LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 1. Lafaa fi samii kan uume eenyu?

      Kitaabni Qulqulluun “Jalqaba irratti Waaqayyo samii fi lafa uume” jedha. (Uumama 1:1) Saayintistoonni baayʼeen hawaan (universe) jalqaba qaba jedhanii amanu. Waaqayyo hawaa kan uume akkamitti? Gaalaaksiiwwan, urjiilee fi pilaaneetota dabalatee hawaa uumuuf hafuura qulqulluu isaatti, jechuunis ‘humna isaa isa hojii irra jirutti’ fayyadameera.—Uumama 1:2.

  • Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 5. Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa ibsu sirrii dha

      Kitaabni Qulqulluun Uumama boqonnaa 1 irratti waaʼee uumama lafaa fi jireenya achi irratti argamuu ibsa. Seenaa kanatti ni amantaa? Moo seenaan kun sheekkoo dha jettee yaadda? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Hawaan Uumamaan Argamee?—Gabaabfamee kan Fudhatame (3:51)

      Fakkiiwwan: Suuraawwan viidiyoo ‘Hawaan Uumamaan Argamee?—Gabaabfamee kan Fudhatame’ jedhu irraa fudhataman. 1. Wantoonni guyyoota uumamaa jaʼatti uumaman nama lafaa ilaaluutti yommuu mulʼatan. 2. Aduu, lafa gogaa, bishaan, biqiltoota, simbirroota, bineeldota lafa irraa fi namoota guyyaa uumamaa jaʼaffaa booda lafa irratti mulʼatan.
      • Kitaabni Qulqulluun laftii fi jireenyi lafa irratti argamu guyyoota jaʼa keessatti akka uumaman barsiisaa?

      • Seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dhugaa fi amansiisaa sitti fakkaataa? Maaliif?

      Uumama 1:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Saayintistoonni hawaan jalqaba akka qabu dubbatu. Wanti isaan itti amanan wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbistee wajjin kan wal simu akkamitti?

      Namoonni tokko tokko Waaqayyo jireenya uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadamee taʼuu dandaʼa jedhanii yaadu. Uumama 1:21, 25, 27 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo uumama tokko erga uumee booda uumamni sun suutuma suuta gara qurxummiitti, bineeldotaa fi namootatti akka jijjiirame barsiisaa? Moo Waaqayyo jireenya hunda akka “akaakuu” isaatti uume?b

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi