-
Jireenya Isa Kennaa Taʼeef Dinqisiifannaa QabaadhuBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
5. Jireenya daaʼima hin dhalanneef kabaja qabaadhu
Daawit Yihowaan daaʼima gadameessa haadha isaa keessa jiruuf xiyyeeffannaa akka kennu ibseera. Faarfannaa 139:13-17 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akka ilaalcha Yihowaatti, jireenyi nama tokkoo kan jalqabu yeroo haati isaa ulfooftu dha moo yommuu dhalatutti dha?
Seerri Yihowaan saba Israaʼel duriitiif kenne haadhaa fi daaʼima ishii isa hin dhalanneef eegumsa godheera. Baʼuu 21:22, 23 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yihowaan nama utuu hin beekin daaʼima hin dhalanne ajjeeseef ilaalcha akkamii qaba?
Namni tokko taʼe jedhee akkas yoo godhe hoo maaltu isatti dhagaʼama?b
Ilaalcha Waaqayyo qabu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
Dubartiin lubbuudhaaf iddoo guddaa kennitu illee filannoon qabdu ulfa of irraa baasuu qofa akka taʼe ishiitti dhaga’amuu dandaʼa. Isaayyaas 41:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Dubartiin takka ulfa of irraa akka baastu dhiibbaan ishii irra gaʼaa jira yoo taʼe gargaarsa eenyuu gaafachuu qabdi? Maaliif?
-
-
Jireenya Isa Kennaa Taʼeef Dinqisiifannaa QabaadhuBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
b Namoonni kanaan dura ulfa baasan Yihowaan dhiifama waan isaanii godhuuf garmalee of ceephaʼuu hin qaban. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Kitaabni Qulqulluun Ulfa Baasuu Ilaalchisee Maal Jedha?” jedhu ilaali; mata dureen kun kutaa Qorannoo Dabalataa Godhi jedhuu fi barumsa kana jala jiru keessatti argama.
-