-
“Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
23. Ruut waaʼee maalii yaaduu jalqabde? Seerri Musee hiyyeessotaaf maal akka godhamu ajaja ture? (Miiljalees ilaali.)
23 Dubartoonni kun lamaan Betlihem keessa jiraachuu yommuu jalqaban, Ruut wanta ofiisheetiifis taʼe Naaʼomiidhaaf barbaachisu akkamitti argachuu akka dandeessu yaaduu jalqabde. Seerri Yihowaan sabasaa Israaʼel keessa jiraataniif kenne, hiyyeessotaaf qophii jaalalarratti hundaaʼe akka qabate barattee turte. Hiyyeessonni yeroo midhaan sassaabamu, warra haaman duukaa deemanii qarmiifi miidhaan qarqara maasiitti hafe funaannachuu dandaʼu turan.b—Lew. 19:9, 10; Kes. 24:19-21.
24, 25. Ruut yeroo akka carraa gara maasii Boʼaz dhaqxe maal goote? Hojiin qarmii funaanuuhoo maal fakkaata ture?
24 Ruut qophii qarmii funaannachuuf godhamerratti hundaaʼuudhaan nama isheedhaa heyyamu argachuuf gara maasii namootaa kan deemte, jiʼa Eblaa isa yeroo garbuun itti haamamutti taʼuu hin oolu. Akka carraa taʼee maasii Boʼaz isa abbaa lafaa, sooressaafi fira abbaa manaa Naaʼomii Eliimelek jedhamuu dhaqxe. Ruut Seerichi qarmii akka funaannattu kan isheedhaaf heyyamu taʼus, jalqabuushee dura dargaggeessa namoota haaman sana hojjechiisu heyyama gaafatte. Innis kan isheedhaaf heyyame siʼa taʼu, Ruutis yeruma sana qarmii funaannachuu jalqabde.—Rut. 1:22–2:3, 7.
-
-
“Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
b Seerri Musee seera Ruut biyyashee keessatti beektu hundarra kan caalu ture. Bara sana, biyya Baha Dhihoo keessatti dubartoonni abbootiin manaasaanii irraa duʼan hin kunuunfaman turan. Kitaabni tokko, “Dubartiin tokko abbaan manaashee yoo irraa duʼe, ilmaansheetu ishee gargaara; ilmaan hin qabdu taanaanimmoo garbummaatti of gurguruu, gaalamoota taʼuu ykn duʼatu ishee eeggata ture” jedheera.
-