LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Akkuma Waaqayyoo, Jireenyaaf Bakka Guddaa Kennitaa?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
    • 5, 6. Seerri Musee, Dhiigni qulqulluufi gati jabeessa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (Saanduqa, “Jireenya Horiitiif Ulfina Qabaadhu” jedhu ilaali.)

      5 Dhugaan baay’ee barbaachisaa ta’e kun lamaan Seera Musee keessatti mul’ateera. Lewwoonni 17:10, 11 akkas jedha: “Isin . . . keessaa namni tokko illee dhiiga yoo nyaate, namicha dhiiga nyaate sanatti Waaqayyo gara in gala saba isaa keessaa isa in balleessa jedhi! Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf, furee kan ta’us dhiiga waan ta’eef, inni furee lubbuu keessanii akka ta’uuf iddoo aarsaa irratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera.”a—Saanduqa “Humna Dhiigni Araara Argamsiisuuf Qabu” jedhu ilaali.

      Humna Dhiigni Araara Argamsiisuuf Qabu

      Dubbii Waaqayyoo keessatti, dhiigni jireenyaa wajjin tokko ta’ee ilaalama. Kanaaf, Israa’el durii keessatti namni cubbuu hojjeteefi qalbii geddarate tokko, abboommii Yihowaarra yoo darbe akka yakkamaatti ilaalamuu mannaa, iddoo aarsaa Waaqayyoorratti horii aarsaa godhee dhiheessuu danda’a ture. (Lewwoota 4:27-31) Aarsaan kun araara argamsiisuu danda’us, araara kan argamsiisu yeroof qofa ture.

      Akka hiika Macaafa Qulqulluutti, jechi “araara” jedhu yaada “geddaruu” ykn “qadaaduu” jedhu kan dabarsu yommuu ta’u, kunis qadaaddiin mi’a tokkoo utuu irra hin darbin ykn hin hankaakin sirriitti itti qadaadamuusaa kan argisiisudha. Horiin kamiyyuu cubbuu nama tokkoo guutummaatti qadaaduu ykn araara argamsiisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haata’u malee aarsaan horii, aarsaa guutummaatti araaraa argamsiisuufi fuulduratti dhufuuf gaaddidduu ta’ee tajaajileera.—Ibroota 10:1, 4.

      Araarri kun “dhagni Yesus Kristos yeroo hundumaaf akka ta’utti al tokkicha aarsaa ta’ee dhi’eeffamuudhaan” kan argamedha. (Ibroota 10:10) Jireenyi Kiristos inni mudaa hin qabne, ‘dhiigasaa isaa isa gati-jabeessaafi hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnetti’ fakkeeffame, jireenya Addaam dhabee wajjn guutummaatti kan wal gitu ture. (1 Phexros 1:19) Karaa dinqisiisaafi jaalalarratti hundaa’e kanaanis, firdiin Yihowaa qajeelaa ta’uunsaa kan mirkanaa’e yommuu ta’u, nuufis “furee bara baraa” argamsiiseera.—Ibroota 9:11, 12; Yohannis 3:16; Mul’ata 7:14.

  • Akkuma Waaqayyoo, Jireenyaaf Bakka Guddaa Kennitaa?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
    • a Barruun Saayintifiik Ameerikaan jedhamu jecha Waaqayyo, “Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf” jedhu ilaalchisee, “Gosti seelii dhiigaa hundi jireenyaaf barbaachisaa waan ta’eef jechi kun guutummaatti dhugaadha” jedheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi