LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Waaqayyo Kennaa Isaanii Fudhateera’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Abeel Waaqeffannaa Qulqulluu Ilaalchisee Fakkeenya Taʼeera

      10. Abeel waaqeffannaa qulqulluudhaaf fakkeenya kan taʼe akkamitti?

      10 Abeel waaqeffannaan dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf qofa akka taʼe beekuudhaan aarsaa isaaf dhiheesseera. Abeel “bushaayee isaa keessaa warra jalqaba dhalatan muraasa” filatee waan dhiheesseef, qulqullinni kennaa isaa hunda irra kan caalu ture. Kitaabni Qulqulluun Abeel aarsaa isaa kan dhiheesse iddoo aarsaa irratti taʼuu fi dhiisuu isaa kan hin dubbanne taʼus, akkaataan inni aarsaa isaa itti dhiheesse fudhatama kan qabu akka ture beekamaa dha. Haa taʼu malee, kennaa Abeel ilaalchisee wanti bakka guddaa qabuu fi waggoota kuma jaʼa booda illee barumsa guddaa nuuf taʼu kakaʼumsa inni aarsaa kana ittiin dhiheesse dha. Abeel aarsaa kan dhiheesse amantii Waaqayyo irratti qabuu fi jaalala ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼaniif qabuun kakaʼee ti. Kana akkamitti beekna?

      Abeel iddoo aarsaa tokko irratti aarsaa isaa Yihowaadhaaf yommuu dhiheessu. Karaa duubaa kiruubelonni karra gara iddoo biqiltuu Eedanitti geessu eegaa jiru.

      Abeel ulaagaalee waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisan arfan guuteera (Keeyyata 10 Ilaali)

      11. Yesuus Abeel qajeelaa akka taʼetti kan ibse maaliifi?

      11 Jalqaba wanta Yesuus waaʼee Abeel dubbate ilaalaa; Yesuus akka gaariitti isa beeka ture. Yeroo Abeel lafa irra jiraachaa turetti Yesuus samii irra jiraata ture. Yesuus ilma Addaam kana ni jaallata ture. (Fak. 8:22, 30, 31; Yoh. 8:58; Qol. 1:15, 16) Kanaafuu, Yesuus Abeel nama qajeelaa akka taʼe yeroo dubbatetti ragaa ijaan arge dhiheessaa ture. (Mat. 23:35) Nama qajeelaa kan jedhamu, nama wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuu kan qabu Yihowaa taʼuu isaa amanee fudhatu dha. Kana qofa utuu hin taʼin namni akkanaa ulaagaalee kanaa wajjin haala wal simuun akka jiraatu dubbii isaa fi gocha isaatiin ni argisiisa. (Luqaas 1:5, 6 wajjin wal bira qabii ilaali.) Maqaa nama qajeelaa jedhu argachuun yeroo gaafata. Kanaafuu, Abeel Waaqayyoof kennaa dhiheessuu isaa dura illee, nama ulaagaalee Yihowaa eegee jiraachuudhaan beekamu ture jechuu dha. Taʼus kana gochuun salphaa hin turre. Obboleessi isaa inni angafni garaan isaa hamaa waan taʼeef, isa irratti dhiibbaa gaarii waan godhe hin fakkaatu. (1 Yoh. 3:12) Haati isaa ajaja Waaqayyo kallattiidhaan kenne cabsiteetti; abbaan isaas wanta gaarii fi hamaa taʼe ofii isaatii murteeffachuu waan barbaadeef Yihowaa irratti fincileera. (Uma. 2:16, 17; 3:6) Abeel daandii warri isaa hordofuuf filatan irraa baayʼee adda taʼe filachuuf ija jabina guddaa argisiiseera!

      12. Garaa garummaa guddaan Qaayinii fi Abeel gidduu ture maali dha?

      12 Itti aansuudhaan, Phaawulos ergamaan amantii fi qajeelummaa akkamitti akka wal qabsiise hubadhaa. Phaawulos, “Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin caalaa gatii qabu Waaqayyoof dhiheesse; . . . karaa amantii sanaa qajeelaa akka taʼe ragaa isaaf baʼame” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 11:4) Wanti Phaawulos dubbate Abeel, Qaayin irraa haala adda taʼeen, jireenya isaa guutuu Yihowaa fi karaa inni wantoota tokko tokko itti raawwatu irratti amantii guddaa akka qabuu fi kun immoo aarsaa dhiheessuuf akka isa kakaase kan argisiisu dha.

      13. Fakkeenyi Abeel maal nu barsiisa?

      13 Fakkeenyi Abeel waaqeffannaa qulqulluun madduu kan dandaʼu garaa kakaʼumsa qulqulluu qabu, jechuunis garaa Yihowaa irratti amantii guutuu qabuu fi ulaagaalee isaa warra qajeeloo taʼanii wajjin guutummaatti wal simee jiraatu irraa qofa akka taʼe nu barsiisa. Kana malees, yeroo tokko qofa Yihowaadhaaf amanamaa taʼuun gaʼaa miti. Kanaa mannaa, umurii keenya guutuu karaa hundumaatiin Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu qabna.

  • ‘Waaqayyo Kennaa Isaanii Fudhateera’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi