-
Diinni Keenya Duuti Ni GolgoleeffamaMasaraa Eegumsaa—2014 | Fulbaana 15
-
-
3, 4. (a) Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif ajaja akkamii kenne? (b) Ajaja kanaaf abboomamuunsaanii hammam barbaachisaa ture?
3 Addaamiifi Hewwaan barabaraaf jiraachuu kan dandaʼan taʼus, duʼuu hin dandaʼan jechuu miti. Jiraachuusaanii itti fufuudhaaf hafuura baafachuu, dhuguu, rafuufi nyaachuu qabu turan. Hunda caalaammoo, jireenyisaanii walitti dhufeenya Uumaasaanii wajjin qabanirratti kan hundaaʼe ture. (Kes. 8:3) Jireenyatti gammaduusaanii akka itti fufaniif qajeelfama Waaqayyoo fudhachuunsaanii baayʼee barbaachisaa ture. Yihowaan Hewwaan uumamuushee dura haala kana Addaamiif sirriitti ibseera. Akkamitti? “Waaqayyo gooftaan namicha abboomee, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaafi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta’ jedhe.”—Uma. 2:16, 17.
4 ‘Iji mukaa hamaafi gaarii ittiin beekan,’ wanti tokko hamaafi gaarii taʼuusaa murteessuuf mirga kan qabu Waaqayyo qofa taʼuusaa kan argisiisudha. Addaam bifa Waaqayyootiin waan uumameef, akkasumas yaada garaa ykn qalbii waan qabuuf hamaafi gaarii gargar baasuu ni dandaʼa ture. Mukichi yeroo hundumaa qajeelfamni Yihowaa akka isaan barbaachisu Addaamiifi Hewwaaniin kan yaadachiisu ture. Mukicharraa nyaachuun ofiin of bulchuu akka barbaadan kan argisiisu siʼa taʼu, kunimmoo isaanirrattis taʼe namoota isaanirraa dhalatanirratti badii guddaa geessisa. Ajajni Waaqayyo kenneefi adabbiin badiisa sanaaf kaaʼame, karaa akkasii filachuun rakkina guddaa akka qabu kan argisiisudha.
-
-
Diinni Keenya Duuti Ni GolgoleeffamaMasaraa Eegumsaa—2014 | Fulbaana 15
-
-
7 Waaqayyo Addaamiin, “Gaafa [ija mukaa hamaafi gaarii ittiin beekan] irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta” jedhee ture. Tarii Addaam gaafuma sana aduun dhihuushee dura waan duʼu itti fakkaatee taʼuu dandaʼa. Guyyuma sana yeroo booda Yihowaan Addaamiifi Hewwaanitti dubbate. (Uma. 3:8) Akka Abbaa Seeraa qajeelaa taʼe tokkootti, dura wanta isaan jechuu barbaadan dhaggeeffate. (Uma. 3:9-13) Achii booda cubbamoota sanarratti murtoo duʼaa dabarse. (Uma. 3:14-19) Yeruma sana bakka jiranitti isaan ajjeeseera utuu taʼee, kaayyoon inni Addaamiifi Hewwaaniif, akkasumas ilmaansaaniitiif qabu utuu hin raawwatamin hafa ture. (Isa. 55:11) Murtoo duʼaa isaanirratti dabarse kan raggaasiseefi rakkinni sababa cubbuutiin dhufe yeruma sana kan jalqabe taʼus, Addaamiifi Hewwaan ijoollee qophii inni gara fuulduraatti godhurraa fayyadamuu dandaʼan akka godhatan heyyameera. Kanaaf, akka ilaalcha Waaqayyootti guyyuma cubbuu hojjetan sanatti duʼaniiru. Akkasumas, Yihowaa duratti waggaan 1,000 akka guyyaa tokkoo waan taʼeef, “guyyaa” tokko keessatti duʼaniiru.—2 Phe. 3:8.
-