-
“Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera”Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
“DUʼA AKKA HIN ARGINEEF IDDOO KAN BIRAATTI FUDHATAME”
Jireenyi Henok kan xumurame akkamitti ture? Henok jireenya isaa caalaa duuti isaa iccitii fi bitaa kan namatti taʼu dha. Seenaan Kitaaba Uumamaa gabaabumatti, “Henok karaa isaa irra deddeebiʼuudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; Waaqayyo waan isa fudhateef deebiʼee achitti hin argamne” jedha. (Uumama 5:24) Waaqayyo Henokiin kan fudhate akkamitti? Phaawulos ergamaan yeroo booda, “Heenok duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti fudhatame, Waaqayyo iddoo kan biraatti waan isa fudhateefis iddoo kamitti iyyuu hin argamne; sababiin isaas inni iddoo kan biraatti fudhatamuu isaa dura akka gaariitti Waaqayyoon akka gammachiise dhugaa isaaf baʼameera” jechuudhaan ibseera. (Ibroota 11:5) Phaawulos, “Duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti fudhatame” yommuu jedhu maal jechuu isaa ture? Hiikkawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Waaqayyo Henokiin gara samiitti akka fudhate ibsu. Kun garuu taʼuu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼee gara samii dhaquudhaan isa jalqabaa kan taʼe Yesuus Kiristoos akka taʼe argisiisa.—Yohaannis 3:13.
Maarree Henok ‘duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti kan fudhatame’ akkamitti? Yihowaan tarii Henok utuu hin dhiphatin tasgabbiidhaan akka duʼu gochuudhaan jireenya irraa gara duʼaatti isa fudhatee taʼuu dandaʼa. Jalqaba garuu Henok, “akka gaariitti Waaqayyoon akka gammachiise dhugaa isaaf baʼameera.” Akkamitti? Tarii Henok duʼuu isaa yeroo muraasa dura, Waaqayyo lafa jannata taate mulʼataan isatti argisiisee taʼuu dandaʼa. Henok mallattoo Yihowaa biratti fudhatama argachuu isaa ifatti argisiisu kana utuma ilaaluu duʼaan boqote. Phaawulos ergamaan waaʼee Henokii fi waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼan kaanii yommuu barreessu, ‘Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii duʼan’ jedheera. (Ibroota 11:13) Sana booda diinonni isaa reeffa isaa barbaadanii taʼuu dandaʼa; haa taʼu malee, Yihowaan reefficha waan balleesseef “iddoo kamitti iyyuu hin argamne”; tarii akkana kan godhe namoonni sun reefficha akka hin salphisne ykn amantii sobaa akka ittiin hin babalʼisne eeguuf taʼuu dandaʼa.b
Ragaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kana yaadatti qabachuudhaan, jireenyi Henok kan xumurame akkamitti taʼuu akka dandaʼu mee haa tilmaamnu. Wanta taʼuu dandaʼu kana yaadatti qabaachuudhaan haala kana yaadaan haa ilaallu. Henok baqachaa kan jiru siʼa taʼu, baayʼee dadhabeera. Namoonni isa ariʼatan sun ergaa murtii inni dubbate sanaan kan kaʼe baayʼee waan isatti aaraniif isa ariʼaa jiru. Henok iddoo itti dhokatu tokko argatee xinnoo kan boqote taʼus, miliqee yeroo dheeraadhaaf turuu akka hin dandeenye beeka. Amma yeroon inni itti gara jabinaan ajjeefamu gaʼeera. Utuu boqotee jiru gara Waaqa isaatti kadhannaa dhiheesse. Achiis nagaa guddaa akka argate isatti dhagaʼame. Mulʼanni ajaaʼibsiisaan tokko akkuma waan Henok qaamaan bakka sanatti argameetti gara iddoo fagootti isa geesse.
Henok yeroo Yihowaan isa fudhatetti tarii gara jabinaan ajjeefamuu jala gaʼee taʼuu dandaʼa
Addunyaa isa inni beeku irraa guutummaatti adda taʼe tokko yommuu inni mulʼataan argu yaadan ilaali. Addunyaan sun akkuma jannata Eeden bareedee kan isatti mulʼate siʼa taʼu, kiruubelonni namoonni achitti akka hin seenne eegan garuu hin jiran. Bakka kana keessa dhiironnii fi dubartoonni fayyaa guutuu fi cimina dargaggummaa qaban hedduun jiru. Gidduu isaanii nagaa guddaan jira. Jibbii fi ariʼatamni amantii, Henok akka gaariitti beeku sun hin jiru. Henok Yihowaan akka isa jaallatuu fi isa biratti fudhatama akka argate isatti dhagaʼamee ture. Henok iddoon inni jiraachuu qabu bakka kana akka taʼe mirkanaaʼaa taʼeera; iddoon kun mana isaa taʼa. Henok akkuma caalaatti nagaa argachaa adeemeen, ija isaa dunuunfatee, hirriba guddaa abjuu hin qabne keessa seene.
Yaadannoo Yihowaa isa daangaa hin qabne keessatti of eeggannoodhaan eegamee, hamma harʼaatti duʼaan boqotee iddoo kana keessa jira! Akkuma Yesuus yeroo booda abdii kennetti, guyyaan namoonni yaadannoo Waaqayyoo keessa jiran hundi sagalee Kiristoos dhagaʼanii awwaala keessaa baʼuudhaan addunyaa haaraa bareedaa fi nagaa qabu ilaaluuf ija isaanii itti banatan ni dhufa.—Yohaannis 5:28, 29.
-
-
“Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera”Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
b Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo reeffa Musee fi Yesuus kan dhokse namoonni karaa dogoggora taʼeen akka itti hin fayyadamne dhowwuuf taʼuu dandaʼa.—Keessa Deebii 34:5, 6; Luqaas 24:3-6; Yihudaa 9.
-