LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 15
    • 1, 2. Uumama 2:1-3⁠rratti hundaaʼuudhaan waaʼee guyyaa torbaffaa maal murteessuu dandeenya? Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

      WAAQAYYO lafti namootaaf bakka jireenyaa akka taatu kan qopheesse, guyyoota fakkeenyaan ibsaman jaʼa keessatti akka taʼe boqonnaa jalqabaa macaafa Uumamaarraa baranna. Dhuma guyyoota kana hundumaarratti, “Galgallis taʼe, ganamnis taʼe” jedhameera. (Uma. 1:5, 8, 13, 19, 23, 31) Haataʼu malee, Uumama 2:1-3 yommuu dubbisnu guyyaa torbaffaa ilaalchisee yaada akkas jedhu hin argannu.

      2 Yaanni olitti ibsame utuu hin caqasamin hafuunsaa, guyyaan torbaffaan jechuunis “guyyaan” boqonnaa Waaqayyoo akka hin xumuramne argisiisa. Guyyaan boqonnaa Waaqayyoo ammayyuu itti fufeeraa? Taanaan yeroo harʼaa itti galuu ni dandeenyaa? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya baayʼee barbaachisaadha.

  • Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 15
    • 5. Kaayyoon guyyaa torbaffaa maal ture? Kaayyoon kun guutummaatti galmasaarra kan gaʼu yoomi?

      5 Gaaffii kana deebisuuf, kaayyoon guyyaa torbaffaa maal akka taʼe yaadachuu qabna. Uumamni 2:3, “Waaqayyo . . . guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses” jechuudhaan kaayyoosaa ibsa. Guyyaan sun, kaayyoosaa galmaan gaʼuuf Yihowaadhaan ‘kan qulqulleeffame’ ykn kan adda baafame ture. Kaayyoon sun, lafti namoota abboomamoo lafaafi lubbu qabeeyyii isheerra jiran hunda kunuunsaniin akka guutamtu gochuudha. (Uma. 1:28) Yihowaafi Yesus Kiristos inni “Sanbata irratti iyyuu gooftaa” taʼe, ‘amma iyyuu hojjechaa kan jiran’ kaayyoo kana galmaan gaʼuufidha. (Mat. 12:8) Hamma kaayyoon Yihowaan guyyaa kanaaf qabu dhuma Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti guutummaatti galmasaarra gaʼutti, guyyaan boqonnaa Waaqayyoo itti fufa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi