-
Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti HimatteettiFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
15, 16. (a) Haannaan waan garaashee keessa jiru Yihowaatti himuufi godoo qulqullaaʼaa keessatti isa waaqeffachuunshee jijjiirama akkamii isheerratti fideera? (b) Miirri gadheen yommuu nutti dhagaʼamu fakkeenya Haannaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Haannaan wanta garaashee keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaatti himuufi godoo qulqullaaʼaa keessatti isa waaqeffachuunshee, jijjiirama akkamii isheerratti fideera? Seenaansaa, “Karaa ishee irra in buute; nyaatas in nyaattee, deebitees nyaara hin guurre” jechuudhaan ibsa. (1 Sam. 1:18) Gaddashee isa akka baʼaa guddaa isheetti ulfaatee ture, Abbaashee isa samii ishee caalaa humna guddaa qabutti akka kennatte itti dhagaʼameera. (Faarfannaa 55:22 dubbisi.) Maarree baʼaan humna Yihowaatii ol taʼe jiraa? Matumaa. Yeroo sanatti hin turre; ammas taʼe gara fuulduraatti hin jiraatu.
16 Gaddi nurra gaʼe abdii nu kutachiisaa jira taanaan, fakkeenya Haannaa hordofuudhaan waan garaa keenya keessa jiru Yihowaa isa Macaafni Qulqulluun ‘kadhata namaa akka dhagaʼu’ ibsutti himuu qabna. (Far. 65:2) Amantiidhaan kana kan goonu yoo taʼe, gaddi keenya ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalutti’ jijjiiramuu dandaʼa.—Filp. 4:6, 7.
-
-
Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti HimatteettiFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
18 Phiniinaan Haannaa aarsuu akka hin dandeenye kan hubatte yoomi? Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa ibsuu baatus, yaanni “deebitees nyaara hin guurre” jedhu, Haannaan sana booda akka hin gaddineefi akka hin dhiphanne argisiisa. Kanas taʼe sana, Phiniinaan yaaliin isheen Haannaa aarsuuf gootu buʼaa akka hin qabne yeruma sana hubattee turte jechuudha. Macaafni Qulqulluun sana booda maqaa Phiniinaa hin caqasu.
-