LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Jabaatanii Dhaabachuun Hojii Isaa Fiixaan Akka Baasu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Ebla
    • 12. Fakkeenya kiruubelota Eeden keessa dhaabamanii irraa maal baranna?

      12 Kiruubelota. Fakkeenyi uumamawwan hafuuraa yeroo jalqabaatiif namootatti mulʼatanii, yeroo hojii ulfaataan nuu kennamutti jabaannee dhaabachuudhaaf nu gargaara. Waaqni keenya Yihowaan, “karaa isa gara muka jireenya kennutti geessu sanas in eegsise; isa eegsisuudhaaf bukkee iddoo dhaabaa Eeden gara baʼa-biiftuutiin Kiruubelii fi billaa akka ibiddaa bobaʼu isa gara hundumaatti nanaannaʼu in dhaabe.”[2] (Uma. 3:24) Kiruubelonni kun kan uumaman hojii kanaaf akka hin taane beekamaa dha! Kana malees, cubbuu fi mormiin kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu hin turre. Taʼus, kiruubelonni sadarkaa guddaa qaban kun, hojichi humna isaaniitii ol akka taʼe dubbachuudhaan akka guunguman Kitaabni Qulqulluun hin dubbatu. Hin nuffine, akkasumas abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, ajajamuudhaan hojii isaanii kan hojjetan siʼa taʼu, hojiin isaanii kun hamma xumuramutti jabaatanii dhaabataniiru; hojiin kun kan ture hamma yeroo Bishaan Badiisaatti jechuunis waggaa 1,600 oliif taʼuu hin oolu!

  • “Jabaatanii Dhaabachuun Hojii Isaa Fiixaan Akka Baasu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Ebla
    • ^ [2] (keeyyata 12) Kitaabni Qulqulluun hojii kanaaf kan ramadaman kiruubelota meeqa akka taʼan hin dubbatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi