LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Bitootessa 2020
    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii—2020 | Bitootessa
    • Gaaf tokko gara galgalaa okkotee ishii erga bishaan guuttee booda maanguddoon tokko fiigaa gara ishii dhufe. Achiis “Hadaraa! Gomboo kee keessaa bishaan xinnoo ishee na habuuqqachiisi!” jedhe. Wanti inni ishii gaafate salphaa taʼus, karaa gaarummaa qabuun ishii gaafate. Ribqaan maanguddoon kun karaa dheeraa deemee akka dhufe hubatteetti. Kanaaf daftee okkotee ishii gatiittii ishii irraa buufattee bishaan habuuqqii tokko qofa utuu hin taʼin, hamma dheebuu baʼutti bishaan qulqulluu fi qabbanaaʼaa taʼe maanguddoo sanaaf kennite. Achiis, maanguddoon kun gaalota ciciisanii jiran kudhan akka qabuu fi gabateen bishaan keessaa dhugaan immoo duwwaa taʼuu isaa hubatte. Maanguddoon kun karaa gaarummaa qabuun ishii ilaalaa akka jiru hubatteetti; kanaaf, hamma dandeesse arjummaa isatti argisiisuu barbaadde. Kanaaf, “Gaalota keetiifis hamma isaan dhuganii quufanitti bishaan nan waraaba” isaan jette.—Uumama 24:17-19.

      Ribqaan gaalota kurnan kana bishaan obaasuu kan barbaadde bishaanuma xiqqoo utuu hin taʼin, hamma dhuganii quufanitti akka taʼe hubadhaa. Gaalli baayʼee dheebote tokko, bishaan gara liitira 95 taʼu dhuguu dandaʼa. Kanaaf, gaalonni kurnan sun baayʼee dheebotaniiru yoo taʼe, hojii guddaa saʼaatii dheeraa fudhatu hojjechuu qabdi jechuudha. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, gaalonni kun baayʼee waan dheebotan hin fakkaatu. Garuu Ribqaan gaalota sana nan obaasa yeroo jettetti baayʼee dheebochuu fi dhiisuu isaanii ni beekti turtee? Lakki. Maanguddoo keessummaa taʼe kana garaadhaa keessummeessuuf fedhiis taʼe kakaʼumsa guddaa qabdi turte. Innis wanta ishiin jette ni fudhate. Achiis yeroo boolla bishaanii sanaa fi gabatee bishaanii gidduu deddeebiʼaa okkotee ishiitti bishaan waraabduu fi gaalota sanaaf gabatee sanatti naqxu xiyyeeffannaadhaan ishii ilaalaa ture.—Uumama 24:20, 21.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Bitootessa 2020
    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii—2020 | Bitootessa
    • Ribqaan bishaan waraabuuf kan deemte gara galgalaa ture. Seenaan isaa Ribqaan iddoo boolla bishaanii sana baayʼee akka turte wanta dubbatu hin qabu. Akkasumas yeroo hojii kana fixxee gara manaatti deebitu warri ishii rafanii akka turan ykn baayʼee turuu ishiitiin kan kaʼe namni ishii barbaacha baʼe akka jiru wanti ibsame hin jiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi