-
“Dubartii Baʼeettii”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
19, 20. (a) Boʼaz yeruma sana Ruutiin kan hin fuune maaliifi? (b) Boʼaz, Ruutitti gaarummaa kan argisiiseefi isheedhaafis taʼe maqaasheetiif of eeggannoo kan godhe akkamitti?
19 Boʼaz itti fufuudhaan, “Ammas hin sodaatin yaa intalo! Ati dubartii baʼeettii taʼuu kee namni karra mandara kanaatiin ol galu hundinuu waan beekuuf, anis waanuma ati dubbatte siif nan godha” jedheen. (Rut. 3:11) Ruutiin fuudhuu barbaadee waan tureef, tarii barcuma akka qajeelchu gaafatamuunsaa guutummaatti haaraa isatti hin taane. Taʼus Boʼaz qajeelaa waan taʼeef, nama filannaasaa qofarratti hundaaʼee tarkaanfii fudhatu hin turre. Kanaaf, firri isa caalaa maatii abbaa manaa Naaʼomii isa duʼetti dhihaatuufi ishee fuudhuu dandaʼu akka jiru Ruutitti hime. Kanaan kan kaʼes, jalqaba nama sana bira dhaquudhaan Ruutiin akka fuudhu carraa isaaf kenneera.
Ruut namootatti gaarummaafi kabaja waan argisiisteef maqaa gaarii argatteetti
-
-
“Dubartii Baʼeettii”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
21. Ruut “dubartii baʼeettii” akka taatu kan godhe maalidha? Nutoo fakkeenyashee hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
21 Ruut, “dubartii baʼeettii” taʼuunshee namoota hunda biratti akka beekamu yaada Boʼaz dubbaterratti xiinxaluunshee baayʼee ishee gammachiisee taʼuu qaba. Maqaa gaarii akka qabaattu kan godhe Yihowaa beekuufi isa tajaajiluuf hawwii guddaa qabaachuushee akka taʼe hin shakkisiisu. Akkaataa jireenyaafi aadaa hin beeknee wajjin wal baruuf fedhii qabaachuudhaanis, Naaʼomiifi saba Naaʼomiitti gaarummaafi jaalala guddaa argisiisteetti. Nutis fakkeenya Ruut kan hordofnu yoo taʼe, akkaataa jireenyaafi aadaa namoota kaanii kabajuu barbaanna. Kana yoo goone nutis maqaa gaarii akka qabaannu beekamaadha.
-