LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Inni In Duʼe, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Amajjii 1
    • Akkasitti yaaddeetti taanaan baayʼee dogoggorteetti. Isheefi Addaam Qaayiniin yommuu guddisan yaada akkasii isatti himaniiru taanaan, cubbuu ilmisaanii kun duraan dhaalerratti dabaluudhaan akka inni of tuulu godhaniiru jechuun ni dandaʼama. Hewwaan yeroo booda ilma lammataa kan godhatte taʼus, Qaayiniin ilaalchisee akkuma dubbatte isaa wajjin haala wal qabateen wanta dubbatte hin qabdu. Mucichas Abeel jedhanii kan moggaasan siʼa taʼu, hiiknisaas, “Hafuura baafachuu” ykn “Duwwaa” jechuudha. (Uumama 4:2) Mucaasaanii akkasitti moggaasuunsaanii Qaayiniif bakka guddaa kennuudhaan Abeeliif iddoo akka hin kennine kan argisiisudhaa? Waaʼee kanaa afaan guunnee dubbachuu hin dandeenyu.

  • ‘Inni In Duʼe, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Amajjii 1
    • Ijoolleen kun lamaan guddachaa yeroo adeeman, Addaam wanta maatichaaf barbaachisu akka dhiheessaniif hojii akka hojjetan isaan leenjiseera taʼa. Qaayin qonnaan bulaa yommuu taʼu, Abeelimmoo tiksee hoolaa taʼe.

  • ‘Inni In Duʼe, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Amajjii 1
    • Abeel yeroo ramaduudhaan wantoota hafuuraarratti xiinxalaa akka ture hin shakkisiisu. Mee Abeel yommuu hoolotasaa tiksu sitti haa mulʼatu. Tikseen tokko hojii kana raawwachuuf karaa dheeraa deemuu qaba. Uumama garraamii kanaaf marga lalisaa, boolla bishaan gaʼaa qabu, akkasumas bakka gaarii itti boqotan argachuuf tulluu yaabee buʼuufi dachaa qaxxaamuree deemuun isa barbaachisa ture. Uumamawwan Waaqayyoo keessaa hoolonni dadhaboo waan taʼaniif, namoonni akka isaan tiksaniifi akka isaan eegan yaadamee kan uumaman fakkaatu. Abeelis qaamni ilmaan namootaa caalaa ogummaafi humna qabu eegumsaafi kunuunsa isaaf gochuu akka qabu hubatee turee laata? Gama kanaan Abeel miirasaa kadhannaadhaan akka ibseefi kunis amantiisaa akka isaaf jabeesse hin shakkisiisu.

      Abeel wantoota Uumaan jaalala qabeessa taʼe uume ilaaluudhaan amantiisaa cimsateera

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi