LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iji Keessan Eessa Ilaalaa Jira?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Adoolessa
    • 5-7. Israaʼeloonni Gibxii baʼanii utuma baayʼee hin turin rakkoo akkamiitu uumame? Museen hoo haala sanaaf furmaata kan kenne akkamitti?

      5 Israaʼeloonni Gibxii keessaa baʼanii jiʼa lama utuu hin guutin, jechuunis Tulluu Siinaa bira illee utuu hin gaʼin, rakkinni cimaan tokko uumamee ture. Sabichi bishaan waan dhabaniif gungumuu jalqaban. Achiis Musee irratti gungumuu eegalan; haalli isaa waan itti cimeef Museen, “Jarri kun, dhagaadhaan na rukutuudhaaf xinnoo isheetu isaan hafe, maal godhu?” jedhee gara Yihowaatti iyye. (Bau. 17:4) Yihowaanis, Museedhaaf qajeelfama ifa taʼe kennuudhaan isaaf deebiseera. Ulee isaa fudhatee kattaa Siinaa irra jiru tokko ni rukuta, achiis bishaan ni burqa. Kitaabni Qulqulluun, “Museenis ija maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma in godhe” jedha. Achiis Israaʼeloonni hamma dheebuu baʼanitti dhugan, rakkinni isaaniis ni furame.—Bau. 17:5, 6.

  • Iji Keessan Eessa Ilaalaa Jira?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Adoolessa
    • 11. Museen katticha rukutuun isaa dinqii Yihowaan raawwate gatii kan dhabsiise akkamitti taʼuu dandaʼa?

      11 Sababiin biraanis jiraachuu dandaʼa. Uumamni kattaa naannoo Mariibaa inni jalqabaa dhagaa gurraacha ture. Namni tokko dhagaa gurraacha kana hammam iyyuu yoo rukute, bishaan achi keessaa yaaʼa jedhee eegu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, uumamni dhagaa naannoo Mariibaa isa lammaffaa jiru baayʼee adda siʼa taʼu, yeroo baayʼee dhagaa boorallee laafaa taʼe kan qabu dha. Dhagaan boorallee uumamaan keessi isaa banaa waan taʼeef, naannoon akkasii yeroo baayʼee lafa jalaa bishaan kuufamaa qabaata. Kanaaf, namoonni dhagaa kana uruudhaan bishaan baasuu dandaʼu. Museen dhagaa bishaan of keessa dabarsu kana siʼa lama yommuu rukutu, bishaan kun akka yaaʼu kan godhe Yihowaa utuu hin taʼin uumama dhagichaa ti himata jedhu kaasuu dandaʼaa laata? Museen kattaa sanatti dubbachuu mannaa rukutuun isaa, Israaʼeloonni bishaanichi kan yaaʼe dinqii Yihowaan raawwateen utuu hin taʼin uumamaan akka taʼe godhanii akka yaadan godheeraa laata?b Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu hin dandeenyu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi