitti?
20 Namoonni miliyonaan lakkaa’aman sanyii Abrahaam akka ta’an kan dubbatan yommuu ta’u raajiis ni dubbatu. Raajonni amantiiwwan tokko tokkoo nuyi sanyii Abrahaami kan jedhan yommuu ta’u, namoonni amantii sana keessatti argamanis dhimma kanaaf bakka guddaa kennu. Haata’u malee, jarri kun hundi kutaa Sanyicha abdachiifameetii? Miti. Phaawulos hafuuraan kaka’ee akkuma dubbate, namoonni sanyii Abrahaam ta’an hundi nuyi Sanyicha abdachiifamedha jedhanii dubbachuu hin danda’an. Ilmaan namootaa, Sanyiiwwan ilmaan Abrahaam kaanirraa dhalataniin hin eebbifamne. Sanyiin eebba argamsiisu karaa Yisihaq qofa dhufuu qaba ture. (Ibr. 11:18) Kutaan sanyii kanaa inni jalqabaa dursee waa’eensaa dubbatame nama tokko, jechuunis Yesus Kiristos qofadha; innis sanyii Abrahaamirraa akka dhufu Macaafa Qulqulluurratti galmeeffameera.c Warri boodarratti kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam ta’an hundi, mirga kana kan argatan “kan Kiristos” waan ta’aniifi. Eeyyee, gaheen Yesus raajii kana bakkaan ga’uuf raawwatu addadha.
-
-
Gahee Addaa Yeesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu HubadhaaMasaraa Eegumsaa—2008 | Muddee 15
-
-
c Yihudoonni Dh.K.B. jaarraa jalqabaa turan, sanyii Abrahaam ta’uusaaniitiin kan ka’e ayyaana Waaqayyoo kan argatan isaan akka ta’an itti dhaga’amus, namni tokko qofti Masiihii ykn Kiristos ta’ee akka dhufu ni eegu turan.—Yoh. 1:25; 7:41, 42; 8:39-41.
-