-
‘Yihowaan Warra Kansaa Taʼan In Beeka’Masaraa Eegumsaa—2014 | Adoolessa 15
-
-
4. Phaawulos amanannaa akkamii qaba ture? Amanannaa qabu Ximotewosiif kan ibse akkamitti?
4 Phaawulos, Yihowaan namoota isaaf ajajaman warra fakkeessuudhaan isa waaqeffatanirraa adda baasuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa ture. Amanannaa guddaa inni qabu yaada inni hafuuraan geggeeffamee Ximotewosiif barreesserraa hubachuu ni dandeenya. Phaawulos, miidhaa gantoonni karaa hafuuraa obboloota gumii keessa jiran tokko tokkorraan geessisaa jiran erga caqasee booda akkas jedheera: “Haa taʼu iyyuu malee, hundeen Waaqayyo kaaʼe jabaatee in dhaabata. Mallattoo, ‘Gooftichi [“Yihowaan,” NW] warra kan isaatii in beeka’ kana malees, ‘Namni goofticha [“Yihowaa,” NW] maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu!’ jedhus in qabaata.”—2 Xim. 2:18, 19.
-
-
‘Yihowaan Warra Kansaa Taʼan In Beeka’Masaraa Eegumsaa—2014 | Adoolessa 15
-
-
6 Phaawulos yaada Museen Qoraahiifi deggertootasaa ilaalchisee dubbateefi Lakkoobsa 16:5rratti argamu ennaa ibsetti yaada “Hundeen Waaqayyo kaaʼe” jedhu caqaseera. Phaawulos wanta bara Museetti taʼe kan caqase, Ximotewosiin jajjabeessuufi Yihowaan wanta gumii keessatti raawwatamu arguufi tarkaanfii fudhachuu kan dandaʼu taʼuusaa isa yaadachiisuuf ture. Gantoonni gumii keessatti argaman kaayyoo Yihowaa fashaleessuu akka hin dandeenye tarkaanfii inni jaarraa hedduu dura Qoraahirratti fudhaterraa hubachuun ni dandaʼama. Phaawulos yaanni “hundeen Waaqayyo kaaʼe” jedhu maal akka argisiisu balʼinaan hin ibsine. Taʼus, yaadni inni itti fayyadame kun Ximotewos daandii Yihowaarratti amanannaa akka qabaatu akka godhe hin shakkisiisu.
-
-
‘Yihowaan Warra Kansaa Taʼan In Beeka’Masaraa Eegumsaa—2014 | Adoolessa 15
-
-
8, 9. “Mallattoo” fakkeenya Phaawulos barreesserratti ibsamerraa barumsa akkamii arganna?
8 Fakkeenyi Phaawulos 2 Ximotewos 2:19rratti ibse, waaʼee hundee ergaan tokko irratti barreeffamee jiruufi mallattoon irratti godhamee dubbata. Bara duriitti, tarii namni ijaare eenyu akka taʼe argisiisuuf ykn kan eenyuu akka taʼe ibsuuf buʼuura mana tokkoorratti maqaa barreessuun baramaa ture. Barreessaan Macaafa Qulqulluu yaada kana akka fakkeenyaatti fayyadame Phaawulos qofadha.a Mallattoon ‘hundee Waaqayyo kaaʼerratti’ barreeffame ibsa lama qaba. Inni tokkoffaan, “Yihowaan warra kan isaatii in beeka,” inni lammaffaanimmoo, “Namni Yihowaa maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu!” kan jedhudha. Kun yaada Lakkoobsa 16:5rra jiru kan nu yaadachiisudha.—Dubbisi.
-