LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Fulbaana
    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii—2020 | Fulbaana
    • Aaron yeroo murtoo dogoggoraa godhe sadanittuu, tarkaanfii dogoggoraa raawwatame sanaaf kaʼumsi isaa isa taʼuu isaa akka hin ibsamne hubachuu qabna; kanaa mannaa, haalli yeroo sana ture ykn dhiibbaan warra kaanii karaa isa sirrii irraa akka isa jalʼisu heyyameera. Keessumaa balleessaa jalqaba hojjete irra of qusachuuf ajaja, “Wanta hamaa hojjechuudhaan tuuta duukaa hin buʼin” jedhu hojii irra oolchuu dandaʼa ture. (Bau 23:2) Haa taʼu malee, sana booda maqaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti kan caqasame karaa ulfina qabuuni; akkasumas Ilmi Waaqayyoo yeroo lafa irra jiraachaa turetti, lubummaan Aaron seera duratti fudhatama kan qabu taʼuu isaa akka amanu argisiiseera.—Far 115:10, 12; 118:3; 133:1, 2; 135:19; Mat 5:17-19; 8:4.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Fulbaana
    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii—2020 | Fulbaana
    • Jalʼinni haqaa abbootiin murtii malaanmaltummaadhaan raawwatan jaamummaatti fakkeeffameera; mattaʼaa ykn kennaawwan fudhachuu, akkasumas jibba halaalaa ilaalchisee Seericha keessatti gorsi hedduun kennameera; wantoonni kun abbaan murtii tokko murtoo haqa irratti hin hundoofne akka godhu ija isaa jaamsuu dandaʼu. ‘Mattaʼaan ija namoota akka gaariitti arganii jaamsa.ʼ (Bau 23:8, NW) “Mattaʼaan ija ogeessaa ni jaamsa.” (Kes 16:19, NW) Abbaan murtii tokko hammam iyyuu qajeelaa fi hubannaa kan qabu yoo taʼe, kennaan abbaan dhimmaa tokko isaaf kennu beekaas taʼe utuu hin beekin dhiibbaa guddaa isa irratti gochuu dandaʼa. Seerri Waaqayyoo kennaa fudhachuun qofti utuu hin taʼin, miiraan oofamanii murtoo gochuunis dhiibbaa akka qabu dubbata; “Hiyyeessa ilaaltanii gara isaa hin gorinaa yookiis isa guddaadhaaf hin looginaa!” jedha. (Lew 19:15) Kanaafuu, abbaan murtii tokko miiraan oofamee ykn tuuta biratti beekamtii argachuuf jecha, namni tokko sooressa waan taʼeef qofa isatti murteessuu hin qabu.—Bau 23:2, 3.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi