-
‘Kun Yaadannoodhaaf Isiniif Haata’u’Masaraa Eegumsaa—2013 | Muddee 15
-
-
9. Akkuma Ba’uu 12:6rratti ibsame, korbeessi Faasikaa yoom qalamuu qaba? (Saanduqa “Yeroo Akkamiitti?” jedhus ilaali.)
9 Barreeffamni Za Pentaatuuk eendi Haaftoraa jedhamu, yaadni Ba’uu 12:6rra jiru korbeessichi “dimimmisa galgalaatti” akka qalamu kan argisiisu akka ta’e ibsa. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokkos jecha kanatti fayyadamaniiru. Kitaaba Yihudootaa Taanaak jedhamu dabalatee kaanimmoo, “yeroo dimimmisaa’u” jechuudhaan hiikaniiru. Jecha “gara galgalaa” ykn “yommuu aduun lixxu” jedhutti kan fayyadamanis jiru. Kanaaf, korbeessichi erga aduun lixxee booda dimimmisaan, jechuunis jalqaba Niisaan 14tti qalamuu qaba.
10. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti, korbeessichi kan qalamu yoomidha? Kunoo gaaffii akkamii kaasa?
10 Yeroo booda garuu, Yihudoonni tokko tokko korbeeyyii gara mana qulqullummaatti geeffaman hunda qaluun sa’aatii dheeraa akka fudhatu yaaduu jalqaban. Kanaaf, yaadni Ba’uu 12:6rra jiru xumura Niisaan 14, jechuunis yeroo aduun lixuu jalqabduu kaasee hanga guutummaatti lixxutti jiru kan argisiisu akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Haata’u malee irbaanni kan nyaatamu yoomidha? Hayyuu seenaa amantii Yihudoota durii kan ta’an Piroofeesar Jonaataan Kilaawinsi akkas jedhaniiru: “Guyyaan haaraan kan jalqabu yommuu aduun lixxu waan ta’eef, aarsaan kan dhihaatu gaafa 14ti. Seera Ba’uurratti guyyoonni kun adda baafamanii caqasamuu baatanis, Faasikaan kan jalqabuufi nyaanni kan nyaatamu gaafa 15ti.” Akkasumas, ‘Barreeffamni warra Rabbii, Seedaar [irbaanni Faasikaa] Manni Qulqullummaa Dh.K.B. bara 70tti balleeffamuusaa dura akkamitti geggeeffamaa akka ture hin ibsu’ jedhaniiru.—Dalga ciibsee kan barreesse nuyidha.
-