LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Wanta Wareegde Raawwadhu”
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Ebla
    • 7. (a) Haannaan waadaa akkamii galte? Maaliif? Kun hoo buʼaa akkamii ishiidhaaf argamsiise? (b) Waadaan Haannaan galte Saamuʼel irratti jijjiirama akkamii kan fidu ture? (Miiljalee ilaali.)

      7 Haannaanis namoota waadaa Yihowaadhaaf galan amanamummaadhaan raawwatan keessaa tokko turte. Waadaa kan galte dhala godhachuu kan hin dandeenye taʼuu ishiitiin gadda cimaa keessa yommuu turtettii fi yommuu walitti aansuudhaan ishiitti gaʼisamaa turtetti dha. (1 Sam. 1:4-7, 10, 16) Haannaan wanta garaa ishii keessa jiru Waaqayyo duratti dhangalaasuudhaan akkana jettee waadaa galte: “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, rakkina ana garbittii keetii ilaaltee yoo na yaadatte, yoo na irraanfachuu dhaabaatte, mucaa ilmaas yoo anaaf kennite, ani immoo mucicha guutummaa bara jireenya isaatiitti siif nan kenna; qarabaanis mataa isaa irra hin gaʼu.”a (1 Sam. 1:11) Kadhannaan Haannaan dhiheessite deebii kan argate siʼa taʼu, ilma ishii isa jalqabaa godhatte. Kunis baayʼee ishii gammachiiseera! Taʼus, waadaa Waaqayyoof galte hin irraanfanne. Yommuu ilma ishii godhattu, “Isa argachuuf ani Waaqayyoon kadhadheera” jette.—1 Sam. 1:20.

  • “Wanta Wareegde Raawwadhu”
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Ebla
    • a Haannaan ilma yoo godhatte jireenya isaa guutuu Naaziricha akka taʼu waadaa galte. Kana jechuun ilmi ishii tajaajila Yihowaatiif kan addaan baafamee fi kan murteeffame taʼa jechuu dha.—Lak. 6:2, 5, 8.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi