LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa—2000 | Onkoloolessa 15
    • Yihowaa inni madda jireenya keenyaa taʼe, dhiigni nyaatamuu akka hin qabne ajajeera. (Uumama 9:3, 4) Dhiigni lubbuu waan bakka buʼuuf, Waaqayyo Seera saba Israaʼel duriitiif kenne irratti itti fayyadama dhiigaa ilaalchisee daangaa kaaʼeera. “Lubbuun foonii dhiiga keessa jira; anis akka araara isiniif argamsiisuuf iddoo aarsaa irratti isa isiniif kenneera” jechuudhaan dubbateera. Namni tokko nyaataaf jecha horii yoo qale hoo? Waaqayyo, “Dhiiga isaa dhangalaasee biyyoo itti uwwisuu qaba” jedheera.a (Leewwota 17:11, 13) Yihowaan ajaja kana irra deddeebiʼee kenneera. (Keessa Deebii 12:16, 24; 15:23) Kitaabni Yihudootaa Soonsiinoo Shuumaash jedhamu akkana jedheera: “Dhiigni kaaʼamuu hin qabu, kanaa manaa nyaataaf akka hin oolleef lafatti dhangalaafamuu qaba.” Namni Israaʼel kam iyyuu dhiiga uumama kan biraa isa qabeenya Yihowaa taʼe, kaaʼachuu ykn itti fayyadamuu hin dandaʼu.

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa—2000 | Onkoloolessa 15
    • Darbee darbee doktarri tokko barbaachisaa taanaan dhiiga nama dhukkubsate tokko deebisee isumaaf kennuu akka dandaʼutti, yaaliin baqaqsanii hodhuu godhamuu isaa torbee muraasa dura namni dhukkubsate sun dhiiga isaa akka kennu (yaalii baqaqsanii hodhuu dura dhiiga ofii kennuu ykn PAD) itti hima. Haa taʼu malee haala kanaan dhiiga fudhachuu, kaaʼuu fi kennuun yaada seera Leewwotaa fi Keessa Deebii irratti ibsamee wajjin kallattiidhaan wal faallessa. Dhiigni kaaʼamuu hin qabu; kanaa mannaa lafatti dhangalaafamuu qaba, jechuunis akka fakkeenyaatti gara Waaqayyootti deebiʼuu qaba. Yeroo ammaatti Seerri Musee akka hafe beekamaa dha. Taʼus Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfamawwan Waaqayyo Seera Musee keessatti ibse ni kabaju, akkasumas dhiiga irraa fagaachuuf murtoo godhaniiru. Kanaan kan kaʼes dhiiga hin fudhannu; dhiiga keenya dhangalaʼuu qabu, deebisnee fudhachuuf jecha hin kenyu. Akkas gochuun seera Waaqayyoo wajjin wal faallessa.

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa—2000 | Onkoloolessa 15
    • a Piroofeesar Firaanki H. Goorman akkana jedhanii barreessaniiru: “Dhiiga lafatti dhangalaasuun, namichi sun lubbuu horichaatiif, akkasumas Waaqa isa lubbu sana kennee fi kunuunsa isaaf godhuuf kabaja argisiisuu akka taʼetti lakkaaʼama.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi