-
“Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
16-18. (a) Ruut jaalala guddaa akka qabdu kan argisiiste akkamitti? (b) Jaalala guddaa qabaachuu ilaalchisee Ruutirraa maal barachuu dandeenya? (Fakkiiwwan dubartoota lamaaniis ilaali.)
16 Ruut karaa sanarratti Naaʼomii wajjin yommuu falmitu maal akka gootu dursitee garaasheetti murteessitee turte. Garaanshee jaalala Naaʼomiifi Waaqa Naaʼomiin waaqeffattuuf qabduun guutamee ture. Kanaaf Ruut akkas jette: “Si duukaa dhaquu dhiisee akkan deebiʼuuf, cimsitee itti ana hin oofin! Lafa ati dhaqxu anis nan dhaqa, lafa ati jiraattu anis nan jiraadha, sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa. Lafa ati duututti anis achitti nan duʼa, achittis nan awwaalama; duʼa irraa kan hafe si irraa kan gargar na baasu yoo jiraate, Waaqayyo ana haa balleessu!”—Rut. 1:16, 17.
“Sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa”
17 Wanti Ruut dubbatte baayʼee ajaaʼibsiisaa waan taʼeef, erga isheen duutee waggaa 3,000 boodallee namoonni waan isheen dubbatte beekuu dandaʼaniiru. Jechoonni kun amala iddoo guddaa qabu, jechuunis jaalala guddaa akka qabdu kan argisiisanidha. Jaalalli Ruut qabdu baayʼee cimaa waan tureef, bakka Naaʼomiin dhaqxu hundatti ishee duukaa deemuuf akka murteessitu ishee godheera. Duʼa malee kan gargar isaan baasu hin jiru. Ruut waaqayyolii Moʼaabotaa dabalatee, wantoota Moʼaab keessatti beektu hunda dhiisuuf waan of qopheessiteef, sabni Naaʼomii sabashee taʼa. Orphaarraa haala adda taʼeen, Ruut Yihowaa isa Naaʼomiin waaqeffattu waaqeffachuu akka barbaaddu garaa guutuudhaan dubbattetti.a
-
-
“Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
a Akka Macaafa Qulqulluu duriitti, Ruut akka namoonni biyya ormaa hedduun godhan maqaa ulfinaa “Waaqayyo” jedhutti qofa utuu hin taʼin, maqaa dhuunfaa “Yihowaa” jedhutti fayyadamuunshee xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Macaafni Qulqulluun, Za Intarpireetarsi Baayibil jedhamu, “Barreessaan kitaaba kanaa dubartiin biyya ormaa kun Waaqa dhugaa waaqeffachaa akka turte ibseera” jedha.
-