LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Ani Yommuu Dubbattu Sii Wajjin Nan Taʼa”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020 | Waxabajjii
    • “Ani Yommuu Dubbattu Sii Wajjin Nan Taʼa”

      4:10-15

      Museen gargaarsa Yihowaatiin sodaa isaa moʼuu dandaʼeera. Wanta Yihowaan Museedhaan jedhe irraa maal baranna?

      • Yaada ani gaʼumsa hin qabu jedhu irraa fagaachuu qabna

      • Yihowaan hojii keenya raawwachuuf wanta nu barbaachisu hunda akka nuuf kennu amanannaa qabaachuu qabna

      • Amantiin Waaqayyo irratti qabnu sodaa namaa moʼuuf nu gargaara

  • Lallabuu fi Barsiisuu ni Dandeessu!
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020 | Waxabajjii
    • Lallabuu fi Barsiisuu ni Dandeessu!

      Museen jalqaba irratti hojii Yihowaan isaaf kenne hojjechuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. (Bau 4:10, 13) Ati hoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa jirtaa? Manaa gara manaa tajaajiluun akka sitti ulfaatutti sitti dhagaʼamaa? Tarii immoo barataa mana barumsaatti dhugaa baʼuun si sodaachisu taʼuu dandeessa. Yookiin immoo bilbilaan ykn iddoo namoonni baayʼatanitti dhugaa baʼuun si sodaachisa taʼa. Taanaan Yihowaan hafuura qulqulluu akka siif kennu kadhadhu. (1Ph 4:11) Hojii siif kennu kam irratti iyyuu gaʼumsa akka qabaattu akka si gargaaru amantii guutuu qabaadhu.—Bau 4:11, 12.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi