LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Onkoloolessa 1
    • Yihowaan balbala markabichaa erga cufee booda bokkaan guyyoota 40f roobe yeroo jalqabetti haalli Nohiifi kan maatiisaa maal akka fakkaatu mee yaadi! Bokkaan yandoon markabicharratti roobuusaa kan itti fufe si’a ta’u, namoonni saddeettan sun hojii garaagaraa, jechuunis wal kunuunsuu, manasaanii sisirreessuufi wantoota bineeldota markabicha keessa jiraniif barbaachisan dhiheessuutiin qabamanii akka turan hin shakkisiisu. Haata’u malee, gaaf tokko markabni sun akka tasaa raafamuu waan jalqabeef miinisaanii socho’uu jalqabe. Bishaanichi ol dabalaa waan deemeef, markabichi “lafa gararraa hamma oolutti ol ka’e.” (Uumama 7:17) Gochi kun Yihowaan inni Waaqa Hundumaa Danda’u humna guddaa akka qabu kan argisiisudha.

  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Onkoloolessa 1
    • “BISHAAN KEESSAA OOLAN”

      Markabichi garba bal’aa sanarra yommuu bololi’u namoonni achi keessa jiran sagalee mukkeen walitti bu’uudhaan dhageessisan dhaga’uu hin oolan. Nohi waa’een dha’aa bishaanii cimaa ykn waa’een cimina markabichaa isa yaaddessee turee laata? Matumaa! Yaanni akkasii ceephaatota yeroo har’aa jiranitti kan dhaga’amu ta’us, Nohitti garuu hin dhaga’amne. Macaafni Qulqulluun, “Nohi amantiidhaan . . . bidiruu tolfate” jedha. (Ibroota 11:7) Maalitti amanamee ture? Yihowaan Nohiifi maatiisaa Bishaan Badiisaarraa akka oolchu waadaa galeefii ture. (Uumama 6:18, 19) Uumaan uumama cufaa, lafaafi wantoota lubbu qabeeyyii achirra jiran hunda uume, hubaatiin tokkoyyuu markabicharra akka hin geenye eeguu hin danda’uu? Kun matumaa hin shakkisiisu! Nohi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu amanamuunsaa sirrii ture. Dhugumayyuu, inniifi maatiinsaa ‘bishaan keessaa oolaniiru.’​—1 Phexros 3:20.

      Bokkichi guyyaa 40⁠fi halkan 40⁠f erga roobee booda ni dhaabate. Bokkichi kan dhaabate akka lakkoofsa bara keenyaatti Dh.K.D. ji’a Muddee keessa bara 2370⁠ttidha. Haata’u malee, yeroon maatichi markabicha keessaa itti ba’u hin geenye. Markabni lubbu qabeeyyii hunda qabate kun, bishaan gaarreen hundi hanga hin mul’annetti lafa fudhateen asiif achi oofamuusaa itti fufe. (Uumama 7:19, 20) Nohi ijoolleesaa, jechuunis Seem, Kaamiifi Yaafetii wajjin ta’uudhaan bineeldota markabicha keessa jiraniif nyaata dhiheessuu, qulqullinaafi fayyaasaanii eeguudhaan hojii ulfaataa yommuu raawwatan ija qalbiitiin ilaaluu dandeenya. Waaqayyo inni bineeldonni sun hundi ajajamuudhaan salphaadhumatti markabatti akka galan godhe, hanga Bishaan Badiisaa dhaabatutti achuma keessa akka turan akka godhe hin shakkisiisu.a

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi