LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waan Garaashee Keessa Jiru Kadhannaadhaan Waaqayyootti Himatteetti
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Onkoloolessa 1
    • HAANNAAN karaa adeemuuf qophaaʼuudhaan rakkoosheerratti akka hin xiyyeeffanneef yaalii gochaa jirti. Yeroon kun gammachiisaa taʼuu qaba ture; abbaan manaashee Elqaanaan waggaa waggaadhaan waaqeffannaadhaaf gara godoo qulqullaaʼaa Shiiloo jirutti guutummaa maatiisaa fuudhee adeema ture. Yihowaan yeroowwan akkasii kan nama gammachiisan akka taʼan barbaada. (Keessa Deebii 16:15) Haannaan ijoollummaasheetii jalqabee ayyaanawwan akkasiirratti argamuun kan ishee gammachiisu akka ture homaa hin shakkisiisu. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu haalawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

  • Waan Garaashee Keessa Jiru Kadhannaadhaan Waaqayyootti Himatteetti
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Onkoloolessa 1
    • Maatichi karaa deemuuf ganamaan kaʼee qoqophaaʼaa jira. Ijoollee dabaltee, hundumtuu karaa deemuuf qophaaʼaa jiru. Maatii balʼaan biyya Efreem ishee tabbarraa keessa jiraatu kun, gara Shiiloo dhaquuf irraan olee gara kiilomeetira 30 deemuu qaba ture.c Miilaan adeemsa guyyaa tokko ykn guyyaa lamaati. Haannaan masaanuunshee ishee aarsuuf maal akka gootu beekti turte. Taʼus, manatti hafuu hin barbaanne. Kanaaf, Haannaan namoota yeroo harʼaatti Yihowaa waaqeffataniif fakkeenya guddaa taati. Amalli gadheen warri kaan argisiisan, waaqeffannaa Waaqayyoof dhiheessinu akka nu jalaa gufachiisu heyyamuun matumaa sirrii miti. Akkas kan goonu taanaan, eebba jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru dhabuu dandeenya.

  • Waan Garaashee Keessa Jiru Kadhannaadhaan Waaqayyootti Himatteetti
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Onkoloolessa 1
    • c Fageenyisaa, magaalaa dhalootaa Elqaanaa kan taate Raamaan, ishee bara Yesusitti Armaatiyaa jedhamtee wajjin tokko taʼuufi dhiisuusheerratti kan hundaaʼedha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi