-
‘Eenyutu Yaada Waaqayyoo Beeka?’Masaraa Eegumsaa—2010 | Onkoloolessa 15
-
-
14. Museen wanta Yihowaan dubbateef deebii kan kenne akkamitti?
14 Seenaansaa akkas jechuudhaan itti fufa: “Museen immoo aarii Waaqayyo gooftaa isaa qabbaneessuudhaaf, ‘Yaa Waaqayyo, maaliif aariin kee saba kee isa humna guddaadhaa fi irree cimaadhaan biyya Gibxii baafte kana irratti akka bobaʼu goota ree? Warri Gibxii, “Waaqayyo duruma iyyuu yaada hamaadhaaf, tulloota irratti isaan fixuudhaaf, lafa irraas isaan balleessuudhaaf achii isaan baase” akka jedhan maaliif goota ree? Ati hamaa isa saba keerratti fiduuf jette hadaraa dhiisi, aarii kee isa bobaʼaas irraa deebisi! Isa maqaa ofii keetiin kakaattee, garboota kee Abrahaam, Yisihaq, Yaaqbiinis, “Sanyii keessan akka urjoota waaqa keessaa nan baayʼisa, biyyicha isa ani dubbadhe kanas sanyii keessaniif dhaala bara baraa godhee nan kenna” jettee isa dubbatte yaadadhu!’ jedhe. Yommus Waaqayyo hamaa isa saba isaa irratti gochuu yaade sana in dhiise.”—Bau. 32:11-14.c
-
-
‘Eenyutu Yaada Waaqayyoo Beeka?’Masaraa Eegumsaa—2010 | Onkoloolessa 15
-
-
16 Deebiin Museen kenne, firdii Yihowaa isa qajeelaarratti amantii akka qabu kan argisiisu ture. Wanti caalaatti isa yaaddessu, fedhiisaa utuu hin taʼin maqaa Yihowaa akka taʼe argisiiseera. Maqaan Yihowaa akka arrabsamu hin barbaanne. Museen kana gochuudhaan dhimma kana ilaalchisee “yaada Waaqayyoo” akka hubate argisiiseera. (1 Qor. 2:16) Buʼaansaahoo maal ture? Yihowaan wanta tokkorratti waan hin cichineef Caaffanni Qulqullaaʼoon wanta yaade sana akka “dhiise” dubbatu. Yihowaan badiisa guutummaa saba sanaatti fiduuf yaadee ture dhiiseera.
-