-
Amanamummaa Keessan Eeggadhaa!Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2019 | Guraandhala
-
-
3. (a) Amanamummaan nuuf hiika maalii qaba? (b) Guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan qabne taʼuun nuuf iddoo guddaa akka qabu fakkeenyonni argisiisan kamfaʼi?
3 Amanamummaan nuyi tajaajiltoota Waaqayyootiif yeroo itti hojjetamu, akka qaama tokkootti Yihowaa garaa guutuudhaan jaallachuu fi guutummaatti isaaf kan bulle taʼuudhaan murtoo keenya hundumaa irratti fedhii isaa dursuu jechuu dha. Amanamummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame ilaalchisee ragaawwan tokko tokko haa ilaallu. Hiikni jecha Kitaaba Qulqulluu “amanamummaa” jedhu inni buʼuuraa, mudaa kan hin qabne, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne jechuu dha. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni Yihowaadhaaf horii aarsaa godhanii kan kennan siʼa taʼu, Seerichi horiin sun fayyaab taʼuu akka qabu dubbata. (Lew. 22:21, 22) Sabni Waaqayyoo horii naafa, gurri irraa cite ykn iji jaames taʼe, dhukkubsataa taʼe aarsaadhaaf akka dhiheessan isaaniif hin heyyamamu ture. Horiin sun guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuun isaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa qaba ture. (Mil. 1:6-9) Yihowaan fayyaa ykn guutuu taʼuudhaaf xiyyeeffannaa kan kennu maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Kuduraa, kitaaba ykn meeshaa tokko yommuu binnu, uraa ykn caba kan qabu akka taʼu hin barbaannu. Isa guutuu, fayyaa ykn hirʼina hin qabne bitachuu barbaanna. Yihowaanis jaalalaa fi amanamummaa isaaf qabnu ilaalchisee akkasuma itti dhagaʼama. Guutuu ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba.
-
-
Amanamummaa Keessan Eeggadhaa!Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2019 | Guraandhala
-
-
b Horii wajjin haala wal qabateen jechi afaan Ibrootaa “fayyaa” jedhamee hiikame, jecha “amanamummaa” jedhuu fi namootaa wajjin haala qabateen itti hojjetamuu wajjin walitti dhufeenya qaba.
-