LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 8 Akkasitti yaaddee turte taanaan baayʼee dogoggorteetti. Kana malees, isheefi Addaam yommuu Qaayiniin guddisan yaada akkasii isa barsiisaniiru taanaan, cubbuu ilmisaanii dhaalerratti dabaluudhaan akka inni of tuulu godhaniiru jechuudha. Hewwaan yeroo booda ilma lammataa kan godhatte taʼus, waaʼee sanyichaa caqasuushee wanti argisiisu hin jiru. Mucaa kana Abeel jedhanii kan moggaasan siʼa taʼu, hiiknisaas “Hafuura Baafachuu” ykn “Kan Waaʼee Hin Baafne” jechuudha. (Uma. 4:2) Mucaasaanii maqaa kanaan moggaasuunsaanii Qaayiniif bakka guddaa kennanii Abeeliif iddoo akkasii akka hin kennine kan argisiisudhaa? Taʼuu dandaʼa. Garuu waaʼee kanaa afaan guunnee dubbachuu hin dandeenyu.

  • ‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 10, 11. Qaayiniifi Abeel hojii akkamii hojjechuu jalqaban? Abeel amala akkamii horate?

      10 Ijoolleen dhiiraa kun lamaan guddachaa yeroo adeeman, Addaam hojii wanta maatichaaf barbaachisu dhiheessuuf isaan gargaaru akka hojjetan isaan leenjisuu hin oolu. Qaayin qotee bulaa yommuu taʼu, Abeelimmoo tiksee taʼe.

  • ‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 13 Abeel yeroo ramadee wantoota hafuuraarratti xiinxalaa akka ture beekamaadha. Mee Abeel yommuu hoolotasaa tiksu sitti haa mulʼatu. Jireenyi tiksee tokkoo karaa dheeraa deemuu dabalata. Marga lalisaa, boolla bishaan gaʼaa qabuufi bakka boqochuuf mijaaʼaa taʼe argachuuf uumama garraamii kana oofee tulluu baʼee buʼuufi dachaa qaxxaamuruun isa barbaachisa ture. Uumamawwan Waaqayyoo hunda keessaa hoolonni dadhaboo waan taʼaniif, qajeelfamniifi gargaarsi namootaa akka isaan barbaachisu godhamanii kan uumaman fakkaatu. Abeel, Waaqa nama caalaa ogeessa taʼeefi humna guddaa qaburraa qajeelfamaafi eegumsa akkasii argachuun akka isa barbaachisu hubatee turee laata? Yaadawwan akkasii hedduu kadhannaadhaan akka ibseefi kunis amantiisaa akka isaaf guddise hin shakkisiisu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi