-
Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
3. Ilmaan namootaa bineeldota irraa adda kan isaan taasisu maali dha?
Yihowaan lafa erga uumee booda wantoota lafa irra jiraatan uume. Jalqaba lafti biqiltootaa fi bineeldotaan akka guutamtu godhe. Achiis ‘Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume.’ (Uumama 1:27 dubbisi.) Wanti ilmaan namootaa adda taasisu maali dha? Akka bifa Waaqayyootti waan uumamneef amaloota isaa kanneen akka jaalalaa fi haqaa calaqqisiisuu dandeenya. Kana malees, dandeettii afaan barachuu, wantoota babbareedoo dinqisiifachuu fi muuziqaatti gammaduu nuu kenneera. Bineeldota irraa haala adda taʼeen immoo Uumaa keenya waaqeffachuu dandeenya.
-
-
Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
5. Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa ibsu sirrii dha
Kitaabni Qulqulluun Uumama boqonnaa 1 irratti waaʼee uumama lafaa fi jireenya achi irratti argamuu ibsa. Seenaa kanatti ni amantaa? Moo seenaan kun sheekkoo dha jettee yaadda? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Kitaabni Qulqulluun laftii fi jireenyi lafa irratti argamu guyyoota jaʼa keessatti akka uumaman barsiisaa?
Seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dhugaa fi amansiisaa sitti fakkaataa? Maaliif?
Uumama 1:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Saayintistoonni hawaan jalqaba akka qabu dubbatu. Wanti isaan itti amanan wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbistee wajjin kan wal simu akkamitti?
Namoonni tokko tokko Waaqayyo jireenya uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadamee taʼuu dandaʼa jedhanii yaadu. Uumama 1:21, 25, 27 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo uumama tokko erga uumee booda uumamni sun suutuma suuta gara qurxummiitti, bineeldotaa fi namootatti akka jijjiirame barsiisaa? Moo Waaqayyo jireenya hunda akka “akaakuu” isaatti uume?b
-